Odaa
Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Odaa, Blogger, Dooba, Asebe Teferi.
YEROOTIF
Aduun Sitti Dhiite
Siifin Baatu Seetee..?
Naafin Dabru Jettee
Jiruuf Abdii Murtee..?
Harka Maaf Keennata
Guyyaan Kun Ni Dabraa
Obsuu kee Barbaada
Siifiis Carraa Jiraa
Du'a Sirraan Oolleef
Sa Du'uu Hawwitaa..?!
Guyyaa Dabruuf Jettee
Maalumaaf If Miita..?!
Abdii Hin Muratin
Rahmata Rabbirraa
Abdii Narraan Murin
Rabbiin Je'ee Jiraa
Obsuukhee Jabeeysi
Obsuun Gatii Qabaa
Beellama Rabbiitii
Mindaan Obsaa Jabaa
Waan Namni Argate
Dhabuufii Gaddikhee..?!
Maaliifiin Dhabee
Jechumaa Yaannikhee..?!
Fayyaa Guutuu Qabdu
Nama Meeqaa Dhabe
Dhabee Carraa Fayyaa
Meeqaa Qalbii Cabe
Mana Yaalaa Dhaqii
Wanta Jiraa Laali
Gatii Fayyaan Qabu
Siif Galaa Madaali
Jecha SI Jabeeysu
Hamilee Siif Horee
Kan Rabbi Dubbate
Qur'aanan Agarree..?
Abdii Hin Muratin
Abshir Yaa Namakoo
Wanti Arra Dhabde
Ni Dhufa Gaaf-Tokko
Rabbiinkee Siif Jira
Rakkinni YEROOFI...!
Rakkoon Qoramuunke
Jabaa Waan TAATEEFI...!
Jechi Rahmaan Je'u
Irra Daddeebi'ee
Abdii Narraa Qabdan
Hin Murinaa Je'ee
Hedduu Garaa Laafa
Mootiinkee Rahmaanii
Sitti Hin Hammaatu
Wallaahii Rabbiinii
Fitinaa Hedduuni
Rabbi Isin Qoraa
Nama Obsa Qabuuf
Mindaa Gaarii Jira
Je'eeti Nuuf Himaa
Rabbi Garaa Laafaa
Obsikhee Jabaannaan
Boodaan Milkii Dhufaa
Obsa Guddaa Obsi
Rakkoon Sirraa Hafaa
Boruuf Carraa Gaarii
Siif Qabatee Dhufaa
Inshaa allah rabbin biraa abdii hin murruu
Jedhe jira rabbin
Ba,ada usriin yuusraa ❤️inshaa allah ni genyee waan yaannes🤲☝️
Ilmaa namaa tatee ergaa dhalatee ,Adunyaa irra jiraatu tana guubaati wantii SI gammachisuu maalidhaa? Naf debisaa mee
03/10/2024
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Website
Address
Dooba
Asebe Teferi