Abshiru post
Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Abshiru post, Public Figure, Oromia, Shashemene.
ani amantiin kiyya amantii Islaamaati; sababni ani amantii Islaamaa hordofuufis amantichi amantii nama umameen uumame osoo hin taane amantii Gooftaa namaafi waan hunda uumeen nuu kenname waan ta'eef;
23/04/2026
wanti kun muka Boqqolloo jedhamee beekama gara keenyatti isin waan feetaniin waamuu dandeessu garuummoo faayidaa dinagdee qaba jedhaa jiru ol keewwadhaa gaaftokko isin fayyaduu mala waan ta'eef; Mifta Jibril wabeeffanne
bullee ilaalla malee waa'een jireenya keenyaa kun nuuf galuu erga didee bubbuleera! 😱😱😱😱😱
24/12/2025
Birriin Itoophiyaa akka addunyaatti sadarkaa meeqarratti bitamaa jira laata? as tuqaa dubbisaa 👇👇👇👇
"fuula Rabbitu namaaf tolcha deemsa abbaatu tolfata" jedhe Jaldeessi.
Rabbi bahaa gala keenya nu haa tolchu!
Afaan Oromoo
06/12/2024
Jeedaloon gaaftokko Gaala Bishaan bira jiru tokkotti dhufee "Bishaanni kun gadi fageenyisaa hangam ta'a"? jedhee gaafate; Gaallis "hanguma Jilbaa qofa ga'a". jedheen. achumaan Jeedaloon erga xiqqaa dha ta'ee omaa na godhuu hin danda'u jedhee itti utaale 🙆 edaa Bishaan guddaa fi kan nama halaakuudha akkuma ta'etti rakkatee dhagaa tokko kan bishaan keessa jiru koree "ay ati bishaan hanguma Jilbaa qofa ga'a"naan hin jennee? jedhee miira lolaatin Gaala komate; Gaallis "eeyyeen sirriidhuman siin jedhe Jilba kiyya hin dabru ". jedheen.
egaa yeroo waa nama mariisisnu hanga humna keenyaa fi humna nama sanii tilmaamaa adeemuu qabna jechumaaf;
11/11/2024
An Mindaa hin barbaadu!
~~~
Yeroo baay'ee majlisa Oromiyaa keessa mindaafi matta'aa waliin walqabatee rakkoon akka jiru dubbatama. ''Ani rakkoo duuniyaa hin qabu Alhamdulillaah. Of jalatt li hojjattoota 30 ol dhaabbiidhaan qacareen kaffaleefiin hojjachiisa.
Bor yoon riivoo ajaa'ibaa qabadhee na argitan hin dinqamanaa, kaampaanii mataa kootiin qaba waan ta'eef. Bor yoo ''Gaaliin raabsa-boba'aa (maaddiyaa) banate'' yoo jedhamtan sin hin dinqin, ammayyuu maaddiyaa mataa kootiin qaba waan ta'eef.
An duraan darasoota 600 olin qaraasisaa ture. Amma garuu addaan kuteera. Kanaafuu mindaan kumni soddomni (30,000) naaf kaffalamu qoqqoodamee aalimoota Godinaalee garaa garaa keessatti qaraasisaa jiraniif naaf haa hiramu.
Xiyyeeffannaan koo inni guddaan ittigaafatamummaa natti kenname gargaarsa Rabbiitiin akkasumas qindoomina keessaniin ba'achuudha. Rakkoofi hanqina mana hojichaa keessa jiran sirreessuun majliisicha cimsee sadarkaa gaarii irraan ga'uudha. Kanaaf ammoo du'aa'iin keessan haalaan na barbaachisa.
Perezidaantii Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Naannoo Oromiyaa Sheyik Gaalii Muktaar
© Amar Temam
10/11/2024
Sh/Gaalii Muktaar Perezdaantii Mana maree dhimmoota Islaamummaa Naannoo Oromiyaa ta'uun filataman.
Bakka Bu'aa Godina Buunnoo Bedellee ta'uun Koree raawwachiistuu Mana marichaa keessatti kan tajaajilaa turan Sh/Gaalii Muktaar Perezdaantii Mana maree dhimmoota Islaamummaa Oromiyaa ta'uun muudaman.
Manni marichaa yaa'ii isaa Idilee 6ffaa Onkoloolessa 30/2017 fi Sadaasa 1/2017 kan gaggeessaa ture yoo ta'u,Perezdaantii haarawa filachuun xumureera.
Akkasuma sheek Xaahir Abdulqaadir Itti Aanaa Perezdaantii fi Itti Aanaa Lammaaffaaf Sheek Ziyaad Sheek Alii Filatuudhaan Xumurameera.
nama amaanaa itti kenname kan bakkaan gahu Rabbiin isaan haa taasisu.
10/11/2024
Ustaaz Gaaliin perezdantii
Majlisa Naanno oromiyaa
Ta'anii Muudaman.
02/11/2024
To'atamaniiru
=====
Naqamtetti dargaggoonni shammarran gareen osoo gudeedanii viidiyoon mul'atan to'atamuu aanga'aan magaalattii BBCtti himaniiru.
Waan jedhame kana keessaa ni argattu
↪️↪️ https://bbc.in/3NX88zz
Rabbiin jiruu teenya jiruu gammachuu nuuf haa taasisu.
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Contact the public figure
Telephone
Website
Address
Oromia
Shashemene
GAMMACHUUF