Malkaa Post
Oromoon tokko!
25/01/2026
⚽️ 𝗠𝗔𝗧𝗖𝗛𝘿𝘼𝙔 ⚽️
ARSENAL 🆚️ MANCHESTER UNITED
Premier League
Emirates 🏟
1:30 🇪🇹 🕐
Eenyutu mo'a? Tilmaama keessan comment irra kaa'aa.
25/12/2025
Tiiktooker Yuutii Naas Ambaasaaddara Magaalaa Walisoo Ta’uun Muudamte
Tiiktooker beekamtuu Yuuutii Naas magaalaa Walisootti simannaa guddaan erga taasifameefii booda, waltajjii qophaa'e irratti Ambaasaaddara Magaalaa Walisoo ta'uun muudamteetti.
Muudama kanaanis, Yuutii Naas bakka deemtu hundatti beekamtii fi qabeenya tuuriizimii magaalaa Walisoo akka beeksistu ibsameera.
21/12/2025
Sararri Daandii Xiyyaaraa Itoophiyaa sababa haala qilleensaa balaliiwwan biyya keessaa muraasa addaan kutuu beeksise
Yeroo ammaa haala qilleensaa balaliif mijataa hintaane kan Itoophiyaa naannoo gara garaatti mullataa jira jedherraa kan ka’e Sararri Daandii Xiyyaaraa Itoophiyaa balalii biyya keessaa gara naannolee tokko tokkotti taasisuu irratti rakkoon isa mudachuu ibse.
Dhaabbatichi maxxansa fuula miidiyaa hawaasaan, “raaga haala qilleensaa arganneen haalli kun guyyoota muraasaaf akkasumatti kan turudha erga jedheen booda, Sararri Daandii Xiyyaaraa Itoophiyaa balaliiwwan gara naannolee biyyattii muraasatti taasisu addaan kutuuf dirqameera” jedhe.
Haa ta’u malee dhaabbatichi balaliiwwan biyya keessaa dhaabbatan jedhe kanneen kam akka ta’a hin baasne.
Haqamuu balalii kun haga haalli qilleensaa kun fooyya’utti kan turu ta’uu hubachiisee, namootni daftanii garasitti imaluu qabdan filannoo biraa akka fayyadaman yaadachiiseera.
Battala haalli qilleensaa fooyya’e balaliin yoo jalqabu mammiltoota isaa akka beeksisu dhaabbatichi ibseera.
06/07/2024
Eebbifaama Gulaantaa Olaanaa Qaro Dhabeessaa fi Qaamaa Miidhamaa
Wagaayyoo Waraajoo Yuunivarsitii Finfinneetti Muummee barnootaa Afaan Amaaraa, Ogbarruu fi Fooklooriin digirii jalqabaan eebbifameera.
Wagaayyoon, qaro dhabeessaa fi qaamaa miidhamaa ta’us dargaggeessaa kennaa hedduu qabuu fi tattaafataadha.
Wagaayyoon, imala barnoota isaa qormaata heddummaatu injifachuun gulantaa olaanaan Yuunivarsiistii Finfinneerraa eebbifameera.
Qormaanni mudateen waggoota hedduuf barnootarraa akka fagaatu taasisus mul’ata isaa milkeessuuf gara barnootaatti deebi’uun, qabxii olaanaan barnoota isaa xumureera.
Eebbifamaa digirii jalqabaa kun akka jedhutti miira hindanda’amuu fi hinta’uu cabsuun yoo danda’ame, wanti hindanda'amne hinjiru.
Yuunivarsiitiin Finfinnee barattootaa muummeewwaan barnootaa garaagaraan barsiisaa ture har’a eebbisiiseera.
t.me/malkaapost
08/07/2022
Ministirri Muummee duraanii Jaappaan rasaasaan rukutamanii lubbuun isaanii darbe
==//==
Abeen qophii duula dadammaqinsa siyaasaa magalaa Naraa keessa ture irratti rasaasaan rukutamuun booda hospitaalatti ture lubbuun isaanii kan darbe.
Obbo Shinzoo Abee si’a lama rasaasni kan itti dhukaafame yoo ta’u, inni lammataa dugdarra waan isaan rukuteef battaluma lafatti kuffan.
Shakkamaan haleellaa kanaa namni umurii ganna 41 to'annoo jala ooleera.
Jaappaan keessatti haleellaan shugguxii, keessumaayyu haleellaan siyaasa waan dhaga'amee hin beeknedha.
02/07/2022
Raajii Ashannaafii yuunivarsiitii Adaamaa irraa gosa barnoota hundaan A+ fiduun guyyaa har'aa eebbifame. Raajiin digrii applied mathematics fi physics bakka tokkotti eebbifame.
Addunyaa irraa yuunivarsiitiin sadarkaa 1ffaa irratti argamu Massachusetts Institute of Technology(MIT) Raajiin PHD isaa akka baratuuf affeeree jira.
Congrats Raji genius!
29/06/2022
"Tulluu jala malkaa yaatuu
maaltu booresse taliila sanaa
lubbuu akka tasaa baatuu
qaama biyyoon nyaatuf
maaltu lammiif koodesaa ganaa...."
Hacee ❤
18/01/2022
Goota fi artistii oromoo hangafa Nuhoo Goobanaa du'aan addunyaa irraa boqoteera. Maatii fi jaallattoota isaaf jajjabina hawwina.
13/01/2022
Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa galatoomaa!
Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa ijoollee Artist Haacaaluu Hundeessaaf aksiyoona Baankii HGO qarshii 1,456,500 bituun akka keennati gummachee .
Qarshiini kun hojjettootta baankichaa irraa kan walitti qabame yoo ta'u, warreegama Artist Hacaaluu Hundeessaa booda deeggarsa maatiisaaf jecha, qarshii bifa gumaachaatiin hojjettootarraa irra walit qabamee aaksiyooni ittin biitame bifa keennani gummachee!
Telegram 👇👇👇
t.me/malkaapost
11/01/2022
Jawar Mohammed fi Baqqalaa Garbaa erga mana hidhaa bahanii suura Hacaaluu Hundeessaa fi Abduljabbaar Huseen uuffatanii!
Telegram 👇👇👇
t.me/malkaapost
06/01/2022
"Seera ittiin bulmaata biyyattiin qabdurratti naannoo jedhamee kaa’ame malee anaaf Oromiyaan biyya!"
"Ani gaafan Taaddasaa Birruu kaasu Waaqoo Guutuun keessatti arga. Gaafan Nadhii kaasu gootota Oromoo biroos isa keessattin arga. Gootni kutaa hin jiru hunduu gootota Oromiyaati"
Taaddalaa Gammachuu
Telegram 👇👇👇
t.me/malkaapost
31/12/2021
Guyyaan dhaloota goota oromoo Hacaaluu Hundeessaa Sabbataatti kabajame!
Waggaa 38ffaa qaalii oromoo Hacaaluu Hundeessaa mana barumsa qaroo dhabeeyyii sabbataatti barattoota qaroo dhabeeyyii nyaachisuun haadha mana Hacee Faantuu Damisoon durfamuun haala bareedan kabajame.
Haceen onnee Oromootaa keessatti siidaa isaa dhaabbate bara baraan yaadatama.
HBD Haceekoo ❤
Telegram 👇👇👇
t.me/malkaapost
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Contact the business
Address
Addis Ababa