The 75 Press

The 75 Press

Partager

Loonics

26/03/2023

⚠️ Murtii Gosaa ⚠️
•••
Taaddelee Uddo’oo Kabajaan Aangoo Akka Gadi Dhiisuu, Irra Deebi’iin Yaamicha Goonaaf.
Akkasumassi, Hoggansi Oromiyaan Qilleensa Irratti Muudde Gadi Ergite, Aangoo Gadi Dhiisuun YKN. Waan Aangeeffameef Hojjatuu Diduun, Ammasi Irra Deebi’ee, Uummata Haqaa Ifiitii Falmataa Jiru Kanaaf, Quuqama Qabu Qabatamaan Akka Dhagrsiisuu, Gaafataa,
Kun Ta’uu Baannaan Garuu, Tarkaanfii Barsiisaa Fi Madaalawaa Fudhachuuf Kan Dirqamnu Ta’uusaa Gamanumaan Isin Beeksisuu Barbaanna!
***
Uummati Keenna - Mirgaa Fi Dirqama Murtii Tanaa Hordofee Rawwachiisu’uu Qaba!
Maddi: Badhasa Hailu

26/03/2023

Breaking
~
Hardhaa Kaasee Guutuu Godina Gujii Bahaa Keessatti, Sochiin Hujii Mootummaa Kamiyyuu Kan Dhaabbatu Yo Ta’u, Qoqqobbiin Tun, Sektaroota Tajaajila Uummataa Irra Jiranu Hin Ilaallatu. Haaluma Kanaan:
1. W. Eegumsa Fayyaa
2. W. Barnootaa
3. W. Qonna
4. W. Bishaanii Fi Inerjii
5. W. Hirbaa Dabaree
6. W. Nageyaa
7. W. Poolisii
8. W. Milishaa
9. W. Haqaa
10. M. Murtii, Qoqqobbii Kamuu Irraa Bilisa.
Murtiin Tun, Haga Abbootiin Gadaa Deebituu Qofa Hujiirra Oolti.
⚠️ Hubachiisa ⚠️
Gamaagama Guyyaa -Guyya’aatiin, Sirreeffami Hin Godhama. Qaama Murtii Tana Hujiirra Hin Oolchinee Akkasumassi, Maandhee Hujii Isaarratti Tarkaanfiin Araarama Hin Qabnetti Fudhatama!
•••
Hagas!

09/09/2022

Uummata qulqulluu

07/08/2022

Bulloo 🧐

07/08/2022

Waamichaa
Abbootii Gadaatiif
Abbootii Amantaatiif
Paartilee Siyaasaatiif
Miidiyaalee Garaa garaaf
Abbootii Qabeenyaaf,
Hayyootaa fi beektotaaf
Aartiistootaa fi Weellistootaaf
Uummata Oromoo Maraaf
Sabaa fi sablammootaaf
Hawaasa Addunyaatiif

Uummanni keenya Gujii, Baale, Harargee, Karrayyuu,... keessatti beelaa fi hongeen dararamaa jira.

Ilmoon harma reeffa haadhaa hooteetti. Abbaan du'a ijoolleekoo arguurra jedhee of ajjeeseera. Seerri uumaa dabee namni akka horiitti hidda mukaa fi baala nyaateera. Ganda tokko keessatti namoonni 20 ol hanqina nyaataan du'aniiru. Horiin isaanii jalaa dhumeera. Egaa hamma maal ta'utti calliftanii ilaaltuu? Namummaa, sabboonummaa, haayyummaa, gootumummaan keessan rakkoo sabatiif fala barbaaduu fi ija jabinaan dubbatanii wal dhageessisuuf yoo hin taane yoomumaafiree?

Abbootiin Gadaa lafa namni hin jirretti sirna Gadaa eenyuuf dabarsitu? Abbootiin amantaa, lafa namni hin jirretti Qur'aanaa fi Wangeela eenyuuf lallabdu? Miidiyaa fi dhaabbileen siyaasaa bakka namni hin jirretti eenyuuf hojjettu? Eenyuuf qabsooftu? Hayyoonni fi beektonni, beekumsi keessan gaafa akkanaa rakkoo hin furu taanaan, maaf barattani?

Weellistoonni, artistoonni fi barreessitoonni hoo kitaabaa fi sirba keessan eenyu dhageessisuuf hojjettu? Lafa namni hin jirretti eenyutu tiyaatiraa fi fiilmii keessan ilaala? Sabaa fi sablammiin yeroo kaan "garaagarummaan keenya miidhagina keenya" jettanii Oromoo waliin shubbiftan, har'a gaafa sabni kun beela'u maaf calliftan?

Adaraa rabbii, namni kamuu hin callisiinaa. Akka amma itti jirru kanaan, Itti gaafatama seenaa jalaa bahuuf hin jirru!

Photos from Magannee Kolbaa's post 04/06/2022
21/04/2022

Walloo koo💪

24/03/2022

Dhalooti afaan woli bade kana yaa rabbi nu baasi😭

08/03/2022

Baga guyyaa dubartoota addunyaa geessan!

Vous voulez que votre entreprise soit Entreprise De Médias la plus cotée à Adekar ?
Cliquez ici pour réclamer votre Listage Commercial.

Adresse


Adekar