Qubee Motivation
Interest
08/11/2025
Dhukkubbii keenya yeroo maraa
Irraan haftu turte
Lafa Yaa'i Oromoo.
Hirriba malee bultam
Gaafa rakkina qomoo.
Guca qabsoo qabsiifee
Oromootti lallabdee.
Daba homaa hin gooneef
Tola kichuutti cabdee .
Har'a giddiin si qabee
Nu jalaa si dhoksanii.
Biqiltuu lafaa baate
Kichuutti goggogsanii.
Sesseeqakoo kokolfaa
Hacee garaa Aannanii.
Haalli ati itti jirtu
Akkamimmoo anaanii.
Mee maali badiin kan kee
Wayi immoo sitti himanii.
Moo balleessa tokko malee
Nu biraa si kutanii.
Deessekoo haadha Hacee
Guddattuu haadha Gootaa.
Wanti Hacee fakkaatuu
Tokko nuun hafnee laata.
Jedhee himeem Haceenuu
Garaan hadhaa burreedhaa.
Gumaa dhiigakee jigeef
Kan dubbattu Waaqadha.
Erga si nyaattee budaan
Takkayyuu raftee hin bullee.
Dhiignikee Garraamiikoo
Biyyattidhaafuu hin tollee.
Oolee bulee mardootu
Nurratti lallabamaa.
Eddii si dhabnee asii
Kan dhume kumaatama.
Dubbii tokkummaa keetii
Hundaa achuma keenyee.
Ilmaan mandaraa taanee
Wal qoqqoodutti teenyee.
Wallagga,Shawaa,Baale
Walloof ijoollee Arsii.
Boorana,Gujii,Jimmaa
Warri kaanis Akkasii.
Kunoo akkana taanee
Mandaratti dachaanee.
Dhukkuba keenyaaf dawaa
Waa tokko hin argannee.
Ati jirta yoomiyyuu
Leenca haqa hin sharafne.
Gaafa roorron hammaattes
Kan lammiisaarra hin hafnee.
Gaafa dubbii Cinaaksan
Yommuu diinni nu nyaaree.
Waan jette San ni beeknaa
Yeroo Garaan si aare.
Kutataa Onneen Gaaraa
Ilma Hundeessaa Boonsaa.
Hin gaabbitu Hacaaluu
Seenaan keetuu si koorsaa.
Ati galma guddichaa
Galma Oromoo maraa.
Kan duubatti hin deebine
Guyyaa roorrof gidiraa.
Ati silaas hin dhuftuu
Nutu dhufa si biraa.
Biyyoon sitti haa salphattu
Silaas maal gochuun jiraa.
keenya yeroo maraa Hacuu🥹
✍️Tesfaye Adugna
.
03/11/2025
Caccabsaa❤️
Finfinnee[AddisAbeba], Oromia, Ethiopia 🇪🇹
Qubee Motivation
04/10/2025
Irreecha Hora Finfinnee2025.
Milkiin Goolabameera Galatni kan Waaqa Guddaati.
Bu'aan bartee hamaa kan dhufu harkifataa yoo ta'ellee, badhaasni isaa battalumatti kan argamudha! Bartee gaariin bu'aan isaa battalaa si gammachiisuu dhiisuu danda'a. Bu'aan dhugaa isaa garuu turee kan dhufu dha. Faallaan garuu Tamboo xuuxuun dhiphinaa fi yaaddoo battalumatti sirraa hir'isa, garuu waggoota muraasa keessatti miidhaan isaa ajjeechaa irraan si geessisuu danda'a.
Qubee Motivation
05/10/2024
Miidhagina Uumaa, badhaasa ganamaa, Oromummaa kiyya
05/10/2024
Irreecha Nagaa Nuuf haa ta’u
14/08/2024
Dibaabota🥰
10/08/2024
It’s a gold medal moment for Ethiopia! 🥇
Ethiopia's Tamirat Tola has claimed Olympic gold, setting a new marathon world record!
Congratulations to all!
Qubee Motivation@followers
08/08/2024
Dibaba family🥰
10/04/2024
Eeyyen nan danda'a💪.
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Website
Address
Gerji
Addis Ababa