Singer Aboma Tefera
Something isa better than nothing!
10/08/2024
Daqiiqaa 1f Waaqayyoon haa Galateeffannu!
Gara Kadhata Galgalaatti 👉🏃🏃🏃
Daqiiqaa Muraasaaf Bilbila lafa haa keenyu 🙏❤️
13/11/2023
Waa’ee Biyya keenyaaf Geggeessitoonni Waldaa Waaqayyoon kadhani!
Geggeessitoonni Waldaa Masarata Kiristoos Naannawaa Finfinnee irraa walitti qabanaman waa’ee araaraa fi nagaa biyya keenyaaf Fuula Waaqayyootti kadhannaa kadhatani.
Dhiiga lafa keenya irratti dhangala'aa jiruuf Waaqayyo araara akka nuuf godhuu fi nageenyi godinaalee biyyattii hunda keessatti jeeqamee jiru bakkatti akka deebi'uuf baatii Onkoloolessaa keessa Dilbata afuriif Waldaalee Masarata Kristoos guutummaa biyyattii keessa jiran hunda keessatti kadhatamaa tureera.
Haaluma kanaan Sadaasa 02/2016 geggeessitoota Waldaa Masarata Kiristoos naannawaa finfinneeti irraa dhufan Waldaa Masarata Kristoos kutaa waldaa Misiraaq Addis Ababaa jedhamutti walitti qabamani ummata duratti jilbeenfatanii, lafa keenya irratti araarri waaqayyoo akka dhufuuf Abboota, Haadholiifi Ijoollee bakka bu'uun namoonni sadii kadhannaa kadhatanii jiru.
Pireezidaantiin Waldaa Masarata Kiristoos, Tiksee Dassaaleny Abbabaa, sagantaa kana irratti argamuun rakkoon karaa tokkoon yookiin karaa biraatiin uumamu, rakkoo hunda keenyaa waan ta’eef furmaata barbaaduuf waan danda’amu hunda gochuu akka qabnu dhaamaniiru.
Kadhataa Galgalaa hin dagatiinaa!
10/11/2023
Daawwannaa Mana amala Sirreessaa Buttaajiraa
Waldaa Masarata Kristoositti Koreen Tajaajila Mana Amala Sirreessaa Biyyaalessaa Mana Amala Sirreessaa Buttaajiraa daawwate. Kutaan tajaajilaa kun siirreeffantoota seeraa sababoota adda addaatiin mana amala sirreessaa seenan tajaajiluuf itti gaafatamummaan Waldaa Kiristaanaa irraa kan kennameef yoo ta'u, yeroo ammaa waajjirri kuni tajaajiltoota wangeelaa 67 manneen Amala Sirreessaa 50 keessatti bobbaasuun imaanaa Gooftaa fi kan Waldaa Kiristaanaa irraa fudhate ba'achuudhaaf ciminaan hojjechaa jira.
Haaluma kanaan koreen tajaajila kana hoogganu, waan Waaqayyo mana amala sirreessaa sana keessatti hojjete ilaaluuf Onkoloolessa 29, 2016 Mana Amala Sirreessaa Buttaajiraa daawwachuuf gara Magaalaa Buttaajiraa imalee ture.
Hojiin wangeelaa mana amala sirreesssaa keessatti hojjetamu akka eegametti ta'ee, sirreeffamtoota seera gamaf hunda-galeessa ta'een humneessuufi ga'oomsuudhaaf mana amala sirreessaa keessatti amantiidhaan sirreeffamtoota utuu addaan hin qoodiin leenjii adda addaa kennamaa tureen jireenya sirreeffamtoota seeraaa irratti kallattii hedduun jijjiirama dhufeera. Sirreeffamtoonni kunneen akka jedhanitti, baay'een isaanii hojii huccuu hojjechuu, bilookii oomishuu, rifeensa mataa sirreessuu fi kanneen biroo irratti leenjiin dabalataa kan kennameef yoo ta’u, ogummaan kunis mana amala sirreessaa keessattis ta'e, erga hiikamanii booda ofii isaaniifi hawasa akka fayyadan isaan taasisee jira.
Daawwannaa kana keessatti miseensonni hooggansa mana amala sirreessaa sanaa qajeelummaa, of kennuu fi kaka’umsa hojii fuula dura jiruuf godhaniif galatoomaa jechaa, keessattuu itti gaafatamaan mana amala sirreessaa sana Komaandar Kedir Jamaal hojii cimaa mana amala sirreessaa sana keessatti hojjetamu milkeessuu keessatti qajeelummaafi qaxalummaa isaan argisiisaa jiraniif galata guddaa qabna.
Dhumarrattis tajaajila hafuuraa siirreeffamtoota seeraaf godhame keessatti namoonni 5 Gooftaa Yesuus Kiristoosiin fayisaa dhuunfaa isaanii godhatanii fudhachuun isaanii beekameera. Gama biraatiin uffata kuntaala 5, dabtara darzana kudhan 20 fi Macaafa Qulqulluu 20 geggeessiitota mana amala sirreessaa sanaaf arjoomuu Waldaa Masarata Kiristoositti kutaa itti gaafatamaa Tajaajila Mana Amala Sirreessa irraa baruun danda'ameera.
Ameen!
Waaqayyo gaarii dha,
yeroo rakkinaattis iddoo baqaa ti,
warra isa amanatanis beeka.
Naah. 1:7
08/11/2023
Komishiniin Misooma Waldaa Masarata Kristoos Mootummaa Naannoo Kibba Itoophiyaatti, Godinoota afur keessatti tajaajila ijaarsa nagaa fi araaraa waggaa sadiif turu eegaluu isaa beeksise. Onkoloolessa 27/2016 magaalaa Arbaaminc keessatti maanguddoonni Godina Koonsoo, Alee, Burjii fi Deraashee irraa dhufan, abbootiin amantii fi qondaaltonni mootummaa olaanoo tokkoo tokkoo godinoota asii olitti eeraman irraa afeeramanii saganticha irratti argamaniiru.
Sagantaa kana irratti itti gaafatamaa ijaarsa nagaa kan ta’an Ministeerri Nageenyaa Obbo Wandiwasan Mokonnin fi Pirezidaantiin Waldaa Masarata Kristoos fi Dura taa’aan Boordii Komishinichaa, Tiksee Dassaaleny Abbabaa, Komishinara Komishinii Misooma Waldaa Masarata Kristoos kan ta'an Obbo Shaambuu Baalchaa fi qondaaltonni biroos argamaniiru.
Sagantaa kana irratti, Dura Taa’aan Boordii Komishinii Misooma Waldaa Masarata Kristoos, Tiksee Dassaaleny Abbabaa, hojiin nagaa ijaaruus ta'e hojiin araaraa leenjii irra kan darbu waan ta’eef ummanni keenya akka boqotu gochuuf tokkummaa fi gamtoomuudhaan ciminaan jabaannee hojjechuu qabna jedhanii waamicha dhiyeessaniiru.
Dhumarratti, biqiltuuwwan waggoota afur dura, Pirezidaantii Waldaa Masarata Kristoosiin Mooraa Waldaa Masarata Kristoos Arbaaminc keessatti dhaabaman daawwachuu sagantichi goolabamuu isaan Waajjirri Pirezidantii Waldaa Masarata Kiristoos beeksiseera.
06/11/2023
05/11/2023
Har'a iyyu Waaqayyo Gaariidha!
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Contact the public figure
Telephone
Website
Address
Bole
Addis Ababa
Opening Hours
| 09:00 - 17:00 |