BEDIR

BEDIR

Share

make your company visible to all!!

30/10/2025

Baasaa jennaan diddani, amma baasnu male jettanii iyyitu 🥱

Amma maal gooturee? 😂😂😂
Da'awaa godhe jennaan sodaatanii hidhan. Hidhamee dhaabbateeree? Lakki!

Hidhamee mana hidhaa taa'ee achitti da'awaasaa itti fufe. Kunoo guyyaa muraasa keessatti achitti namoota kudhan shahaadaa qabsiise jedhan.

Akkasumagaa wantichi. Hidhaan hin dhaabu jarana.
Ammaar Tamaamiin

19/10/2025

Nuti kan Rabbiiti! gara isaattis deebifamoodha!!

04/10/2025

Magaalaa Makaana salaam masjiida Nuuritti imaama masjiidaa dabalatee muslimoonni afur ajjeefanuun ibsameera.

Hamiltan:Fulbaana 23/2018 Finfinnee
Godina walloo kibbaa aanaa booranaa magaalaa Makaana salaam ganda 02 keessatti kan argamu masjiida seena qabeessa Nuur ( masjiida Haaji Nasruu) jedhamutti imaama masjiidaa kan ta'an Sheihk Jamaal Jamaal fi wardiyyaa masjiidichaa Sheihk Yimaamiin dabalatee odeeffannoo hanga ammaatti jiruun muslimoonni afur qaamota hidhataniin ajjeefamuun beekkameera.

Akka maddi odeeffannoo kanaa ibsutti namoota ajjeefamaniin alattis kanneen miidhaman jiraachuun ibsameera.

Galgala edaa salaata Ishaa'ii booda masjiida dhukaasa qaamoleen hidhatan uumaniin namoonni kunniin kan ajjeefaman.

Yeroo qaamoleen hidhatan kunneen masjiida seenaan imaama masjiidichaa kan ta'an Sheihk Jamaal Jamaal azaanaa kan turaniifi, dhukaasa itti banameen osoo azaana hin geeffatin akka ajjeefaman himameera.
Maddi oduu Harun media

28/09/2025

« Iyyaasuun Muslima waan ta'eef Itiyoophiyaa bulchuu hin danda'u »
~~~
Guyyaa akka har'aa kana Fulbaana 17/1909 ture inni Muslima waan ta'eef Itiyoophiyaa bulchuu hin qabu jedhamuun fincila isarratti ka'een Itiyoophiyaan walakkaa jaarraa tokkootii oliif gara dukkanaafi sirna nama nyaatatti akka deebitu kan godhame.

As irratti wanti hubatamuu qabu kitaabonni Iyyaasuun amantii Islaamaa fudhateera jedhan heddutu jiru. Qorannooleen garaa garaa kana agarsiisanis baay'eedha. Ragaa fincilli akka isaarratti ka'u godhe keessaa inni guddaan ''Iyyaasuun Islaamaa waan ta'eef Itiyoophiyaa bulchuu hin danda'u'' jedhuufi boodas akka himataatti dhihaate yoo fudhannee ilaalle kunis ragaa Islaamummaa fudhachuu isaa kan cimsuudha.

Itiyoophiyaan jaarraawwan baay'eef sirna solomoonaawaa jalatti qorqamtee nagaa dhabdee, waanjoo hammeenyaafi gadadoo jalatti bulaa turte ALA barq 1913 hanga 1916 wayita Mootii Lij Iyyaasuun bulaa turetti guddinaafi qaroomina olaanaa irra geessee turte.

Mootota biyyattii bulchan keessaa umuriidhaan ijoollee kan ta'eefi sammuu qaroomaagu dandeettii hooggansaa addaa kan qabu Iyyaasuun bara bulchiinsa isaatti seerota mootonni duraanii hordofaa turan keessaa bahuu qofa osoo hin taane seerota ummataafi biyyattii gara jireenya fooyya'aafi naga qabeessaatti akkasumas gara guddinaafi dagaaginaatti geessu bocuun seenaa biyyattii keessatti bu'uura guddaa mootii kaaheedha.

“Hawwiin koo guddaan dhalataa biyyaa kan ta'e hunduu garaan tokko ta'ee daangaa biyyaa akka eegudha. Amantiidhaan gargar taanus jaalala biyyaatiin walta’uun akka dirqama nu barbaachisu hin dagatinaa” kan jedhe Lij Iyyaasuudha.

Kana qofa miti, gaafa isaan fonqolcha isarratti raawwatan sana, ''humni isaan kana sirriitti raawwatanii guddaadha, dandamachuunis ulfaataadha, kanaafuu Faransaayiifi Xaaliyaanii irraa deeggarsa gaafadhu'' yeroo jedhamuun ''lakki kun hin ta'u, kan anarratti kana godhe firoottan kooti, kanaaf jecha faranjii (biyya alaa) wajjiin waliigaltee mallatteessee biyya koo hin

#quran #from#surah #islamicvideo 14/09/2025

https://youtube.com/shorts/SJx5VKFc8jg?si=miTIkARTKEGpz-ev

#quran #from#surah #islamicvideo Nyd de videoer og den musik, du holder af, upload originalt indhold, og del det hele med venner, familie og verden på YouTube.

Want your public figure to be the top-listed Public Figure in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Telephone

Website

Address

Jemo
Addis Ababa