Hidhata Insight

Hidhata Insight

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Hidhata Insight, O4, Harar.

11/09/2025

Kaayyoo Dhoksaa Sirna (System) Barnootaan Duuba Jiru--Waggaa Waggaadhan maaf umrii kee irra jia 5 shan lafatti fixxa beettaa🙂Dubbisi mee barreeffama armaan gadi kana
Sirna Hawaasaa (To’annoo Uummataa)

Mana barumsaa keessatti: ciisi, seera hordofi, eeyyama eegi, aangoo fudhadhu jedhanii barsiisu.
Qorumsaan biizii si godhanii ati yoos carraa waahee jireenya keeti yaaduu hin argattu.
Kunis lammii amanamaa fi tasgabbooftuu uuma, warra waa mormu hin dandeenye.

Kun “poolisii laafaa” fakkaata – namni humnaan osoo hin ta’in, aadaa ijoollummaa irraa itti fe`ameen to’atama.

Sirna Dinagdee (Qabeenya Hojjettoota)

Sirna barnootaa ammayyaa yeroo Qorannoo Indaastirii keessatti ijaarame.

Kaayyoon isaa dandeettii namootaa hiiku osoo hin taane, hojjattoota afoola, manneen hojii fi mootummaa keessatti hojjatan qopheessudha ture.

Namni barate hojii barbaada (hojii uumu osoo hin taane), kunis dinagdeewwan abbootii qabeenyaa harka jiruu akka eeguu isa taasisa malee akka ofii isaaf sooramu hin taasisuun.

Ittisa Ragaa (Credential Gatekeeping)

Digrii carraaaf akka “passport” godhanii, sammuu namaa jaamsu .

Carra hin qabdu yoo dandeettii qabaatallee, ragaa barnootaa yoo hin qabne, balbala cufama.

Kunis dhaabbileen akka abbootii carraa ta’an mirkaneessa.

Tursiisa Bilisummaa

Ijoolleen barnoota waggaa 15–20 keessatti tursiisuun, isaan akka hooggantoota sirna keessa jiran waliin dorgoman gufachiisa.

Yeroo barnoota fixxanitti, hanqinna qarshii, itti gaafatamummaa maatii, ykn hirkannaadhaf saaxilamu, kunis sirna akka mormuu hin dandeenye isaan taasisa.

Gabrummaa Filatamaa

Wanti baratamu wanta ati barbaaddu, osoo hin taane wanta isaan dhuguman akka ati barattu barbaadaniidha.

Mana barumsaa keessatti qarshii, aangoo, waahee miidiyaa, fi of to’achuu hin barsiisan – sababni isaa, hunduu kana yoo beekan, tarii sirna isaanii irratti fincilli kahuu dandaha.

Akka tasgabbooftu si barsiisu, garuu bilisummaan akka ati hin jiraanne sirratti hujjatu.

To’annoo Sodaatiin/Barnoonni sirni isaa akka sodaattuu si godhutti hujjatame.

Sadarkaa, qorumsa fi digriin soda kufaatii uuma.

Sodaan sun namoota akka of hin taane godha, sodaa carraa fudhachuu qabu, akka nageenya barbaadan taasisa.

Yeroo booda, Hojii daldala yaalu caalaa hojii mootummaa ykn namaaf hujjatu filatu… Aangoo mormuu caalaa cal’isuu filatu

Eenyummaa Biyyaalessaa fi Amanamummaa

Barnoonni akkasumas akka biyyaaf, jaalala, sirna, mootummaa dhaf amanamuu qabdu si barsiisa

Sababni Namoonni Hedduun waan kana Hin Beekneef
Sababni isaa akkamitti akka yaaduu qaban soo hin taanee maal akka yaaduu qabaniif waggoota 15-20 barsiifama turan.

System barnoota yunivarsiiti dhaloota hogganama uuma malee hogganaa hin uumuu.

Jireenya isaanii daanga ofitti godhuudhan, furmaanni tokkichi barnoota dabalu (Master’s, PhD) jechuudhan amanu.
Nama muraasatu gaafii, Eenyutu sirna kanaan bu’aa argata? jedhee of gaafata

Kanaaf bu`aan barnootaa yunivarsiitii duuba jiru:

Mootummaadhaf lammii ajajaman uumuu.

Dinagdeewwan hojjettoota madaalawaa ta’anin ni eega, hujjachiisa osoo hin taane hujjata si godha.

Elitootadhaf uummata ofiin of qopheessuu hin dandeenye uumaf. Dubbisuu keessaniif galatooma--MEE YAADA KEESSANIS KOOMANTII IRRA NAAF KAAWA--

Want your school to be the top-listed School/college in Harar?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Culinary Team

Attire

Address

O4
Harar