Gonfa Atoma
Welcome to the official page of lawyer Gonfa Atoma.
Abukaatoo fi Gorsaa Seeraa
ጠበቃ እና የህግ አማካሪ
Bilbila/ስልክ ቁጥር: 0911445862
Email: [email protected]
Website:www.gonfaatoma.com
Telegram: t.me/GonfaLawyer
26/04/2026
Har'a immoo lubbuun nutti deebite, warra ollaa aarsurraa gara ofii gammaduutti dachaane!
FA Cup finalists, Chelsea Vs Man City!
26/04/2026
Just wow.... !
Akkuma beekamu atileet Yoomiif Qajeelchaan kana dura fageenya meetira kuma shaniifi kuma kudhan, akkasumas dhiyeenya immoo walakkaa maraatonii fiigaa ture.
Yeroo jalqabaaf guyyaa har'aa dorgommii maraatonii irratti hirmaatee sa'atii 1:59:41'tti xumure. Baay'ee nama ajaa'iba!
Addunyaa kanarraa namoota dorgommii maraatonii sa'atii 2 gaditti xumuran lama keessaa Yoomiif nama tokko ta'e!
Congratulations my friend! I'm incredibly happy for you!
Yeroo dhiyootti rikerdii haaraa harka kee akka galfattu hin shakku👏👏👏
Nagaa bultanii? Maaliidhaa inni tibba kana Facebook Waajjira Lafaa ykn Kaadaastaraa fakkeessitan kun? Kaartaa lafaa heddutu naanna'aa jira jedheeti malee ana maaltu na galche?
22/04/2026
Kunis kute jettanii? Qabxii gadi aanaa kilabni keenya galmeessisaa jiruuf itti gaafatamummaa waan qabuuf deemuu isaatti hin gaddu.
Garuu kilabicha ajjeesaaa kan jiru abbootii qabeenyaa fi hoggantoota. Hanga isaan achi jiranitti ykn imaammata isaanii hin jijjiirretti leenjisaa qacaruu fi ari’uun qofti gahaa miti. Kanuma!
Obbo Dammaqaa Nagaasaa tokko maal ta'anii? Daqiiqaa daqiiqaadhaan poostii qalama adiin waraqaa diimaa irratti barreeffame maxxansaa jiru hoo.
Oggum! Isuma tajaajila socho’aa kennina jedhanii eebbisan tokkotu na ajaa’ibaa jira.
Mee isa nutti dhiyaachuu akka yaada gaariitti qabannee nuuf haa turuutii waajjiruma keessatti dursa sirnaan akka nu tajaajilan godhaa! Warri biyya bulchu akka itti caasaan isaanii uummata tajaajilaa ykn dararaa jiru sirriitti waan odeeffannoo gahaa qaban natti hin fakkaatu!
20/04/2026
𝐃𝐡𝐚𝐝𝐝𝐚𝐜𝐡𝐢 𝐈𝐣𝐢𝐛𝐛𝐚𝐚𝐭𝐚𝐚 𝐃𝐡𝐢𝐦𝐦𝐚 𝐑𝐚𝐠𝐚𝐚𝐧 𝐖𝐚𝐥𝐪𝐚𝐛𝐚𝐭𝐮 𝐀𝐤𝐤𝐚𝐦𝐢𝐭𝐭𝐢 𝐊𝐞𝐞𝐬𝐬𝐮𝐦𝐦𝐞𝐞𝐬𝐬𝐮𝐮 𝐃𝐚𝐧𝐝𝐚‘𝐚?
•••
𝗔. 𝗪𝗮𝗮‘𝗲𝗲 𝗔𝗮𝗻𝗴𝗼𝗼 𝗗𝗵𝗮𝗱𝗱𝗮𝗰𝗵𝗮 𝗜𝗷𝗶𝗯𝗯𝗮𝗮𝘁𝗮𝗮
Akka biyya keenyaatti aangoon dhaddacha ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa fi kan naannoolee heera mootummaa irraa kan madduudha. Haaluma kanaan heera mootummaa federaalaa bara 1987 bahe keewwata 78 (3) jalatti Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa murtiiwwan dhumaa dogongorri bu’uura seeraa keessatti raawwatame kamuu irratti aangoo ijibbaataa (power of cassation) akka qabuu fi bifuma wal fakkaatuun Manneen Murtii Waliigalaa Naannolee dhimma naannoo isaanii ilaalchisee murtiiwwan dhumaa dogoggora bu’uura seeraa qaban irratti aangoo ijibbaataa akka qaban tumamee jira.
Labsii aangoo Manneen Murtii Federaalaa murteessuuf bahe lakk. 1234/2013 keewwata 10 jalatti murtiiwwan dhumaa dogoggorri bu’uuraa seeraa keessatti raawwataman akkamii irratti Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa aangoo ijibbaataa akka qabu tarreeffamee jira. Kana malees, dogogorri bu’uura seeraa maal maal akka ta’uu danda’u labsicha keewwata 2 (4) jalatti tarreeffamee jira.
Gama biraatiin, labsii aangoo fi Hojii Manneen Murtii Oromiyaa irra deebiidhaan murteessuuf bahe lakk. 216/2011 keessatti aangoo ijibbaataa Manni MurtiiWaliigalaa Oromiyaa erga kaa’ee fi tarreessee booda tumaa addaa labsii Manneen Murtii Federaalaa keessatti hin tumamne hammateera. Kunis keewwata 26 (3) yoo ta’u dhimmoota dhaddacha ijibbaataatti dhiyaachuu hin dandeenye tarreessee kan jiru yoo ta’u kanneen keessaa tokko murtii dhumaa dogoggora firii dubbii ykn hir’ina/dogoggora ragaa fuudhuu ykn madaaluu irratti raawwatame kan ilaallatuudha. Akka labsii Manneen Murtii Oromiyaa kanatti hanqinni ragaafuudhuu ykn madaaluun wal qabatu dogoggora bu’uura seeraajedhamee fudhatamuu hin danda’u.
𝗕. 𝗠𝗮𝗱𝗮𝗮𝗹𝗹𝗶𝗶 𝗥𝗮𝗴𝗮𝗮 𝘃𝘀 𝗔𝗮𝗻𝗴𝗼𝗼 𝗗𝗵𝗮𝗱𝗱𝗮𝗰𝗵𝗮 𝗜𝗷𝗶𝗯𝗯𝗮𝗮𝘁𝗮𝗮
Haa ta’u malee dhaddachi ijibbaataa dhimma madaallii ragaa gonkumaa hin ilaalu jechuu akka hin taanee fi dhimmootni armaan gadii gaafa mudatan ofitti fuudhee keessummeessuu akka qabu dhaddachi ijibbaataa MMWF galmee lakk. 220292 ta’e irratti murtii dirqisiisaa kenneen ibseera.
1. Manneen Murtii jalaa qabiyyee ragaalee dhiyaataniifsirnaan osoo hin madaaliin hafuun murtii yoo kennan;
2. Firiin dubbii/dhugaan ragaadhaan mirkanaa’e waan biraata’ee isa cinaatti dhiisuun guduunfaan Manneen Murtiijalaa irra gahan qajeeltoo madaallii ragaa kan cabse yoota’ee fi
3. Jecha ragaan hin dubbanne dubbatame jedhamee jecharagaa ykn qabiyyee isaa jijjiirruun dogoggora seeraaraawwatamuudha.
𝗖. 𝗚𝘂𝗱𝘂𝘂𝗻𝗳𝗮𝗮
Tumaalee seeraa fi murtii dhaddachi ijibbaataa MMWF galmee olitti ibsame irratti kenne bakka tokkotti cuunfinee gaafa ilaallu isa labsiin aangoo Manneen Murtii Oromiyaa dogoggorri madaallii ragaa dhaddacha ijibbaataaf hin dhiyaatu jedhus ta’ee kanneen dhadadchi ijibbaataa daangaa kamuu malee dhimma madaallii ragaa dogoggora ta’etti ilaaluu qaba jedhanis sirrii akka hin taanee fi dhimmaa dhimmaan (case by case) ilaalamuu kan qabu ta’u hubanna.
••
Kabachiisaa nageenya Addunyaa, Man City!
የዓለም ሰላም አስከባሪ፣ ማን ሲቲ
Gaafa nutti ka’e immoo Maanchee isa guddaayyuu garafuu ni dandeenya.
Waa’ee Fitawuraarii fi Qanyaazmaachii Obbo Shimallis jedhanii kana hoo akkamitti hubattan?
𝐁𝐢𝐲𝐲𝐨𝐨𝐧 𝐈𝐭𝐭𝐢 𝐇𝐚𝐚 𝐒𝐚𝐥𝐩𝐡𝐚𝐭𝐮
•••
Eyyee,
Biyyi kee sun duuteetti!
----
Kan gammoojjiitti gabbate
Beekee bulaaree baddaa
Dhugaa keeti namana
Akkaaf boossee gaggabda!
Gaafa arrabni doola'e
Ni dhikkifata foontu
Silas, ameessa muchi gognaan
Jabbiin mar'achuu hin ooltu!
Anoo beeka madaa kee
Maal jedhee si hin gaafadhu
Eyyee, biyyi kee sun duuteettii
Boo'ii irmii baafadhu!
Ni duute egaa biyyi kee!
Isheen ati akka huccuutti
Hidda lakkooftee dhaaltu
Isheen siin ilma gootee
Nuun kajeeltuutti ilaaltu,
Kan, "Afaan tokko- amantaan tokko" jettee
Gidiraa nuuf labsitu
Isheen tokko ol qabdee
Kaaniin qolee cabsitu
Kan sabaafi sablammootaaf
Qixxeetti qooda hin baane
Biyyi akka ati ho'ifattuuf
Nutimmoo qoraan taane...
'Ristii' qabeenya dhuunfaa
Ixaanni kee itti aarfamu
Biyyi tokko itti dhiigee
Kaanimmoo itti faarfamu
Biyyi namni eenyummaasaatiin
Mataa buusee rakkatu
'Lummuxxiin' kee duuteetti
Biyyoon itti haa salphatu.
Via Leta Kenei
Ani gama kootiin sirba dhaloota kakaasu (inspire) godhu malee kan boo’ee boochisu dhagahuuf appetite hin qabu! Sirbootni gurbichaa har’a gadilakkifaman jedhames kan boo’ee boochisuudha jedhan! Ani hin dhageeffanne, dhageeffachuus hin fedhu!
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Contact the practice
Telephone
Website
Address
Nifas Silk Lafto Sub City Lebu Area
Addis Ababa