Mifta Awel
Odeeffannoo Woqtaawaa fi Qulqulluu Ummata Biraan ga'uun, Ilaalcha Biyyoolessaa dagaagsuu,akkasumas hirmaannaa fi fayyadamummaa ummataa guddisuuf hojjanna.
05/08/2026
"Ganna kana Dargaggoonni Itiyoophiyaa Barnoota koodersii barachuu qabu."
MM Abiyyi Ahmad (PhD)
Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Abiyyi Ahmad (PhD) Ganna kana Dargaggoonni Itiyoophiyaa Barnoota koodersii barachuu akka qaban dhaaman.
Barnoonni koodersii miliyoona 5 kan waraqaa ragaa sadarkaa Idil addunyaatti beekamtii qabu kennu tola dhiyaateera jedhan Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) ergaa toora miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin.
Lammileen Itiyoophiyaa miliyoona 5 dursanii murteessaaniiru; amma immoo dabareen kan keessan jechuun dhaamaniiru.
04/08/2026
Humni Qilleensaa diinota Itiyoophiyaa qormaata keessa galchuuf yaalan irratti tarkaanfii cimaa fudhachuu danda'u ijaarame – L/J Yilmaa Mardaasaa.
Humni Qilleensaa Ramaddii 3ffaan raawwii hojii fi hojii dirqamaa keessatti milkaa'ina olaanaa galmeesseef, magaalaa Dirre Dhawaa Qajeelcha waliigalaatti sirni beekamtii fi galataa gaggeeffameera.
Raayyaan Ittisaa Itiyoophiyaa humna namaa fi Teeknooloojiin jijjiirama olaanaa galmeessaa jira jedhan Leetanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan saganticharratti argamuun ergaa dabarsaniin.
Humni Qilleensaa diinota Itiyoophiyaa qormaata keessa galchuuf yaalan irratti tarkaanfii cimaa fudhachuu danda'u ijaaramuu kaasan.
Hoggantoonnii fi miseensonni Raayyaa Ittisaa ramaddichaa dirqamaa isaanii gahumsaan bahachuu isaanitti boonuu qabu jedhan.
Yeroo amma adeemsii fi tarsiimoon waraanaa saffisaan jijjiiramaa waan jiruuf tilmaamuu fi dursanii hubachuun rakkisaa ta'aa jiraachuu kaasuun, naannawaan Itiyoophiyaan keessatti argamtu ammoo yeroo hunda jijjiiramaa waan ta'eef, maal akka ta'u dursanii tilmaamuun salphaa miti jedhan.
Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa kana yaada keessa galchuun humna namaa Teeknooloojii fayyadamuu danda’u, Balaliiftootaa, teeknishaanootaa fi ogeeyyii bulchiinsaa horachaa jiraachuu fi Teeknooloojii loltummaa ammayyaa hidhachaa jiraachuu mirkaneessan.
Yeroo itti aanu dirqamoonni jajjaboon jiraachuu waan malaniif kallattii hundaan qophaa’ummaa jiru cimsuun barbaachisaa ta’uu dubbachuu Miidiyaan Onlaayinii Raayyaa Ittisaa Faanaa Dijitaaliif himeera.
#
04/08/2026
Hidhi Haaromsaa Guddichi Itiyoophiyaarra darbuun biyyoota Afrikaafis pirojektii madda annisaa guddaa ta’uu CNN ibse.
CNN xiinxala baaseen jijjiirama saffisa Itoophiyaan roga maraan galmeessaa jirtu ajaa’ibsiifachuun hidhi haaromsaa madda annisaa guddaa afrikaati jedhe.
Hidha Haaromsa Guddichi Itoophiyaa pirojektii seenaa qabeessa ogeeyyii kumaatamaan hojjetamee Afrikaa tajaajilaa jiru ta’uus xiinxale.
Lammiileen Ityoophiyaa miiliyoona jaha humna ibsaa tarbaayinootni 13 hidha haaromsaatti hojjetaman maddisiisanirraa fayyadamaa akka jiranis akeeke.
Hidhichi Ityoophiyaarra darbee Sudaan, Jibuutii, Keeniyaafi Taanzaaniyaaf humna ibsaa dhiheessaa akka jiru, gara fuulduraattis Somaaliyaafi Sudaan Kibbaatti humna ibsaa gurguruuf akeeka qabaachuu eere.
Kana malees, odolawwan kuufama bishaanii Hidha Haaromsaa keessatti argaman madda hawwata turizimiifi dinagdee ta’uus CNN xiinxaleera.
03/08/2026
Uummattoota waan yaadne utuu hin milkeessin aduun nutti dhiitu miti!
03/08/2026
Ergaa Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa.
Duulli Ashaaraa Magariisaa guyyaa tokkotti akka biyyatti biqiltuu mil. 800 dhaabuuf qabame milkaa'ina olaanaan raawwatameera.
Milkaa'ina seenaa qabeessa guyyaa har'aa keessatti, ummanni naannoo keenyaa akkuma yeroo maraa obboroo bahee waarii irraa galuun hirmaannaa boonsaa taasiseera. Baga gammaddan! Baga gammanne jechuun barbaada.
Hirmaannaan akka kanaa waamicha mootummaa qofaan kan dhufe miti. Bu'aa imala duudhaafi safuu keenya deebifnee dagaagsuu waggoota jijjiiramaa keessa adeemsifamaa tureeti malee.
Kanas hirmaannaa duula guyyaa tokkoo qofa osoo hin taane, eegumsa umamaa irratti miira itti gaafatamummaa ummata keenya yeroodhaa gara yerootti dagaagaa dhufe ilaaluun mirkaneessuu dandeenya
Waggoottan jijjiiramaa darban injifannoowwan hedduu galmeessine keessaa Ashaaraan magariisaa isa tokko. Ashaaraa magariisaa ija biqiltuu dhaabuu qofaan kan ilaalamu osoo hin taane dinagdee magariisaa ijaaruu, madaallii naannoo iddootti deebisuu, akkasumas biyya badhaate dhalootaaf dhaalchisuu keessatti hojii murteessaadha. Har'a waliin taanee biqiltuu qofa osoo hin taane, abdii egeree, badhaadhina fi tokkummaa dhaabneerra.
Gandoota keenya keessatti bosona "Gaaddisa Dhalootaa" uumuun dhaloota dhufuuf qabbana, ofii keenyaaf ammoo siidaa seenaa keenyeerra.
Milkaa'inni guyyaa har'aa xumura imala keenyaa akka hin taane ummanni keenya tolchee beeka. Biqiltuun bara kanaaf qophaa’e guutummaatti hanga dhaabbatutti hojiin keenya itti fufa.
Akkasumas dhaabuun imala keenya keessaa walakkaa qofa ta’uu ummanni keenya ni hubata.
Akkuma duudhaan ummata keenyaa agarsiisu biqiltuun ilmoo waan ta'eef hojii murteessaan kunuunsafi eegumsa. Aadaan waggoota darban waan dhaabne hordofnee kunuunsuu irratti uumne cimee itti fufuu qaba. Kana cimsuufis ilmaan keenya duudhaafi safuu eegumsa madaallii umamaatiin guddisuun dirqama dhalootaa keenyaati.
Kanaaf, caasaaleen mootummaa sadarkaa hundatti argamtan, qindoomina ummataa cimsuun hojii dhaabbii biqiltuu hanga xumuraatti akka itti fufan, akkasumas sirna cimaa hordoffii fi kunuunsa biqiltuu naannoo keessanii akka diriirsitan cimseen hubachiisa.
Milkaa'inni keenya lakkoofsa biqiltuu dhaabame qofaan osoo hin taane, baay'ina biqiltuu latee gaaddisa dhalootaa ta'e, akkasumas sadarkaa dhaloonni duudhaa kana deebisee itti aadeffateen kan madaalamu ta'uu yaadachiisuun barbaada.
Dhumarrattis, ummata keenya kabajamaa fi qooda fudhattoonni hundi hirmaannaa seenaa qabeessa guyyaa har'aa taasistaniif maqaa kiyya fi maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin galataafi kabaja olaanaan isiniif dhiyeessa.
Kutannoon har'a agarsiiftan kun hojii har'aa qofaan akka hin daangeffamne, eegumsa umamaa akka aadaa jireenyaatti cimsinee, Oromiyaa magariituu, lalistuufi badhaatuu dhaloota har'aa fi egereef akka dhaalchifnu amantaa guutuun qaba.
Galatoomaa!
03/08/2026
.
Itoophiyaan guyyaa har’aa biqiltuu miiliyoona 805 ol dhaabuun riikardii cabsite- Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (PhD)
Itoophiyaan guyyaa har’aa biqiltuu miiliyoona 805 ol dhaabuun riikardii cabsite jedhan Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD)
03/08/2026
“Duula guyyaa tokkootiin hanga sa'aatii 10:30tti biqiltuun miiliyoonni 700 fi miiliyoonni 65.7 yookaan harki 96 dhaabameera”
Ministira Qonnaa obbo Addisuu Araggaa
02/08/2026
Abdii dhaabuuf Guyyaa tokko qofatu hafe..!
Guyyaan boruu guyyaa seena qabeessaa fi seenaan haaraan itti galmaa'udha! Guyyaa tokkotti biqiltuu miliyoona 800 oldhaabuuf karorfame guyyaan hojii irra oolu borudha!
01/08/2026
“Haleellaa eenyummaa irratti fuulleffate bu'uurraa furuuf furmaannisaa seenessa waloo ijaaruudha." Ministira Muummee Abiyyi Ahmad (PhD)
OBN Cyber Media Adoolessa 25,2018
Itiyoophiyaa keessatti miidhaawwan sabaa fi amantii irratti xiyyeeffatan waggoota hedduuf waltajjii siyaasaa keessatti deddeebi’anii ka’an waaraan furuuf, seenaa fi dhugaa waliinii irratti hundaa'uudhaan seenessa waloo ijaaruun murteessaadha jedhan Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD).
Sababoota gurguddoo miidhaan eenyummaa akka hammaatu taasisan keessaa: Seenessa jibbiinsaa, Jeequmsaa fi burjaajii miidiyaa hawaasaa, akkasumas dhimmoota mariin tasgabbaa’aan furuu mannaa, qabsoo hidhannootti fayyadamuu akka furmaata tokkichaatti yaaduudha jedhan.
Dabalataanis, diinoonni seenaa Itiyoophiyaa walitti bu'iinsa biyya keessaa caalaatti hammeessuuf carraa argataniin shira akka xaxan ibsaniiru.
Walitti hidhamiinsaa fi waliin jireenya uummatoota biyya keenyaa cimsuurra, waldhabdee kakaasuuf taateewwan seenaa irrati xiyyeeffannoo gochuu akka hin qabne cimsanii dubbatan.
Itiyoophiyaan biyya uummattoonni ishee wal fuudhan, walirraa horanii fi waliin jiraatan ta'uu ishee kan fudhatu seenessa waloo ijaaruudhaan, hundi keenya carraa qixa argannee fayyadamaa kan itti taanu sirna waliinii mijeessuu qabnas jedhan Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD).
01/08/2026
"ግጭቱን ማንና መቼ እንደጀመረው ለማወቅ አስቀድሞ ተዘጋጅቶ የወጣውን የኋላቀሩ ቡድን መግለጫ ከመስማት ይልቅ፣ ገለልተኛ አካላት የሚያደርጉትን የሳተላይት ክትትልና የክትትሉን ውጤት መጠበቅ ተገቢ ነው"— ስምረት ፓርቲ
በቀድሞ የህወሓት አመራሮች የተመሰረተው ስምረት ፓርቲ፣ የትግራይ ሕዝብ የማይፈልገውና የማይመኘው አዲስ ወታደራዊ ግጭት መከሰቱን አስታወቀ። ፓርቲው ባወጣው መግለጫ፣ አሁን የተከፈተው ጦርነት በውጭ ኃይሎች ፍላጎትና እቅድ የሚመራ መሆኑን በመጥቀስ የሁኔታው ምስጢር አስቀድሞ የታወቀ በመሆኑ እንቅስቃሴው ሳይስፋፋ የሚከሽፍ እንደሆነና የዚህ አላስፈላጊ ግጭት ዋና ሰለባ እየሆነ ያለው የትግራይ ወጣት መሆኑ የሚያሳዝን ነው ብሏል።
ፓርቲው አክሎም፣ ቡድኑ የፕሪቶሪያውን የሰላም ውል በመጣስና የጊዜያዊ አስተዳደሩን ሥልጣን በኃይል ገልብጦ ህገ-ወጥ አስተዳደር ከመሠረተ በኋላ፣ አሁን ደግሞ "ግዛታዊ አንድነትን ማስከበር" በሚል ሽፋን በውጭ ኃይሎች ተመክቶ አዲስ ጦርነት ደግሷል ሲል ከሷል። ቀደም ሲል ሲካሄዱ የነበሩ የዛቻና የትምክህት መግለጫዎችም ቡድኑ ለጦርነት የነበረውን ከፍተኛ ፍላጎት የሚያሳዩ በቂ ማስረጃዎች እንደሆኑ አመልክቷል።
በሌላ በኩል የፓርቲው መሪ አቶ ጌታቸው ረዳ ለትግራይ ሠራዊት አመራሮችና አባላት ባስተላለፉት መልዕክት፣ አመራሮቹ የተሻለ ወታደራዊ እውቀት አላቸው ተብሎ ስለሚታመን ለሕዝቡ የሚጠቅም የበሰለ ውሳኔ መወሰን እንደነበረባቸው አስገንዝበዋል። የትግራይን ሕዝብ አንድነት በማበላሸትና በውጭ አካላት ተመክቶ የሚደረግ ፎከራ ሕዝብን ወደ ከፋ አደጋ ከመክተት ውጪ የሚያመጣው ለውጥ የለም ያሉት አቶ ጌታቸው፣ በግዳጅ ወጣቱን በመመልመል "ወደ አራት ኪሎ እንመለሳለን" የሚለውን ቅዠት በአስቸኳይ ማቆም እንደሚገባ ገልጸዋል።
አቶ ጌታቸው አክለውም፣ ለሠራዊቱ አባላት ሊያሳስባቸው የሚገባው በጣት የሚቆጠሩ ወንጀለኞች ህልውና ሳይሆን የትግራይ ሕዝብ ሰላምና ህልውና በመሆኑ በሕይወታቸውና በአካላቸው ላይ የሚጫወቱ አካላትን "ይበቃል" ሊሏቸው እንደሚገባ ጥሪ አቅርበዋል።
የሕዝቡ የመኖርና አለመኖር ህልውና ጥያቄ በሰላማዊ መንገድ ብቻ ሊመለስ እንደሚችል በመጠቆም፣ በሃውልቲ የመሸገው ቡድን የዲፕሎማሲ በሮችን ዘግቶና ከውጭ አካላት በሚጠበቅ እርዳታ ተመክቶ ሁኔታዎችን ካበላሸ በኋላ "ዓለም ስማኝ" ማለቱ የአስተዋይነት ማነስን የሚያሳይ ነው ሲሉ ኮንነዋል።
Click here to claim your Sponsored Listing.