Odaa post
Oromummaa is my identity
24/09/2022
Inni dirree leenjiiti karaa duubaa badee gale loltuu ABO hin jedhamu. Namichi dirree lolaa osoo hin baqatee gale.
Dhugaan jirtu tanuma. Galmee seenaa dubbisaa maloo.
22/09/2022
Shawaa lixaa aanaa Ejereetti Maaltu ta'e?
Godina Shawa Lixaa Aanaa Ejereetti namoota Dubartii ciniinsuu irra jirtu baatanii gara dhaabbata fayyaa geessaa turan irratti dhukaasa banameen, lubbuun nama tokkoo darbuu jiraattonni himan.
Dhukaasa humnootni mootummaa namoota deessuu gara hospitaala geessaa jiran irratti banan kanaan obboleessa dubartii deessuu kan ta'e dargaaggoo Birhanuu Tumsaa haala suukkanneessaatiin ajjeefamuusaa maddeen himaniiru.
Odeeffannoo dabalataa hidha kanaa gadiin argattu
https://omnglobal.com/or/15895/
22/09/2022
Seer-Maleessummaan waa'ee Oromoo ilaalchisuun barraa'e haqamuu qaba.
Tarkaanfii Hatattamaa Barruu Dogoggoraa/ Seer-maleessa waa’eee Oromoo irraatti baarraa’e ilaalchisuun fudhatame!
I/ Aanaa Perezdaantii Dhimmoota Akkaadaamiitiif
Yuunivarsiitii Jimmaa
Dhiimi isaa:- Tarkaanfiin Sirreeffamaa Ariifachiisaan Akka Fudhatamu beeksisuu ta’a
Yuunivarsiitii Jimmaatti Sagantaa barnoota fagoo Muummee Sooshiyoolojiitiin kennamuun moojuula gosa barnootaa ‘Sociology of Ethiopian Societies’ jedhamuuf barattootaaf qophaa’e irratti dhimma seenaa ummata Oromootiin walqabatee ibsi kenname dogoggoraafi seer-maleessa waan ta’eef murteewwan armaan gadii akka fudhataman isin beeksisa.
1ffaa- Moojuula sagantaa barnoota fagoo raabsame irratti yaadniifi ibsi dogoggoraafi seeraan alaa kenname kan ejjennoo Yuunivarsiitii Jimmaa hin ibsine tahuun hubatamee sirreeffamni atattamaa akka taasifamu
2ffaa- Moojuula sagantaa Barnoota fagoof raabsame irratti Ibsi dhiyaate kan ummataafi ummata walitti buusuu fi seera bilisummaa akkaadamii Dhaabbata Barnoota Olaanoo garmalee fayyadamuun kan barraa’e waan ta’eef moojulichi akka hin baayifamne, barattootaaf kan raabsames akka sassaabamu godhamee atattamaan akka dhabamsiifamu
3ffaa- Qaamonni hojii kana keessatti hirmaatan keessattuu barreessaafi gulaalaan moojuulichaa guyyaa har’aa Fulbaana 12 bara 2015 irraa kaasuun hojiirraa akka dhaabsifamanii seera Yuunivarsiitichaatiin dhimmichi koree namuusaaf dhiyaatee atattamaan murtiin akka itti kennamu
4ffaa- Rakkoon akkanaa irra deebiin akka hin mudanneef kitaabota barnootaa Yuunivarsiitichaa hunda irratti xiinxalli gadifagoon akka taasifamu
5ffaa- Murtiin bulchiinsaafi seeraa fudhatame ummataaf ifa akka godhamu akeekkachiisaa gara fuulduraatti xalayaan dhiifamaa marsariitii Yuunivarsiitichaafi toora miidiyaalee hawaasaa hunda irratti akka maxxanfamu cimseen isin akeekkachiisa
21/09/2022
Warra kana of irraa eegaa!.
Hoganaan fuula tanaa Yooni Manyaati. Aktiivistii Amaraa sana.
Oromoo hin ilaalatu jechuudha.
02/06/2021
The Legend man.
21/11/2020
Hubadhaa.
Nafxanyaan nama qofaa miti sirna dabalata.
Wayyaneen nama qofa osoo hin taane sirna dabalata.
kanaaf oromoon gowwuumus hin jiru.
namni Lola diinaa keenyaa deeggaru beekaadha yoon jedhu namoota qaaman deeggaraan osoo hin taane Lola jara lamaanii keessaa bu'aa qabsoo oromoo kan fedhuufani.
Jarri oromoof kaleessaas diina har'as diinaa borus diinaa oromoo ti.
kanaaf yaadaa biraa kanan fooyyessuu danda'u. tokko illee hin jiru.
Namichi ciniinsuu hin dhaalannetu itti jira. Waa marafuu dhaaddannoo jalqabe kana yoo fullasee innis abdii jiraachuu isaa achumaan kan xummuru ta'u isaa raagni haala yeroo kan agarsisuudha jedha pro. Gaaddisaa odaan.
Duutii isaa yaa saffisuu, boollii isaa gad yaa fagatuu.
Dhaaddannoo mana hojjii maxaxxitti.
RIP ODP n koo guyyaa har'aa kana du'aan addunyaa kanarraa boqatteetti
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Telephone
Website
Address
Fitche