Moha Vision

Moha Vision

Share

🎨 Graphic Design & Calligraphy 📖Simplified Tajweed Lessons🌍Serving clients & students worldwide!

15/06/2026

Barri Haarayni Hijraa Galgala kana Seenee Jira. Salaasaa/Kibxata Boruu Muharram 1 Hijraa 1448 dha. Seensa Waggaa Haarayaa, Alhamdulillaah!

Moha Vision Follow Godhaa Barnoota Asirraa Argattan Itti Fayyadamaa Galatoomaa!

15/06/2026

Ameerikaan dirqamtee Iiraan waliin lola dhaabdee jirti. Addunyaan guutuun kanaaf gammachuu qabdi. Israa’iil garuu jeeqamaa jirti. Hogganoonni siyaasaafi dhaabbilee Israa’iil Miidiyaa biyyattiirraa jechaan wal diraa jiran.

“Maaliif lolli dhaabbata? bu’aa maal irraa buufanne? Kanaaf qabeenyaafi lubbuu san mara kasaarree? Kanaaf akka addunyaatti firaafi diina birattiis qubni nutti qabamaa turee? Osoo humna qabnuu kana mudannaa? Tun injifannoo Yahuudaan maltee miti, salphina kanaan siitu nu gahe, lakkii siitu ilma abaarsaati biyya teenya sadarkaa dhoowwite, lakkii siitu akkasi, siitu akkana..” wal arrabsaa jiran.

Eegaa Israa’iil lola malee jiraatuu hin dandeessu. Israa’iil hundeeffama isiirraa kaasee jiddugal lafaatti baroota 80 dabraniif lola Kuma 700 ol bantee lubbuu ummata nagayaa balleessaa baate. Duguuggaa aadaa godhatte. Amma garuu guyyarraa haalli itti dhiphataa, mijjaawuuf didaa jira.

08/06/2026

لا إله إلا أنت سبحانك إني كنت من الظالمين

28/05/2026

#عاجل | القيادة المركزية الأمريكية: لم يتم إسقاط أي طائرة أمريكية بالقرب من بوشهر

26/05/2026

Ayyaama Tashriiq (Guyyoota 3n Iidaa)

Ayyaamu-ttashriiq, guyyoota guyyaa Iid al Ad-haatti aanan 3n ji'a ZulHijjaa keessa jirani. Isaanis ZulHijjaa guyyaa 11, 12 fi 13ti.

Sadarkaa guyyoota kanaa laalchisee Qur’aanaa fi Hadiisa Ergamaa Rabbii Nabi Muhammad ﷺ irraa qabxiiwwan tokko tokko ...

Rabbiin Qur’aana isaati guyyoota kana laalchisee akkas jedhe..

*وَاذْكُرُوا اللَّهَ فِي أَيَّامٍ مَّعْدُودَاتٍ*

{Guyyoota lakkaawamoo san keessa Rabbi yaadadhaa} (al-Baqarah 2:203)

Guyyoota lakkaawamoo kana hayyoonni Islaamaa hedduun guyyoota 3n Iid al Ad-haa booda jiran (Ayyaamu-ttashriiq) tahuu irratti waliif galan. Ergamaan Rabbii Nabi Muhammad ﷺ guyyoota kana ilaalchisee Hadiisa isaatiin

{Guyyoonni sun kan nyaataa, dhugaatii fi Rabbiin itti yaadatani} jedhe.

Guyyoota kanniin keessa sagalee ol fuudhanii Salaata hunda booda Takbiirtaa godhuun kanaa fi karaa taate. Akka Rabbii yaadannuufi! Qalmi Ud-hiyyaa guyyoota 3n kana itti fufa. Yeroo tanattiis ALLHU AKBAR jechaa Rabbii guddisan.

Hujaajjoonnis guyyoota 3n kana Takbiirtaa godhaa (Rabbii guddisaa) dhagaa Jamaraatti darbatan. Guyyoonni kunniin guyyoota nyaatanii dhuganii keessatti gammadan waan taheef soomanuun dhoorkaadha.

Ergamaan Rabbii Nabi Muhammad ﷺ Guyyoota nyaataa, dhugaatii fi Rabbiin itti yaadattan sanitti hin soomaninaa} jedhe.

NUURALHUDAA
Soora Qalbii Muslimaa

25/05/2026

Takbiiraa guyyoota kurnan Zul-Hijjaa muqayyadiifi muxlaq qaba.

Category

Art

Address

Harar
3200

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Moha Vision posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Subscribe

We will notify you when anything happens in Harar.