Ebbisaa Addunyaa
OROMO FIRST
Akkuma asiin dura Qeerroon Bilisummaa Oromoo uggura lagannaa irra kaa'ee ture;Waldaan Hojjettoota Baankii Siinqee keessoo isaatti
bifa adda addaan mormii gochaa jiru.
Namni kamuu sochii saaminsaaa fi duguuggaa diinagdee fi buqqa'iinsa uummataa waraanaan deeggaramee Oromiyaa keessatti Baankii kanaan uummata keenya baadiyaa magaalaa addatti baadiyaa irratti deemaa jiru dura dhaabbachuu qabdu.
Tamsaasa Arraata Biyyoolessa Oromiyaa irratti gaazixeessaa Haqaafan Fayyeeratiin darbe dubbisaa.
Ragaa keessoo qabatamaadha.👇👇👇👇👇👇
Baankiin duguggaa sanyii Oromiyaa keessaa dinagdeen tumsuun keessatti hirmaachaa jiraachuun wal qabatee Qeerroo Bilisummaa Oromoon lagannaan irra kaa’ame Siinqeen, qaala'insa jireenyaan wal qabatee faayidaan hojjettootaa foyya'iinsa dhabuurraan kan ka'e hojjettoonni isaa komii dhageessisaa jiraachuun beekame
Waldaan afoosha Bilxiginnaa fi amantoota Bilxiginnaa hojjettoota Baankii Siinqeetti qulqulleessitoota irraa kaasuun hojjettoota gita hojii kamirrayyuu jiraniif gaaffii fayyadamummaa hojjattootaaf jedhu oggansa baankichaaf dhiiyeessuun guyyoota lakkoofsisee jiraachuun ifoome.
Komiin hojjettootaan dhiyaate kun fayyadamummaan hojjettoota baankichaa kan baankilee biroo waliin wal maddii yoo qabamu daran gad-bu'aa ta'uurraan kan ka'e, dhugumatti qaala'insa jireenyaa impaayerattii mudatee jiruun wal qabatee hojjettoonni jiraachuuf ulfaataa ta'uun ifoomeera.
Komiin hojjettootaa homaa osoo deebii hin argatiin guyyoota 4 ol lakkoofsisee jiraachuu kan ibsan hojjettonni tokko tokko, kanaaf ammoo mormii qaban dhageessifachuuf qophiirra jiraachuu akkasumas gaaffiin isaanii hanga hojjettoota gita hunda irra jiraniif wal qixa fayyadamummaan mirkanaa'utti ta'uus dabaluun addeessaniiru.
Akka Waldaa hojjettoota Baankii Siinqeetti faayidaan roga hundaan akkuma kan baankilee biroo fooyya'insa qabaachuu qaba yoo jedhu, sababoota irratti hundaa'eeti jechuun waldichi qabxiilee asiin gadi baasee jira.
Guddinni Baankii keenyaa akka itti fufiinsa qabaatuufi, hojjetaan baankichaa jireenya mo'atee humnaa fi beekumsa isaa guutuudhaan baankichaaf akka hojjetuuf, baankichi baasii jabaan hojjettoota leenjisuun qacaree sababa faayidaa dhabuutiin hojjetaan deebi'ee baankicha gad dhiisee akka hin baaneef, wal qixxummaan hojjettootaa baankicha keessa akka jiraatuuf.
-Ergamaa fi mul'ata Baankii keenyaa galmaan ga'uu fi hojjetaa abbummaan itti dhaga'amuu fi 'Mooraalii guutuudhaan hojjetu Baankichi akka qabaatu gochuuf; egaa gaaffiiwwan dhimma hojjetaan wal-qabatu hunda Waldichi dursa kan kennu mariidhaan akka furamudha jedha ibsichi.
Ittuma fufuun, ammas balballi marii Waldichaa banaa akka ta'e akeekuun, marii dhugaarratti akka hundaa'us akeekkachiiseera.
Ibsichi gad siqees akkas jedha, erga gaaffiin faayidaa hojjetaa ka'uu eegalee as doorsifni koree Waldichaarratti godhamaa jiru hanga 'isin dhababsiifnaatti' Kan deemame yoo ta'u, korichi ammoo sanaaf gurra akka hin qabne ifoomseera.
Nuti dirree dinagdee ijaaruurra jirra malee siyaasa dalagaa jirru hin qabnu, durattis guddina keenyaaf gaafachuuf duubatti hin deebinu jedhu.
Egaan yaada keenya bifa hojjetaa hundumaaf banaa ta'een kan barreessaa jirruuf marii koreen Waldichaa fi manaajimentiin baankii keenyaa gochaa turan, akkasumas xalayaa cufaa Perezidaantii Baankii keenyaa fi boordii baankii keenyaatti barreessaa turre firii waan dhabeefidha, kunis kan firii dhabu yoo ta'e gara itti aanuutti kan ceenu ta'a jechuun ejjennoo fi karoora qaban ifatti agarsiisaniiru.
Gaaffii fayyadamummaa irra deddeebiin gaafachaa turree deebiin dhabuun ammas hanga turtii guyyaa 10niitti deebiin nuuf hin kennamu taanaan tarkaanfii itti aanutti deemna kan jedhan hojjettootni Baankii Bilxiginnaa Siinqee kun erga akeekkachiisanii guyyootni 4 darbuu fi guyyaan ja’aa hafuu waltajjii marii keessoo isaanii irratti waal hubachiisanii jiraachuu odeessi keessoo nu qaqqabe ni addeessa.
Baankiin Siinqee Bilxiginnaa dinagdeen utubuuf maqaa qonnaan bulaa, abbootii qabeenyaa fi hojjettoota of dura qabuun kan ijaarame yoo ta’u, duguuggaa sanyii Oromiyaa keessatti deemaa jiru ispoonsar ta’uu fi sirna dhablummaa dagaagsuun wal qabatee akeekkachiisni lagannaa fi Ugguraa Qeerroo Bilisummaa Oromoon irra kaa’amuun ni yaaddatama.
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa (ABO-ONM)
04/03/2026
Mana kan kee daaraa godhan
Gadda kan kee haaraa godhan...
Dallaan kee hin arganne cufaa
Gidiraanoo ammas ammas sitti dhufa!
Mata-boowwuu laphe-gubaa
Fayye jettu si dhukkuba
Hin obbaafanne takkuma
Darbe jettus inni achuma!
Qe'ee qabda qe'ee dhabde
Fira qabda fira dhabde
Humna qabda humna dhabde...
Yaaddoo du'aa hudhaa mormaa
Biyya keetti akka ormaa
Diinqa keetti akka galtuu
Qabeenya keetti akka hattuu...
Yaa saba koo saba guddaa
Siif gamte kaa kara hundaa!
Gubannaa kee isan gubadhu
Hin dubbattuu naa jedhuwoo maal dubbadhu?
Utuu dubbiin fala ta'ee
Silaa!
Wanjoon duruu sirraa ka'e!
Jechuuf malee akka amalaa
Dubbadhee maalan dabalaa?
Qaqqabaan kee inni sirrii
Itti himuuf jiraa firri?
Dubbiin fakkeessaa hin sifaa'u
Haa dubbatu imimmaan kee inni yaa'u!
Dhiigni kee inni coccobu
Yaa'ee yaa'ee Waaqa bira haa qaqqabu!
Leta kenea
Guduruu Wallaggaa
15/10/2025
https://youtu.be/fzonblF-aX0?si=nisH-NQnDp2MLmAv
Oromo Liberation Front-OLF/ABO
Salale Press
Jaal Kumaa Oro
Jaal Tokkiicha Gadaa Liiban
Jaal Falmataa Sabaa
Ebbisa Addunya - SHIINAA | *Oromo Music* (Official Audio) Shiinaa · Ebbisa AddunyaVolume I℗ Ebbisa AddunyaProducer: Roba DhabaComposer: Bikila Guyota
21/02/2025
We are waiting for Ethiotelecom also hopefully
29/11/2024
ethiotelecom employees are demanding that the company's management be removed from the management and the CEO, as well as employees, have expressed injuries,
ሰራሕተኛታት ኢትዮቴሌኮም ኣመራርሓ እቲ ትካል ካብ ኣመራርሓ ክእለ ይጠልቡ ከምዘለዉን እቲ ዋና ኣካያዲ ስራሕ፣ ከምኡ እውን ሰራሕተኛታት መጉዳእቲ ከምዝበፅሖም ገሊፆም ኣለው
የኢትዮቴሌኮም ሰራተኞች የድርጅቱ ማኔጅመንቶች ዋና ስራ አስፈፃሚው ከአመራሩ እንዲነሱ እየጠየቁ ሲሆን እንዲሁም ሰራተኞቹ ጉዳት ደርሶባቸዋል።
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Telephone
Address
Addis Ababa
29/11/2024