Saba obsa fixe.
Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Saba obsa fixe., Art, Bole, Adama.
20/02/2026
07/04/2025
IMIMMAAN RAKKINAA
Abbaa rakkoo taanee
Rakkina dhalchinaa
Ulee baraan oofnee
Dallaatti galchinaa
Haadha rakkoo taanee
Ciniinfannee deenyaa
Rakkinuma dhalleen
Wal Gaafanna beenyaa
Imimmaan rakkinaa
Kuufamee nu dhoraa
Akka baala raafuu
Barbaadee nu coraa
Numarraa dhalatee
Numaanis rakkisaa
Galaana gammachuu
Qileetti Jallisaa
Sossobbii isheetiif
Wareegaan as geenyee
Har'as ni lolaati
Ustee gad hin teenyee
Lola'uushee malee
Qooruushee hin agarruu
Haqa qoqossaatiim
Funyaan qabdee dharruu
Harqaa bara baanee
Baratti darbinaa
Bulee yoo bari'u
Mudachaa salphinaa
Nat qoorsa jedhanii
Wal harkaa ishee butuu
Dabaree Galanii
Natu caalaaf Dutuu
15/10/2024
Community Spotlight: Meet Abdisa from Ethiopia Community Spotlight: Meet Abdisa from Ethiopia
17/06/2024
Ifa Uffaatee,F/taa Mul'ataa Tazzarraa,Faarfannaa Afaan Oromoo Ortodoksii Tawaahidoo,Haaraa Gochu hin dagatina.
16/01/2024
Ogeessa sammuu qaru
Surrii bocee sirreessu
Daandii sirrii tottolchee
Dhaloota isaa milkeessu
Dallaa keessaa fi urufa
Tarree heeraa gaggeessa
Jaarsa umuriin haarawa
Fakkiin kee dargaggeessa
Halaalaa nutti muldhate
Bu'aan deemaa agarru
Dagalee wal tarreedhaan
Imalla kufuuf hin jarjarru
Ofbeekuudhaan kaane
Cubbuu hin hojjenne
Walbeekuudhaan baane
Lubbuun of hin ganne
Dheeraa jalaa hulluuqaa
Gabaabaarraan utaalaa
Tooftaa fi tarsimoodhaan
Masakaan of dabaalaa
Geenye hanga geenyu
Agarre bakka dhaabbataa
Teenye bakka teenyu
Dhugaa cimna gabbataa
05/12/2023
Leencoo GammachuuBest Vidio Clip ..Coming Son
04/12/2023
Gootota Shanan Gibee
Gabrummaarra duuti
Caaluu hubattanii
Dungoo nuuf taatani
Ofiif gubattanii!.........
~
Bilisummaa keenyaaf
Kan nuuf taatan aarsaa
Jecha kamiin ibseen
Danda'ee isin faarsa?
~
Bara hedduuf dhokate
Seenaan keessan golatti
Woreegaan har'a geenye
Malee, miti tolatti..........
~
Gootota shanan gibee
Osoo hin qabaatin cubbuu
Haqaaf haqaaqamtanii
Warra nuuf baaftan lubbuu
~
Eenyummaa keenya tiksuuf
Warra haqaaf duulanii
Gabroomsituu adamsuun
Reeffa diinaa tuulani!.........
~
Gootota shanan gibee
Yoomuu ittiin dhaadanna
Waggaa waggaatti miti
Guyyaa guyyaan yaadanna
~
Hafuura jaraatiin
Kan raafamtu diinni
Jaal Dagaa Denoo tiif
Misbaahuu Shamsaddiini
~
Ijji jaraa leencuma
Kanaaf sodaatu argaa
Sulxaan Abbaa Joobiriif
Jaal Xaahir Sayid Margaa
~
Jaal Sulxaan Nagawoo tiif
Mahammad Xayyib Qaadii
Kiyyeessanii haleelan
Diinaaf tolchanii gaadii!.....
~
Dubbatamee hin dhumu
Seenaan jaraa dheeraa
Sheek Badiruu Yaasin
Abbaa Oomaa Geeraa!..
~
Abbaa Luleessaa fa'a
Gootonni keenya kumaa
Seenaan jaraa boonsaadha
Adada hin qabu dhuma!..
~
Hin dubbatamne malee
Biyya gootaati jimma!...
Barree dhalootaaf kaa'uun
Hunda keenyaafuu dhimma!
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Website
Address
Bole
Adama
2919