Muaz 4k

Muaz 4k

Share

Start from somewhere or you will end up nowhere! Sigma male of the world

Photos from Muaz 4k's post 09/19/2026

Ani vote godheetin jira.
Dargaggeessa jaba keenya MUE MAX seenaa gootoota oromoo , enyummaa oromoo barsiisu ture.

guyyaa arra awardi dorgomaa jira. namni hundi bira dhabbadha ha injjifatu. dhugaa yaroo namni waan bareeda hojjachun ulfaatutti, dhaalonni dhufu seenaa enyuummaa isii ha barachuu qaban jachun enyummaa isaani dhaalchisaa jiru dorgamu jira waan ta’eef , bira ha dhabbanu ilaman oromoo hundi ha mo’atu

linki commati jala laala achin isiini godhe xuqa vote godha👇 Ani vote godheetin jira.
Dargaggeessa jaba keenya MUE MAX seenaa gootoota oromoo , enyummaa oromoo barsiisu ture.

guyyaa arra awardi dorgomaa jira. namni hundi bira dhabbadha ha injjifatu. dhugaa yaroo namni waan bareeda hojjachun ulfaatutti, dhaalonni dhufu seenaa enyuummaa isii ha barachuu qaban jachun enyummaa isaani dhaalchisaa jiru dorgamu jira waan ta’eef , bira ha dhabbanu ilaman oromoo hundi ha mo’atu

linki commati jala laala achin isiini godhe xuqa vote godha 👇

https://vote.visitoromia.org/best-travel-content-creator-of-2026/mue-max?fbclid=IwcGRvZgRleHRuA2FlbQIxMQBzcnRjBmFwcF9pZA8yNzUyNTQ2OTI1OTgyNzkAAR5Lu8W64C57Zpzsn3iobxMtsVH6kpGocUJ07oZI9WN8TECd5-y8u9uuwzisXw_aem_cvn2p4S4jF6BGkzvsAiGpA

07/23/2026

Dhiiraa dhugaa urjii aartii fi qabsoo keessaa! Nama aartiin qabsoon akka deemuu nutti agarsiise! Abbaa haqa, Oromummaa isaan alaa nama waan kaminu hin boonne!

Isaa qeequufillee nama haamileen si ayyamuu hin dandeenye! Sabboonummaa isaa bara dukkana sanallee akka biiftuu bonatti ifu sana! Ilaa inni Jaal Milkii Sabaa ( Kedir Mertu ) jedhaama!

Oromiyaa, Sabboonummaa isaa keessatti ilaalta! inni hafte Abdii Qophee, Eebbisaa Addunyaa, Usmaayyoo Muusaa, Haacaluu Hundeesaati! Gucaa Oromoo isaa dhaamnee sanadha! Isaa faarsuuf dacheeen kun barruu koo ta'anii mukeetin dacheerra utuu qalama taa'anii dubbadhee hin fixu!

As dhiyootti Kadoon garuu ajaandaa ijoollee baa!ttu fudhee deema! Jech!oota isaa keessaa bahu kadirtu dubbatee hin jettu! Yeroo kana nama gola hin baanetu dhiiraa urjii lolaa keessaa kana a!rrabsa!

Yoo ati jechoota daa'imaa dubbatte daa'imaatu ajaanda si godhaate si a!rrabsa. Yeroo kana sababaan kadoo jaalladhuuf baay'een aara! Kadoon jechuun anaaf si miti beeki!

Ilaa kadiroo koo dhiiraa dhugaa!

Jawariin qeequuf jech!oota hin barbaachisne du!bbachuun sirraa hin eegamu! Ati urjii oromooti sababa taateef! Nama gad deebi'e arr!aba akkasi dubbatu miti ati!

Qeequuf arr!absuun garagara akka ta'ee ana caala beekta! Yoon balleesse dhiifamaa jaallatamaa koo!

✍🏾.... Mûãz Fùäd

Photos from Muaz 4k's post 07/06/2026

Maaliyaan Portugal 🇵🇹 kun eega eeggii fi turtii guyya meeqaa boodaan arra na bira gahe.
After a long wait, it’s finally here.🥹🩷

Baguma tapha kana duratti naaf dhufe silaa arra sheenaan narraa hin baatu,ammaas galgala kana Rabbi nu milkeessinna

Taphni arraa akka malee murteessaadha.yoo moohamne arra Leencichi kubbaa miilaa International irraa soorama baha.🥲
isumaaf jedhee Rabbi irra haa aansu Cristiano Ronaldo Let’s go Portugal 🇵🇹💫✨🫶🤞💪☘️

06/16/2026

At OSFNA 2025, Ali joined our Social Media Manager, Kanani, to share the mindset behind competing at the highest level. From discipline and sacrifice to consistency and hard work, his message was one every young Oromo athlete needed to hear.

82

A word of wisdom from our star

06/12/2026

ALI AHMED – BOONSAA OROMOO! 🇨🇦⚽

Har’a taphni Canada fi Bosnia gidduutti taasifame 1-1 irratti xumurame. Tahus wanti keessaa na gammachiise keessaa inni guddaan hojii Ali Ahmed dha.

Dhugaa dubbachuuf, osoo Ali Ahmed ilma Oromoo hiddi dhiigasaa tahe gara dirreetti hin seenin dura gareen isaa Canadaan 1:0n durfamaa turan, haala barbaadamuun taphachaa hin turre. Garuu yeroo inni seene irraa eegalee taphni ni jijjiirame. Kubbaan ni socho’e, carraaleen galchii ni uumaman, taphattoonni biroonis kaka’umsa haaraa argatan. Inni dirree irratti argamuun isaa qofa garaagarummaa guddaa uume.

Akka Oromoo tokkootti, Stage addunyaa kubbaa miilaa keessatti sadarkaa guddaa kana irratti maqaa biyya taphachaafii jirun cinatti maqaa Oromoo,biyya keenyaa fi Afrikaa ol kaasaa jiru arguun baay’ee nama gammachiisa. Har’a galchii galchuu dhiisuu danda’a, garuu hojii isaa fi dhiibbaa inni taphicha irratti uumee namni hundi argeera.

Ali Ahmed jechuun taphataa qofa miti; fakkeenya dargaggoota Oromoo hedduuti. Nuti hundi hojii isaa irratti ittiin boonna, fuuldurattis milkaa’ina isaa hawwina.

Boona Oromoo! Boona Canada!
Ali Ahmed, itti fufi; nuti si faana jirra. ♥️🇨🇦

Photos from Muaz 4k's post 06/11/2026

Dhiirti gaafa kaayyoo biyyaa baateef hubatte akkanaan abjuu ofii milkeessiti! Jabaadhu ammallee kanaa ol tarkaafadhu ilma Sooressa jaarraa abbaa gada! Milkaa’ina ilma namaatif murteessaan iddoo jiruu miti!

America, Europe, Australia jiraatteef osoon taane kaayyoo keettu murteessaadha! Dargaggeessi kunBaadiyyaa Biyya Arabaa keessa taa’ee Kaayyoo ofii milkeesse! Kana qofaa miti bakka gargaarsa Nama keenyaa tokko hafee hin beeku! Dachaan tan barakaa siif haa godhu bro!
Qeeransaa Oromo 🦁❤️

05/23/2026

Never give up

04/18/2026

Congratulation for 1 million view! thank you my family! Ilaal Waan dhiirti qabde Kunoo!🔥😍

Galmee Seenaa Galaana Gaaromsaa fi yosan✌️🤍🙏

04/17/2026

soba soba laali machii jibbaa; soba soba maallaqani wayi samii roobaa! Abbaa biyyaa wallaatee daboo jibbaan maraattee,

Qoree kan baasan qoreedhaani,
qe’ee namaa dhuftee Sobaan hin boo’in naaf jedhaani;

Aduun addeessan taatu adalli leencan mootu! Dhaloota boo’ichaa Zarraaf gurraa bichaa…!❤

Galaana Gaaromsaa fi yoosaan deebii ajaa’ibaa🔥🙏

Photos from Muaz 4k's post 03/21/2026

Gadda guddaan nu mudate…😭
Innaalillahi wainnaa Ileeyhi raaji’uun

Artistii hangafa aartii Oromoo, sagalee miidhagaa fi qalbii nama tuquun dhaloota hedduu bohaarsaa ture,Mahdi Abdurahmaan (Xiqqaa), addunyaa kana irraa boqoteera.

Nama amala gaarii qabu, kan namni hundi jaalatu, kabajaa fi jaalala ummata isaa keessa jiraataa ture. Seenaa isaa keessatti yeroo tokkos, Dr Art Alii Birraa namni bakka isaa bu’u akka Mahdi Xiqqaa tahe maqaa dhahuun dubbatanii turan, hammam akka inni dhaloota itti aanu jajjabeessu fi deeggaru agarsiisa.

Halkan kaleessaa akka tasaa garaan dhukkubee gara mana yaalaa geeffamee, yaalii godhamaa ture keessatti lubbuun isaa addunyaa kana irraa boqote.

Du’a hin eegamne kanaan, ummanni Oromoo fi jaalattonni aartii hundi gadda guddaa keessa jiru.

Rabbiin Jannata haa isa qubsiisu 🤲
Maatii isaa fi jaalattoota isaaf obsa haa kennu.
Seenaa isaa, sagalee isaa fi hojii isaa gaarii, yeroo hundaa qalbii keenya keessatti ni jiraata.

🕊️ Rest in Peace Legend

Want your business to be the top-listed Media Company in Edmonton?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Website

Address


Edmonton, AB
T5L

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Muaz 4k posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Subscribe

We will notify you when anything happens in Edmonton.