Inform to Network
Global Daily Report (GDR) independent online media outlet providing news and in-depth analysis in the Oromo language.
Its contents mainly focus on current social and political affairs.
28/02/2026
🚨Oduu Cabsaa
Hogganaa Ol’aanaa Iraan Aayatollah Alii Khamenei, haleellaa Israa’el Tehraan keessatti raawwateen ajjeefamuu fi qaama isaa jalaa argamuu isaa, hooggantoonni Israa’el sadarkaa ol’aanaa galgala Sanbataa odeeffannoo argataniiru jedhame.
Odeeffannoon qaama Khamenei jalaa argamuu isaa Ministira Muummee Binyamii Netanyahuuf dhiyaateera jedhame. Khamenei bara 1989 irraa jalqabee Ripaabliika Islaamaa Iraan hogganaa ta’uun, bara 1981 irraa jalqabee immoo mootummaa Ruhoolaa Khomeini jalatti prezidaantii ta’ee tajaajileera.
Amma ammoo Ameerikaa irraa ragaa ifa ta’e eeggachaa jiru.
Madda: BRICS News, The Jerusalem Post
---
28/01/2026
Dargaggeessi umriin isaa naannoo waggaa 20 ta’e tokko Sanbata darbe magaalaa Finfinneetti qaama saalaa isaa ofirraa muree miidhaa cimaa ofirratti geessise.
Amajjii 28/2026 i2N
Maatiin isaa hatattamaan gara buufata fayyaa geessan; achirraa immoo Hospitaala Ispeeshaalayizid Alertitti ergame. Gareen ogeeyyii pilaastik sarjarii, kan Dr. Abdurazaaq Aliin durfamu, hojii baqaqsanii yaaluu sa’aatii ja’a oliif fudhateen qaama murame sana milkaa’inaan deebisanii hodhan.
Akka ogeessotni ibsanitti, yeroo amma dargaggeessi kun haala gaariirra jira; adeemsi fayyinaas itti fufaa jira. Torban sadii booda ofiin fincaa’uu eegala jedhameera; ji’oota muraasa keessatti immoo hojii qaamaa guutuu deebisee argachuuf abdii jiraachuu himan.
Ogeeyyiin fayyaa rakkoo akkanaa keessatti gargaarsa ogeessaa hatattamaan barbaaduun murteessaa ta’uu yaadachiisaniiru.
Maddi: BBC
26/01/2026
Mi'eessootti Kontirobaandii Seeraan alaa To'atame
Amajjii 26/2026 i2N
God/Ha/Lixaa Aanaa Mi'eessootti Kontirobaandii seeraan alaa To'achuun Cimee kan itti fufe jiru Yommuu ta'u
To'annaa fi Hordoffii akkasumas Sakatta'uumsa Torbee kana keessa gaggeeffameen
👉Qorichoota adda addaa
👉Shiishaa
👉Sigaaraa
👉Uffata
👉Kophee
👉Sukkaara
👉Goommaa
👉Sh*ttoo fi Meeshaalee adda addaa Seeraan ala Daddabarfamaa turan To'achuun Mootummaaf galii Taasifamaniiru
Hog/Waj/Pol/Aanaa Mi'eessoo Insp Amaddiin Kadir akka ibsanitti Meeshaaleen kun Qarshii Mil.36 tti Shalagamuun Guyyaa Arraa Galii kan Taasifaman ta'uu fi
Daldalli Seeraan alaa Gufuu Nageenyaa fi Misooma Biyyaattii waan ta'eef To'annaa fi Hordoffii jiru Cimsanii kan itti fufan ta'uu ibsuun
Kontirobaandistoonni Gocha kana irraa of qusachuu akka qabanis Dhaamaniiru
25/01/2026
Falmii guddicha Dhukaastotaafi Seexanoota diddiimoo
Amajjii 25/2026 i2N sport
Tapha Piriimerliigii Ingilaandi torbee 23ffaa galgala har'aa taasifamuun gareen Miikel Arteettaan durfamu Arsenaal dirreesaa Emireetisitti Maanchistar Yunaayitid nikeessummeessa.
Biyya keenyattis ta'e akka Afrikaatti, darbees addunyaa guutuurraa deeggartoota danuu qabaachuun kan beekaman kilaboonni Ingilaandi lamaan taphni taasisan yeroo hunda hawwiifi xiyyeeffannoo olaanaa argata.
Seenaa cululuqaa baroota darbanitti galmeessaniin olaantummaadhaan liigicharratti miidhagina addaa kan horan Arsenaaliifi Maanchistar Yunaayitid keessumaa bara leenjisummaa Arsan Veengariifi Sar Aleeksi Fargusanitti waqtii fiixee ga'umsasaaniirra ittigahaniidha.
Kanamalees walqoccolaafi gaarreffannaan taphattoota kilabichaa duraanii Paatriik Veeraafi Rooyi Kiin gidduu ture morkii kilaboota lamaaniirratti siimboo dabalataa horeera.
Kilaboonni lameen morkii galgala kana sa'aatii 1:30tti taasisaniin Arsenaal waancaa injifatee mirkaneeffachuuf yoo falmatu, Yunaayitid ammoo olaantummaasaa duraan ture deebifachuuf kufee ka'aa jira.
Leenjisaa haaraa ta'ee taphasaa jalqabaatiin Maanchistar Siitii ga'umsa olaanaadhaan kan injifate Maaykil Kaariik tapha har'aatiin Dhukaastotaaf salphaatti harka kenna jedhamee hineegamu.
Arsenaal gamasaatiin dursummaa liigichaa bal'ifachuuf taphichaaf xiyyeeffannoo olaanaa kennee gara dirree kan seenu yoo ta'u; taphichi dirreesaatti ta'uun ammoo Yunaayitidiif qormaata biraati.
Dajanee Bulchaatiin
21/01/2026
Misoomni Manneen Jireenya Bal’inaan Hojjetamaa Akka Jiru Waajjiri Ministira Muummee Ibse.
Amajjii 21/2026 GDR
Itoophiyaatti, haala jireenyaa uummataa fooyyessuuf misoomni manneen jireenyaa sadarkaa maatiitti xiyyeeffate bal’inaan hojjetamaa akka jiru wajjiri ministira Muummee ibse.
Waajjirri Ministira Muummee akka jedhanitti, biyyattii keessatti gaaffiin manneen jireenyaa ammallee guddaa ta’us, mootummaan dhiyeessii manneen jireenyaa hojii tola-ooltummaa fi deeggarsa hawaasummaa waliin qindeessuun hojjechaa jira jedhaniiru.
Pirojeektonni misooma manneen jireenyaa sadarkaa maatiitti xiyyeeffatan, manneen nageenyi isaanii eegame, jabaa fi amansiisaa ta’an ijaaruun jireenya maatii hedduu fooyyessaa jira jechuun ibsa isaani keessatti eraniiru.
Tajaajilli Tola-Ooltummaa Gannaa waggaa waggaatti kennamu sagantaa mootummaa ijoo ta’ee itti fufees jira jechuun ibsan.
Sagantaan kun tola-ooltoota, dhaabbilee mootummaa fi hawaasa walitti fiduun hirmaannaa uummataa cimsuu fi misooma itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf gahee olaanaa qaba jedhan.
dursa maanguddootaa fi lammiilee humna hin qabneef kennuun, manneen isaanii haaromsuu fi ijaaruun akkasumas suphuun hojjetamaa jira jira jechuun ibsan.
Namoonni manneen jireenyaa jijjiigaa keessa jiraatanii fi bakkeewwan balaa uumamaaf akkasumaas rakkoo garaagaraaf saaxilamoo ta’an keessa jiraatan deeggaramaa jirachuu isaanis ibsaniiru.
Carraaqqii kanaan, maatiin kumaatamaan lakkaa’aman mana jireenyaa amanamaa argachuun, jireenya tasgabbaa’aa fi abdii egeree qabu jalqabaniiru jechuun ibsan
Hojiin misooma manneen jireenyaa mootummaa fi hawaasa waliin qindaa’e kun, akka biyyaatti misooma hunda hammate fi sadarkaa jireenyaa fooyyessuuf, guddina Itoophiyaa itti fufiinsa qabu galmaan ga’uuf shoora olaanaa qaba jedhameera.
17/01/2026
“Hordoftoonni mallattoo faallaa kabaja ayyaanaa kataraa fi cuphaa irraa of qusachuu qabu – Abunee Saawiiroos”
Amajjii 17/2026 GDR
Ayyaanni Kataraa fi Cuuphaa akkaataa duudhaa amantummaa isaa eegeen kabajamuu qaba jedhan Hogganaa Olaanaan Waajjira Mana Lubummaa Waliigalaa eebbifamuu Abunee Saawiiroos.
Hogganaa Olaanaan Waajjira Mana Lubummaa Waliigalaa Teessoo Paatiriyaarikii fi Angafni Phaaphaasii biyyoota lallaba Shawaa Kibba Lixaafi Magaalaa Shaggar eebbifamuu Abunee Saawiiroos Hordoftoonni bifa duudhaa gaarummaa hordofeen ayyaanicha akka kabajatan waamicha dhiyeessaniiru.
Wayita ayyaanicha iccitii cuuphaan hundeeffamee fi kennaa ijoollummaa cuuphaarraa argamu yaadachuun murteessaa ta’uu ibsan eebbifamuu Abunee Saawiiroos kabaja ayyaanichaa ilaalchisee ibsa kennaniin.
Hordoftoonni amantichaa ergaawwanii fi mallattoowwan kabaja ayyaanichaa faallessanirraa of qusachuun afuura gaarummaa fi walummaan kabajuu akka qaban dhaamaniiru.
Gochawwan nageenya, jaalalaa fi tokkummaa lallaban raawwachuun murteessaa ta’uu eeran.
Ayyaanichi ayyaana nageenyaa, eebbaa fi fayyinaa akka ta’u hawwaniiru.
16/01/2026
Ayyaana cuuphaa irratti balaan elektirikaa akka hin uumamneef eeggannoon fudhatamuu qaba - Tajaajilicha
Amajii 16/2026 GDR
Tajaajilli Elektirikii Itiyoophiyaa kabaja ayyaana cuupphaan walqabatee balaan elektirikaa akka hin uumamneef of eeggannoon barbaachisu fudhatamuu akka qabu hubachiise.
Ayyaanichaaf iddoo miidhagsuuf hojii hojjetamu keessatti balaan elektirikaa akka hin uumamneef of eeggannoo guddaa barbaachisa.
Ayyaanni cuuphaa hordoftoonni amantaa Ortodoksii fi daawwattoonni hedduun itti hirmaatan haala ho'aan kabajuuf hojiin addabaabaayii fi daandilee miidhagsuu akka raawwatamu tajaajilichi eereera.
Galteewwan miidhaginaaf fayyadan keessaa utubaawwan elektirikaa akka jiran ibsee, hojiiwwan miidhaginaa kunniin utubaawwan elektirikii, tiraansifoormerootaa fi saraoota rlektirikii irraa fageenya ga'aa qabaachuu akka qaban hubachiiseera.
Hawaasnis balaan akka hin uumamneef tumsuu akka qabu tajaajilichi gaafateera.
Yoo balaan uumame ykn odeeffannoo biraaf karaa lakkoofsa 905/904 bilbiluun beeksisuu akka qabu ibseera.
Ayyanicha irratti humni akka hin ciccitnee fi tajaajila elektirikaa amansiisaa ta'e dhiyeessuuf qophii xumuruu isaa Tajaajilichi Faanaa Dijiitaalitti himeera.
Malaakuu Daggiftu gabaase
16/01/2026
Baankiin Daldalaa Itoophiyaa sirna kafaltii dijitaalaa "StarPay" jalqabsiise
Amajjii 16/2026 GDR
Baankiin Daldalaa Itoophiyaa dhaabbata "Eagle Lion" waliin ta'uun sirna kafaltii dijitaalaa "StarPay" iddoo hogganntoonni baankichaafi dhaabbatichaa argamanitti hojii jalqabsiiseera.
Pirezidaantii Ittaanaa damee tajaajila korporeetii baankichaa Obbo Efireem Makuriyaa baankichi fedhii hawaasaa gama toora intarneetiin jiru hubachuun sirna kafalatii karaa salphaan tajaajila waaraa kennu bocuun har'a ifa taasisuun danda'ameera jedhan.
Teknolojii akka daldaltoonni hundi bittaa gurgurtaasaanii karaa salphaan gama dijitaalaan gaggeessuu danda'aniif uumameedha.
Teknolojichi karaa marsariitiifi appilikeshinii mobaayiliitiin kafaltii dijitaalaa babal'isuun maallaqa baatanii socho'uufi tajaajila argachuuf hiriiruu kan hambisuudha.
Sirnichi tajaajilawwan hedduu ofkeessatti hammachuun hojii daldalaa saffisaa, amanamaafi dorgomaa taasisuun tarsiimoo Itoophiyaa dijitaalaa 2030 kan milkeessuu ta'uu Bulchaa Ittaanaan Baankii Biyyaalessa Obbo Solomoon Dastaa ibsaniiru.
Ismaa'ol Abdurrootiin
16/01/2026
Hargeessaatti hariiroo Somaaliilaandi fi Gamtaa Eemireetota Arabaa deeggaruun Jiraattonni hiriira bahan
Amajji 16/2026 GDR
Kaleessa, Kamisa Amajji 15/2026, dhaadannoowwan deeggarsaa dhageessisuun jiraattonni Magaalaa Hargeessaa walitti dhufeenya Somaaliilaandi Gamtaa Eemireetota Arabaa waliin qabdu deeggaruun hiriira bahuun gabaafamee jira.
Jiraattonni Magaalaa Hargeessaa, hiriirri kun waaree booda saatii 10 haga galgala saatii sadiitti akka tureefi, hiriira kana gubbaatti namootni hedduun hirmaatan daandii ijoo Hargeessaa guutanii akka turan himaniiru. Namootni Gaazexeessaa Hoorni Diipiloomaatitti dubbatan, “Gamtaan Eemireetota Arabaa biyya keenyaaf michooma sirrii biyya agarsiistedha, kanaanis baasii invastimantii isaan taasisan ilaaluun ragaadha” jedhanii jiran.
Angawootni Somaaliilaandi Gamtaan Eemireetota Arabaa, biyyattii keessatti invastimantiidhaan biyya sochii guddaa taasisaa jirtu akka taate ni ibsu. Ammattis Gamtaan Eemireetota Arabaa bu’uraalee misoomaa kanneen akka fooyyessa ijaarsa buufata doonii Barbaraafi Daandii Barbaraa gara Wucaalee akka hojjechaa jirtu dabalataan ibsaniiru.
Kaayyoon ijaarsa bu’uraalee misoomaa kunis qaama Itoophiyaafi Gaanfa Afriikaa walitti hidhuuti jedhameera.
Walgahii kaleessa haga galgalaatti tureen alaabaan Gamtaa Eemireetota Arabaa ijaarsawwan Gamoo biyyaattii irratti mirmirfamaa kan turan yoo tahu, kunis walitti dhufeenyi biyyoottan lameenii haala gaariirra jiraachuu argarsiisa jechuun angawaan biyyattii tokko himaniiru.
Hiriirri deeggarsaa kaleessa Hargeessaatti taasifame kun dhaamsa qabiyyee siyaasaa qabu kan dabarsu kan jedhame yoo tahu, kunis erga Mooqadiishoon walitti dhufeenya waloo Gamtaa Eemireetota Arabaa waliin qabdu adda kutuu ishee erga beeksise booda kan mudatedha. Manni Maree Ministirootaa Somaaliyaa waliigaltee nageenyaa Somaaliyaan Gamtaa Eemireetota Arabaa waliin qabdu adda kutuu murteessuu ifoomsuunsaa ni yaadatama.
16/01/2026
Arstist Natsaannat Warqineh du’aan addunyaa kanarraa boqote
Amajjii 16/2026 GDR
Televizhiinii EBS irratti kan tamsa’u sagantaa “Yebetasab Caawwataa” jedhamuu dhiheessuu fi fiilmiiwwan garaa garaa hojjechuudhaan uummata biratti beekkamtii fi jaalala kan horate artisti Natsaannat Warqineh, dhibee tasa isa muudateen har’a barfata keessa du’aan addunyaa kana irraa boqoteera.
Odeeffannoon Televizhinii EBS irraa argame akka mul'isutti, artist Natsaannat Warqineh abbaa ijoollee sadii ture.
15/01/2026
Feestivaalli nyaataa Finfinneetti qopheeffamuufi
Amajji 15, 2026 GDR
Koomishiniin Tuurizimii Magaalaa Finfinnee feestivaala nyaataa qopheessuuf akka jiru beeksise.
Feestivaalli nyaataa maqaan “Gaastiroonoomii” jedhamuun moggaafame kunis Koomishiniin Tuurizimii Magaalaa Finfinnee, Dhaabbata Gooldan Giruup Hoospitaalitii jedhamu waliin ta’uun qopheessu jedhameera.
Feestivaalli Dilbata dhufu kana banama jedhamu kun nyaatawwan Itoophiyaa kan irratti dhiyaatan yoo ta’u, dhaabbileen galtee nyaataa qopheessan, hoteelonnifi qaamoleen hojii kan gubbaatti bobba’an jedhaman 100 ol irratti hirmaatu jedhameera.
Obbo Hundee Kabbadaa Koomiishinarri Tuurizimii Magaalaa Finfinnee, ayyaana Kataraan walqabatee feestivaala qophaaye kana irratti dhalattoonni biyya alaa dabalatee namootni kuma digdamaa ol irratti ni argamu jedhanii jiran.
Feestivaalli Nyaataa Finfinnee kun Amajji 17fi 18 Galma Barkumeetti akka gaggeeffamus ibsameera.
14/01/2026
“Somaaliyaan yoo Somaaleelaandi weeraruuf yaalte ni mo’amti” jedhan Pireezidaantiin Somaaleelaand Abdirahmaan Irroo
Amajjii 14/2026 GDR
Pireezidaantiin Somaaleelaand Abdirahmaan Irroo Somaaliyaan yoo Somaaleelaandi weeraruuf yaalte ni mo’amti jedhan.
Pirezdaantichi ergaa gama Miidiyaa Hawaasummaan baasaniin,"Soomaaliyaan akkuma kanaan dura injifatamte Rippabiliika Somaalilaandi yoo weerarte, waanti ishee muudatu daran hamaa ta'a'' jedhan.
''Ummanni Somaaleelaand biyya isaa ittisuuf qophiidha," jedhan.
Pireezdaantiichi dhimma akana akka quba qabaataniif xalayaa wal fakkaataa, Israa’el Sa’uudii Arabiyaa, Masrii fi Turkiif barreessaniiru.
Garuu xalayaa isaaniif kan deebii kennaan tokkollee akka hin jirree BBC Afaan Somaalee kan gabaase.
Preezdaantichi biyyoonni Arabaa fi walumaa galatti Hawaasni Musliimaa dhimma Somaaleelaandii cinaa akka dhaabbatan irra deebiin waamicha dhiyeessaniiru.
"Biyyoonni biroo beekamtii Somaaliilaandiif kennuun biyyattiin biyyaa walabaa beekamtii qabdu taatee hawaasa addunyaatti ni makamti" jedhan.
Itti dabaluunis "har'a eenyu akka diina keenyaa fi fira keenya ta'e barree jirra" jechuun himan.
Click here to claim your Sponsored Listing.