Muhaammad Milkii

Muhaammad Milkii

Share

Muhammad milki

Photos from Muhaammad Milkii's post 13/10/2025

Ganda Saafogattii M/B saafogetti sirnii kabaja guyyaa Ayyannii Alabaa Geeggeffama jira

03/10/2025
03/10/2025

Baga Irreecha Malkaa nagaan geessan.

‎Irreechi sirna galateeffannaa Oromooti. Oromoon ‘Sanyiin namaa horee kan baay’atu, kan faca’e du’aa ka’ee ija kan godhatu, atoomsaafi gargaarsa humna waaqaatiini’ jedhee dhugeeffata. Irreechi yoo gahu Waaqa Leemmoo garaa Taliilaa waan isaa godheef galateeffatee; kan dhufuuf araaraafi wagii gaafachuuf ‘hoo quba’ kan jedhuuf kanaafi.
‎Akka falaasama Oromduriitti, Oromoon bishaaniif iddoo guddaa qaba.Bishaan madda qulqullinaa, bu’uura uumamaafi jireenyaa godhee dhugeeffata. Yoo kadhatus ‘Waaqa uumaa, Waaqa uumamaa, Waaqa Burqaa Walaabuu’ jedha.
‎Irreechi bara kanaa wayita Itiyoophiyaan bishaan laga Abbayyaa fedhii Anniisaa lammiilee ishee guutuuf ,Hidha Haaromsaa Guddicha Itiyoophiyaa eebbifattetti, kabajamuun isaa gammachuu keenya dachaa taasisa.Baga gammaddan! Baga gammanne !
’Sabni malkaa hin qabne, Saba mataa hin qabne’! akkuma Oromoon jedhu, biyyi ulaa galaanaa hin qabne, biyya jiruu hin qabne jennee, uummata keenyaaf badhaadhina fiduuf; Hulaa Galaanaa karaa seeraafi nagaa bu’uureffateen qabaachuuf hojjachaa jirra. Tattaaffiin roga Kanaan gochaa jirrus addunyaa biratti fudhatama argachaa jira.
Waggoottan darban keessatti; ilaalama haaraa, falaasama ida’amuutiin masakamnee; qabeenya, muuxannoofi beekumsa biyyi qabdu,uummata keenya waliin hooggansa bilchaataafi kutannoon guutame kenninee, Waaqnis nu gargaaree rakkoowwan heddu keessatti jijjiiramoota raajii ta’an galmeessinee jirra.
‎Bara 2018ttis, duudhaalee Irreechaa; nagaa, araaraafi tokkummaa kudhaammannee, olka’iinsa biyya keenyaa mirkaneessuuf, qormaataaf osoo hin jilbiiffatin cichinee akka hojjannu dhaamuun barbaada.
‎Irra deebiin Irreechi kan milkii nuuf yaa ta’u! Qarruu Malkaa oofkalaa ! Gadaan Quufaaf Gabbina.
‎Itiyoophiyaan tattaaffii ijoollee ishiitin sodaatamtee, kabajamteefi badhaatee bara baraan haa jiraattu !
‎Waaqni Itiyoophiyaa fi ummattoota ishee haa eebbisu !
‎Fulbaana 23, bara 2018

Mobile uploads 24/09/2025
Photos from Caffee Oromiyaa / 'Caffee' Oromia's post 24/09/2025
24/09/2025

"Dagannaa tokko Malee,Injifannoo Siyaasan argannee,Nageenya Waaraan Dabaalun, Misoomaan haa Dhugoomsinu✊️

Photos from Oromia Prosperity Party / OPP /'s post 24/09/2025
Want your business to be the top-listed Grocery Store in Robe?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Website

Address


Oromia
Robe

Opening Hours

Monday 09:00 - 17:00
Tuesday 09:00 - 17:00
Wednesday 09:00 - 17:00
Thursday 09:00 - 17:00
Friday 09:00 - 17:00
Saturday 09:00 - 17:00
Sunday 09:00 - 17:00