Hasen Usman
Entertaiment
Dubbii Ajaa'ibaa!
Jaartiin Gosa afur (4) qabdi. Mee dubbisaa!
1. Jaartii hamtuu:
Jaartii ajaja jaarsa Isii hin goone, tan jaarsa Isii hin dhageenye. Jaartii azaaba Duniyaa jaarsa seensistu.
2. Jaartii hifattuu;
Jaartii waan Jaarsi itti ajaje hunda osoo jibbituu hojjattu, garuu ajaja jaarsaa hin diddu.
3. Jaartii nagayaa:
Qaalii jaarsaa hin diddu. Ajaja isaa nigooti. Waan inni ajaje hunda nihojjatti, garuu ajaja isaa malee ofii hin beeytu!
4. Jaartii Raaziyaa:
Jaartii osoo Jaarsi hin dubbatin, waan inni fadhuu fi waan inni jibbu fuula isaarraa qaraatu, tan osoo inni itti hin himne beeytu, tan ajaja jaarsaa malee isa gammachiistu.
Yaa Nama dhugumaan fuudha feetu Jaartii Raaziyaa tan akka lakkoofsa 4ffaa irra jirtuu tana Rabbi siif haa kennu!
Yaa Rabbi!
Dilaawaa keenyaaf Araarama, Dhukkubsataa keenyaaf fayyaa, dhabaa keenyaaf durummaa si kadhanna!
13/09/2024
11/09/2024
Baga booqaa birraa bara 2017'n nagaan geessan!! Barri haaraan kun kan waan yaaddan hunda ittiin galmaan geessanii itti milkooftan Rabbiin isiniif haa godhu!!
15/06/2024
Ummata biyya keenyaafi ummata Muslimaa guutuu addunyaarra jirtan Marti baga ayyaana IID-AL-ADAHA bara kanaan nagaan Rabbiin isin gahe!! ☪☪IID MUBAARAK☪☪
20/05/2024
Waan akka malee laphee nama cabsu! Pireesdaantiin Iraan Ibraahim Ra'iisii balaa helekooptaraan du'uun isaanii mirkanaa'ee jira.Kuniis kan ta'e helekooptarri Isaanii gaaraa waan walitti bu'eef jedhame.Rabbiin Jannatal firdoowsiin Isaan haa qananiisu!! Jaalattoota isaaf Rabbiin obsaafi jajjabina haa kennuuf!!
Soomni Ramadaanaa bara 2016/1445H.C boru tokko jedhee akka eegalu waan mirkanaa'eef muslimoonni biyya keenyaafi guutuu addunyaarra jirtan hundi baga ittiin isin gahe.Sooma barakhaa,kan gammachuu fi kan milkii Rabbiin isiniif haa godhu!"RAMADAAN MUBAARAK"!!!
Namni ganama waan gaarii facaafate,galgala waan gaarii haammata!
26/12/2023
Namootni jajjaboon gaafa nama dursan ofitti amanamummaa waan qabaniif namoota ciccimoo ofitti fusarium waliin hojjatu.Gara ofitti dhiheessu.Namootni dadhaboon immoo namoota ciccimoo waan sodaataniif ofirraa dhiibu.Akka hin guddanneef hamilee miidhuun gadi dhiitu.Ofitti amanamummaa waan hin qabneef akka isaa itti dhihaatan hin barbaadan.Kanaaf ofirraa fageessuu filatu.Hundaafuu sooratni sammuu namaa yaada waan ta'eef yaada gaarii qabaadhu.""OOLMAA GAARII ISINIIF HAA TA'U""
25/12/2023
How become more powerful?
☑Talk Less
☑Be calm
☑make eye contact
☑observe more
☑Manage time better
☑Think before speaking
☑Move in silence
☑Show respect
✖✖✖Dabalataan DAMMA HAA NYAANNUU✖✖✖✖
24/12/2023
Hubadhu!
✅Of booda hin ilaalin,borii kee namni siif hin ilaaluuti.
✅Iddoon ati har'a jirtu bakka ati boru itti argamtuu miti.
✅Osoo ulfinni si eeguu salphina hin mi'eeffatin.
✅Osoo fiixaan ba'insi si eeguu fiixee rakkinaa hin dhaabbatin.
✅Sammuu mul'ataa qabaadhu malee summii mul'ataa hin qabaatin
✅Dhalli namaa bu'aa yaada isaati.Kanaaf yaada gaarii qabaadhu.
✅Namni yaada isaa fakkaata.Yaadni immoo jireenya namaa sirreessiti Ykn immoo balleessiti.Kanaaf yaada qajeelaa qabaadhu.
✅Mul'ata malee mul'achuun hin jiruuti mul'ata qabaadhu.
✅Jireenya jiraattu keessatti nama kaayyoo ta'ii jiraadhu.
✅Iddoo hundumatti waan gaarii hojjadhu.Yoos maqaan Kee bakka gaaritti waamama.
✅Eenyummaan kee inni qajeelaan bakka oolteen otoo hin taane,hojii ati bakkichatti hojjetteen madaalama.
✳✳OOLMAA GAARII ISINIIF HAA TA'U✴✴
Bubbeen qilleensa jireenyaa nama jalaa barbadeessuu qofaaf hin dhufu,yeroo tokko tokko qoshaashaa karaa irra deemaniis namaaf qulqulleessiti.
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Website
Address
Addis Ababa
Opening Hours
| Monday | 09:00 - 17:00 |
| Tuesday | 09:00 - 17:00 |
| Wednesday | 09:00 - 17:00 |
| Friday | 09:00 - 17:00 |
| Saturday | 09:00 - 17:00 |