Sheger View
Faayyan qabeenya
Waayyoooo😀
14/01/2026
Tilmaama badhaafamaa
08/01/2026
Tilmaama badhaafama
Arsenal vs Liverpool
14/10/2025
uruunguu
Gandee
19/08/2025
Iskeelin mindaa kanaan haa ta'u moo kan kanaa olii eegdu mee itti hirmaadha yaadan‼️
Kana wanti jedhamus jira jechumaafi.
16/08/2025
Tilmamaa Badhaafama
Predict correct score.
04/08/2025
Baay'ee Nama Gaddisiisa!😭
= = = = = = =
Yamanitti Bidiruun godaantoota 150 feetee imalaa turte qilleensa hamaa ishee mudateen qarqara galaanaatti dhidhimuun namoota 68 ol lubbuun darbuun dhaga'ame.
Odeeffannoo jiruun hanga ammaattis reeffi namoota 68 argamuu ibsameera.
30/07/2025
! ✊
Guyyaa tokko gaaffii tokko gaafate. "Ati garaa jabina akkamiitu sirraa mul'ata? 😟 Maaliif yeroo hundumaa mataa koo keessa na dhoofta? 🤔 Anaanis, sanyii koo hundumaas mataa keessa nu dhoofta; garaa laafummaan guyyaa tokkoof maaliif sirraa hin mul'atu?" Jedhe.
Madooshaanis gaaffii kana ajaa’ibsiifatee takka itti yaadee deebii kenneefii "Maaliif gaaffii gowwaa na gaafatta? 🤨 Ati mismaaradha mitii? Kan ati uumamtes wantoota lama walitti qabsiisuuf mitiiree? Yoos osoo ani sin gargaariin, osoo ani sin dhiibiin akkamiin kaayyoo itti uumamte kana fiixaan baafta ree? 🤷♂️ Inni ani mataa keessa si rukutu lafa kaayyoo keen si gahuufi malee hamaaf miti. Yoos inni ani si dhahu kuni maaliif jal’ina ta’ee sitti mul'ate? Anoo akka ati kaayyoo uumamuu kee galmaan geessuufan si rukuta malee jibbaaf miti!" Jedhe.
Yeroo kana mismaarris akka ofiisaa dogoggore hubatee madooshaa kana dhiifama gaafate. 🙏 Jireenya kee keessatti warreen mataa si rukkutan hedduun karoora ati uumamteef akka argattuufi akka galmaan geessuuf si dhiibuu isaanii akka ta’e hindagatiin! Waaqayyo 🕊️ yeroo lafa onaatti si geessu si jabeessuuf malee si balleessuuf miti. Mismaaronni tokko tokko mataa keessa dha’amuu waan sodaataniif yeroo madooshaan takkaa dha’u mataa isaanii sababa jalaa jallisaniif iddoo yaadan hingahiin hafu. Namoonni arraba, ceephoo, komiifi rakkina sodaatanis akkuma kanaa waan uumamaniif bira hingahiin hafu. Yeroo abjuukeef mataa keessa si rukutan dhaabadhu malee hinbaqatiin! 🌟
! ✌️
Ginenus Fekadu Jiinenus Fiqaaduu
Idea credit
28/07/2025
Waa'ee obbo Yadeta Juneydi baay'ee dubbachuu hin barbaadu, Maqaan isaa:
》Arjummaa
》Qarummaa fi Tokkuumman qofa yoo tahe tola.
Nama kennee na argaa hin jenne...
Project Afaan Oromoo Mootuummaan, Dhaabbileen Oromoo fi Abbootiin qabeenyaa hundi kadhannee nu didan, Obbo Yaadataan Jarmanitti nama biraarraa dhagahee dhufee ofii barbaadee argatee nu deeggaree, Deeggarsa isaa akka adda kutu qaamni mootummaa dirqus hamma tokko akka bu'uura amma irra jiru kana gahu gahee kan bahate obbo Yaadataadha.
Baldhinaan yeroo biraa dubbanna...
Maqaa isaa hamtuun kaasuun hin taatu, ani hin dhagahu. Durriyyee jibba dhuunfaa hafarsitu walitti hidhuun dogoggora guddaadha.
Seenaan hojii isaa ni yaadata.
27/07/2025
"Dhimmi Mooyalee dhimma Booraanaa qofa miti; dhimma Oromoo Maraati. Mooyalee irratti Siyaasa bal'aatu gaggeefamaa jira. Kana sirriitti hordofuun barbaachisa. Oromiyaan Balbala Adduunyaatti baasu (International Gate) dirqama qabaachuu qabdi. Mooyaleen immoo tokko! Daandii daldalaa guddaa Oromiyaan qabdus isa kana. Booranni Beellada isaa biyyoota Ollaatti akka barbaade baasee gurgurachuu kan danda'u yoo balballi sun (Moyaaleen) jiraatte qofa"
Lammaa Magarsaa (2010 E.C)
27/07/2025
AMMEE
Godina Booraanaa keessatti hiriirri mormii dhoheera. Kanaaniis magaalaa Yaaballoo keessatti ummanni guutuun bahuun lafa oromoo taakkuu takka akka soomaaleef kennamtu hin hayyamnuu jedheera.
Click here to claim your Sponsored Listing.