Jissaa Sabaa
Onnee kenyaa qur'anan Qalbii kenyaa
imanaan Rabbiin Nuf haa gutuuπ€²
Salluu ala nabii #Muhammad πSβΊAβΊWπο·Ίο·Ίο·Ί
08/08/2025
NAMA RABBI SODAATU RABBIIN WAA 4 ISAAF TAHA
β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’β’
1: Karaa furmaataa isaa godha
2: Amrii isaa isaaf laaffisa
3: Dilii isaa isaaf dhiisa/Maara
4: Sawaaba isaa isaaf guddisa
Namni Waa 4 Dalage isaaniif nageenyi tahaadha isaan warra Qajeelerraahi
1: Nama kennaa argate irratti galata galchu
2: Mokkoramee/Balaa adda addaa itti buutee Obse
3: Nama nama Miidhee Araarama gaafate
4: Nama ofii Miidhamee Irra namaaf kute yookaan Dhiifama godheef
Namni waa 4 dalage Imaanni isaa guutame
1: Rabbiif jecha jaalachuu
2: Rabbiif jecha jibbuu
3: Rabbiif jecha kennaa kennachuu
4: Rabbiif jecha Dhoowwachuu
Waa 4 Sabachiiftuu ykn Raggaasiftuu Jannataa ti
1: Nyaata Nyaachisuu
2: Salaamtaa facaasuu
3: Jecha ykn Haasawa toluu
4: Salaata Halkanii dhaabbachuu
Namni 4 jannata hin seenu
1: Doqna ykn Dooyna
2: Ganaa Namaa ykn Nama Baaylama diigu
3: Beekaa beekkumsatti hin dalagne
4: Nama Horii walitti qabaa tahe kan Haqa isaa irraa hin baafne
Inshaa Allaah Rabbiin Toowfiiqa Nuuf haa kennu! Yaqiina Dhugaa san Rabbiin nuuf haa kennu.
Maxxansaa kankoo kana Rabbi qoftiin narraa jaalannaan anaaf gahaadha!
Barreeffama kana erga dubbistanii xumurtan boodaan waliif Share godhaa.
02/08/2025
Qoricha | Abbaa Manaa Ishee Ajjeese!
ββββββ° β°ββββ
β Guyyaa tokko intalli tokko gaa'ela ishee irraa abdii kutattee abbaa manaa ishee ajjeesuu barbaaddee halkan utuu yaadduu bultee barii isaa akkamitti akka namni tokko utuu ishee irratti hin beekin ajjeesuu dandeessu fala barbaacha gara harmee ishee deemte, harmee ishee bira deemtee marii jalqabde, haati ishees "Utuu namni tokko sirratti hin beekin karaa itti ajjeesuu dandeessu sittan hima garuu atis dursa wanta gochuu qabdutu jira..."
β¨ : Jalqaba abbaa manaa kee waliin araaramuu qabda. Sababni isaas otuu dubbiin isin gidduu hin jiraatin yoo du'e namni situ ajjeese jedhee si shakka.
β¨ : Of qulqulleessitee abbaa manaa keetti miidhagduu bareedduu taatee argamuu qabda.
β¨ : Kunuunsa gaarii godhiifi; kabaja kenniif waan ati isatti yaadde akka si hin shakkineef.
β¨ : Obsiitii taa'i! Jaalala kenni! Hinaaffaa/waanyoo kee hir'isi! Waan inni dubbatu gurra kenniifi dhaggeeffadhu!
β¨ : Maallaqa si harka jiru hundumaa utuu hin hambisin, isa gammachiisuuf godhi!
β¨ : Eenyumtuu ajjeeste jedhee akka hin yaadne sagaleen mormisiisu hin dhaga'amin! Jechi nagaa fi jaalalaa qofti afaan kee keessaa haa ba'u hamma ajjeestu qofatti.
Qabxiiwwan 6n kana hojiirra oolchi jettee haati intala ishee kana gorsite.
β Intallis "rakkoo hin qabu harmee isa akkan itti ajjeesuu
danda'u qofa haa ta'u malee" jette intalli.
β Haatis "yoo akkas ta'e maal akka gochuu dandeessu sittan hima sirriitti na dhaggeeffadhu!" jette haati.
β Intallis sirriti hordofuu eegalte.
β Haati "summii kana nyaata isaa keessa guyyaa guyyaadhan xixiqqeessi kaa'i! suuta suutan dadhabsiisee ajjeesa" jettee haati summii kana intala isheef kennite.
β Intallis gammadaa summii kana fudhattee gara mana isheetti qajeelte akkuma haati ishee gorsitetti qabxiiwwan 6n kana hojjechaa summicha nyaatatti makuun abbaa manaa isheef kennuu jalqabde baatii booda boo'aa gara haadha ishee dhuftee,...
β "Harmee amma abbaa
manaa koo ajjeesuu hin fedhu baay'ee
02/08/2025
AKKA DUUTU YAADDEE BEEKTAA?
β¬β¬β¬β¬β¬β¬β¬β¬β¬===========
β Jiraachuuf jettee sobda.
β Nyaachuuf jettee hatta.
β Gammachuudhaaf jettee ejjita.
β Boonaa ta'uudhaaf fiigda.
β Sooressa ta'uuf dhagaan ati gara hin galchine hin jiru.
β Keessan jiraadha jettee mana ijaarratta.
β Beekumsan argadha jettee ni baratta.
β Mucaan godhadha jettee fuuta; naaf hin taane jettee hiikta.
β Miillaan hin deemu jettee konkolaataa bitatta.
β Haadha manaa osoo qabduu kan biraa hawwita.
β Mucaa tokko yoo qabaatte lammaffaa yaadda.
β Dippiloomaa yoo qabaatte digiriidhaaf dhiphatta.
β Digirii yoo qabaatte Maastersii yaadda.
β Maastersii yoo qabaatte PhD yaadda.
β Mana tokko yoo qabaatte lammaffaaf dhiphatta.
β Konkolaataa tokko osoo qabduu kan biraa yaadda.
β Baadiyyaa yoo jiraatte magaalaa naannoo kee galuu hawwita.
β Magaala naannoo kee yoo galtu Finfinnee galuu hawwita.
β Finfinnee yoo galte immoo Awurooppaa, Ameerikaa hawwita.
β Ameerikaa yoo deemtu immoo pilaaneeti biraa arguuf wareggamtaa.
β Aangoo xiqqoo yoo qabaatte guddaatti darbuuf yaadda.
β Bulchaa gandaa yoo taate bulchaa aanaa ta'uuf dhiphatta.
β Bulchaa aanaa yoo taate bulchaa godinaa ta'uuf dhiphatta.
β Bulchaa godinaa yoo taate pireezidaantii ta'uuf yaadda.
β Pireezidaantii yoo taate Ministeera muummee ta'uuf yaadda.
Obboleessa (Obboleettii koo)
β£β£ β£β£ β£β£ β£β£
β¬ Guyyaa duutu yaaddee beektaa?
β¬ Yooman du'a jettee of gaafattee beektaa?
Ati nama har'aati waan bor ta'u hin beektu garuu waa'ee boriif garmalee dhiphatta. Kanaaf yeroo hundumaa dhimma borii qofa yaaduu osoo hin taane yoon har'a du'e qoodni koo mootummaa waaqayyoo keessatti maal ta'a? kan jedhu yaadaa deemuutu nurra jiraata. Yoom akka duunu waan hin beekneef akka itti deemnu beekuu qabna. Macaafni akkas jedha
Egaa attamitti akka deddeebitan haleelaa ilaalladhaa! Akka warra ogeessotaatti malee, akka warra ogeessota hin ta'iniitti hin jiraatinaa! 16 Guyyoonni kun guyyoota gadhee waan ta'aniif, yeroo isiniif kenname utuu hin dabarsin itti hojjedhaa!
followshare
01/08/2025
π₯°π€·π₯°
04/07/2025
π
: "Abbaa warraa koo ijaan argaan jibbe."
: "Maaliif intala koo, jaalattee itti heerumte mitii?"
: "Eeyyee"
: "Amma maaliif argaa isaa jibbitaree?"
: "Jinniidhuma na xuqen wallaale."
: "Amma maaliin si gargaararee?"
: "Na hiiksisi"
: "Tole rakkina hin qabu."
: "Rakkina hin qabuu?"
: "Eeyyee rakkina hin qabun siin jedhe."
: "Na hiikee, akka inni jiraatu hin barbaadu."
: "Maal hanganuma jibbite moo?"
: "Eeyyee"
: "Yoos torbee lamaaf qoricha kana yeroo hundaa, ganamaan ka'itii shaayii danfisiifi itti makii kenniif kaa."
: "Tole."
Torbee tokkoof yeroo hundumaa ganamaan kaatee ciree fi shaayiin dhirsa isheef kununsa summii damma keessa gooteef. Abbaan warraa ishee gammadaa hojii idileesa oolee yoo galu, isheef waan haaraa bitee galuufii eegale. Isheenis kennaa isaa kana dinqisiifachuun jaalalli isaaf qabdu dabalaa dhufe. Inuuma yaadda'uu eegalte. Boo'ichaan isa gaggeessu eegalte. Gara harmee ishee deemuun, dhugumaan abbaan warraa koo nii du'a moo? Jechuun gaafatte.
: "Eeyyee akka du'u barbaadde mitimoo?"
: "Ture; garuu amma ajjeesuu hin barbaadu. Ani isa dhabuu hin fedhu."
: "Maaltu jijjiramee, erga barfaattee?"
: "Hudhamaa, boo'aa harmee abbaa warraa koo naaf deebisi."
: "Dhugumamoo nii qoostaa?"
: "Eeyyee harmee koo maaloo? Maaloo? Abbaa warraa koo naaf deebisi.
: Erga jette haa ta'u. Garuu maaltu jijjiramee?"
: "Maaliin akka na xuqe hin beeku, kennaa addaa addaa bitee yoo manatti galuu lubbuu koo jechaa na waamee, adda kiyya irra na dhungatee naaf laata. Gochan kun ammoo jibban isaaf qabu, na keessa haqsiise.
Harmee abbaa warraa koo naaf deebisi."
: "Anis akka inni du'uuf osoo hin taane, baaluma shayii daakeen sitti kenne. Argitaa oolma ati isaaf oolte, waan xiqqoo waanuma mana keessa jiru isaaf goote. Kanuma isaa bilcheessitee seeraan kenniteef, kun ammoo jibba gidduu keessani
Jalaltii yeroo akkamii nama qabaa
A ganamaa
B guyyaa
C. galgallaa
D hundaa
Jaalallee keenya rasuula rabbiirratti salawaata buusi {ο·Ί}π₯π₯ JiJissaa Sabaa
QALBII KEE GAMACHISII OBOLESA MUSLIMA
SALALAH ALHYII WASALAM βοΈ
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Website
Address
Gelemso