Ifa boruu
Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Ifa boruu, Legal, Hurumu, Metu.
Yaa Waaqayyo yaada dhokataa jara kanaa lafa hin kaa'iin Dargaggoota Abdii mana kiristaanaa borii sammuu barrazanii fixaa jiru Dhoksaadhaan Mootummaa biyya Bulchu irratti finyoo fo'u,Oromoon Mootii hin ta'u jedhu Oromoon Baale maatabii miti Waaqeffataadha jedhu Bataskaana inni qe'ee isaatti ijaarrate keessa keessaa gadi baasu.Abbaa biyyaa,Abbaa lafaa,Abbaa qe'ee fi Abbaa manaa ta'ee osoo jiruu saamanii of wallaalchisu Maallaquma keenyaan walitti nu bitu,of jaallachiisanii nuyiin diina walitti nu godhu Alaa dhufanii nuyiin manaa baasu,kutaa fi Gandaan qoqqoodanii wal shakkiidhaan nu facaasu ofii hin mul'atani keenyumaan keenya nyaatu Vidio kana guutuu isaa nin gadhiisa ammaaf warri sobaan duukaa fiiddan isiniif hagaluu ilaalladhaa walitti deebina horaa bulaa
Hojiiwwan Gurguddoo WDB Buunnoo Beddellee
Waldaan duuka Bu'ootaa Godina Buunnoo Beddellee Muddee 4/2014 tti Namoota lakkoofsi isaanii 1-9 ta'aniin hundaa'e Waldaan Ifa dhugaa fi Mul'ata dhugaaa keessumatti Oromoota Ortodooksiitiif qabatee dhufe kun yeroo hundaa'e kanatti Bakka qubannaa hin arganne ture Mana Amantaa Qul.Gabreelii Magaalaa Beddelleetti Hundee Muka Baargamoo achitti argamuu jala waajjira godhachuudhaan sosochii kaayyoo hundeeffameef sanaa eegaleera.Kaayyoon isaa inni duraa Tajaajila Afaan Oromoo lafa qabsiisuudha kanaafuu jalqaba Waldaa qoricha uummata Oromoo ta'e kana Uummata kiristaanaa gasi fageenyaan hojiin hubachiisuu waldaan kun hundaa'ee hanga Waggaa tokkoo fi walakkaatti itti fufee Namoonni muraasni Manneen Amantaa magaalichaa fi Gandoota magaalicha jala jiranii akkasumas Aanaalee irra deemuudhaan hubannoo kennaa tureera.Akka magaalaa Beddelleetti hamma gaafa Waldaan jun hundeeffamuutti Tajaajilli Afaan Oromoo jedhu kun kolfa tureera Barumsi Wangeelaa yeroo ammaa Warra Afaan baraniinis ta'e Warra ittiin dhalataniin Manicha keessatti dhagahamaa jiru akka lafa qabatu hojjetameera.Faarfannaan Magaalaa keessattis ta'e Baadiyyaa keessatti Afaan Amaariffaa qofaan faarfatamaa ture yeroo ammaa Osoo Namoota hin feenetti hadhaawuuyyuu Akka galaanaa dhangala'uudhaan lafa qabatee Uummata Amntoota Oromoo Ortodooksii gammachiisee jira.Kadhannaa ilaalchisee Akka Godina keenyaatti Galata maariyamii jechumti jedhuyyuu mataadhuma isaatti maqaadhumti isaa namoota hedduuf kolfa ture,Yaa Abbaa keenyaa Samiirra kan jiraattu jedhanii kadhachuun Hordoftoota Amantichaa Magaalichaa keessa jiraniif keessummaa ta'uudhaan kolfa ture.Waldaan Duuka Bu'ootaa isa kana Cabsuudhaan Mana Amantaa Qul.Gabreeliitti Xalayaa Beekamtii Wiirtuu giddu galeessaa irraa kennamee fi Eebbi Isaanii nurra habuluutii Eebbifamoo Abbaa Gabreel Phaaphaasii Go/I/A/Booraa irraa kenname qabachuudhaan Tajaajila kana ifatti baasuudhaaf Oobdiin Araaraa akka Torbeetti guyyaan lama kennamu gaaffii gaafach
Egaa hojii Dinqii fi Ajaa'ibaa Waldaan kun hojjete cinatti immoo qormaatolee dubbatamee hin dhumne warra Tajaajilli kun isaan yaaddesse irraa Alaa osoo hin taane keessoodhaan karaa uummanni hin beekneen irra gahu hagana hin jedhamu.Keesumatti Boojuu hatuun duruma kan barame yoo ta'eyyuu namoonni baala gizeedha jechaa osoo hin jallatiin Tajaajila waldaan jedhu kanaan osoo hin jaallatiin garuu immoo sirriiti fakkeesanii hojjechaa jiran garaan hadubbatu irraan Ittin Uummata tajaajilu keesson garuu Miseensota Waldaa jijjiirama kana fidan haala addaa addaatiin maqaa garaa garaa itti moggaasuudhaan kutaan,gandaan Godinaan gareef gooxiidhaan,Cilaattii siyaasaa itti booxuudhaan akka Waldichi hundee hin qabaanne irratti hojjechaa Oolu.Kanas Miseensumti waliin oolu waliin karoorsee hojjetu akka wal shakku,akka wal qoqqoodu,isa tokko isa tokkotti hamachuun adda baasuun waldichi akka laafuu fi miira dura ittiin ka'e irraa xiqqoo akka boodatti jedhu taasisuuf yaalaniiru.Hojii Waldaan duuka bu'oota Buunnoo Beddelleetti hojjete Osoo qajeelummaan jiraatee ifaadha Jibbamuun isaa qofti hojii isaaf ragaadha.Yeroo tokko tokko namoota lapheen isaanii jaamaa ta'een waan dubbatamu tokko Waldaan kun homaa hin buusne,homaa hin hojjenne jdhu Akka hin hojjenneef Harangamaa itti ta'aniitu harangamichuma keessa hulluuquun hojiin hojjetame garuu waan uummata jalaa hin dhokannedha.har'as Maqa balleessiin itti fufee warra barattoota guyyaa Dilbataa barsiisanitti,Luboota ijoollee Afuuraa qabatanii jiranitti,Xoodoowwan garaa garaa irratti Waldaa warra bataskaana diiguu dhufe,kopheedhaan bataskaana loxan,Alaabaa keenya morman,Amaara jibban eessattiyyuu akka hin simanneen itti fufee jira kun immoo Waldichaaf galtee cimaa fi kan tajaajilatti isa cimsudha.Ammas qaamonni Tajaajila kana jala dhaabattanii hojii diinummaa hojechaa jirtan jalaa siqaa tarii waan dhaabbistan,waan laaffistan isinitti fakkaatee kan dhamaatan hojii waaqayyo hin jaallanne kana dhiisaatii yaada dhoksaa keessa bahaatii Qajeelummaan
29/10/2022
Filannoon guyyaa har'aa mana Amantaa Fayyisaa Addunyaa Beddelleetti taasifame irrisaa sabakaa gubaa'ee maaddaraajaa jedha jalli isaa immoo saba tokko akkam goonee addaraajjaanaa?kan jedhu ture waan nama gaddisiisu Sabakoota baadiyyaa waamanii jajjabeesuudhumaaf illee nama tokko itti hin daballe namoota jaha Giidoodhaan,arrabaan cimoodha kan jedhan magaalaa irraa filataniiru kunis qormaata guddaadha jara kanatti imaanaan itti kenname kallattiidhumaan dhaqaatii WDB balleessaa kan jedhudha kun ni ta'amoo? itti adeemaa inni biraa kan dhiiga nama tufsiisu Manneen amantaa Qarree Goorgisii,Maanxabiroo Gabreelii fi Anbaxxaa sillaasee akka buunnootti waan kamittiyyuu hin hirmaattani,faayidaa kamiinis haagere sibketii irraa hin argattani jechuun qoqqobbii irra kaa'aniiru kun maaliif ta'e jennaan የማንም ቆሻሻ በቆሻሻ እግሩ በተክርስትያን ላይ ወጥቶ ቀለም እንድቀባ ፈቅደዋል ባንድራችንን አንስተዋል jechuudhaani eenyudhaa laata inni miilla qoshaashaa sun?warri qulqulluun kun ittiin jedhanii?walumaa galatti guyyaa har'aa uummata baadiyyaa waamanii burjaajessaa oolaniiru
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Website
Address
Hurumu
Metu