Nur pharmacy
24hr online marketing
Dawaa kamu ajaaja ogessaan Alaa fudhachuun dhorgadha!!!
Nur pharmacy 24hr online marketing
05/07/2021
Taateewwan ijoo jaha Artiist Haacaaluu Hundeessaa ittiin yaadatamu
Albamiin xumuraa weellisaa Hacaaluu Hundeessaa jalqaba torban kana ture bakka keessummoonni hedduu argamanitti magaalaa Finfinnee keessatti kan eebbifame.
Weellisaan kuni waggaa darbe ganna 34’n osoo hin ajjeefamiin dura hojiiwwan ittiin yaadatamuu hedduu dalageera.
Kanneen keessaa jaalattoonniifi hordoftoonni isaa kan yaadatan jenne jaha qixeessineerra.
Jahan keessaa kan xumuraa gaaffiifi deebii OMN waliin taasiseefi namni hedduun daawwatedha.
Qeeqxonni isaa 'qabsoo gatee qarshiin bitame’ jedhanii himannaa irratti kaasaniif deebii kenne.
Kan kana akeekuu fakkaatun sagantaa eebba albama isaa irratti haati warraa isaa Faantu Damissoo ergaa dabarsitee turte.
''Namoonni biyya keessaafi alaa maqaa isaatiin daldaltan, gara barbaaddanitti ooftan dhaabaa. Warri inni yeroo lubbuun jiru diina isaa taatanii ammammoo fira isaa fakkaattan of duuba deebi'aa,'' jechuun dhaamte.
Hacaaluun waggaa dura gaaffiifi deebii OMN waliin taasiseen jechi dubbateefi namoonni hedduu yaadatan ‘‘Ani Oromoof qaaliidha” kan jedhu ture.
Suuraa: OMN
Gabaasa guutuu: https://bbc.in/3hxOnyf
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Website
Address
Robe Arsi
Robe