Keyrot Tubes

Keyrot Tubes

Share

14/02/2026

Dubartootaaf kabajaa guddaan qaba garuu, altokko tokko mammaaksi Oromoo, “Dubartiin dheertuu malee beektuu hinqabdu!” jedhu na amansiisa.

‎ Waa maleen kana jedha, aliimmoo kabajaa dubartootaa gadi buusuufin mammaaksa kana fayyadamaa jira miti. Garuu, waan tokko ajandaa gochuuf, yookiimmoo waa argachuuf jedhanii murtii shamarran keenya fudhataniifi, karaan isaan ittiin of hubachiisuu barbaadan, aarii keessa isaaniis ta’ee gammachuu isaanii miirri isaan ittiin ibsatan, “Kana boodawoo maaltu ta’a? Yoon kana godhe maaltu uumamuu mala? Waan ani murteessuuf jiru kana booda deebiin ani argadhu maayinni, bu’aan murteekoo kanaawoo maal ta’inna?” yaada jedhu kan tilmaama keessa hingalchineefi, waan itti gaafatamummaan isaa hir’uu ta’e murteessuuf ariifatu. Saniinis jireenya isaanii fi kabajaa ofii isaanii gadi buusu. Waanuma dhiyeenya ‘social media’ kanarratti adeemaa tureefi jirurraan fakkeenya tokko isiniif fudha.

-‎Murtee dogoggoraa ‘girl friend’ duraanii abbaa manaa Boni JA (Ex’n Josef), mucaa Saa Rinaa jedhamtu sanaa haa ilaallu (‘Follow’ akka gootaniif jedheen ‘mention’ tolche🙄): Yerichaaf dhimma jara kanaarraa homaa dubbadhee hinturre, dubbachuunis dirqamakoo miti, amma dubbachuun kiyyammoo dogoggoras miti. Waanin jechuuf jiru kana, yookiimmoo yaada kiyya kanarraa tarii lubbuun hubannaa horattu jirti tilmaama jedhurraayyu. Gar-sanittan isin deebisa:-

Yosef, intala, “Mataa durbaa!” ofiin jettu duukaa jaalalaan kufee gaahila dhaabbateera. Jaalatees haata’u dirqamee (Kana nuti hinbeeknu) gaahila isaa sanattis gammadaa fakkaata ture. Ex’n Yosef duraanii garuu, hariiroo jaalalaa iyyuu nama biraa wajjin waan eegalte hinfakkaattu. Fuuldurattimmoo hariiroo jaalalaa nagaa qabu akka hin qabaanne, ofuma isheetiif seexana barii ofitti taate -suurota yeroo jaalalaan wajjin turanii kan Yosef wajjin qabduu gabaarra oolchitee, “Hiriyaakoo ture. Har’a nagane malee bu’aabayii meeqa wajjin buunee baanee, daggala meeqa keessa wajjin dabarsine!” nuun jette.readmore on comment below

31/01/2026

“Biyya gubboo kennuu fi fudhachuun seera hin dhommoqne ta'e keessatti nama gubboo gaafatu box-n dhahaa jechuun hiika hinqabu. Qondaala shugguxii hidhatee gubboo nama gaafatu eenyutu quba itti buusa?” Jedhe Lammi Begna tana numa jette dhugaa!

Keessatu kan warra… 🤐tokkoo adduma! Ani garuu warra akkasii hanga xurii qeensaa kootitti hin ilaaluu, mukka itti cabseen likkii isaan galchee mirga koo kabachiiseen deema ! Maqaa keenya facebook irratti barreesitti jedhan sodatuu, hanga Facebook sodataan qawwee hin sodatan isiniin jedha!

Obbo Shimelis Abdisa isin faarsaa yoo isin qeeqne girisaan “yoo fayyidaan keessan tuqame iyyitu, walin ooltu mittii achumati fixadha “nuun jedhaniif waan baayyee callifine .Amma garuu Eegaa qajeelfamni keenamee duubbati hin deebinu isiniin jedha! Keessa naqna!
Galatoomaa🙏

30/07/2023

Intala Oromoo hojii humnaa hojjechaa qabxii 3.94'n goolabuudhaan badhaafamtuu geebaa taate kana hedduun ajaa'ibsiifadhe.

Seenaa dubbisaa waan hedduu irraa baranna.
Seenaa koo kanneen yeroon kaasu hiriyoota koof fakkeenya ta'uuf malee of himuuf akka hin taane himuun barbaada. Si'achi jireenya rakkisaa akkasii jiraachuu dhiisuu waanan danda'uuf!

Maqaan Koo Birqee Gassee jedhama. Kanan dhaladhe Naannoo Oromiyaa, Godina Horroo Guduruu Wallaggaa, Aanaa Coomman Guduruu, Magaalaa Gabatee 01 keessattidha. Barnoota sadarkaa tokkoffaa bara 2000ttin eegale. Kutaa sadaffaa irraa kaasee hojiiwwan humnaa tokko tokko hojjechuun meeshaalee barnootaaf na barbaachisan guuttachuun barnoota koo itti fufe. Yoo xiqqaate deemsa daqiiqaa 40f isaa ol ta'u aduu saafaa akka ibiddaa boba'u keessa lafoo adeemeen barachaa ture. Kan na guddise eessumni koos haadha manaa waan hin qabneef isaaf nyaataa bilcheessaan barnoota koo sadarkaa tokkoffaas itti fufe. Ta'us rakkoowwan kunneen hunduu kaayyoof mul'ata koo karaatti hin hambisne, inumaayyuu morodee qara na baase malee. Barnoota koo sadarkaa tokkoffaas kutaa lammaffaa irraa kaasee hanga saddeetiitti sadarkaa duraa qabachuun gaafa ayyaana maatii badhaasa guureen galaa ture. Bara 2008titti immoo gara bakka dhaloota kootti deebi'een barnoota koo sadarkaa lammaffaa eegale. Ergan gara biyyaatti deebi'ee boodas jireenyi daran natti hammaatte. Meeshaalee barnoota kanneen akka uffata dambii mana barnootaa kan mucaan adaadaa koo ittiin baratte fudhee, dabtara muraasa na hir'atee immoo dabtarawwanan duraan ittiin baradhe walitti hodhuun lakkoofsa isaa guuchiseen barnoota koo sadarkaa lammaffaa eegale. Yeroo gannaa guyyaa hojii ijarsaa hojjechaa, halkan immoo hojii ogummaa harkaa ykn hodhaa hodhuun bara barnootaa itti aanuuf meeshaalee barnootaa bitadheen of qopheessa.

Haaluma kanaanis barnoota koo sadarkaa lammaffaa xumureen gara qophaa'inaatti darbe. Bara barnootaa kanas hojii Wal fakkaataa guyyaa sanbata ..read moreoncomment

Photos from Odaa Electronics's post 30/07/2023

Galatooma

30/07/2023
Want your business to be the top-listed Media Company in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Address


Addis Ababa