Barii

Barii

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Barii, Digital creator, Addis Ababa.

26/07/2024

Guyyaan isaa guyyaa Sanbataati afaan ergifataan 'qedaamees ni jedhama sanbatduraas jedhamee waamama gabaa guddaatu jira magaalaa Nuunnuu Gandoota baadiiyaa danuurraa deemsa miillaan sa'aatii sadii hanga Afuurii deemanii gabaa kana dhaquu nutillee miillaan sa'aatii sadii deemnee dhaqaa turre Aanalee Oollaa kanneen akka Aanaa Gomboo Aanaa Leeqaa Dullachaa irraas dhufanii gabaa kanatti waan barbaadan gurguratanii waan barbaadan bitatanii galu

Maqaan gabaa kanaa dur "gabaan kan dhaabbatu guyyaa roobiidha maqaan gabaa kanaas gabaa Roobii"jedhamee waamama naan jedhan akkoonkoo ammayyuu gabaa Roobii jedhanii waamus gabaa guddaadha yeroo ammaa gara guyyaa sanbaataatti jijjiirameera guyyaa Sanbatduraa kana keessumatti toora sa'aatii 5:00-9:00 lafti ajjetan nama rakkisa miidhaan nyaataa gosa barbaaddee fi beelladoota manaa gosa barbaadde gabaa kanaa ni argatta guyyaa Sanbataa kana baayiinni uummatichaa irraan kan ka'e dhugumaan uummanni kun gabaaf jedhee ya'eeyi nama jechisiisa bakka biraa deemee gabaa akkas guddatu argee hin beeku!

Guyyaa tokko rifeensikoo narratti gurguddateera aniis rifeensa gurguddaa narra ture kana dhaqeen mana Rifeensaa naannoo buufata konkolaataa daandiitti achii ol galgalanii sirressan mana rifeensaa Gammachuu fi Garramuu jedhamu tokkotti 'Normal' isa jedhumu sireeffadheen nama rifeensa sireeffate utuu hin taane sangaa gaafti irraa cabe fakkaadheen ofiimakoo gaadidduukoo ilaale of wallalaan nama na beeku arguu jibbaa gaafan mana Akakayyuukoo gahuu akkoonko sa'a Eelmuu ishoo ilmookoo amma nama fakkaate baga sirreeffate elaa amma dhiiga godhatta naan jedhan!
Rifeensi narraa dhumuu isaa ani nan jibbaa isaanitti ni tola jechuudha!
Waktiin isaa waktii gannaati mana seenee akakayyuukoo Waaqayyoo lubbuu isaanii haa maaru xiqqoo ni dhukkuba mana seenee nagaa isaan gaafadhee jarris nagaa na gaafatanii "naa wayya ilmookoo Waaqayyoof haa galatu" naan jedhaniitu "dhaqii akkookee dubbisika" naan jedhan dhaqii dubbisiin isaanii dhaqii waa nyaadhuudha akkoonkoo sa'a eelmaa kan turan ol galaniiru anis bakka nyaanni itti bilchaatu mana ala waadaa seenee waktiin isaa waktii gannaadha ittoo dinnichaa baay'ee minya'uu fi baaduu akka ajaa'ibatti urgaa'u qocqocaan makanii" mee ishee kana qammasi" naan jedhani naaf laatanii sa'a eelmuutti deebi'ani hamman danda'uu nyaadhee yeroon gadi ba'u eelmanii jabbii jalaa qabaa jiru anis Ameessa(Sa'a dhaltii kan eelmamtu) harkaa fuudhen gara horiitti geessuuf qajeele akkonkoos "ishoo ilmookoo guddadhu rabbi sihaa guddisu" jechaa eebba natti roobsu eegalani waanuman ameessa harkaa fuudhee gara horiitti gessuuf jedhuuf jecha eebba natti roobsu kan nyaatee garaa guuttatee qajeele ana kan na eebbisu isaaniidha ayi jaalala akkoo jedheen gara horiitti geesse!
gabaan ammayyuu ni yaati hunduu akka waan namni dudduubaan qabuuf duuka fiiguu dafdafee miilla kaasuun deema gara mana isaatti galuuf inni kaan waan keessa oole dinqifachaa ho'ifatee walitti odeessaa ya'aa karaarra!

Jaallatamtuu Akkooko Umuurii Harrageessaa fayyaa guutuu waliin naaf jiraadhu ilma intalakee ta'ee jaalalaa akkoo,Oolmaan haadhaa maal akka faakkatuu fi gaaruummaa sirraa baruukoof gammachuun qaba hamtuun sin argiin naaf jiraadhu akkooko🥰

23/06/2024

Aartistii fi qabsa'a Oromoo Hacaaluu Hundessaa ajjefamuuf haala kan mijeesse tarii kan ajjeseyyuu isheema ta'a maaltu beeka! gaafa ajjefame Laamiroot Kamaaltu bira jira akkamiin Osoo isheen bira jirtu bilisa jedhamtee turte?
Ergasimmoo murtiin ishee maalirra gahee uummataaf ifa ta'eraa?
warreen dhimmi qorannoo kanaa isaan ilaallatu martuu gaafatama seenaa jalaa hin baatani aangoon keessan harraa dhugaa ilma namaa kan dhokse bor darbuuf jira dhugaan ilma namaa garuu bor bahuuf jira!
kan gaaffii anatti ta'ummoo Uummanni Oromoo Miliyoona 60 oltu jira
Hamma kana keessaa lafa Laamiroot kamaal jirtu namni beekuu hin jiru?
Dhimmi ajjechaa Hacaaluu ukkamsamee akka hin hafnee namnuu dhiibbaa godhuun dhaabbachuu hin qabu?
Injineer Takkalee Uumaa biyya alaatti warri habashaa arganii qabsiifachuuf yaalanii turan kaka'umsa mataa isaaniin Oromoon akkamiin seerri tokkof jiraatee tokkof dhiibu kun maal akka ta'ee gaafachuu dadhabe?
Warri Aangoo of harkaa qabdanii dhiiga Hacaaluu dhangalaastaniis warreen birriin afaan sin qabees warri shira siyaasaa xaxuuf dhangalaasiftaniis guyyaa dhugaan kun bahu numa dhufa gaaf tokko!
Guyyaa Hacaaluun ajjeefame Qabeenyi biyyatti birii Miliyoonni hammamtuu akka barbada'ee qaamni tilmaame jiraa laata?
Wanti anaan na dhibu akka Magaalaa Jimmaatti Hoteela akka magaalatitti beekamaa Dololoo jedhamee waamamu kan ani abbaa qabeenyummaan isaa kan eenyu akka ta'ellee hamma harraa addaan hin baafannetu qeerroo magaalichaan gubate manneeni fi qabeenyi akka konkolaataa kutaa Oromiyaa hundumaattu gubatanillee gara hin qabani barana turtii ji'a shanii kan hin caalle keessa Hoteelli Dololoo magaalaa jimmaatti argamu ijaaramee yeroo Eebbifamuuf jedhu fuula fb Aartist Caalaa Bultumee irraa argeen baay'ee aja'ibame abbaan qabeenya kan Oromoodha yoo ta'e yeroocha akkamiin gubate?
Akkamiin Kan gaafa Waahilli aartii isaa ajjeefame gubate irratti innimmoo keessummaa kabajaa ta'ee akka inni dhaqee eebbisee hiree gaafachuu osoon qabaadhee gaafadheen namaaf ibsa irraa baratama jedheen yaada!
Qabsa'aa ajjessuun dhaloota doomsuuf yaaluudha garuu matumaa hin ta'u duuti Hacaaluu biyyattidhaaf kisaara malee bu'aa fide tokkollee hin qabu warri si ajjesisan garuu waan bu'aa buufatan isaanitti fakkaatuus lafarrattis waaqarrattis dhiignikee nagaa akka hin laanneef humaa shakkii hin qabu waaqni dhugaa dhiigakee jige hin gatiin guyyaa ati duute osoo hin taane Eebila 15'niin si yaadadha bollakee dadhiin haa guutu siidaa aartii Oromoo suuraan kan Laamiroot kamaal gaafa inni ajjeefame waliin jirtudha!Aartistii fi qabsa'a Oromoo Hacaaluu Hundessaa ajjefamuuf haala kan mijeesse tarii kan ajjeseyyuu isheema ta'a maaltu beeka! gaafa ajjefame Laamiroot Kamaaltu bira jira akkamiin Osoo isheen bira jirtu bilisa jedhamtee turte?
Ergasimmoo murtiin ishee maalirra gahee uummataaf ifa ta'eraa?
warreen dhimmi qorannoo kanaa isaan ilaallatu martuu gaafatama seenaa jalaa hin baatani aangoon keessan harraa dhugaa ilma namaa kan dhokse bor darbuuf jira dhugaan ilma namaa garuu bor bahuuf jira!
kan gaaffii anatti ta'ummoo Uummanni Oromoo Miliyoona 60 oltu jira
Hamma kana keessaa lafa Laamiroot kamaal jirtu namni beekuu hin jiru?
Dhimmi ajjechaa Hacaaluu ukkamsamee akka hin hafnee namnuu dhiibbaa godhuun dhaabbachuu hin qabu?
Injineer Takkalee Uumaa biyya alaatti warri habashaa arganii qabsiifachuuf yaalanii turan kaka'umsa mataa isaaniin Oromoon akkamiin seerri tokkof jiraatee tokkof dhiibu kun maal akka ta'ee gaafachuu dadhabe?
Warri Aangoo of harkaa qabdanii dhiiga Hacaaluu dhangalaastaniis warreen birriin afaan sin qabees warri shira siyaasaa xaxuuf dhangalaasiftaniis guyyaa dhugaan kun bahu numa dhufa gaaf tokko!
Guyyaa Hacaaluun ajjeefame Qabeenyi biyyatti birii Miliyoonni hammamtuu akka barbada'ee qaamni tilmaame jiraa laata?
Wanti anaan na dhibu akka Magaalaa Jimmaatti Hoteela akka magaalatitti beekamaa Dololoo jedhamee waamamu kan ani abbaa qabeenyummaan isaa kan eenyu akka ta'ellee hamma harraa addaan hin baafannetu qeerroo magaalichaan gubate manneeni fi qabeenyi akka konkolaataa kutaa Oromiyaa hundumaattu gubatanillee gara hin qabani barana turtii ji'a shanii kan hin caalle keessa Hoteelli Dololoo magaalaa jimmaatti argamu ijaaramee yeroo Eebbifamuuf jedhu fuula fb Aartist Caalaa Bultumee irraa argeen baay'ee aja'iibame abbaan qabeenya kan Oromoodha yoo ta'e yeroocha akkamiin gubate?
Akkamiin Kan gaafa Waahilli aartii isaa ajjeefame hokkoraan gubate irratti innimmoo keessummaa kabajaa ta'ee akka inni dhaqee eebbisee hiree gaafachuu osoon qabaadhee gaafadheen namaaf ibsa irraa baratama jedheen yaada!
Qabsa'aa ajjessuun dhaloota doomsuuf yaaluudha garuu matumaa hin ta'u duuti Hacaaluu biyyattidhaaf kisaara malee bu'aa fide tokkollee hin qabu warri si ajjesisan garuu waan bu'aa buufatan isaanitti fakkaatuus lafarrattis waaqarrattis dhiignikee nagaa akka hin laanneef humaa shakkii hin qabu waaqni dhugaa dhiigakee jige hin gatiin guyyaa ati duute osoo hin taane Eebila 15'niin si yaadadha bollakee daadhiin haa guutu siidaa aartii Oromoo suuraan kan Laamiroot kamaal gaafa inni ajjeefame waliin jirtudha!
Imimmaan dhala isaaf imimmaan ilmaan Oromoo gaafa du'a Hacee bo'iicha isaaf bahanii ajjeefamaniiyyuu nagaa hin laatuuf!

Photos from Barii's post 16/05/2024

Gara garummaa namoota siyaasaa lamaanii kana ilaalaa?
Mee eenyuutu Seeraa fi heera biyya kanaa diigee laata?

1,Jaal Abdii Raggasaa Miseensa gumii shanee ABO'ti
2, Abdii Illee bulchaa Mootummaa Naannoo Sumaalee ture bara 2009 EC Uummata Oromoo daangaa Naannoo sumaalee jiraatan kan Miliyoonan lakka'aman manaa fi qabeenya isaanirraa kan buqqaasise
uummata Oromoo kumaan kan lakka'amanimmoo lubbuu dhabaniiruu kanneen lubbuun hafanii carraa buqqaafamuun jiraachaa jiranimmoo gad dhaabsifamaniiruu kan jedhuuf sinumaafan dhiisa taateen kun dursummaa sirna EPRDF'tin bulchiinsa TPLF jalatti kan raawwateedha.

Namni kamiyyuu seera jalatti bula utuu ta'e
jaal Abdii Raggasaa Waamicha Muummichi ministeeraa amma Dr Abiyi Ahimad paartilee Itoophiyaa gara garaaf taasiseen bakka bu'uummaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa yeroochaa Lammaa Magarsaatiin Sossobbaa kadhaa danuun booda galaniiru sossobbaa jechuun midiyaa OBN irratti
Jeneraal Kamaal Galchuu "qaamni maqaa Oromoo dhaatee nan qabsa'aa jedhu kamuu erga mootummaan balbala banee karaa nagaa koottati galaa qabsa'aa jedhenii qaama sadaffaa barbaaduun hin barbaachiisu" jechuun karaa addaa garaa ABO eertiraa jiran irratti holola akka waan inni uummata Oromoof hin qabsoofneetti karaa namoota garagaraa oofaa turani saniin booda wali galtee ABO fi EPRDF jalatti dursummaa OPDO'n taasisan ofitti fudhatanii aantummaa hanga lubbuutti Uummata isaaniif qaban WBO waliin
Eertiraa irraa fulbaana 05/ 2011 EC(Fulbaana 15/2018GC) qondaaloota dhaaba ABO waliin warra gara biyyatti galaan keessaa isaan tokkodha Jaal Abdii Raggaasaa mana murtii gara garaatti dhimmi isaa dhiyaatee bilisaan akka baafamuuf murta'uus waajjirri poolisii baasuu didanii mana hidhaa gara garaagaraatti dabarsu harra gara waggaa shaniif nama manni murtii bilsa baaseetu hidhamaa jira jechuudha!
gaheen mana murtii biyya kana hammaam akka gatii dhabee agarsiistuudha kun!

Mootummaa Naannoo Sumaalee duranii Abdiin Illeemoo naannoo waggaa shanii wayiif hidhamee baatii tokkon dura bilisaan gad lakkifame!
mee kun aja'iiba miniree bulchitoonni naannoolee gara garaa badii biyya diiggaa,mancaatii lubbuu namaa fi mancaatii qabeenyaa Biliyoonaan lakka'amu namni raawwate bilisaan gadhiifamera!

Garaa garuummaan isaanii maalii laata lachuu nama siyaasaatihoo?
Ani nama kamiifuu dhiifamni taasifamuu irraa aarii hin qabu garuu maaliif yakkaamaan bilisa bahee shakkamaan hidhaan dararamaadha gaaffiinkoo?
yakkaamaan erga bilisa baaafamee nama manni murtii qoratee bilisa baasemmoo hidhuun maaliif barbaachisee?
Deeggartoonnii paartii pp's ta'e mormitoonni paartii pp maal baratumee kanarraa?

Seenaan Qondaaloota ABO dabalatee miseensoonni isaa kumaan lakka'aman mana hidhaa biyyatti keessatti dararamaa jiranii kun Seenaa bara dargii keessa dhaaba Me'iisoon kan Dr Hayilee fidaan durfaman waliin kan wal fakkaatuudha!

Dargiin waamichaa karaa nagaatti amanee taasisee haaluun waadaa cabsee dhaboolee gara garaa irratti cunqursaa taasiseen dhaabni Mee'isoon jedhamee beekamu guyyaa tokkotti Hogganaa isaa Dr Hayilee Fidaa dabalatee miseensoonni isaa gara 500 ta'n loltuu dargiin to'atamani gariin ajjeefamanii gariin achi buuteen isaanii dhabaman!

Kan Muummichii Itoophiyaa EPRDF kaleessa dursummaa TPLF'n Jaal Nadhii Gammadaa dabalatee qondaaloota ABO namoota qaroo biyyatti ta'an baay'ee funaananii hidhuun achi buuteen isaanii kan dhabaman hamma harraa iji maatii kan bakkee eegu golee Oromiyaa keessa namoonni jiran ragaa haa ba'an!
Kutaa lammaffaan yaadichaa itti fufa.........

08/02/2024
Want your business to be the top-listed Media Company in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Culinary Team

Attire

Website

Address


Addis Ababa