Rayyan
𝐀𝐭𝐮𝐦𝐦𝐚𝐧 𝐎𝐛𝐬𝐚 𝐍𝐚𝐚𝐟 𝐐𝐚𝐛𝐚𝐚𝐝𝐡𝐮
Lubbuu fi Qabeenyaa ofii Caala Rassuula jaalachun dirqama Muslimaati ﷺ🖤
Harmee Tee Rabbiin Umrii Siif Dheeresse Milkaa'ina Kee Haa Agartu
21/06/2026
21/06/2026
Lammii Ofii Akkanatti Arkuun Baayye Nama Dhukkubsa
Yaa Rabbi Gahe Nun Ja'i
Rabbiin Dhabaan Fuula Namaa Isin Hin Dhaabin
19/06/2026
Ergamaa Rabbiiti (ﷺ) Fi Abu Jahal ;
Guyyaa tokko, Abuu Jahal namicha imaltuu deemu kan warra Makkaa hin tahin irraa gaala bitate. Garuu, yeroo kaffaltii gahu qarshii isa dhowwatee boodaan siif kanna jachuu malee kannuufi didee namicha dararuu jalqabe.
Namichis haqi isaa jalaa baduuf akka jiru yeroo argu, hamma danda'e sagalee isaa ol kaasee akkana ja’ee iyyuu jalqabe:
"Yaa hawaasaa! Namni Abuu Al-Hakam (Abuu Jahal) irraa haqa kiyya naaf fuudhu, kan hammeenya isaa narraa ittisu eenyutu jira? Ani imaltuudha, dachii tanaafis keessummaadha; namichi kun immoo humnaan haqa kiyya naaf kannuu dideeti jira!"
Namoonni naannoo sana turan (kaffaarota Qureyshii) yeroo kana dhagahan, Ergamaa Rabbii (ﷺ) itti qoosuuf carraa argatan. Isaanis akkana ja’aniin: "Namicha achi jiru san argitee? Gara isaatti dhaqi, inni Abuu Jahal irraa maallaqa kee siif baasa." Kana kan jedhaniif, Ergamaa Rabbii (ﷺ) mufachiisuufi; sababni isaas namni tokkollee jabeenya Abuu Jahal dura dhaabbachuu akka hin dandeenye waan beekaniif.
Namichis dhimma isaa amanee gara Ergamaa Rabbii (ﷺ) deeme. Yeroo miidhaa isaa itti himu, Ergamaan Rabbii (ﷺ) osoo hin tursiin namichaa wajjin ka'anii—gara mana Abuu Jahal- qajeelan!
Yeroo Ergamaan Rabbii (ﷺ) namicha gargaaruuf ka'an kaffaarotni argan,hedduu dinqisiifatan. Isaanis namoota keessaa tokkoon: "Duuba deemi hordofi, maal akka godhan laali," ja’aniin.
Ergamaan Rabbii (ﷺ) fi namichi haqi jalaa bade sun hamma hulaa Abuu Jahal gahanii rurrukutanitti waliin deeman.
Abuu Jahal mana keessaa ta'ee: "Eenyu inni hulaa dhadhawu?" Ja’e.
Ergamaan Rabbii (ﷺ) sagalee kajeelaa hin qabneen akkana ja’anii deebisan: «Muhammad, gadi bahi!»
Abuu Jahal yeroo sagalee sana dhagahu, naasuu hamaadhaan onneen isaa dhaabbachuu gahuun gadi ba'e. Fuula isaa keessa dhiigni takkallee hin jiru, naasuun bifa isaa guutummaatti jijjiirte !
Ergamaan Rabbii (ﷺ) osoo gamaa fi gamana hin ja’in kallattiidhaan akkana ja’een: «Haqa namicha kanaa kenniif!»
Abuu Jahal Sodaatee, hollachaa: "Ammaan gad kannaaf, hammaan ani waan isaa fiduufitti asii hin deeminaa," ja’e.
Akkasumas akkuma ja’e sanitti fiigee haqa namichaa guutummaatti kenneef. Ergamaan Rabbii (ﷺ) namichaan: «Haajaa teetiif deem» ja’anii, isaanis gara manatti deebi'an.
Namichis haqni isaaf deebi’uun heddu gammadee, Ergamaa Rabbii (ﷺ) eebbisaa fi du'aa'ii godhaafi karaa isaa itti fufe.
Yeroo kana, namichi qureyshiin hordofi ja’anii ergan sun gara qureeyshii deebi'e. Isaanis dharraan: " maal garte? Maaltu ta'e?" Ja’anii gaafatan.
Inni akkana ja’e: "Wallah, Muhammad hulaa isaa rurrukutnaan, Abuu Jahal namicha lubbuun isaa keessaa baatee jirtu fakkaatee gurbaaf maallaqa isaa kanne." Ja’en.
San booda, Abuu Jahal dhufe. Hiriyoonni isaa itti garagalanii: "Yaa hammeenya kee, maaltu si quname? Wallah, waan ati har'a goote kana Takkaa si biratti arginee hin beeknu!" Ja’aniin.
Abuu Jahal deebisee akkana ja’e: "! Wallah Muhammad, hulaa tiyya rurrukutee sagalee isaa yeroon dhagahu, sodaan onnee tiyya na guutte. Ergasii gara isaatti gadi baanaan, mataa isaa gubbaa korma gaalaa kan ani Takkaa jabeenya isaa, gateettii isaa fi ilkaan isaa argee hin beekneen arge! Wallah, odoo ani haqa gurbaa kannuu dide, silaa gaalli san na liqimsa (na nyaata) ture!"
Madda ; Ibnu Hishaam kitaaba isaa “Siiratu Ibnu Hishaam” fi ibnu Kasiir kitaaba isaa “Bidaaya fi Nihaaya” keessatti dubbatan.
18/06/2026
Irra Caalan Keessan Nama Qur'aana Rabbii Baratee Barsiise ja'an Rasuulli Rabbii ﷺ
Ergamaa rahmataa Nabi muhammad Irratti Salawaata Haa buusnu ﷺ
Jannanni qubsuma keessan haa tahu Ergamaa Rabbii ﷺ irratti salawaata Buusa ﷺ
Hariiroon Jaalalaa Tan Sin Miine Hariiroo Sii Fi Rabbii Kee Jidduu Jirtu Qofa