Darunaim Multimedia

Darunaim Multimedia

Share

DAANDII MUSLIMTOOTAA

18/06/2026

KUTAA 5ffaa & Xumuraa
SEENAA ERGAMAA SAALIHI FI GAALA ALLAHAA:
𝗩𝗶𝗱𝗲𝗼 𝘆𝗼𝗼 𝗯𝗮𝗿𝗯𝗮𝗮𝗱𝗱𝗮𝗻 𝗹𝗶𝗻𝗸 𝗖𝗼𝗺𝗺𝗲𝗻𝘁 𝗶𝗿𝗿𝗮 𝗷𝗶𝗿𝗮

Guyyaa 3ffaa (Sanbata): Fuulli isaanii gurraacha dinkataa (black) ta’e; akka waan halkan dukkanaa uffataniitti. Manneen isaanii keessa cal'isni fi eeggannaan guutee taa'an. Kafana isaanii qopheessanii du’a eeggatan. Adabni eessaa akka dhufu fi akkamitti akka ta’u hin beekan turan.

Guyyoonni sadan ni dhumatan. Fajrii guyyaa afraffaa (Dilbata) irratti, uummata Samuud kanneen manneen isaanii keessatti kukkufanii xumura eeggachaa jiran irratti aduun baatee laftis bariite. Cal'isni guutuun sulula sana marsee ture.
Battalatti ajajni Allahaa ni dhufe. Innis 'الصيحة' (Iyya) tokko qofa ture. Iyya samii irraa dhufe, sagalee sodaachisaa fi dandeettii namaati ol ta’e, daangaa dandeytii ilma namaa kan darbe. Sagaleen sun onnee isaanii tarsaasee, miira isaanii bakkaa buqqise. Iyyi samii irraa dhufe kun kirkira lafaa jabaa uume. Lafti miila isaanii jalatti socho'uu jalqabde, samiin immoo gubbaa isaaniitiin isaanitti iyyite.
SUBHANALLAH!

daqiiqaa muraasa keessatti, Ummanni jajjaboon namni humnaan nu caalu dachii irra hin jiru jechaa turan suni hundi gara raqa du’aatti jijjiiraman; manneen isaanii keessatti kukkufanii hafan. Bakka qubatanitti du’an; eenyuyyuu tarkaanfii tokko deemuu ykn jecha tokko dubbachuu hin dandeenye. Namni dhaabbatee ture akkuma dhaabbatetti du'e, namni taa’ee tures akkuma taa’etti du’e. Lubbuun hundi ni badde, sochiin hundi ni cal'ise; akka waan kanaan dura namni tokko keessa hin jiraanneetti magaalan guutuun cal jedhe.

Goolaba fi Fakkeenya Bara Baraa
Seenaan uummata Samuud— kan uummata gaarreen bocanii keessa jiraatanii, Ergamaa isaanii mormanii, fi gaala Allahaa qalanii—bifa kanaan xumurame. Allahaan rahmata Isaatiin Saalihi fi warra isa waliin amanan ni baase; Saalih erga ummanni isaa badanii booda, reeffa uummata isaa dura dhaabbatee, bifa gaddaa fi fakkeenya qabuun akkana jedhee isaanitti dubbate: "Yaa uummata koo, ani ergaa Gooftaa koo isiniin ga’ee jira, isiniifis gorsa kenneera, garuu isin warra gorsitoota jaallattan hin taane." Isaaniin jedhe. Jechoonni kun onnee Ergamaa uummata isaa jaallatu, kan milkaa'ina isaanii barbaadu keessaa kan baheedha; garuu isaan qajeelumma irra doofummaa filatan.

Hanga har'a bara keenyaa kanattis mallattoowwan ummata sanaa sun ni jiru; magaalota duwwaa, qabriiwwan dhagaa keessaa, fi fakkiiwwan gara garaa uummata guddaa cubbuun isaanii isaan balleesse irratti ragaa ba’an, har’as ni mul’atu. Har'a garuu bu’aa turizimii qofaaf daawwatama. Garuu Kun mudannoo tuurizimii qofa miti; kun barumsa bara baraa nama iddoo sana bira darbu hundaafi.

Barumsi sunis akkana jedha: "Humni tokko qabeenyaa (material power) hamma fedhe yoo qabaate, Allahaa duratti waan tokko isa hin fayyadu. Dinqiin Allahaas taphaaf miti, mu’ujizaan ragaa Allahaa isa dhumaati." Dhagaan dhoohee gaala dhale sun, gaalli ajjeefamte suni fi iyya hammaa sanaan baduun sun hundi kutaalee mormii bara baraa kan Iimaanaa fi Kufrii gidduu, kan Tasgabbii fi Boona gidduu jiruuf waan deebii tahuudha. Mudannoon kun yeroo hunda kan nu yaadachiisu: "Adabni Allahaa baay'ee jabaadha; Inni yeroo kenna malee hin dagatu." Mee namni herregatu jiraa? Namni barumsa irraa fudhatu jiraa?

Badiin Boonaa fi quufa daangaa dabreen dhufu hundi ni bada, hojiin gaariin dhalootaaf hojjatame garuu ni hafa; cal'isni rabbiin warra ganda 'Waadii Al-Hijr' keessa jiran cal’isiise suni, dhalootaaf, seenaa gaalattii sanaa fi dinqii rabbiin isaan irratti hojjate himaa hafa. Bifa kanaan seenaan uummata samuud warra dandeetti rabbii gaafatuuf mallattoo ta’ee hafe.

Allahaan gabricha isaa Saalihiif rahmata haa godhu, jallattoota irratti immoo abaarsi haa ta'u. Galanni hundi kan Allahaa Gooftaa aalamaati. Video'n yoo isinitti tole like gochuu hin dagatinaa. Allaahummasalli_wasallim_alaa_sayyidina_muhaammad.

𝓑𝓪𝓻𝓻𝓮𝓮𝓼𝓼𝓪𝓪𝓷: 𝑰𝒃𝒏 𝑨𝒉𝒎𝒆𝒅
𝔻𝔸ℝ𝕌ℕ𝔸𝕀𝕄 𝕄𝕌𝕃𝕋𝕀𝕄𝔼𝔻𝕀𝔸

16/06/2026

Muharram 1, Waggaan 1448 Hijraa Rasuulaa (s.a.w) Har'a. Bara Itti Milkoofnu...

14/06/2026

KUTAA 4ffaa
𝗩𝗶𝗱𝗲𝗼 𝘆𝗼𝗼 𝗯𝗮𝗿𝗯𝗮𝗮𝗱𝗱𝗮𝗻 𝗹𝗶𝗻𝗸 𝗖𝗼𝗺𝗺𝗲𝗻𝘁 𝗶𝗿𝗿𝗮 𝗷𝗶𝗿𝗮
..Amma dubbichi sobsiisuu qofa hin turre; gara haaloo ba’uutti jijjiirame, ragaa addaa sana dachee irraa balleessanii onnee isaanii ishee duute boqochiisuuf shira xaxuu jalqaban.

Magaalattii sana keessa namoota sagal kanneen hammeenya fi badii qopheessan, geggeessitoota hammeenyaa ta'antu jiru turan. Quraanni akkas jedhee isaan ibsa: "Magaalattii keessa namoota sagal kanneen dachee irratti badii babal’isuu malee hojii gaarii hin hojjanneetu jiru turan" jedhee isaan ibsa.

Namoonni saglan kun walitti qabamanii yakka dachee fi samiin irratti sosoottu irratti waliif galan. Gaalattii ajjeesuuf murteessan; ragaa allaahaa guddaa sana balleessuuf ka’an. Garuu eenyutu ija jabaatee hojii jibbisiisaa kana raawwata? Eenyutu onnee dhagaa caalaa jabaatu qabaatee gaala Allahaa sana qala laata?

Uummata sana keessaa nama hunda caalaa jallataa ta’e barbaradan; innis 'Qudaar ibn Saalif' ture. Inni nama diimaa, ija cuquliisaa, gabaabaa, nama hamaa fi uummata isaa keessatti kabajamaa kan ture yoo ta’u, onnee du’aa fi jallataa qaba ture. Qabeenyaan, dubartootaan fi kabajaan isa gowwoomsan; gaala kanarraa uummata Samuud kan walaboomsu goota akka keetii qofa jedhanii jajjabeessan.

Ajjeefamuu Gaalattii
Guyyaa gaafa tokkoo, gareen hammeenyaa kun gaalattii bishaan dhuguuf karaa deemaa jirtu irratti daheeffatan. Gaalattiin nagaa fi tasgabbii guutuun ilmoo ishee xiqqoo waliin baatee imala irra jirti; bineensonni miila lama qaban ishee eeggachaa akka jiran hin beekne turte. Qudaar ibn Saalif fi gargaaraan isaa Musda'a ibn Muharrij goda hammeenyaa keessa qubatanii seeyfii fi eeboo akkasumas xiyya isaanii qopheeffatanii eeguu jalqaban. Tokkoon isaanii xiyyaan lafee ishee irra waraane; gaalattiin ni kufte, humni ishees dadhabee sosso'uu dadhabde. Asitti namni hunda caalaa jallate Qudaar, ija jabummaa fi hammeenya guutuun goraadeen dhahee ishee qale. Mu’ujizaan dhagaa keessaa baate uummata qajeelchuuf dhufte sun dhiiga isheetiin faalamtee lafatti kufte; harka isaanii isa yakkaatiin ishee ajjeesan.

Ilmoon xiqqoon yeroo haati ishee qalamtu argite suni, Isheen sodaan guutamtee baqattee gara gaara ol-aanaatti baate. Sagalee gaddisiisaa addaan cite yeroo sadii (3) dhageessifte; akka waan miidhaa ummata sanaa Gooftaa isheetti himattuutti. Akka gabaasni seenaalee gariin himuutti, Ergasii dhagaa haati ishee keessaa baate sana keessa lixxe; ykn ammo akkuma gabaasni gariin jedhutti, ishees hordofanii ajjeesan.

Yakka isaaniitiif ragaa tokkoyyuu hin dhiifne. Magaalattii keessatti oduun gaalattiin ajjeefamtee jirti jedhu ni babal’ate: "Gaalattiin ajjeefamteetti!" Ajjeefamuu isheetiin gaabbiin isaan qabatee laata? Sodaatanii? Lakki! Inumaayyuu Gammachuun lallabaa fi ililchaa bahan, akka waan injifannoo guddaa galmeessaniitti. Foon ishee qooddatanii nyaatan, daangaa Allahaa irratti ija jabaatan.

Ergamaan Rabbii nabi Saalihi (Alayhi Salaam) yeroo dhufee dhiiga fi gaala qalamte sana argu, boo’ee onneen isaa gubatte: "Maal hojjattan? Ani isin hin akeekkachiifnee?" Isaaniin jedhe. Isaan garuu dhiifama gaafachuu mannaa, ija jabummaa kanaan dura argamee hin beekneen lammata isa morman: "Yaa Saalihi, yoo dhuguma ergamtoota keessaa taate, waan nu sodachisaa turte sana nuuf fidi" jedhan. Saalihi ija nagaa dhaammannaa xumuraatiin isaan ilaale; ija nama badii dhufaa jiru ijaan arguutiin.

Innis jechoota murteessoo fi sodaachisoo shakkii fi deebii hin qabneen akkana isaaniin jedhe: "Manneen keessan keessatti guyyaa sadii (3) qofa gammadaa; kun waadaa soba hin taaneedha." Guyyaa sadii qofa! Kun yeroo dhiifamaa hin turre, sababiin isaa yeroon ishee dabarteetti; garuu yeroo sodaa fi eeggannaati.

Adaba Dhumaa fi الصيحة (Iyya Jabaa)
Guyyoota lakkaa’uun ni jalqabe.
● Guyyaa 1ffaa (Kamisa): Uummati yeroo hirribaa ka’an, fuulli isaanii guutummaatti gara keelloo (yellow) ta’eera; akka waan zafraanaan dibameetti. Sodaan onnee isaanii seene; waadaan Saalihi dhugoomuu akka jalqabe beekan, garuu boonni isaanii harka kennachuu dhowwate. "Kun guyyaa jalqabaati" jedhan.

● Guyyaa 2ffaa (Jimaata): Fuulli isaanii adii ykn keelloo irraa gara diimaa jabaatti (red) jijjiirame; akka waan dhiiga dibamaniitti. Sodaan ni dachaa’e, badiin dhiyaachuu isaa mirkaneeffatan. Ija isaanii dhiphisuun du’a eeggachaa deeman. Ta’us hin jilbeeffanne, dhiifamas hin gaafanne.

𝓑𝓪𝓻𝓻𝓮𝓮𝓼𝓼𝓪𝓪𝓷: 𝑰𝒃𝒏 𝑨𝒉𝒎𝒆𝒅
𝔻𝔸ℝ𝕌ℕ𝔸𝕀𝕄 𝕄𝕌𝕃𝕋𝕀𝕄𝔼𝔻𝕀𝔸

10/06/2026

Seenaa Gaala Allaaha fi Nabi Saalih Kutaa 3ffaa

09/06/2026

Seenaan Ajaa'ibaa Kun warri Isin jala dabre Guutuu Isaa bifa barreeffamaa fi video yoo barbaaddan comment irraa argattu.

08/06/2026

...Gaalattiin ilmoo ishee sana deessee, gidduu isaanii jiraachuu jalqabde. Garuu gaalli suni gaala baratamtuu akkuma gaalota biraa hin turre, kanaan kan ka'e Allah kitaaba Isaa keessatti 'Gaala Allahaa' jedhee waame; kabaja fi guddinnaaf, akkasumas ishee miidhuu irraa isaan akeekkachiisuuf gara Ofii isaatti irkise.

Saalihi akkas jedhee isaanitti hime: "Kun gaala Allahaati, isiniif mallattoodha, dachee Allahaa keessa deemtee akka nyaattu ishee dhiisaa, hammeenyaan ishee hin tuqinaa, ta’uu baannaan adabni dhiyoo isin qabata" jedheen.

Jiraachuun gaalattii gidduu isaanii keessatti qorumsa abboomamuu fi ajaja Allahaaf qaban ture. Isheen mallattoo dandeettii Allaaha dachee irra deemtudha. Wanti guddaan gaala kanaa, yeroo bishaan dhuguuf gara eelaa (well) dhuftu, bishaan eela sanaa hunda guyyaa tokko keessatti dhugdi. Eeyyee, bishaan gosa guutuu fi loon isaanii danda’u gaalli suni kophaa dhugdi. Kun ajaja Allahaa fi qooda Isaatiin ture: "Isheef dhugaatiin ni jira, isiniifis guyyaa beekamaatti dhugaatiin ni jira." (Al qur'an.)

Mee fakkii dinqisifamaa kana sammuu keessanitti yaadaa: guyyaa gaalattiin sun bishaan dhugdu, uummati bishaan irraa guutummaatti fagaatu, eela sanatti hin dhiyaatan. Isheen dhuftee bishaan sana hanga dhumaatti dhugdi. Gama biraatiin immoo, aannaan gosa isaanii hunda danda’u dhangalaasti; aannan gaala sana keessaa elmamuun mi’a isaanii fi qorqorroo isaanii aannaniin guutanii hamma quufanitti dhugu. Dhugaatiin ishee fi kenniinsi aanan ishees mu’ujizaa ture; guyyaa tokko bishaan dhugu, guyyaa tokko aannaan dhugu; kun haqaa fi rahmata Allahaati, akkasumas qorumsa onneeti.

Gaalattiin karaa isaanii keessa deemti, sulula isaanii keessas ni dheeddi. loon fi uummanni biroo yeroo ishee argan, guddinna isheetiif sodaatanii baqatu. Isheen yeroo hunda yaadannoo dha, Saalihi dhugaa dubbataa akka ta'e argisiifti.

Dabalataanis Gaalattiin sun dhugummaa Allahaa agarsiifti. Garuu yaadannoon guyyaa guyyaa kun boqonnaa warra kaafiraa dhorkaata ture. Jiraachuun ishee kun kokkee warra boontotaa keessatti qoree nama waraantu ta’e, akkasumas mormii irratti mo’amuu isaaniitiif ragaa guyyaa guyyaati. Boonni madaa’e yeroo baay’ee gara jibba gurraachaatti jijjiirama. Walgahiiwwan dukkanaan gaggeeffaman keessatti hasasni ni jalqabe: "Hamma yoomitti kana irratti obsina? Nuti abbootii gurguddoo Samuudi, sababa bineensa kanaatiif bishaan dhuguuf dabaree eeggannaa? Saalihi nu falfalee jira, qabeenya keenyas falfalee jira." Jedhanii hasaasuu jalqaban.

Shirrii hammeenyaa halkan keessa shiramuu jalqabe... Seenaalee hedduu isiniif dhiheessuuf fedhii guddaa qabna, garuu hamileen 000...sorry

06/06/2026

Seenaa Gaala Allaahaa fi Nabi Saalih Kutaa 2

Photos from Darunaim Multimedia's post 05/06/2026

በምን ቋንቋ እንደምንግባባ አላውቅም ይህን ስንነግራችሁ የጥላቻ ሊመስላችሁ ይችላል ነገር ግን መራር እውነታ ነው። ኢትዮጲያ አሁን ለገባችበት የእርስበርስ እልቂት ቀውስ የኢትዮጲያ ኦርቶዶክስ ተዋህዶ ቤተክርስቲያን 65% ከመቶ የሚሆነውን ድርሻ ትወስዳለች።

አሁን ለሚፈጠሩት የህዝብ እልቂት በአንድም ይሁን በሌላ የቤተክህነቷ የሰበካ ውጤት ነው። ቤተክርስቲያኗ ከተጠያቂነት አትድንም። በየ አብያተ ክርስቲያን ተቋማት ለአማኞች የሚሰጠው መንፈሳዊ ስብከት ሳይሆን ሃይማኖትን ከሃይማኖት ብሄርን ከብሄር የሚያጋጭ የጥላቻ የምቀኝነት ስብከት ነው። ለዚህም ማስረጃ ካስፈለገ ለቁጥር የሚታክቱ የጥላቻ ስብከቶች ምስል በእጃችን ይገኛሉ።

ቤተክርስቲያኗ በመንግስት መዋቅሮች ጭምር ሰንሰለት ዘርግታለች። በዚህ መልኩ ቤተክርስቲያኗ ወታደሮቿን በጀት መድባ አሰልጥናና ባርካ ወደ ጫካ ትግል አስገብታለች። በዚህም በሽዎች የሚቆጠሩትን ጨፍጭፋለች አስጨፍጭፋለች። አማራ ክልል የሚንቀሳቀሰው ታጣቂ ቡድን በአደባባይ ወጥተው እኛ የምንዋጋው ለሃይማኖታችን ለመስቀላችን ነው እያሉ ሲደነፉብን በግልፅ አስተውለናል። በሙስሊሞች ላይ በሞጣ በጎንደር በአክሱም በእስቴና በወሎ የሆነውን መዝግበናል።

አሁንም የሚያዋጣን ሰላም ብቻ ነው በጥላቻ ስብከት ወደ ጫካ ያስገባችውን ልጇቿን በመምከር ወደ ሰላም እስካላመጣች አሁንም ወደ ማትወጣው መቀመቅ ውስጥ ትገባለች። የግጭት ጠማቂ የሆኑ እንደ ሞአ ተዋህዶ ማህበረ ቅዱሳን ቡድኖችን ማስቆም ካልቻለች ዋጋ ከመክፈል ውጭ በዚህ ሁኔታ ሌላ ለውጥ አይመጣም።

እኛ ሙስሊሞች የትኛውንም ግድያ አንዳገፈም። የአላህ መልእክተኛ ነብያችን (ሰ፡ዐ፡ወ) ዘረኝነት ጥምብ ናት ብለዋልና።

Darunaim Multimedia

05/06/2026

...Sana qofaan hin dhaabbanne; ulaagaalee gadi fageenya qaban gaalattii irratti kaayan: gaala rimeessa ji’a kurnaffaa irratti jirtu, rifeensaa baay'ee kan qabdu, guddittii, fi kan ija namootaa gammachiistuu akka taatu isa gaafatan. Isaan akka isaaniitti yaada namaatiin waan hin danda’amne gaafatan; akkamitti wanti jiru wanta du’aa keessaa baha? Akkamitti dhagaan gogaan dhiiga fi lubbuu hin qabne gara fooni fi dhiigaa jijjiiramee jireenya godhata?

Saalihi ija rahmataatiin isaan ilaalee: "Waan na gaafattan yoo isiniif fide, fi waan barbaaddan yoo isiniif kenne, waan ani kanaan dhufe ni amantuu? Na dhugoomsituu?" jedhe isaan gaafate.
Isaniis sagalee tokkoon: "Eeyyee" jedhan. Saalihi isaanirraa waadaa fi kakuu jabaa fudhate. Saalihi (Alayhi Salaam) gara bakka salaataa isaatti ka’ee, Gooftaa kabajamaa Allaaha duratti sujuudaa fi kadhannaan dhaabbate. Onnee qulqulluu fi cabdeen, Allahaan dinqii isaa akka agarsiisu, dubbii isaa akka dhugoomsu, fi falmii mormitoota kanaa akka cabsu kadhate.

DHALOOTA GAALATTII FI ADABA BISHAANII
Hunda ilma namaa Sulula sana keessa jiruu cal'isni isaan dhuunfate. Ijji hundi gara dhagaa qulqulluu sana ilaalaa turan. Ilmi namaa naannoo sana guutee eeguu jalqabe;
Yeroo kana Battalatti wanti hin yaadamin tokko dhalate. Lafti miila isaanii jalatti socho’uu eegalte. ergasii dhagaa sana keessaa sagaleen miixuu ykn gaalli yeroo dhalu dhageessisu dhaga’amuu jalqabe. Dhagaan sun dhoohee keessa isaati bishaan fi dhoqqee keessaa gaalli baate. Abjuudhaan ykn falfala osoo hin taane; gaala dhugaa, uumama guddinna qabdu, akkuma isaan gaafatan rimeessa, fi rifeensaa kan isaan ulaagaa kaayan qabdu ture. Gaalattiin dhagaa keessaa baate, rifeensa ishee irra dhoqqee keessaa baatetu jira, dandeettii Uumaa tokkicha allaahaa agarsiisaa ija isaanii duratti sosoote.

Uummanni dinqii rifachiisaa sana irraan kan ka'e gara duubatti dheessan. Dhagaan gara foonitti jijjiiramuu argani hedduu ajaa’ibsifatan. Kana booda amananii laata?...Guutuu seenaa kanaa comment irraa dubbisaa. Video isaas Channel YouTube Keenya Irraa ni argattu.

05/06/2026

Jireenyi itti fufee jira. Guyyoonnis ni darban, mormiinis ni jabaate. Uummati gara kutaalee lamatti addaan ba’e: isaanis cunqursamtoota muraasa kanneen Saalihitti amanani fi abbootii qabeenyaa boonan kanneen kufrii fi mormii irratti jabaataniidha. Guyyaa gaafa tokkoo, abbootiin gurguddoon Samuud walgahii isaanii irratti Saalihiin qaaneessuu fi sagalee isaa bara baraaf cal'isiisuuf wal-mari'atan. Wantoota salihiin ittiin qaanessuuf wal mari'atan keessaa tokko wanta dinqii('معجزة/Miracle) gaafachuuf murteessan.

Dinqiin isaan gaafatan garuu waan salphaa hin turre. Dinqii sammuu isaanii xiqqoo keessatti danda’amuu hin dandeenye, kan mormii ta’u,waan kanaan dura argamee hin beekne gaafatan, akka lammata waamicha isaa namoota duratti hin gooneef dadhabaa ta'uu isaa agarsiisuu barbaadan.

Gara isaatti dhufan, ija isaanii keessaa ibidda mormiitu bobaha, boonaa fi mormiidhaan akkana jedhaniin:
"Yaa Saalihi, yoo akkuma jettutti dhugaa dubbataa jirta taate, dhagaa kana keessaa gaala nuuf baasi." Quba isaaniitiin gara dhagaa duudaa fi guddaa tahe kan sulula gara dhumaa irratti argamu kan 'Kaatiba' jedhamutti quba qabanii agarsiisan. Sana qofaan hin dhaabbanne,... Guutuu isaa Comment irraa dubbisaa YKN Video isaa YouTube Irratti Daawwachuu ni dandeessu.

Want your place of worship to be the top-listed Place Of Worship in Adama?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Address


Adama
1000