Xaahir Ibrahim Raggaasaa

Xaahir Ibrahim Raggaasaa

Share

Like ,share fi follow godhaa na hordofaa
وما كان ربك نسيا Rabbiin Kee Irraanfataa Miti. Oromummaan Dhiiga Kooti
Islaamummaan Hafuura Kooti

26/09/2025

Kaayyoon keenya Qabxiilee ijoo armaan gadii kanneen ilmaan namaa hubachiisuudha!

①. Gooftaan Dhugaa Allaah Qofa Ta’uu:-

(فَذَٰلِكُمُ اللَّهُ رَبُّكُمُ الْحَقُّ ۖ فَمَاذَا بَعْدَ الْحَقِّ إِلَّا الضَّلَالُ ۖ فَأَنَّىٰ تُصْرَفُونَ) [سورة يونس 32]

“Sun Allaah, Gooftaa keessan kan dhugaati. Dhugaa booda jal’ina malee maaltu jira? Akkamitti irraa gara galfamtu?“ (Suuratu Yuunus 10:32)

②. Amantiin Dhugaa taates Islaamummaa Qofa ta’u:-

(إِنَّ الدِّينَ عِنْدَ اللَّهِ الْإِسْلَام) [سورة آل عمران 19]

“Dhugumatti Amantiin Rabbiin biratti(Fudhatama Qabdu Islaama Qofa.” (Suuratu Aali Imraan 3:19)

(وَمَنْ يَبْتَغِ غَيْرَ الْإِسْلَامِ دِينًا فَلَنْ يُقْبَلَ مِنْهُ وَهُوَ فِي الْآخِرَةِ مِنَ الْخَاسِرِينَ) [سورة آل عمران 85]

“Namni Islaamaa alatti amantii biraa barbaade isarraa hin qeebalamu. Aakhirattis inni warra hoonga’an irraayi” (Suuratu Aali Imraan 3:85)

③. Kitaabni Dhugas Qur’aana Kabajamaa Qofa ta’uu:-

(ذَٰلِكَ الْكِتَابُ لَا رَيْبَ ۛ فِيهِ ۛ هُدًى لِلْمُتَّقِينَ) [سورة البقرة 2]

“Kuni kitaaba(Qur’aana) mamiin isa keessa hin jirree dha; warra Rabbiin sodaataniif Qajeelfama” Suuratu Al Baqaraa 2:2)

(لَوْ أَنْزَلْنَا هَٰذَا الْقُرْآنَ عَلَىٰ جَبَلٍ لَرَأَيْتَهُ خَاشِعًا مُتَصَدِّعًا مِنْ خَشْيَةِ اللَّهِ) [سورة الحشر 21]

“Odoo Qur’aana kana gaara irratti Buufnee, silaa sodaa Rabbii irraa ka’ee kan inni xinnaatee dhodhooyu Argita ture.” (Suuratu Al Hashri 59:21)

④. Xumurri Nabiyyootaa/Nabiyyiin Xumuraa Nabiyyi Mahammed(s.a.w) dha:-

(مَا كَانَ مُحَمَّدٌ أَبَا أَحَدٍ مِنْ رِجَالِكُمْ وَلَٰكِنْ رَسُولَ اللَّهِ وَخَاتَمَ النَّبِيِّينَ ۗ وَكَانَ اللَّهُ بِكُلِّ شَيْءٍ عَلِيمًا) [سورة الأحزاب 40]

“Muhammed Dhiiroota keessan irraa Abbaa nama tokkos hin taane. gariu inni ergamaa Rabbiitii fi Xumura Nabiyyootaa ta’eera.” (Suuratu Al-Ahzaab 33:40)

⑤. Marsariitii/Fuula Xiqqaa kana [https://gaachana.wordpress.com/] sirritti dubbisaa Gooftaa keessan kan dhugaa Beekaa. Hanga ammaatti Gooftaa keessan Allaah’n kadhachaa hin jirtu yoo ta’e, Inni garuu yeroo gara isaatti deebitan irraa jalqabee Cubbuu keessan kan isiniif araaramu ta’uu akkana jechuun ibseera:-

(قُلْ يَا عِبَادِيَ الَّذِينَ أَسْرَفُوا عَلَىٰ أَنْفُسِهِمْ لَا تَقْنَطُوا مِنْ رَحْمَةِ اللَّهِ ۚ إِنَّ اللَّهَ يَغْفِرُ الذُّنُوبَ جَمِيعًا ۚ إِنَّهُ هُوَ الْغَفُورُ الرَّحِيمُ) [سورة الزمر 53]

“(Yaa Muhammed) jedhi: “yaa gabroota kiyya kan lubbuu isaanii irratti daangaa dabartan! Raahmata Rabbii irraa abdii hin muratinaa. Dhugumatti Rabbiin Balleessaa hunda ni Araarama. inni Araaramaa fi Rahmata godhaa dha.” (suuratu Az-zumar 39:53)

waan ta’eefis daddafaa karaa Nabiyyoonni hundi barsiisanii fi ofiifis irra adeemaa tura akkasumaas akka namoonni irra adeemaniif barsiisaa turan gara karaa amantii Islaamaa seena. Lubbuu keessanii fi maatii keessan akkasumaas nama jaal’attan hunda Ibidda Azaabaa irraa baraaraa.

Rabbiin Nagayaa fi Umrii Nuuf haa kennu karaa sirrii irrattis Gad-dhaabbannoo(istiqaamaa) nuf haa kennu, Shakkii fii Haqa Qabachuu sodaachuu irraa nu haa tiksuun isiniin jedha.
√Gooftaan Allah Qofa.
√Iyyesuus Ergamaa fi Nabiyyii Rabbii Kabajamaa dha.
Nageenyi Rabbii Warreen Daandii Qajeelaa Hordofan hunda irratti Haa jiraatu.

Wisper✍️
https://t.me/XaahirIbraahim4B0

16/09/2025

Jaalala walii Rabbi nurraa hin fudhatin
Jaalala Isaas Rabbi Nurraa Hin fudhatin

29/08/2025

Ustaaz 'aaz

15/08/2025

As wr wb
Jum'aa Gaarii Family

15/08/2025

Dr Raayyaa Abbaamacca Maashaa Allah Baga Gammaddan

15/08/2025

Page Kana Follow godhaa Mee Itti goraatii

As wr wb
Jum'aa Gaarii Family

Want your public figure to be the top-listed Public Figure in Metu?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Telephone

Address

Daarimu
Metu