Boonaa Qeerroo Rasuulaa ﷺ

Boonaa Qeerroo Rasuulaa ﷺ

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Boonaa Qeerroo Rasuulaa ﷺ, Public Figure, Dallas, TX.

06/04/2023

يَٰٓأَيُّهَا ٱلنَّاسُ إِنَّا خَلَقْنَٰكُم مِّن ذَكَرٍ وَأُنثَىٰ وَجَعَلْنَٰكُمْ شُعُوبًا وَقَبَآئِلَ لِتَعَارَفُوٓا۟ۚ إِنَّ أَكْرَمَكُمْ عِندَ ٱللَّهِ أَتْقَىٰكُمْۚ إِنَّ ٱللَّهَ عَلِيمٌ خَبِيرٌ

"Yaa namootaa! Nuti dhiiraafi dubartii irraa isin uumneeti, akka wal beeytaniif jecha sabootaafi gosoota isin taasifne Rabbiin biratti irra kabajamaan (Caalaan) keessan, nama Rabbii sodaatu dha, Rabbiin beekaa keessa hubataadha."

Al-Hujurat 49:13

04/20/2023

اللَّهُمَّ إِنَّكَ عَفُوٌّ تُحِبُّ الْعَفْوَ فَاعْفُ عَنِّي

04/13/2023

Ergamaan Rabbii (ﷺ) akkana ja'e;
"Laylatul Qadri halkan Ramadaana kurnan boodaa keessatti barbaadaa." (I.e., Halkan 21, 23, 25, 27, 29).

Sahih Al-Bukhari.

03/28/2023

Zaid bin Khalid Al-Juhani irraa odeefame (Rabbiin ol tahe isa irraa haa Jaalatu);

Ergamaan Rabbii (ﷺ) akkana ja'an; "Namni nama somanaan ooleef nyaataa qopheesse (fursiise), nama san waliin galata(mindaa) wal qixa qaba minda nama inni fursiisee san irraa wanti tokkolleen osoo hin irratin.

At-Tirmizii 807 (Sahih).

03/28/2023

Abdullah Ibn Abbas (رضى الله عنهما)
Irraa odeefame; Nabiyyiin (ﷺ) namoota keessaa akkaan arjaa ture, Ji'a Ramadanaa keessa yeroo Jibril isa bira dhufu caalatti arjaa dha. halkan Ramadaanaa hunda Jibril (A.S) isa bira dhufuu ture hamma jiini dhumutti. Nabiyyiin(ﷺ) Qur’aana Jibriliif qara'uu ture, yeroo jibril isaan wal argu immoo qilleensa saffisaa caala arjaa dha.

Sahih Al-Bukhari 1902

03/27/2023

Abu Hureeyrah irraa Odeefame (رضى الله عنه),
Ergamaan Rabbii (ﷺ) akkana ja'an; "Gabricha Rabbii kamuu kan guyyaa tokko Rabbiif jecha sooma soome, Rabbiin fuula isaa ibidda irraa ni fageessa, fageenya waggaa torbatami."

Bukhari & Muslim 1153 a, an-Nasa'i 2244.
Ibn Majah 1717

03/26/2023

Abbaa Hureeyraa irraa odeefame (رضى الله عنه),

Ergamaan Rabbii (ﷺ) akkana ja'e;
Rabbiin ol tahe akkana jedhe; "Dalagaan ilmaan Adam hundi tan isaaniti somana male, Soomanni kiyya, kanaaf nama somane galata isaa Anaatu galcha."

Sahih al-Bukhari 1904

03/26/2023

Abbaa Hureeyraa irraa odeefame (رضى الله عنه),
Ergamaan Rabbii ﷺ akkana ja'e;
"Somanni gaachena kanaaf namni soome jaartii wajjiin wal-qunnamtii saalaa godhuu dhiisuu (guyyaa jechuu), jecha hamaa jechuu dhiisuu.
yoo namni isaan lole yeroo lama soomaan qaba haa ja'u." Nabiyyiin ﷺ itti dabaluun ni ja'e, "Rabbii lubbuun tiyya harka isaa jirtuun kakkadha, Rabbiin biratti shurufkaa afaan nama sooma someeti bahuutu urgaa Miskii tirra caala.
Rabbiin ol tahe ni ja'e; "Anaaf jecha nyaataa fi dhugaatii fi fedhii isaa dhiise. Somanni kiyya nama soome galata isaa Anaatu galcha, dalagaan gaariin kudhaniin baayyifama."

Sahih Al-Bukhari 1894

03/26/2023

Abu Hureeyrah irraa Odeefame (Rabbiin ol tahe isa irraa haa Jaalatu),

Ergamaan Rabbii ﷺ akkana ja'an;
"Nama somaneef gammachuu lamaatu jira, gammachuu yeroo somana furuu fi gammachuu yeroo Rabbii isaa argu."

Bukhari& Muslim, Malik, At-Tirmizii, An-Nasa'i fi Ibn Majah.

03/23/2023

Abu Huraira irraa Odeefame (Rabbiin ol tahe isa irraa haa Jaalatu)

Nabiyyiin (ﷺ) akkana ja'e;
"Namni dubbii sobaa fi gocha badaa hin dhiifnne,
nyaata fi dhugaatii dhiisuu isaa irraa Rabbiin haajaa hin qabu. [Fkn.Rabbiin sooma isaa isarraa hin qeebalu]."

[Sahih Al-Bukhari 1903]

03/22/2023

As wr wb.

Sahl bin sa'd irraa odeefame (Rabbiin irraa haa jaalatu), Nabiyyiin ﷺ akkana ja'e;
"Jannata keessa hulaa Ar rayyaan ja'amtutu jira,
hulaa saniin nama soomane qofaatu guyyaa qiyaamaa achiin Seena, isaan malee
namni achiin seenu hin jiru.
Akkana ja'aniin mee warri soomana soomane
ja'aniin, labeeyka ja'anii lafaa ka'an,
Hulaa saniin seenan, isaan malee namuu
achiin hin seenu, eega isaan seenanii hulaan san ni cufamti, isaan booda namuu achiin hin seenu."

Sahih Bukhari 1896

03/22/2023

Ar-Raiyan a gate in Paradise.

Narrated Sahl:

The Prophet (ﷺ) said, "There is a gate in Paradise called Ar-Raiyan, and those who observe fasts will enter through it on the Day of Resurrection and none except them will enter through it. It will be said, 'Where are those who used to observe fasts?' They will get up, and none except them will enter through it. After their entry the gate will be closed and nobody will enter through it."

Sahih al-Bukhari 1896

Want your public figure to be the top-listed Public Figure in Dallas?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Website

Address


Dallas, TX