ABDI SABAA

ABDI SABAA

Share

WEBSITE AND MOBILE APP DEVELOPER

01/12/2025

Shout out to my newest followers! Excited to have you onboard! Dori Kito Kito, hop man, Gemechu Abate

30/10/2025

Shout out to my newest followers! Excited to have you onboard! Lalisa Gabayyo, Ahimed Garoo, Dev M Teferi

27/09/2025

Shout out to my newest followers! Excited to have you onboard! Tena Ashetu, Oromoon Tokko, Tume Bidu

04/07/2025

Miidiyaa walabaa tokkicha qabnu OMN kallattii dandeenyuun jabeeffachuu qabnaa jedhan dhalattoonni Oromoo biyyoota garaagaraa jiraatan.

Dhalattoonni Oromoo biyyoota Baha Giddugaleessaa, Ameerikaa Kaabaa fi Awuroppaa jiraatan yaada isaanii kennan OMN gartuu siyaasaa kami irraayyuu walaba ta'ee akkaataan aantummaa uummataa giddugala godhatee hojjataa itti jiru akka amantaa irraa qabaannu nu taasisee jira jedhan.

Rakkoo uummata biyya keessa jiru mudatu darbees lammiilee biyyoota garaagaraatti haala hamtuu keessa jiran duuka bu'uun uummataaf sagalee ta'aa kan jiru OMN akka ta'e eeraniiti jiru.

Miidiyaa walabummaan nu tajaajila jiru kana jabeeffachuu qabnaa jedhan.

Oromoon bakka jiruu Youtube OMN sabiskiraab gochuu, miseensa dhaabbataa tumsitoota OMN ta'uun galmaa'uun hanga humna ofii gumaachuufii fa'aatiin tumsuu akka qabu himaniiru.

Miidiyaa sa'atii 24 guutuu uummata tajaajilaa jiru kana uummanni jabeeffachuu akka qabus hubachiisaniiru.

Paayileetiin ganna 19 addunyaa waliin gahuuf ka'e Antaartikaatti danqame - BBC News Afaan Oromoo 04/07/2025

Paayileetiin ganna 19 addunyaa waliin gahuuf ka'e Antaartikaatti danqame - BBC News Afaan Oromoo Dargaggoon Ameerikaa xiyyaarasaa xiqqoodhaan ardii hunda waliin gahuuf ka'e odola Antaarktikaatti qabameera.

04/07/2025

Raashiyaan Taalibaaniif beekamtii kennuun biyya jalqabaa taate
++++++++++
Waxabajjii 27/2017(Gaazexaa Pilaas): Raashiyaan biyya jalqabaa Afgaanistaan keessatti mootummaa Taalibaaniif beekamtii kennite taateetti.

Afgaanistaanitti Ambaasaaddarri Raashiyaa Dimitirii Ziirnooviin mootummaansaanii Emireetota Islaamaa Afgaanistaaniif beekamtii kennuusaa ifatti beeksisaniiru.

Raashiyaan biyya jalqabaa sirna Taalibaaniif ifatti beekamtii kennite kan taate yoo ta’u, Ministirri Dhimma Alaa Afgaanistaan Amiir Kaan Muttaqii murteen kun murtee ija jabummaan guutame jechuun faarsaniiru.

Ministirri Dhimma Alaa Afgaanistaan Muttaqiin, tarkaanfiin kun hariiroo gaarii haaraa, walkabajuufi tumsa ijaarsaaf balbala kan bane ta’uu ibsaniiru. Jijjiiramni kun biyyoota biroof fakkeenya ta’a jedhaniiru.

Ministeerri Dhimma Alaa Raashiyaa ibsa kennaniin, beekamtiin ifaa Emireetota Islaamaa Afgaanistaaniif kennuun biyyoota keenya gidduutti tumsi biyyoota lamaanii bu’a qabeessa ta’e akka guddatu gumaacha jennee amanna jedhaniiru.

Raashiyaan tumsa damee anniisaa, geejjibaa, qonnaafi bu’uuraalee misoomaa, daldalaafi tumsa dinagdee cimsuun balaa shororkeessummaafi daldala qoricha sammuu namaa hadoochu ittisuuf carraaqqii Kaabuul taasiftu deeggaruu kan ittifuftu ta’uu ibsaniiru.

04/07/2025

Iraan suphaa buufata niwukilarii Foordoo eegalte
++++++++++++++++++
Waxabajjii 25/2017(Gaazexaa Pilaas): Erga Ameerikaan buufata gabbisa niwukilarii Foordoo Iraan rukuttee booda Iraan bakka kanarratti hojii eegaluushee suuraaleen saatalaayitii nimirkaneessu jechuun ‘The New York Times’ gabaaseera.

Suuraan saatalaayitii bakka boombiin Ameerikaa itti kufee miidhaa geessise akka agarsiisutti, kireenoonni qotuuf oolan naannawa sanatti hojiirra jiru.

Suuraaleen teknoloojii saatalaayitii Maaksir jedhamun qabaman, konkolaattonni biroo hedduun naannawa buufata sanaatti akka mul’atan gabaasni kun eereera.

Giddugala Qorannoo Idiladdunyaatti Giddugala Xiinxala Tarsiimoofi Fakkii keessatti ogeessa olaanaa kan ta’an Joozeef S. Bermudeez, “Boolla bishaanii waan gamaaggamaa jiran fakkaata,” jedhaniiru.

Suuraaleen kunniin lammiileen Iraan maaltu akka ta’eefi dhaabbaticharra miidhaan hangamii akka qaqqabe qorachuuf adeemsa jalqabuusaanii nutti agarsiisaa jiru jedhan ogeessi kun.

Ogeessi kun ittidabaluudhaan, lammiileen Iraan miidhaa qaqqabe madaaluuf daandiifi meeshaalee haaraa ijaaraman fayyadamaa akka turan himaniiru.

Haleellaa Ameerikaa erga qaqqabee guyyaa tokko booda Israa’el daandii gara buufata niwukilaraa Foordoo geessu rukuttetti jedhameera.

Odeeffannooleen suuraalee saatalaayitii bu’uureffachuu bahan akka agarsiisutti suphaan kun saffisaan eegalamuun gabaafameera.

Want your business to be the top-listed Media Company in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Address

Ethiopia
Addis Ababa
1000