Che Kuevara

Che Kuevara

Share

Kaayyoo Heeraaf Seera ๐Ÿ…ฐ๐Ÿ…ฑ๐Ÿ…พ-โ“ฆ๐Ÿ…ฑ๐Ÿ…พ Ganamaan Gaaddisa Daabee Jaal Marroo Jalattan Guddadhe!!

10/11/2022

Kaayyoon barattoota kutaa 12 University keessatti walitti qabaa jiraniif kana dha kunoo.

Uummati Oromoo, bakka jirtan cufa irraa ijoollee keessan eeggadhaa. Yeroo ammaatti daa'imman kutaa 12 baratan jechuun irra guddaan isaanii umuriin isaanii kan waraanaaf gahe miti. Dirqama ilmaan keessan irratti fee'amaa jiru kana dura dhaabbadha.

10/10/2022

Ayi Seesee ๐Ÿ˜‚๐Ÿ˜‚

"Mugaabeema gurbaattin jettu sana malee waan tokko ta'u hin danda'u. Becirraash, goojjameen sichi lafa Horroo dhaalti"
Baatireetu kolonelan akkas jedha ๐Ÿ˜
Mugaabeen Waaquma tolfama ta'ekaa ๐Ÿ˜‰

GUMAA GURRAACHA Oromo music by Felmeta Kebede 09/12/2022

Falmataa Kabbadaa ~ Gumaa Gurraacha

GUMAA GURRAACHA Oromo music by Felmeta Kebede GUMAA GURRAACHA - FELMETA KEBEDEDIRECTOR - OFTANENUES FETENE CINEMATOGRAPHER - ELIAS KEBEDE LYRICS & MELODY - FELMETA KEBEDEMUSIC ARR, MIX & MASTERING - D**K...

09/10/2022

Gaaffiin Oromoo, kolonii itoophiyaa buqqisee, Mootummaa Ripubilika Dimokraatawaa Oromiyaa ijaarrachuun HIREEMURTEEFFANNAA isaa mirkaneeffachuu fi tikfachuudha.

Aadde jimjimoon Garuu,
Alaabaa Oromoo, ibsituu KAAYYOO qabsoo Bilisummaa Oromoo, ofbiratti fannifattee, "Oromoon maal barbaada; Gaaffiin Qabsoo Oromoo maaliโ“" Gaaffiin jedhu, Gaaffii deebii hin qabne ture jettee qaanii malee haasofti.

Dhugaa tokkommoo ibsiteetti. "Hoogganoota Paartilee Siyaasaa Oromoo gaafanneerra, deebii gahaa fi ifaa hin qaban" jette. Kun Sirrii ta'uu mala. Hoogganoonni ABO Duraanii Gaaffii Oromoo kan sirriitti Sagantaa Siyaasaa ABO keessatti ibsamee bara 1976 raggaasifame sana hin beekan. Kana jechuun garuu Gaaffiin Oromoo ifaa miti jechuu miti.

Alaabaan Oromoo, mallattoo Biyya Oromiyaa fi ibsituu KAAYYOO qabsoo Bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa ti. Erga Magarsaa Barii fi Qondaalonni ABO olaanoon shinniiggaatti wareegamanii as Hoogganoonni ABO Duraanii( bara 1981-2018) garuu, Dhaaba ABO, Kaayyoo isaa irraa gargar foxxoqsanii deemsisaa turaniiru. Aadde Seenaa jimjimoos Kanumaaf burjaajoftee ingileffaan burjaajii lallabdi.

Dogoggorri ishee, Kaayyoo qabsoo Bilisummaa Oromoo sana qorattee baasuurra fedhii Dhuunfaa ishee akka Gaaffii Oromootti ibsuu isheeti.
"Gaaffiin oromoo yeroo dheeraaf ifaa hin turre, nuti garuu dhaabileen siyaasaa kan hin beekne Gaaffii Oromoo kana akka OLLAtti ni beekna.

Akka WOCttis, Gaaffii Oromoo kana adda baafnee addunyaatti argisiifna. Innis Biyya isaa itoophiyaa fuulduratti tarkaanfachiisuu dha." jettee xebente. Jecha jedhu haasaa ishee keessa tasumaa hin jiru.

OROMIYAAn BIYYA!

Photos from Che Kuevara's post 09/09/2022

WB0'n Lola Guyyaa Har'aa Gaggeesseen Onoota Lama To'achuu Ifoomse.
Fulbaana 9/2022

WBOn Zoonii Lixaa guyyaa har'aa jechuunis Fulbaana 9/2022 bakkoota addaa addaatti lola taasiseen Onoota lama, Godina Wallagga Bahaatti kan argamtu Ona ๐†๐ฎ๐ฎ๐ญ๐—ผ๐—ผ ๐†๐ข๐๐๐š๐š ๐Œ.๐”๐ค๐ค๐ž๐ž kan Magaalaa Guddoo Godinichaa ๐Œ.๐๐š๐ช๐š๐—บ๐ญ๐ž๐ž irraa 35km fagaattuu fi Godina ๐๐ฎ๐ง๐ง๐—ผ๐—ผ ๐๐ž๐๐๐ž๐ฅ๐ฅ๐ž๐žtti kan argamtu Ona ๐ƒ๐š๐š๐›๐—ผ๐—ผ ๐‡๐š๐š๐ง๐ง๐š๐š ๐‡๐š๐š๐ง๐ง๐š๐š to'annoo isaa jala galchuun beekameera.

Yeroo ammaa kanas humnoonni naannoo Amaaaraa fi PP wal ta'uun yeroo ammaa duula jajjaba WB0 irratti taasisaa jiraachuu maddeen naannichaa ifoomsaniiru. Humni Bilxiginnaa dabalataan magaalaa Naqamtee irraas itti fe'amaa jiraachuun barameera.

Oromoon bakka jiru maraa dammaqee yeroo WB0'n aarsaa gurguddaa kaffalee humna diinaa buqqisaa jiru kana, waraana isaa bira dhaabbachuu fi tumsuu akka qabus gamanumaan dhaammanna.

WB0'n Haa Waaru!

09/01/2022

๐— ๐—ฎ๐—ฎ๐—น๐˜๐˜‚ ๐—ข๐—ฟ๐—ผ๐—บ๐—ผ๐—ผ ๐—œ๐—ฟ๐—ฟ๐—ฎ๐˜๐˜๐—ถ ๐——๐—ฒ๐—ฒ๐—บ๐—ฎ๐—ฎ ๐—๐—ถ๐—ฟ๐—ฎ? ๐—™๐˜‚๐—ฟ๐—บ๐—ฎ๐—ฎ๐—ป๐—ป๐—ถ ๐—œ๐˜€๐—ฎ๐—ฎ ๐—›๐—ผ๐—ผ?

(๐๐ข๐ฅ๐ฑ๐ฎ๐ฎ ๐‰๐ข๐ฅ๐จ๐จ tiin)

Hubachiisa! Barruun kun bu'aa ba'ii mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo kan dhiheenya kanaa irratti xiyyeeffata. Yaadni ani kaasu nama biroo bakka kan hin buunee fi hangan deemsicha irratti hubannaa qabun ibsuu yaale. Itti dhihaadhaa!!

Waggoottan afran darbaniif burjaajiin heedduun namoota sammuun xiqqoo, qaro-dhabeeyyii fi ejjennoo jabaataa hin qabneen mooraan Qabsoo Bilisummaa Oromoo burjaajiif saaxilameera. Haa ta'u garuu burjaajiin dhalatus, mooraan Qabsoo kufaatii fi raawwatee baduu irraa murattoota, qaro-qabeeyyii, kanneen sammuun bal'isee yaaduu fi waan deemanii fi itti amanan irratti ammoo ejjennoo jabaa qabaniin baraaramuu danda'eera.

๐—•๐˜‚๐—ฟ๐—ท๐—ฎ๐—ฎ๐—ท๐—ถ๐—ถ๐—ป ๐—ฑ๐—ต๐—ฎ๐—น๐—ฎ๐˜๐—ฒ ๐—บ๐—ฎ๐—ฎ๐—น ๐˜๐˜‚๐—ฟ๐—ฒ?

Dhuma bara 2018 yeroo ABOn shira marii qabsoo karaa nagaa jedhuun biyyatti deebi'ee fi kiyyoo PPn qabamee balfa Impaayera kanaatiin dhuunfatametti, waantota heedduu tilmaamuun nama rakkisu keessatti hawaasnii fi Qabsoon Bilisummaa Oromoo gaaga'amee ture. PP fi ergamtoonni isaanii warri Koree Teeknikaa jedhamuun beekaman kaan sossobanii, kaan ammoo dhiibbaa ulfaataa irraan gahuudhaan hoogganoota, miseensotaa fi dabballoota ABO kiyyeessan. Kaan galaafatamanii, kaan ergamtoota sirna Impaayeraatti harka kennatan. Kaan isaanii, HD ABO Daawud Ibsaa dabalatee dhiibbaa jajjaba irratti uumameen daandiirraa wayita maqan, kaan isaanii ammoo daandiin sun tasumaa akka irra deemamuu hin dandeenye beekanii gara Qabsoo sirriitti deebi'an.

HD ABO Daawud Ibsaa dogoggora silaa Koreen Teeknikaa jedhaman sun ittiin gaafatamuu malan gorsa miseensotaa fi ajajoota WBO fudhachuu dhabuu (akka waa'ee hin baafnetti tilmaamuu) irraa kan ka'e ofii isaatiin yakka isaanii sana ofirratti jigseera. Burjaajiin kun ABO bakka lamatti kan hiruu fi akka lammaffaa deebi'ee hin kaanetti caccabsuuf kan tolfame ture. Gartuun Obbo Jawaar Mohaammed fa'iin durfamu, duraanuu karoorfatee--wixinee ABO akka hin suphamnetti balleessuu jedhu bifa barruu fi imaammataan qindeeffatee karoorichatti gad-taa'e.

ABO akki itti cabsan jedhee yaades, gartuu Qabsoo Karaa Nagaatti amanee gale maqaa Filannoo fi Jijjiirama jedhuun abjuu keessatti wayita kuffiisu, kanneen Qabsoo Hidhannootto amananii fi daandiin karaa nagaa cufaa ta'uu dursanii hubatan ammoo, muurna PP fi gareema karaa nagaa kana keessa harka galfatanii cabsuun akka itti danda'amu irratti hojjetan. Karoora lamaan isaa keessaa isa tokkoffaa (gartuu Daawud faa) sana irratti milkaa'aniiru. Ammayyuu jarri abjuurra darbanii hirribicha keessaa akka lammaffaa hin kaanetti raffisaniiru. Ta'us Karoorri isaanii lammaffaan kan WBO (ABO kaayyoo ganamaa fi qabsoo hidhannootti amanan) karaatti kutuu fi balleessuu sun hanga yaadan hin milkoofne.

Silaa akki karoorfatan sun daandii lamaanuu (PP fi ABO Karaa Nagaa) fayyadamanii hoogganootaa fi miseensota WBO dhabamsiisuu akka danda'anirratti gad-taa'an. Milkaa'uu hin dandeenye. Muurni PP jarri Qabsoo Karaa Nagaa didan kun: Farreen nageenyaa, shiftaa, foxxoqxoota, shanee fi kanneen galmi isaanii hin beekamne jechuun humnaa fi miidiyaalee of-harkaa qaban maratti fayyadamanii olola burjaajii uumuun mooraa Qabsoo fi uummata bal'aa kiyyeessuuf wayita hojiitti seenani.

Gareen isaan kiyyeessan kan ABO Karaa Nagaa ammoo gara itti citu wallaalee daandiirraa akka maquuf ajandaa tolchanii itti kennani. Ajandaan sun, ABOn Boordii Filannoo Biyyoolessa Xoophiyaatti galmaa'ee qabsoo karaa nagaa gaggeessuuf jaarmayaa hoogganaa ture WBO hin beeknu, yokaan ammoo galaa jedhee jedhee dhiibbaa akka irratti uumuuf tolfatan. Akka carraa ta'ee dhiibbaan uumamee galuu waanti jettu sun hoogganoonni ABO bosona hanga deemuun WBO jaarsummaan sossobuuttuu yaalamee jalaa fashale. Erga kun fashalee ammas Koreen Teeknikaa kun hin teenye. Warri Karaa Nagaa jedhan kun WBOn diddera waan ta'eef nuti hin beeknu jedhaatii labsaa, mallatteessaa, yakkarraa bilisa ta'aa, yaaddoo malee socho'aa oduu jedhu itti afarsuun dhiibbaa uumee labsa, "ammaa booda qaama hidhatee bosona keessa jiru hin qabnuu fi qunnamtii tokkollee qaama kana waliin hin qabnu" jedhu labsisiisuu danda'an. Guyyaa kanarraa ka'uun Gareen ABO Karaa Nagaa kaan isaanii dhiibbaa jajjaba akkasiin, kaan isaanii ammoo silayyuu gurra luugdota PP ta'anii maqaa Koree Hoji-raawwachiistuu ABO (Shanee Gumii ABO) kan turan kanneen akka: Ibsaa Nagawoo, Araarsoo Biqilaa, Qajeelaa Mardaasaa fi fakkaattonni isaanii gammachuun labsicha kana fudhatan. Murtii sanaa boodas Koreen Teeknikaa kun Hoogganoota ABO kanneen Karaa Nagaa jedhan kana guutummaatti taphaan ala gochuu danda'eera.

๐—ฌ๐—ฎ๐—ธ๐—ธ๐—ถ ๐—ต๐—ผ๐—ผ๐—ด๐—ด๐—ฎ๐—ป๐—ผ๐—ผ๐—ป๐—ป๐—ถ ๐—”๐—•๐—ข ๐—ผ๐—ณ๐—ถ๐˜๐˜๐—ถ ๐—ป๐—ฎ๐—ฎ๐—ป๐—ป๐—ฒ๐˜€๐˜€๐—ฎ๐—ป ๐—บ๐—ฎ๐—ฎ๐—น ๐˜๐˜‚๐—ฟ๐—ฒ?

Silaa hoogganoonni kun yakka gantummaa ofitti hin jigsan turan. Koreen Teeknikaa hojii isaa (WBO galchuu) fiixaan baasuu erga dadhabee hin dandeenyu jedhee ibsa dhiheessuu fi PPf ammoo labsuu kan qabu isaan ture. Isaan garuu durayyuu kaayyeffannaan isaanii ABO balleessuu waan ta'eef labsa kana gareen karaa nagaa kun akka labsuuf itti dabarsan. HD'n ABO Daawud Ibsaas dhimma kana isaanumaaf dhiisuu irraa ofii isaaniitiin "nuti waraana hooggannuu fi humna hidhatee bosona jiru hin qabnus, hin beeknus" jechuun murteessan. Baay'een namaaa "Daawud maal gochuu qaba ture? Innis furmaata dhabeeti" jechuun wayita gaaffii kaasan argaa turre. Dhuguma dhimmi kun ulfaatus, daandiin salphaan isaan ittiin yakka kana jalaa bahan, "dhimma akkasii kan fudhatee fi itti bahinsa hojichaa beeksisuu fi labsuuf aangoo kan qabu isin warra Koree Teeknikaati" jedhanii dhiisuutu irra ture. "Ammaan booda WBO Abbootii Gadaa fi uummata Oromootti dabarsineerra"isheen jettu siyaasa jabduu fi murtoo yeroon gaafattu taatee argamtus, dhimmichi ammaan booda isaan akka hin ilaallannee fi kan dhimma kanarratti murteessuu danda'us isaan osoo hin taane, Koree dhimma kana ofitti fudhatan ta'uu wallaaluun ammoo yakka seenaa kana keessatti garee karaa nagaa kana kuffiisuu danda'eera.

๐™‚๐™–๐™ง๐™š๐™š๐™ฃ ๐™ ๐™ช๐™ฃ ๐™™๐™ค๐™œ๐™œ๐™ค๐™ง๐™š๐™š ๐™™๐™๐™ž๐™ž๐™จ๐™š๐™š๐™ง๐™–๐™–?

Gareen karaa nagaa kun murtee fi daandiin isaanii sirrii akka hin taane hubatanii dhiisuu fi furmaata barbaaduurra yakkarratti yakka dhalchuu filatan. Gareewwan dhokatoo fi mulatoo heedduu hundeessuun, biyya alaa fi keessatti wal ijaaranii diiggaan mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo kan ABOn furfamu akka barbadaa'uuf tarsiimoo haaraa eegalan. Silayyuu itti yaadee karooricha kan boce Koree Teeknikaati. Koreen kun dursee kan yaade, "gareen karaa nagaa yoo guutummaatti taphaan ala ta'e abdii muratee hin taa'u, yokaan aaree ABO hidhannootti jiru diiga yokaan ammoo muurna PP gargaaree summii facaasa" kan jedhu ture. Kanaaf gama PP fi garee karaa nagaa kanaan moorichi akka kiyyeeffamu karoorsan.

Yakkoonni itti dabalaman kun heedduudha. Miira abdii kutannaa, aarii fi "ani duunaan margi hin margiin" isa harreen jette sanarraa kan ka'e shirrii fi dabni gurguddoon ABO-WBO irratti eegalame. ABO-WBOn walakkeessa bara 2019 irraa eegalee burjaajii dhalatu hambisuu, Qabsoon Bilisummaa Oromoo galma isaa hanqatee karaatti hafuu fi Oromoon baraan Impaayera jalatti akka hafuuf abdii murachuu dhiisee labsa "Kaayyoo ABO Ganamaa fi Qabsoo Hidhannootti Fufna" jedhu labsee hamilee fi qor-qalbii uummata Oromoo baraare. Moorichis hanga har'aa baduu fi dhabamuu irraa hafee, akka taliila galaanaa dhangala'uun Oromiyas dhuunfate.

Labsi kun isaan mufachiisuu arguu fi atakaaroon heedduun miidiyaalee hawaasaatiin irratti dhalachuu wayita argan gareen karaa nagaa kun gareewwan dhokatoo fi mul'atoo heedduu kanneen akka: Eegdota Warraaqsa Oromiyaa, Oromo Sisterhood Project Group fi boodarra ammoo Koree Mootummaa Cehumsaa Biyyoolleessa Naannoo Oromiyaa fi kanneen biroo jedhaman bocanii yaada hawaasa bal'aa labsa WBO kanarraa maqsuu fi dudduuba dachaasu irratti xiyyeeffatan.

Ofii maquu isaanii waan arganiif garee kana fayyadamanii Qeerroowwan qareeyyii ilaalcha isaanii irratti baran adamsanii hiidhaatti darbachuu, gareema kana fayyadamanii ammoo mooraa WBO hundatti erguu fi qunnamtii hoogganoota WBO akka qabaatan gochuu, kanneen kaan ammoo bifa leenjii loltummaatiin mooraa seensisuun kaayyoo isaanii WBO keessa tamsaasuu, kaan ammoo bifa deggersa dinagdee jedhuun qunnamtiin tolfameefii WBO keessa harka galfachuutti gama maraan bobba'an. Akkuma yaadan heedduu milkaa'anis Qabsicha garuu dhaabuu hin dandeenye.

Kan irratti milkaa'an hoogganoota yaadni galer fi qabsoo hidhannoo deggeran, kanneen sossobamuu isaanii hubatanii daandii sirreeffachuu yaadan hidhaatti naqsiisan, Qeerroowwan saaxiluun mooraa Jaarmayaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo bittimsan. Isa danda'an hidhaatti naqan, isa dadhaban ammoo irratti duulchisuutti cehan. Gareen kaan WBOtti dabalame, gareen kaan ammoo shira isaaniitti dabalamer tika PP ta'e. Burjaajii akkasii uumuun waa lama milkaa'an.

๐— ๐—ถ๐—น๐—ธ๐—ถ๐—ถ๐—ป ๐—ด๐—ฎ๐—ฟ๐—ฒ๐—ฒ ๐—ธ๐—ฎ๐—ป๐—ฎ๐—ฎ ๐—บ๐—ฎ๐—ฎ๐—น ๐˜๐˜‚๐—ฟ๐—ฒ?

Akkuma yaadan, gareen maallaqaa (Oromo Sisterhood Project Group -OSPG) fi Gareen Eegdota Warraaqsa Oromiyaa -EWO (Oromia Revolutionary Guards) karoora isaaniitiin waa milkaa'aniiru. Warri jalqabaa miseensota WBO garee tokko gargaarsa maallaqaa jechuun guutummaatti bitanii "ammayyuu Daawud faa qabsoo hidhannoo hin dhiisni, WBO isaanumatu hoogganna" maqaa jedhuun yaada (ideology) daawud fa'iin burjaajessanii daandiirraa maqsan. Gareen lammaffaa sun ammoo caasaalee keessoo fi alaan olola WBO wal shakkisiisee wal lolchiisuu fi mooraa bittimsu deddeebisuu fi tatamsaasuu eegalan. Miidiyaaleen olola afarsuu eegalan. Kaan isaanii gara mooraa erguun WBO bittimsuuf mooraa Kibbaa seenan. Kun garee Dhugaasaa Bakakkooti. Gareen hawaasa bal'aa burjaajessu ammoo maqaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi MCBNO sanaan hojii jajjabatti seene. Godinaalee Oromiyaa mara irratti caasaa diigumsaa fi tikaa ijaaranii bobbaasan.

Gareen Dhugaasaa Bakakkoo faa ji'ootaaf irratti hojjetanii guutummaatti diiguu yoo dadhabanis Zoonii Kibbaa hooggana isaa Gollicha Dheengee kiyyeessuun dubbiin irratti baramee kaayyochi isaaniis walumaan laamsha'e. Gareen Gaashuu Lammeessaa faa ammoo Koree MCBNO fi nuti hoogganoota Jaarmayaa Qeerroo Bilisummaa Oromooti kanneen jedhaniin olola miidiyaa fi burjaajii hawaasa bal'aatti uuman. Garee Faqqadaa Abdiisaa kan uuman garee kanaa fi garee Oromo Sisterhood Project Group sanadha. Mooraa gama Lixaa caccabsuu fi balleessuu, meeshaa itti hidhuun miseensa hooggana irratti kaasuu, wal dhabdeen uumamee WBOn qawwee walitti deebisuu fi wixineewwan biroo itti kennanii dirree dhihaarra bobbaasan. Dirree dhihaa dhaabuu dadhabanis deggertootaa fi uummata bal'aa Zooniin sun hoogganu irratti gaaga'ama ulfaataa hanga har'aa dhandhamaa jirru kana dhalchaniiru.

Gareen Faqqadaa Abdiisaa kun dinagdee alarraa argatu fayyadamee, meeshaa hidhatee uummata WBO deggeru saamuu, hidhannoo irraa hiikui, hooggana irratti miseensa kaasuu, mooraatti wal shakkii uumuu fi kanneen didan ammoo ajjeesee hoogganoota WBOtti haqachuu itti fufe. Kunoo hanga har'aa gidiraan sun damee baasee dagaagee, Godinoota Wallaggaa afranii fi G/G akkasumas, Lixa Shaggaritti ol guddatee uummata labooba ibiddaan gubsiisaa jira.

Kutaan lammaffaan itti fufa...

Injifannoo Uummata Oromoof!
September 1/2022
Qilxuu Jiloo tiin

Photos from Che Kuevara's post 08/31/2022

Regarding the Re-escalation of Hostilities in Oromia, Tigray, and Elsewhere in the Country
(OLF-OLA Press Release)

Abiy Ahmedโ€™s war, which began in Oromia in 2019 and expanded to Tigray in November 2020, has so far claimed hundreds of thousands of lives, displaced millions, and destroyed assets worth billions. In its downright rejection of the humanitarian truce proposed by the Oromo Liberation Army (OLA) last week, the Abiy regime has once again revealed its aversion to a ceasefire in any form, in no uncertain terms, including for the sole purpose of supplying food to a famine stricken population. The regime has not only repeatedly failed to uphold its international obligations to protect civilians in need in Oromia and throughout the country, but has also chosen to continue to use famine as a weapon of war.

However, even in these circumstances, Abiyโ€™s forces were not able to exact any noteworthy blows against our gallant fighters over the last several months, despite resorting to a scorchedearth military campaign in Oromia, which has resulted in devastating conditions for civilians. Notwithstanding the spectacular failure of its military adventures in Oromia, the regime is gambling, yet again, with the fate of millions of people by re-engaging the Tigray Defense Forces (TDF) in the north. Unable to pe*****te into Tigray post-June 2021, the regime openly vowed to weaken Tigray through a starvation siege. While it amassed new forces, often through forceful recruitment, and restocked its armaments, Abiy Ahmed hoped Tigray would suffocate in the siege and implode internally. Much to the disappointment of Arat Kilo, this did not come to pass. Its renewed northern campaign has been marked by indiscriminate airstrikes on civilian centers, the most tragic of these cases being the killing of children by the bombing of a kindergarten.

We want to draw your attention to the following:

1) To all members of the Ethiopian National Defense Forces (ENDF), Oromia Special Forces (OSF), and Associates

The war that the regime is waging in Oromia, Tigray, and elsewhere in the country is not your war to fight. This war is part of Abiy Ahmedโ€™s mission to install a one-man dictatorship, assisted by his radical cabal of unitarist elites. We extend an open call to all members of the security forces to leave your camps and join the OLA as thousands of your comrades have done over the last year. Those who have been forcefully taken to the frontlines should take the first opportunity they have to escape and avoid being used as cannon-fodder. Peacefully relinquish your arms and save your life. There is no reason for you to sacrifice your one life to sustain the insatiable ambition of a tyrant.

2) To our people in Oromia and elsewhere

In recent history, there has been no regime that has been as brutal and costly to the Oromo people as the current one in Arat Kilo. This is a fact that is confirmed daily by the news of countless extrajudicial murders, torture, and other brutal acts that this regime has resorted to in order to preserve its power. The Abiy regime has shown a staggering level of hatred and cruelty against the Oromo people. It has pulled at the very cords that unite us in an attempt to divide our people and turn us against each other. Our people should not be distracted by the regimeโ€™s relentless propaganda campaign intended to confuse and sow discord. As it currently stands, the majority of the regimeโ€™s forces, which spent the last year razing Oromo villages to the ground and murdering our people, are still in Oromia. Continue in your steadfast support for the OLA to ensure that the survival and dignity of our nation is never threatened again. Oromo media houses should continue in their commendable work to inform and engage our people about the nature of the regime; its cruelty, which has become its vocation; and the ways in which our people should support their struggle spearheaded by the OLA.

3) To the International community

The international community has failed the Oromo people, the people of Tigray, and the peoples of the entire region, inter alia, by:

โ€ข Its inability to serve as a capable and impartial mediator in mediations

While we hold the AU in high esteem as a continental Union, it has demonstrated neither the capacity nor the willingness to resolve the underlying problems of the ongoing civil war. It has, so far, only reduced itself to parroting the regimeโ€™s talking points. Crucially, it has completely ignored the war in Oromia, Benishangul, Gambella, and elsewhere in the southern half of the country, while only paying lip service to the war in Tigray. It is deeply disappointing to see an organization of fellow African people more or less siding with a dictatorship rather than the people. The rest of the international community, in particular the United States and the United Nations, has failed to bridge this gap as well. Moreover, they have at times worsened the situation by allowing themselves to be goaded by the regime into committing to initiatives that were always destined to fail. We call on the international community to reevaluate its strategy if it truly intends to be an effective arbitrator for peace.

โ€ข Misconstruing a country-wide conflict as a Tigray (northern) problem

To this day, any meaningful engagement with the civil war in Ethiopia by the international community has placed nearly sole focus on the Tigray conflict. While we have privately engaged with some members of the international community on this issue and, in good faith, placed credence in their promises that they would be more active in addressing the brutality being inflicted on Oromia by the regime, we have seen no progress in this. While we believe the Tigray crisis deserves every bit of attention it has received, the complete sidelining of the issue of the war in Oromia is a historical blunder. By focusing on mediation between Tigray and Abiy rather than a comprehensive process that includes all stakeholders, the international community has sanctioned the regimeโ€™s miscalculations that (a) it has the chance of eliminating its opponents one by one by playing the theatrics of peace talks; (b) it could unlock western funding by offering small concessions; and (c) that it could sufficiently rearm itself and emerge victorious in a renewed war. The regime needs to be pressured to seek a genuine political resolution with the full spectrum of stakeholders across the country; anything less will only guarantee further instability.

OLF-OLA High Command
August 31, 2022

08/31/2022

Dhimma Faqqadaafi Mugaabee Adda baasanii barreessun gowwaa koflisiisanii ilkaan lakka'uudha.

Warri dhugaa gadi baasna,Rakkoo Uummata Horroo Guduruufi Wallagga Baha akka ifa ta'u feetan, Hundeeffama EWO Mugaabeen karaa Yuusuf ilma Jaarsaa Eegalchiseefi Faqqadaa Abdiisaa akkamin Tika Buraayyuu dhiisee akka bosona Horroo Seenee barreessaa. Bira naanna'uun hin barbaachisu.
Mugaabee Oolchuf Faqqadaaf Shimallis qofa walitti hidhuunis waan hin fakkaanne. Dinagdee Faqqadaan ittin Shocho'aa Jiru murnuma Maqaa ABO himatutu diyaaspoora irraa joonjessee walitti qabaa jira.
Dhugaan ni hadhoofti.

Afaan Faqqadaa irraas kunoo akkasiin dhaggeeffadhaa. Gochoota Uummata keenya W.Bahaa fi Horroo Guduruu irratti raawwatamaa jiruuf itti gaafatamaan eenyu akka tahe quba qabaadhaa!!

08/22/2022

Rakkoo fi Shira Qabsoo Bilisummaa Oromoo Sudaan Keessa Jiru!

Oromoon Sudaan keessatti hojii qabsoof wal ijaaraa turun isaa waan beekamaa dha. Akkumaa namootni bay'ee hojii qabsoo keessatti qooda isaanii baha turan bay'een isaanii ammoo qabsoo Oromoo irratti hojii diinummaa dalagaa turanii jiru, ammas kan itti jiran hedduu dha. Maqaa konyaa dhaabaa biyya Sudaan jedhuun bifa ijaaramee ergama nam-tokkee (Daawod Ibsaa fi Gaashuu Lammeessaa) fudhachuun bifa addaan duula qindaa'aa ABO-WBO irratti geggeessaa jiru.

Gama konyaan yoo rakkoo jiru ilaalle yeroo ammaa kana namni konyaa dhaaba Sudaan anatu hooggana ofiin jedhu nama maqaan isaa Daniel Bezaabii jedhamuu dha. Daani'eel Bazzaabihi jechuu nama dhalootan Horroo guduruu ti. Daawod waliin firooma akka qabantu dubbatama.

Daani'eel Bazzaabihi Eenyuu?

Daani'eel Bazzaabihi bara 2018 xumura irra gara biyya galee waajjira gulallee irraa erga qajeelfama fudhatee booda nama eessa akka inni jiru namni hin beekne waan Daawod ergeef qofa hatattamaan bara 2019 baatii ammajjiti gara miseensummaatti akka dhufu godhame dha. Akkuma miseensa ta'een dhoksaan hojii tikaaf bobbafame osoo baatii 6 hin geenya gara hooggansaatti ol fiduuti kaa'ame. Bara 2020 jalqaba irra hooggansa konya dhaaba Sudaan jedhanii maqaa moggasaniif. Quba qabaadha namni kun namootni illee isa hin beekan innis nama hin beekuu ture. Waan Daawod itti amane garuu fudhachuun dirqamaa, heeraaf seeraa dhaaba malee tartiiba qoodama miseensoota osoo hin eeggatiin ani hooggansa jedhee burraaquu jalqaba. Hojiin isaa inni guddaan waan itti kennamee rawwachuu qofaadha. Yeroo dheeraaf biyya keessaa Obboo Daawod irra qajeelfama fudhatee abbaa barbaadee arrabsaa oola. Addumaan ammoo namoota ABO-WBO'n qaba jedhee yaadu hordofuun mataa keessa rukutuun gad teesisuu irratti hojii guddaa nama hojjechaa turee dha. Erga Daawod hidhameen jira ofiin jedhe ammo kallatti namni gabaasa kennafii turan Malkamuu nama jedhamu gazeexeessaa SBO duraanii ti. Caasaan isaanii hedduu wal xaxxaa dha. Jarmiyaa konyaa Sudaan isaan jedhan kana hoogganuuf koree namni torba immoo diyaaspora keessaa teessee qajeelfama kennaa oolti. Waan nama ajaa'ibu Kamaal Qalbeessaa fi Gashuu Lammeessaa koree isaanii keessa warra hooggansa olaanaa ta'u Sudaan keessatti hojii kanseerii caaluu hojjetanii dha. Akkuma namuu beekuu Kamal Qalbeessaa jechoota inni ittin hooggansa ABO-WBO xiqqeessaa ture waan namuu beekuu dha. Nama kanaatu hooggansa jeera kanaati. Yeroo hedduu karaa toora zoom qajeelfama kennaaf. Namootni Akka Odaa Xaasee, Abdataa Homaa, Gashuu Lammeessaa, Kamal Qalbeessaafatu gorsitoota jeera kanaati.

Namni biroon konyaa Sudaan isaan jedhan keessatti hojii diinummaatti turaniif ammas itti jirun Dhiibbaa Hangaasuu ti. Inni kunis guyyaama tokkicha Daani'eel Bazzaabihi waliin gara miseensummaatti dhufan. Yerooma tokko karaa namoota obbo Daawod waliin dhihoo jiraniin gara hooggodhameti akka dhufu godhame.

Dhibbaa (Siifaan) Hangasuu utuu gara miseensummaati hin dhufiin nama ilaalcha ABO qabu jedhaman hadheeffatee balaaleeffatu dha. Addumaan walabummaa Oromiyaa akka biyya biyya diiguutti nama amanuu dha. Miseeensa KFO ture. Akka heeraa Dhaabatti namni jarmiyaa biraa keessaa garaa jarmiyaa ABO dhufu barbaadee dhaaba duraan keessaa ture irra waraqaa qulqullinaa dhiyeessuun murtii koree hojii rawwachiftu ABO'n gara miseensummaatti dhufuu qaba ture. Kun hunduu bishaan dhugee sardaadhuman koree hojii rawwachiftu konya Sudaan godhanii miseensa KFO hooggansa godhan. Waan kun rakkoo guddaa gidduu isaaniiti uume. Namootni bay'ee waan borcaa kana baqachuun keessa baqachuu jalqaban. Namoota sirreessuuf yaalan immoo mataa rukutuun maqaa barbaadanii barjaa itti maxxansuun taphaan ala gochaa turan. Keessuma erga WBO'n hooggansa olaanaa filachuun qunnamtii warra Gulallee jiran waliin addan kutuu beeksisee, namoota qunnamtii waraanaa qabu jedhanii shakkan irratti hojii diinummaa isa dhugaa rawwachaa turanii jiru. Afaaniin WBO gargaarra, ni jaallanna, ni tumsina jedhu garuu qajeelfamoota karaa hooggansa ABO-WBO dhufan tasumaa amananii hin liqimsan. Maqaa waraanaan yeroo adda addati waan argatan corachaa turanii jiru. Garuu hooggansa ABO-WBO irratti akka isaan duulaniif qajeelfama biyya keessaa karaa obbo Daawod fi karaa obboo Malkamu dhufu hojii irra oolchu. Akkasumas namoota ala kana keessatti jarmiyaa biyyaa alaa kan ofiin jedhan obbo Gashuu Lammeessaa, Kamal Qalbeessaa fi Abdallaa suleeman irras qajeelfama ni fudhatu. Kanaaf ragaan walgeetii isaan karaa tooraa zoom qopheessummaa Odaa xaasee, Shugux Galataa fi Gashuu Lammeessaa irratti isaan argamanii dubbachaa turan raga guddaa dha. Waan guddoo nama ajaa'ibu obbo Daawod yeroo hidhamee jira jedhu sana toora zoom irratti isaan mariisisaa tureera.

Gareen tokko haala kanaan yoo qumaaraa taphatu gareen biroon immoo akka waan isaan irra foxoqaanii maqaa tumsa Egeree Oromiyaa jedhun maqaa WBO tumsina jedhuun garee uumatanii sochohaa turanii jiru. Akkuma namuu beekuu tumsuu Egeree Oromiyaa morkaataa Taskforces akka tahuuf waan obbo Daawod mataan isaa Faqqadaa itti gargaaruuf tolfatee tahuu namni qabsoo kanatti dhihoo jiru ni beeka. Gareen Egeree Oromiyaa jalatti wal sassabee kun immoo waan ajaa'ibaati. Afaan qabsoo dubbatu, waraana leellisu, garuu haga Gashuu Lammeessaa fi Abbaa Daalee waliin jiraniiiti waraana obbo Daawod fa'aa ta'u isaanii ti. Waanti hedduu nama gaddisisuu immoo ijoolleen Sudaan keessatti utuu hin beekin Waraana obbo Daawod (Faqqadaa) gargaaran hedduun isaan keessa jiru. Gowwaan waan boodaan jiru hin beekuu jaalala WBO qofaaf tumsa gochuuf ijaarame garuu karaa namoota Diyaaspooraa keessa jiranii harka obbo Daawod jalaa bahu hin dandeenye. Iddoo lamatti namni qumaara taphachuu keessatti qooda guddaa qabu Sudaan keessatti Jibril Tasamaa ti. Jibri biyya keessatti obbo Daawod ni qunnama biyya alatti ammoo Gashuu Lammeessaa fi Abdetaa Hoomaa ni qunnamuun. Hojii isaan itti kennan hojjeta. Karaa hedduun dhimma itti bahu inni jalqabaa karaa golgaa advocacy group jedhamuu hojii hojjechuuf yalanii jiru. Garuu guddaa itti hin milkoofne. Hojii sana keessattis qoodni Daani'eel Bazzaabihi guddaa ture. Inni 2ffaan ammoo Dhabbata gargarsaa ORA fakkeessuun waanti yaalame ni jira. karaa sana keessattis fadaalaan waan sanii Jibriil Tasamaa ti. Jibriil Tasamaa harkaa tokkoon warra konyaa keessatti harkaa tokkon immoo tumsa Egeree Oromiyaa keessatti fadaalaa tahuun hojjechaa ture. Akkuma dheengada karaa toora zoom dubbachaa turan maqaa Jarmiyaa biyya alaa jedhun gaanfa afrikaa keessatti hojii addaaf koree ijaarrachaa akka jiran ragaan toora zoom irraa waraabamee ni jira. Achi irratti Jibriil yeroo dubbatu jarmiyaa biyyaa kanaa kan ijaaree Obbo Daawod tahuu dhugaa baheera. Egaa obbo Daawod maliif harka lamaan nyaachuu barbaadee? Daani'eel Bazzaabihi ajeja isaa jala jiraachuun gaaffii tokko hin qabu. Jibriil illee garuma sana akeekaa jira. Dubbii jirtu qaama waraana fi maqaa jarmiyaa jedhanii ala kanatti Orobertoo mugabee jalatti bakka lama jiru. Lamaan isaanii murna seeseeti. hooggansa ABO-WBO xiqqeessaa, beekamtii dhorkachaa, waraanni isaan gargaaran yoo jiraate Faqqadaa Abdiisaa fi Orobertoo Mugaabee (Daawod Ibsaa) gulallee jiruu dha. Akka toora zoom irratti Jibriil dubbateetti koreen jarmiyaa biyyaa alaa Sudaan haaraan isaan filatan Biraatuu fi Mohammad Leencaa ti. Qaamni maqaa tumsaa Egeree Oromiyaa deemuu kan adda durummaan Biratuu fi Jibriil Tasamaan keessatti qooda fudhatan kan hundeen isaa Daawod Ibsaa (Orobertoo Mugaabee) fi Gaashuu Lammeessaa tahe Uummata burjaajeessuu irra ifa baasanii ABO-WBO jalatti hojjechuu fudhachuu fi mormuu isaanii ifa gochuu qabu. Qaamni maqaa konyaa biyya Sudaniin deemuu jarmiyaan waraana qabu kan akeeka ABO ganamaa of harkaa qabu kan walummaa oromiyaa falmachaa jiru tokkicha ABO-WBO mirkaneessaanii haa fudhatan. Kanaan achi ifa baasanii diinummaa isaanii itti haa fufan. Garuu maqaa WBO'n saamuun yakka ta'uu haa beekan. Dubbiin Sudaan keessaa wal xaxxaa dha.

Kutaa 2ffaa keessatti dubbii jajjabduu hin tuqamiin qabannee dhufna.
Ilma Kaayyoo dhaan.

itti fufa......

08/19/2022

Oduu Tarkaanfii WB0 Zoonii Kibbaa konyaa Gujii Bahaa

Hagayya 17, 2022

Irreef gaachanni Uummata Oromoo WB0'n Zoonii Kibbaa konyaa gujii bahaa keessa socho'u Cibraan laga Dambii aanaa Sabbaa Boruu ganda Siree Buqqii fi ganda Utuluu giddutti woraana garboonfataa pp kan maqaa sakattaatiin bobbaate ummata nagaa goola jirtu irratti tarkaanfii cimaa fudhateen loltuu pp 8 battalatti yoo ajjeese 5 ammoo madeessuun of duuba deebisee jira

Haaluma kanaan ammasi guyyuma kana Cibraan Laga Dambii aanaa Sabbaa Boruu ganda Siree Buqqii magaalaa Buuphoo itti seenuun tarkaanfii fudhateen loltu pp 6 battalatti du'aan yoo gaggeessu 7 ol madeessuun injifannoo boonsaa galmeesse jira!!

Ittuma fufuun gaafa Hagayya 18, 2022 Gootichi Waraana Bilisummaa Orom00 WB0'n Zoonii kibbaa konyaa gujii lixaa cibraan Gooroo Dugdaa tiif Cibraan Madda Albuudaa waliin tahuun Aanaa Bulee Horaa Ganda Gaalee Magaadaatti lukeelee diinaa hattootaafi saamtota Uummata oromoo kan taatee osoo isiin humna raashina godinarraa fidduuf ila keessaa deemtuu bakka saditti haxxee hidhuudhaan ajajootaa fi dhukaastota bireenaa dabalatee nama 74 battalatti yommuu ajjeesuu 31 immoo madoo dandammii hin qamneen adabee jira.

Tarkaanfii kana keessatti Humni shiftaa Abiy Ahimed kan Godinaa dhuftu konkolaataan torba hundi haxxee seenuudhaan daaraa yommuu taatuu konkolaataan tokko immoo Boombiidhaan gubatee jira.

Gama meeshaatiin:
Qawwee AKM 7 hidhannoo guutuu wajjiin
Rasaasa bireenaa 1570
Kaazinaa 5 fi Uffataalee garaagaraa irraa hiikkatuun galii dantaa qabsoo bilisummaa oromootiif oolchee jira.

Lolli hanga bilisummaatti itti fufaa
Injifannoon hidhannoo qofaan dhufa

IUOf

Want your public figure to be the top-listed Public Figure in Philadelphia?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Address

Philadelphia, PA