Fast Generation

Fast Generation

Share

Well Come to Fast Generation‼️

04/22/2026

War of Middle East😌
Fast Generation

Photos from Fast Generation's post 04/18/2026

😭Dargaggeessi Argaa jirtu kun Faarfataa Waldaa Guutuu Wangeelaa Lakkuu Kattaa achiis Waldaa Guutuu Wangeelaa saansuusii ture.

Faarfannaan isaa baayee beekamaadha. Nama Tajaajilaa fi Hojii barbaachaaf oliif gadi fiiguu malee waa'ee siyaasaa yoo gurra murteyyuu hin beeknedha.

Maqaan isaa Eyuel Walee jedhama. Kan dhalate Godina Qeellam Wallaggaa aanaa Anfillooti. Baratee illee kutaa 12 illee hin geenye kichuudha Reefu fuudhee Abbaa Mucaa Ji'a 6 ture. Duraan Magaaluma Buraayyuu Naannoo kattaa jedhamu jiraataa ture.

Garuu Manni kiraayii itti cimnaan gara iddoo manni kiraayii qannaasuu naannoo Gafarsaatti gale.

Guyyaa Sanbataa Guddaa ganama Magaalaa Buraayyuu Ganda Gafarsaa Burayyuutti Mucaa koo fan Aannaan biteefii gala jedhee Manaa ba'ee achumaan Waldaa Waaqeffannaarra oolee Galgala keessaa sa'aatii 1tti Daandii Aspaaltii Gafarsaa irratti yeroo inni Aannaan mucaa isaaf baatee gara mana isaatti goruuf jedhu garee maafiyaa 120 ajaja Kamaander Baayisaan Basaaftuu Rooberaa fi garee isaatiin Rasaasaan Corqaatti Dhangalaafame ifatti dhiigni isaas lola'ee hafe. Eenyu akka ajjeese ijaa beekamuuf namni Waan tokko jedhe hin turre.

Gareen Maafiyaa Buraayyuu kun erga ajjeeftee booda Borumtaa isaa Reenfi isaa gaafa 10/13/2025 Iddoo Awwaalchaa Tokkummaa Amantoota Wangeelaa Dirree Sololiyaa Keellaa fi Maariyaamii Gidduu jirutti Awwaalame.

Hanga ammaa haati manaan isaa Mucaa yeroo inni Ajjeefamu ji'a 6 baattee Iddoo Awwaalchaatti marmaartee Boossi Suuraa isheen karaa tiktokii isaa mamaxxansitu Garaa namaa Raasa baayee nama guba. Amma haati manaan isaas mucaan isaas Waan nyaatan waan kiraayii manaallee kaffalatan dhabanii namummaa keessaa ba'aniiru.

😭Wanta buraayyuutti ta'e nama miti Laggeen fi Bosonni Buraayyuu Waraabbeessi Buraayyuu haa dubbatu.
Fast Generation

04/17/2026

የአምቦ ማፍያዎቹ መስራችና አባት (ከንቲባው)
Fast Generation

04/17/2026

😌Diinaa'ol Qabaataa ykn Jifaaraan Dubartoota Gara Biyya ormaattin isin erga jedhee Goyyomsaa oola. Daddabarsa Namoota Seeraan alaatiif kun ka'umsa Waan ta'u natti fakkaata🙏
Fast Generation

04/17/2026

😌INSPEEKTAR BAAY'ISAA QALBEESSAA: BULGUU BURRAAYYUU😢

Nama kana kaleessa suuraa isaa maxxansee warri Burraayyuu hamtuufi toltuu isaa irratti yaada akka kennatan gaafachuu kiyya ni yaadattu. Yaada kennames ilaaluuf carraa argattan jedheen abdadha. Waa'ee poolisicha kanaa komiin gama keessaan naaf dhufaa ture dubbisuufi dhagayuuf waan nama suukenneessuu ture. Mee hammeenyi nama kanaa namoota muraasa komii natti ergan sanarratti kan murtaa'e moo ummata guututu beeka kan jedhu hubachuufin yaada jiraattota Burrayyuu gaafachuuf ifatti maxxansee ture.

Polisiin kun Inispeektar Baay'isaa Qalbeessaa jedhama. Waggoota darbaniif ulchiinsa magaalaa Shaggar, Kutaa magaalaa Burraayyuu buufataalee poolisii Kattaa, Gafarsa Noonnoo, Aashawaa Meedaa kkf hojjachaa ture. Ajjeechaa, reebicha, gudeeddiifi saamicha naannawa Burrayyuutti waggoota saddeettan dabraniif raaw'atamaa turan keessa adda durumaan hirmaachaa ture. Yoo yaadattan Komishinar Solomoon Taaddasaa ajjeefamee guyyoota muraasa dura dargaggeeyyiin gara 20 ta'an qabamanii ajjeefamuun laggeenn naannawa Burrayyuu jiranitti gatamanii turan. Ajjeechaa san adda durummaan kan raaw'ate poolisicha kana ture.

Akkasumas duula Oromoota gama Lixa Oromiyaa irraa dhufan loqodaafi waraqaa eenyummaatiin addaan baasanii qabuun, hidhuu, ajjeesuufi reebuu san keessatti shoora guddaa qabaachaa ture. Manneen hidhaa naannawa Burraayyuu keessaa namoota heddu fuudhee achi-buutee isaanii dhabamsiise. Isaafi gareen inni hogganu wanti fokkuun ittiin beekkaman kan biraa dhiira gudeeduudha. Keessattuu nama maallaqa wayyaa qabu yoo ta'e, gudeedaa viidiyoo waraabanii, interneetitti facaasuuf doorsisuun maallaqa irraa guurratu. Yakkiifi hammeenyi poolisicha kanaa himamee hin dhumu. Dabalata yoo barbaaddan, dhaamsa jiraattonni Burraayyuu inni itti taphataa ture ergan armaan gaditti ilaalaa. Yoo shakkiin isinitti hafte ammoo namuma beektan kamuu bilbilaa odeeffadhaa.

Ohh nan irraanfadhe, Inspeektar Baay'isaan bu'ureessitoota garee ajjeechaa "Team Bakakkaa" jedhamuu keessaa tokko. Kanaafiidha, ummata sivili dhiisii ajajonni polisii taaytaan isaan oliituu sodaa isaatiin ol jedhanii isa hin ilaalan.

=======---=======---=====

Poolisii kana jechuun dhuguma, dhugaan ilmoo waaqaati, Kaabinee kadhattuufi Raayyaa miidiyaa as jala waccuun ala waan hawwaasni Buraayyuu gama gamanni beeku, Nama dhiigniifi dhaqni foon ilma namaa waaqa biratti biratti lakkaa'ame gatii ni qaba yoo ta'eef, dhiigni dargaggoota Buraayyuu Parsantiin 50% ol namitti kana harkatti dhangala'e. Kun dhugaa biyyi ragaa ba'udha. Nama miti bineensa dhiiga nama soorratudha jennee yoo ibsinelle itti xiqqaata.
Raayyaan miidiyaa Ofuman hin alba'ina garaa duwwaa. kana dhugaa biyyi guutuun sirritti bareeche beekudha. Wal nama tazzabsiisa.
=========——=========
Waa Poolisichi kun Burraayyuu godhe namaa mitii bishaan laga Gafarsaa haa himu!

=====—==========
Kan lagaa fi gandaan nama qoode ilmaan namoota baay’ee laga gafaarsa irraatti geessee ajjeessa ture.
Yeroo komishiner solomon ajjeefame sababa godhaate namoota manabaase ajjeessa ture. Hanga amma nama inni ajjeesse maatiin du’aafi jiraa isaa walaalee bakkee ilaalaa jira.
Firawu kaasaa kan jedhamu bakka buuten isaa dhabamee haafe hanga haar’aa.
=======——========

Maxxansa ammaa kana argeeni.
gurbaan ati maxxansite kun Poolisii idilee magaalaa buraayyuu kutaa garaagaraa hogganaa turte.
Maqaan isaa Baay'isaa jedhama.
Fknf Buraayyuu kattaa waajira poolisii aanaa 2, Gafarsaa buraayyuu waajira poolisii aanaa 3, Gafarsaa noonnoo/ ashawaa meedaa/ waajira poolisii aanaa 1.
Bara 2010 eegalee magaalaa buraayyuu keessatti namni gurbaa kanaan hin reebamne, namni lafee hin cabene, namni dhiiga hin loolaafamne tokko hin jiru.
Halkaniif guyyaa hojiin isaa nama reebuudha, sababa malee ji'ootaaf si hidha.
Hidhamaa gaafachuu yoo deemte si reeba.
Waaqni nama kana lubbuun turse dhuma isaa akka godhu hin beeku.
Sababan poolisii jibbee hafeef sababa nama kanaati.
Ati oromoo taanaan situ diina isaati.
Osoo seerri akka gaariitti hojiirra oolee namni kun hidhamaa umurii guutuuti.

=======—========
Uuuuuuuu Jawweko Namni Cubbamaan Lafa Kanarratti Poolisii Kana Caalu hin jiru! Ragaa wajjin siif kennuu nan dandaha.
Yeroo Darbe Magala Shaggar Kutaa Magaalaa Furiitti Nama Rasaasaan ajjeese. Ni hidhama Osoo jennuu Ararsa Mardasa Eessuma kooti Namni na hidhu hin jiru jedhe. Turtii yeroo booda Burayu tti as deebisanii Uummata gidirsaa jiru! Namni kun Cubbamaa Nama hundaan Oliiti . Kasaye harka 100 Caalaa Cubbamaadha
===========

Poolisiin kun Lubbuu Nama baay’ee baaseera maaloo maaloo Ararsa Mardasa Eessuma kooti jedhee waan Inni lafa kana irratti godheeru eenyu iyyuu hin goone dhugaa Rabbii Kasayetti dachaa meeqa deebi’a Uuuuuuuuuuuuuu

======—=====
Waan poolisiin baay'isa ati post goote sun nu goote, Waaqayyo haa faradu

=======•••••••=======
“ጃ Akkam nagaa keeti jirta Diima kiyya ani hojjetaa mootummaati polisin kun Baayisaa jedhama. yeroo jalqabaa akkuma lammaan aangoo irraa bu'een yeroo wallagga shanee jedhani farrajaa turan sana naannoo filannoo osoo hin gahiin namuma wallaggaa dhufe hunda qabee hidhee akka barbaade gocha ture ittuma fufee innis ta'u didnan Uummata lestiroo irraa kaase nama itti dhufe ni hidha ni reeba mana puulii,mana nyaata ,mana bunaa inni shiraan hin cufne hin jiru, animmoo akka tasa hojiin kiyya filannoof gargaarsa waan godhuuf osoon achi deema jiru na qabee guyyaa 10 'n na hidhee hanga quufutti na reebe habga amma dugdi kiyya na dhukkuba isayyuu hidhamtootni keessa jiran iyyinaan na dhiise waajjira polisiitti ol na galchee isayyuu waajjira irraa waraqaan dhufee gadi na gadhiise ,maafia'n isa caale hin jiru.”

========—=======
an burraayyu jiraadha.waa'ee poliisi baayisa ati kastee amma dhugaadha.abjuudhan hiribbaa keessa wareera ture bishaan gafarsaa osoo in dubbaata ta'ee waan baay'eetu jira .
======—==========
Ani kutaa magaala Buraayyuun jiraadha Namichi Amma ati eerte kun Baayyisaa jedhama Nama yakkamaadha, Nama namaaf naatoo hin qabne Hiyyeessi jiraachuu dadhabeera bar asitti nama itti himannu dhabne malee rakkoo hamaa keessa jirra sagalee nuuf ta'i.

========
Hiriyakoo naman baye jalladhuu barsisa tomaas getachow kabaa 2fa motii tesso nama gidda horroo 3faa matiwos baqqala shanbuu namonni bishan gafarsatii ajjefamani gatamaan kana qofa mitii heddudhaa marsa tokkofaa marsa lammafa marssa sadaffa jedhanii hamma marsa 5 shanitti issi fufani ajjesa turaan hogganan wankana rawata turee bayisaa fii nugusee fii damuus tiraan burayyuu tii

======——=======
Rabbi Uumaan Siin Uume haa Ulfaatu. Uummata kanaaf Sagalee tahuu keef Eebbifami ! Waa’een Warra Buraayyuu Ammas vedio hedduutu jira kan Poolisii Baayisaa

=======—========
Poolisii baayisaa jedhaam waggaa darbee 2017 keessa osoon taskii egaa jiruu ashaa meedaa dhaa ijoolee lamma tanee dhabachaa jiruu atii essa dhuftee siin ajeesa jedhee lamman keenya fudhee deeme Uffataa nurraa yasee Poolisii nama 5 fi milishaa 2 tahaan nuu rukkuchaa turaan halkaan keessa sa'aati 3 moo mana hidhaa keessa nuu basee godaatin sin ajeesa jedhee osoo nuu fudhaani deemuf jedheen itti gafatamtuun isaani essaan dhaqtuu jenan zim jedheen dafati bahaa amma nun jetee Silkii keenya fi birrii qabnuu nurraa fudhani waan baayyeedha yoo barbachisaa ta'ee suuraa wajjin ergaan
======—=======
Namitiin Baayisaa jedhan kun duraan Q P Malkaa gaffarsaarra ture,achiti dhala nama waanta inni hin godhin hin jiru ijoolle nagaa shanee jedhee utuu reebu gogaa irra quncisee mata buruqsee dhiiga irra yeroo inni kutu ija kootinan arge.amma immoo Buraayyuu malkaa noonnooti abba fedhe hidhee abba fedhe hiika,qarshii amma fedhe namara fudhate mana hidhaati nama hanbisa,Ijoolle makalaka'a turanii deninati ta'an lama samichaan shakkamanii hidhaman kuma dhibba shan kaffalchiise ka'e Daalatiiti erge ijjoollen sun lamaan Amboodha.Namni nagaan sababii bayyisaatif hidhaa jiru meeqadha.

======—=======——=======

Namiitti amma ati post goote turte tokko irratti yaadan qaba . An buurraayyuu jiraadhan ture guyyaa tokko waaree booda utuu karaarra deemnu namoota baay’ee deemnu keessa waraaqa eenyuummaa koo ilaalani na fudhatani deeman sanan booda waanan hin beeknen ji’oota 2f reebichaaf daraara meeqa narratti rawwatani maatiin qarshii kaffaluun na baasan. Utuu reebani kan ajjeessan danuudha waanti buurraayyuu , kattaa fi ashawwaa meedaa keessatti rawwatamu waan dubbatamu miti . Namicha kanaa wajiin kan hojjetu Bilissummaa kan jedhamu amma biyyaa Germany jira. Waanti isaan ilma nama namaa irratti hojjetan dubbachuun ni ulfaata.

Ana miti maatii koof gaarii waan hin taaneef akka hin mulhiifne maqaakoo

Nagaa wajiin
======—========
dhugaan sin jedha namichi Insperktar Baay’isaa jedhamu kun nama inni utuu reebuu ajjeese jira…kan inni ija jaamsee jira.
Namichi inni ija jaamseyyuu dhaqee himatee koomishiniin mirga namoomaa illee dhimma isaa qabatee achumaan ukkaamsanii hambisan!

=======—========
Inspector baayisaan hoogganaa ko ture an miseensa polisii oromiyaan ture guyyaa tokko bara2011 ajaja baayisaadhaan buraayyuu kattaa hanga dirree sololi'aa ga'utti uummata daandiirra jiru galgala lafaatti kan dabaddaabaa turre kaan boruuskaa an caccabsaa turre dirree solooliyaa gaafa geenya warra kuwaasii ilaalaa jiran akka malee reebnee mana sana caccabsinee baanee gaafa achi duuba deebinee warra sargii tokkotti buraayyuu maarami kan jedhamutti dargaggoota cidha irra jiran akka malee yoo reebnu ofirraa nu ittifata ariyanii qajeelcha booliisii kan godinaatti nu galchan.

Kana booda dhaaba nuun jedhu' kan lammeessoo makiinaa hatamtee dhufte ani nan qabe hiriyyaa koo tokko hiriyyaa koo wajjin qabnee waajjira geessine nama makiinaa kanaa shakkame gadi lakkisan na hidhan hojiirras na gaggeessan konkolaataa sana waggaa tokko arga dhaabbate booda gurguratanii qarshiisaa hirmatan kana hunda kan godhe inspector baayisaa fi caasaa inni ijaarrateedha caasaan isaanii hanga gaaraatti jira anis kanumarraatiin hojiirraan gaggeeffameen haqa koos dhabee namatti iyyadhu dhabee waardiyyaa nama dhuunfaa ta'een jira' nama wallagga ta'e arginaan biraa hin darban akka malee reebu akka malee reebu ajjeessu kan fannifames jira namoota qabeenya qaban maqaa shaneetiin samaa turan kana qofa miti inspector hayilee kan jedhamu ajajaba poolisii ittisa yakka anaa 3ffaa ammaati innis kan kanaan oliiti akka baay isaa fi haylee buraayyuu kana jiraachuu ummata keenya jibbu tokkoyyuu hin jiru😢
Fast Generation

Photos from Fast Generation's post 04/17/2026

😌Dr Abiy Kantiibaa Magaalaa Amboo kana hin buqqiftan taanaan Waan Ambo Qabsootti isiniif deebi'a Bu*oo baayeetu jira😌
Fast Generation

Photos from Fast Generation's post 04/17/2026

😌Gartuu Maa*iyaa Amboo fi Gochoota Fokkisaa isaanii Ajajoota isaanii wajjin😌
Fast Generation

04/17/2026

😌Poolisiin Magaalaa Buraayyuutti Argaa ooltan kun eenyu? Hojiin isaa maali Warri Buraayyuu inbox nuuf godhaa🙏
Fast Generation

Photos from Fast Generation's post 04/17/2026

😌Isumayyuu Ija dhiibee Miidiyaatti ba'ee nu Ula Wanbadoota Amboo kan gurmeesse isaa fi Itti Gaafatamaa dhimma Nageenyaa Ambooti seeratti nuuf dhiyaachuu qaba🙏
Fast Generation

04/15/2026

🔥Hormuz strait🔥
Fast Generation

04/15/2026

🤣አቤት ጉድ🤣
Fast Generation

Want your business to be the top-listed Media Company in Minneapolis?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Address


France
Minneapolis, MN