Daanii

Daanii

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Daanii, Tour Agency, Sebeta.

28/04/2025

?
_________
Kan ati maasii jettu
Barii karaan fixeensa
Kan ati gaarii jettu
Tarii garaan bineensa
Afaan banee wakabee
Waan siif oo'u fakkaata
Rakkina kee yoo argu
'Maarshii' sagaliin kaata

Gaafa sicina jiru
Afaan dhadhaa odeessa
Xiqqooshee sirraa siqnaan
Kiyyoo shan siif qopheessa
Afaan damma dibatee
Garaa keessatti aada
Jireenya kee balleessuuf
Buusee baaseetu yaada

Toonii tooniin tarreessee
Sirratti fe'a biyyoo
Koodee kiyya siin jechaa
Dura kee kaa'a kiyyoo
Yooomuu hin shallagamu
Garaan namaa fagoodha
Kan garraamii fakkaatus
Darbee darbee hamoodha

Akka hin qabuuf malee
Namni maal naman goone
Nama jechuun bofadha
Bofa garaan hin loone

Garuu hunda miti! Waliif qoodaa!

28/04/2025

Maatama Gaandiin wantootni kudhan jireenya namaaf balaadha jedha!

⓵. Qabeenya hojii malee argame (wealth without work)

⓶. Gammachuu sammuun hin fudhanne (enjoyment without conscience)

⓷. Beekumsa sirna isaa hin hordofne (knowledge without character)

⓸. Daldala hamilee malee (business without morality)

⓹. Saayinsii namummaan ala bahu (science without humanity)

⓺. Amantii miira amantummaa/osoo hin argin amanuu of keessaa hin qabne (religion without compassion)

⓻. Siyaasa qajeelcha/hoggansa hin qabne (politics without principle)

⓼. Mirga itti gaafatamummaa dhabe (right without responsibility)

⓽. Aangoo gaafatama hin qabne (power without accountability)

⓾. Guddina itti fufiinsa hin qabne (development without sustainability)

06/04/2022

Oromiyaa

Want your business to be the top-listed Travel Agency in Sebeta?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Website

Address


Sebeta