AMO AMAAN
Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from AMO AMAAN, Artist, Addis, Addis Ababa.
ππ Mee Macaafa Qulqulluu keessaa har'a dubbifatanii, kadhatanii; kan taatan asii jalaa ka'aa. πβ€οΈ
π Maalii ati garuu Waaqayyo maalii sin jedha? π€
π₯ Dhukkubsattee hospitala hin jirtu; Yesuusiin galateeffadhu. πβ€οΈ
β¨ Darbi. β¨
16/06/2026
βοΈ KIRISTAANIIN (PROTESTANTIIN) YESUUS WAAQAYYOO KOOTI JETTEE AMANTU βοΈ
Kiristaaniin (Protestantiin) Yesuus Waaqayyoo kooti jeettee amantu, barreeffama kana share hin godhiin yoo dabarte Waaqayyo boru si gaafata. Akkasumas Rajii Masarat eebbisa darbaa. πβ¨
Photo isa jaalatanii comment jalaa kaa'aa. β€οΈπ
Waldaa Ararraa Waaqayyoo Addunyaa. Akkuma maqaa isaatti, waggaa 15 oliif waldaa sana keessatti dhaloota lakkoobsa hin qabneef, dhaloota tilmaama hin qabne baay'eef lafa itti ararri Waaqayyoo ta'eedha. πβͺ
Waaqayyo ammaa illee waldaa sanaa irratti ulfaataa jira. Ameen. ππ₯β€οΈ
Arara Tv World Wide
π Ijii kee haa jammuu! Utuu argituu βYesuus Fayyisaadhaβ Yesuus waaqayyoo dhaa jettee comment hin barreessin yoo darbite. βοΈππ
16/06/2026
βοΈ Qorichi madaa nama fayyisu, dawwaan addunyaa kanaa Yesuus dha. Obboleessa koo, qalbii kee jijjiiradhu. Yesuusitti deebi'i; inni fayyinaa fi jireenya bara baraa siif kenna. πβ€οΈ
The Gospel of Matthew 9:12
π The Gospel of John 14:6
π βYaa warra dadhabdan hundi keessan, warra ba'aa ulfaataa baattanis gara koo kottaa; anis boqonnaa isiniif nan kenna.β β The Gospel of Matthew 11:28
β€οΈ Madaan qalbii, cubbuu fi rakkinni namaa hundi Yesuus keessatti fayyina argata. Kanaaf qalbii jijjiirradhu; gara Yesuus deebi'i. βοΈπ.
Abdi Regasa Hin gowwoomin hadhoo koo..ππππ
15/06/2026
βοΈ Waa'ee Yesuus Kiristoos
Namoonni baay'een Yesuus Kiristoos eenyu akka ta'e irratti gaaffii qabu. Musliimonni Yesuusiin (Iisaa) akka raajii guddaatti ni kabaju. Nuyi Kiristaanonni garuu Macaafa Qulqulluu irraa Yesuus raajii qofa osoo hin taane Fayyisaa addunyaa fi Waaqayyoo akka ta'e ni amanna.
π Maatewos 16:15-16
> Yesuus, "Isin hoo ani eenyu jettu?" jedhee gaafate. Simoon Pheexiroosis deebisee, "Ati Kiristoos, Ilma Waaqayyoo jiraataa ti" jedhe.
Yesuus hojii raajotaa qofa hin hojjenne. Inni:
Dhukkubsattoota fayyise. π
Jaamota agarsiise. π
Du'aan keessaa namoota kaase. β‘
Cubbuu namaa dhiise. β¨
π Maarqos 2:5
> "Ilma koo, cubbuun kee siif dhiifameera."
Cubbuu dhiisuu kan danda'u Waaqayyo qofa. Kanaaf namoonni yeroo sanaa Yesuus eenyummaa addaa akka qabu hubataniiru.
π Yohaannis 10:30
> "Ani fi Abbaan tokko."
π Yohaannis 14:6
> "Ani karaa, dhugaa fi jireenya. Anaan yoo ta'e malee namni tokko illee gara Abbaa hin dhufu."
Yesuus mootummaa lafaa hundeessuuf hin dhufne; cubbuu fi mootummaa du'aa irraa nama bilisa baasuu dhufe. Kanaaf mootummaa samii seenuuf Yesuusitti amanuun barbaachisaa dha.
π Yohaannis 3:16
> "Waaqayyo akka Ilma isaa tokkicha kennetti biyya lafaa jaallate; namni isatti amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatu malee akka hin badneef."
Yesuus fannifamee du'e, awwaalame, guyyaa sadaffaattis du'aa ka'e. Du'aa ka'uun isaa mootummaa du'aa fi Seexana irratti injifannoo argachuu isaa mul'isa. βοΈπ
π Luqaas 24:6
> "Inni as hin jiru; du'aa ka'eera."
Kanaaf Yesuus Kiristoos waa'ee isaa dubbii namootaa qofa irraa osoo hin taane Macaafa Qulqulluu irraa qorachuun gaarii dha. Namni Yesuusiin dhugumaan beeku nagaa, abdii fi jireenya bara baraa argata. πβ€οΈβοΈ
"Yesuus Kiristoos kaleessa, har'a, bara baraanis isuma tokkicha." π Ibroota 13:8 β¨ποΈ
FAARFANNAA KANAπππππππ
14/06/2026
βοΈ "Yesuus Waaqayyo yoo ta'e maaliif Abbaan isa erge? Isa kam waaqeffata?" jedhuuf deebii Macaafa Qulqulluu irraa:
Gaaffiin kun Yesuus eenyu akka ta'e sirriitti hubachuu barbaada. Macaafni Qulqulluun Yesuus Waaqa ta'uu isaa fi yeroo wal fakkaatutti Abbaan isa erguu isaa ni barsiisa.
π Yohaannis 1:1 "Jalqabatti Dubbiin ture; Dubbiinis Waaqayyoo wajjin ture; Dubbiinis Waaqayyo ture."
π Yohaannis 1:14 "Dubbiin foon uffatee nu gidduu buufate."
Kana jechuun Yesuus Waaqayyo ta'ee foon uffatee gara lafaatti dhufe jechuudha.
Namoonni baay'een Yesuus kadhachuu isaa qofa ilaaluun, "Waaqayyo ta'ee yoo ta'e maaliif kadhata?" jedhu. Garuu Yesuus yeroo lafa irratti turetti akka namaatti jiraate. Kanaaf akka namaatti Abbaatti kadhachuun isaa Waaqummaa isaa hin haaqu.
π Filiphisiiyus 2:6-7 "Inni bifa Waaqayyoo keessa utuu jiruu, Waaqayyo wajjin wal qixxummaa qabaachuun isaa waan qabamee hafu hin goone; garuu of duwwaa godhee bifa garbaa fudhate."
Yesuus akka namaatti dhufee waan tureef kadhate; beela'e; dheebote; dadhabe. Kun hundi hojii fayyinaaf foon uffachuu isaa agarsiisa malee Waaqayyo akka hin taane miti.
π Yohaannis 10:30 "Anii fi Abbaan tokko."
π Yohaannis 14:9 "Namni ana arge Abbaa argeera."
π Qolosaayis 2:9 "Guutummaan Waaqummaa hundinuu isa keessatti qaamaan ni jiraata."
Kanaaf, Yesuus ergame jechuun uumama qofa miti; Waaqayyo foon uffatee gara addunyaa dhufe jechuudha. Kadhachuun isaas akka namaatti jiraachuu isaa agarsiisa malee Waaqummaa isaa hin mormu. βοΈπβ€οΈ
"Yesuus Waaqayyo miti" jechuun mootummaa Macaafa Qulqulluu keessaa miti; Macaafni Qulqulluun immoo ifatti, "Dubbiin Waaqayyo ture" jedha. ππβοΈ
Ahmed Barsiisaa Hoolotaa namittii dubbisii seeraan maa beexeebexaaππππππππ
14/06/2026
βοΈ NAMNI YESUUSITTI HIN AMANNE MOOTUMMAA WAAQAYYOO DHAALUU HIN DANDA'U
Namni mootummaa Waaqayyoo seenuu barbaadu kamiyyuu karaa Waaqayyo qopheesse jechuunis karaa Yesuus Kiristoos dhufuu qaba. Macaafni Qulqulluun akka nutti himutti fayyinni fi jireenyi bara baraa Yesuus Kiristoosiin qofa argama.
π Yohaannis 14:6
> "Yesuus immoo deebisee, 'Karichi, dhugaanii fi jireenyis ana; anaan yoo ta'e malee namni tokko illee gara Abbaa hin dhufu' jedheen."
Yesuus karaa keessaa tokko miti; Inni karaa qofa dha. Kanaaf namni Yesuusitti hin amanne mootummaa Waaqayyoo seenuu hin danda'u.
π Yohaannis 3:16-18
> "Namni Isa amanu hin badu; jireenya bara baraa qabaata. Namni Isa hin amanne garuu mootummaa Waaqayyoo irraa fagaata; sababni isaas Ilma Waaqayyoo tokkichaatti hin amanne."
π Hojii Ergamootaa 4:12
> "Fayyinni maqaa biraatiin hin jiru; maqaan biraa samii jala namootaaf kennamee ittiin fayyinu hin jiru."
Kana jechuun fayyinni amantii, hojii gaarii, qabeenya ykn maqaa namaatiin osoo hin taane Yesuus Kiristoosiin qofa argama jechuu dha.
π Yohaannis 3:36
> "Namni Ilmatti amanu jireenya bara baraa qaba; namni Ilmaaf hin ajajamne garuu jireenya hin argu; dheekkamsi Waaqayyoo isa irra jiraata."
π Kanaaf har'a jechuun har'a Yesuus Kiristoositti amanuun murteessaa dha. Yeroon araaraa amma dha. Namni Yesuus fudhate jireenya bara baraa argata; namni Isa dides mootummaa Waaqayyoo dhaaluu hin danda'u.
π "Yesuus Kiristoositti amani; fayyina bara baraa argatta." βοΈβ€οΈπ
WAAQAYYOOF GALANII HAA TA'UU.πππ
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Website
Address
Addis Ababa
94