ARSII TUBE
Arsii Tube–iddoo aadaa, sirba, seenaa fi odeeffannoo Arsii fi Oromiyaa itti argattan. Nu hordofaa
miidiyaalee diinaa fi ergamtootaaf ragaa dabarsuun eenyummaa keenya diiguuf yaaluun matumaa hin danda'amu.
gama tokkoon waan gaarii hojjachaa jirtanii, gama biraatiin immoo diina wajjin hiriiruun shira xaxuun gonkumaa hin danda'amu Kanaan dura akeekkachiisa hedduu maxxansaa turreerra, ammaan booda garuu isin wajjin itti fufuuf iddoon qabnu hin jiru. Of keessaa isin baasna!Maqaa fi hojii mootummaa dawoo godhachuun, fakkeessitoota keessaan nu irratti dalagan hunda seeraan walitti deemna. Diinni yoomiyyuu diinuma! Fakkeessitootaaf araarami hin jiru!
Miidiyaan kamiyyuu faayidaa dhuunfaa fi dhiphaa dhiisee, uummata hunda haqaani fi wal-qixxummaadhaan tajaajiluuf dirqama qaba. Miidiyaan dantaa uummataa fi biyyaa dhiisee dantaa mataa isaaf asii fi achi jedhu, akkasumas hojii mootummaa fi misoomaa hin deeggarre, sakatta'iinsa cimaa jala galamuun isaa waan hin ooleedha!
Hoggansi kamiyyuu sadarkaa sadarkaan kan ramadamu fedhii, ergama fi imaammata paartichaa fi uummataa giddugaleessa godhatee ti. Paartichi akkaataa barbaachisummaa isaatti hoggansa kan ramadu ta'uu isaa beekuun dirqama seeraa fi naamusaa ti.
Kanaafuu, miidiyoonni fi namoonni hoggansa duranii jala adeemuu fi gocha akkasii keessatti hirmaachuu feetan, gocha keessan irraa hatattamaan akka deebitaniifi akka of-sirreessitan gadi jabeeffamee itti himamu qaba
Miidiyaan hawaasa bal'aa bira gahu, nagaa, misooma fi badhaadhina naannoo keenyaa mirkaneessuuf itti-gaafatamummaa isaa bahachuu qaba. Sakatta'iinsi hoggansaa fi miidiyichaa amanamummaa uummataa mirkaneessuuf murteessaa dha!
11/06/2026
Dilbata dhufu (Waxabajjii 7/2018) dorgommii Fiigicha Guddaa Itoophiyaa Magaalaa Boqqojjiitti gaggeeffamu ilaalchisee mariin qindoominaa bal’aan adeemsifameera.
Marii kanarratti hoggantoonni olaanoo Godina Arsii fi Magaalaa Boqqojjii, dabalatee koreen qindeessituu fi ogeessonni WDI argamuun qophii xumuraa irratti mari’ataniiru. Sagantaa kana irratti keessummoonni olaanoon Federaalaa, Naannoo fi Godinaa ni argamu jedhamee eegama.
11/06/2026
Marii ho'aa fi hamilee guutuun itti seename, dorgommii "Mo'a-mo'attootaa" magaalaa Ambootti adeemsifamu ilaalchisee, hoggantoota ol'aanoo fi taphattoota kilaaba aanaa Zuwaay Dugdaa waliin bal'inaan gaggeeffameera!
Kaayyoon marichaa inni ijoon, kilaabicha gara injifannoo haaraatti ceesisuu fi gootota taphattoota keenya dorgommii cimaa kanaaf jajjabeessuudha. Sirna kanarratti, Bulchaa Aanaa Zuwaay Dugdaa fi I/G Paartii Badhaadhinaa Damee Aanaa argamuun dhaamsa onnee kakaasu dabarsaniiru.
Obbo Ashim Waadoo (Bulchaa Aanaa Zuwaay Dugdaa):
"Akkuma kanaan dura geebaa nuuf kaasudhaan maqaa aanaa fi godina keenyaa ol qabdan, ammas dorgommii mo'a-mo'attootaa Amboorratti adeemsifamurratti abbaa geebaa akka nu gootan shakkiin hin jiru!"
Kanumaan walqabatee, obbo Ashim wanti taphattootaaf barbaachisu hundi hatattamaan akka guutamuuf kallattii hojii dabarsaniiru.
Obbo Jamaal Shenano (I/G Paartii Badhaadhinaa Damee Aanaa):
"Kilaaba kana irraa waan guddaa eegna. Kanaaf gara 'Premier League'-tti guddatee akka arginu shakkiin tokkoyyuu hin jiru. Waan hundaanuu isin cinaa jirra; ammas geebaan akka nuuf galtan guutummaatti isin amanna!"
Taphattoonnis gama isaaniin onnee guutuudhaan, "Humna qabnu hundaa fayyadamnee dorgommii kanarratti maqaa aanaa keenyaa fi godina keenyaa ol ni kaasna!" jechuun waadaa isaanii haaromsuun qophii isaanii mirkaneessaniiru.
11/06/2026
Godina Arsii Aanaa Roobee magaalaa Roobeetti, mariin dhimma nageenya naannoo mirkaneessuu fi misooma itti fufsiisuu irratti xiyyeeffate hawaasa magaalichaa waliin bal'inaan gaggeeffameera.
11/06/2026
Jalqabsiisni qonna lafa Buusaa Gonofaa Godina Arsii, Aanaa Loodee Heexosaa, Ganda Malkaa Jabbiitti eegalamee jira!
Inisheetiviin kun, duudhaa fi aadaa wal-gargaarsa uummata keenyaa si'ayyeessuudhaan, hawaasa hirkattummaa jalaa bahee of danda'e uumuuf furtuu badhaadhina keenyaati. Paartii Badhaadhinaa keessatti, kaayyoon keenya inni guddaan humna jiru hundatti fayyadamnee lammii hirkattummaa jalaa bahe uumuu dha.
Hirkattummaa seenaa goonee, oomishtummaa fi badhaadhina keenya harka keenyaan ni mirkaneessina!
11/06/2026
መንግሥት አስተማማኝ በሆነ ሁኔታ በሁሉም ክልሎች መረጋጋትን በመፍጠር፣ በሚሊዮኖች ለሚቆጠሩ ዜጎች የመምረጥና ድምፅ የመስጠት መብታቸውን አስከብሯል።
የአፍሪካ ኅብረት (AU) እና የኢጋድ (IGAD) ታዛቢ ቡድኖች ሪፖርት በግልጽ እንዳረጋገጠው፣ ምርጫው ሰላማዊ፣ ግልጽና ዲሞክራሲያዊ በሆነ መንገድ ተካሂዷል። የኦፌኮ ዓለም አቀፍ ባለሙያዎችን "የምርጫ ቀን ቱሪዝም" በማለት የመወረፍ አስተያየት፣ በማስረጃ ላይ የተመሠረተውን ሪፖርት ለመሸሽና ሽንፈቱን ለመደበቅ ብቻ የታለመ ነው።
ኦፌኮ በምርጫው በሕዝብ ዘንድ ተቀባይነት እንደሌለውና እንደሚሸነፍ አስቀድሞ ስለተረዳ፣ ተሳትፎውን በመገደብ ጥቂት ዕጩዎችን ብቻ አቀረበ። በእውነተኛ ዲሞክራሲ የሚያምኑ ፓርቲዎች ከውድድር ራሳቸውን አግልለው አያለቅሱም፤ ወደ ሕዝብ ሄደው ድምፅ ይለምናሉ እንጂ።
7ኛው አገራዊ ምርጫ የኢትዮጵያን ሕዝብ ፍላጎትና ታሪካዊ ውሳኔ ያንጸባረቀ ነው። የኦፌኮ መግለጫ ምርጫውን አለመቀበልንና የፓርቲውን የፖለቲካ ፍላጎት የሚያሳይ እንጂ መሬት ላይ ያለውን እውነት የሚወክል አይደለም። የብልጽግና ፓርቲ አሁንም በድጋሚ የሕዝብን ፍላጎትና ምርጫ በማክበር፣ የበለጸገችና ሰላሟ የተጠበቀ ኢትዮጵያን ለመገንባት በቁርጠኝነት ይሰራል!
ARSII TUBE
11/06/2026
Kongirasiin Federaalawaa Oromoo (KFO) ibsa dhiheenya kana baaseen Filannoo Biyyaalessaa 7ffaa milkaa'ina guddaadhaan kan xumurame xureessuuf yaaleera. Ibsi kun dhugaa lafa jiru kan haguuge, akkasumas karaa siyaasaa paartichaa fi filannoodhaan uummata biratti fudhatama dhabuu isaa dhoksuuf yaalii taasifamedha.
Uummanni Itoophiyaa bilisummaa fi fedhii isaatiin sagalee isaa kennee osoo jiruu, KFO'n adeemsa kanaan faallessuun dubbachuun isaa fudhatama hin qabu.
KFO'n filannicha "fakkeessaa" jechuun maqa-balleessii sobaa uumuuf yaalus, Filannoon Biyyaalessaa 7ffaan sagalee uummataa dhugaa kan calaqqisedha.
Mootummaan haala amansiisaa ta'een naannoolee hundatti tasgabbii uumuun, lammiilee miiliyoonaan lakkaa'amaniif mirga sagalee kennuufi filachuu isaanii kabachiiseera.
Gabaasni garee taajjabdoota Gamtaa Afrikaa (AU) fi IGAD ifatti akka mirkaneessetti, filannichi haala nagaa, iftoomina fi dimokiraatawaa ta'een raawwateera. Yaadni KFO ogeessota idil-addunyaa "tuurizimii guyyaa filannoo" jechuun abaaru, gabaasa ragaa irratti hundaa'e lagachuu fi mo'amuu isa dhoksuuf qofa.
Gamtaan Awurooppaa adeemsa filannichaa jajjabeessuun isaa, Itoophiyaan karaa ce'umsa dimokiraasii dhugaa irra jirtu agarsiisa malee sossobbaa dippilomaasii miti.
KFO'n seera kabajuuf qofa kaadhimamtoota muraasa dhiheessuu isaa akka sababaatti dhiheessa. Garuu dhugaan jiru kana miti:
KFO'n filannoo kessatti uummata biratti fudhatama akka hin qabne fi akka mo'amu dursee waan hubateef, hirmaannaa isaa daangessee kaadhimamtoota muraasa qofa dhiheesse. Paartileen dimokiraasii dhugaa amanan dorgommii keessaa of baasanii hin waywaatan; uummata bira deemanii sagalee kadhatu malee.
Karaa qabsoo nagaa jedhanii uummata gara dhama'iinsaatti oofuun, filannoo nagaa biyyattiin taasiste keessatti hirmaachuu dhiisuun deemsa seeraa fi seenaa dura dhaabbachuudha.
Filannoon Biyyaalessaa 7ffaan fedhii fi murtee seena-qabeessa uummata Itoophiyaa kan calaqqisedha. Ibsi KFO yaada filannoo fudhachuu dhabuu fi karaa siyaasaa paartichaa malee dhugaa lafa irra jiru kan bakka bu'u miti. Paartiin Badhaadhinaa ammas irra deebi'ee fedhiifi filannoo uummataa kabajuun, Itoophiyaa badhaate fi nagaa qabdu ijaaruuf kutannoodhaan ni hojjata!
ARSII TUBE
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Address
Addis Ababa