Al Sofumar News-ASN

Al Sofumar News-ASN

Share

Oduu addunyaa Afaan Oromootiin Oduulee waqtaawoo idil-Addunyaa

02/03/2026

Qoosaa cimaa Jaarraa 21ffaa

Gabaasni Addis Standard akka jedhutti muummeen ministeerotaa Itoophiyaa Abiy Ahimad Iraan gara marii nagaatti deebi'uu qabdi jechuun Iraan akeekkachisanii jiru. Itti aansuunis haleellaa misaa'ilaafi diroonii Iraan Kuweetitti buufataalee weerartuu Ameerikaa irratti raawwatte cimsanii balaaleffatanii jiru.

02/03/2026

Uggura naannawa baatii 3tiin booda walitti deebine.

Haleellaa misaa'1la bilaastikaa Iraan Israa'ilirratti raawwatteen lubbuun namoota nagaa 9 galaafatamuu akka hin oolle miidiyaaleen idil-addunyaa kanneen akka cnn, daily mail fi bbc'n gabaasan.

23/12/2025

Birriin Itoophiyaa sadarkaa addunyaatti humna waa bituu dadhabuu isheetiin sadarkaa sadaffaa irratti galmoofte—Biluumbagi

Mudde 14,2018 –Finfinnee : Birriin Itoophiyaa gulantaa humna bittaatiin addunyaarraa sadarkaa garjallaa sadaffaarra akka jiru Biluumbargi gabaase. Kunis sababa jijjiirraa imaammata sharafaafi carraaqqii fooyya’ina kaffaltii liqaa kan biyyattiirra jiruun kan wal qabatu ta’uu gabaasichi eereera.

Akka gabaasichaatti, Birriin Itiyoophiyaa bara kana doolaara Ameerikaa waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu humni bittaa isaa dhibbeentaa 15 ‘ol gadi bu’eera. Kanaanis birriin bara 2025 kana qarshiiwwan addunyaarraa akkaan humna bittaa dadhabaa qaban keessaa tokko ta’ee jira.

23/12/2025

Hojii Raawwachiisaa Itti aanaa EBC Abdurrahmaan Ruubee du'aan boqotan

Hojii Raawwachiisaa itti aanaan Korpooreeshinii Biroodkaasti Itiyoophiyaa ta'uun tajaajilaa kan turan Obbo Abdurrahmaan Ruubee du'aan Addunyaa kanarraa boqotaniiru.

Obbo Abdurrahmaan dhibee isaan mudateen yaalamaa turuun guyyaa har'aa du'aan addunyaa kanarraa boqotaniiru.

Obbo Abdurrahmaan Sadarkaa riipoortaraa hanga Itti aanaa hojii raawwachiisaatti dhaabbiilee Miidiyaa garaagaraa keessatti tajaajilaniiru.

Keessattuu OBN fi EBC tti riipoortaraa hanga hoggansaatti tajaajilaniiru.

Obbo Abdurrahmaan Abbaa ijoollee sadii kan turan yoo ta'an sirni awwalcha isaaniis guyyaa har'aa raawwatama jedhameetis jira.

23/12/2025

Sa'uudii Arabiyaan lammiilee Itoophiyaa dabalatee lammiilee biyyoota biroo daddabarsa qorsa sammuu namaa hadoochan irratti bobba'an lakkoofsaan hedduu ta'an ajjeesuun ishee beekame.

22/12/2025

Nama of-dhabaa fincaan haraqeetiin dhalatee bullee nyaataa karaa irratti guddate. Maayyimii mannahaariyaa.

21/12/2025

በአረቄ ሽንት ተወልደው ፣ በመነኃርያ ያደገ የ21ኛ ክፍለ ዘመን ምርጥ መሐይሙ ዐራዳ።

19/12/2025

Puutin hoggantootni Awurooppaa 'isin ilmoolee booyyeeti' jechuun xiqqeessan.

Pireezidaant Vilaadmiir Puutin hoggantoonni Awurooppaa 'isin ilmoolee booyyeeti' ittiin jedhe waliigaltee nagaa Ameerikaan dhiyeessite yoo hin fudhatan ta'e, Raashiyaan daangaa Yukireen seenuun lafa dabalataa humnaan ni fudhatti jechuun dhaadatan.

Konfaransii ittisaa Raashiyaa kan waggaarratti haasaa taasisaniin, Puutin biyyi isaanii adda waraanaa hundaan injifannoon deemaa jirti jechuun Raashiyaan galma kaawwatte karaa dippilomaasii ykn karaa humnaatiin ni milkeessiti jechuusaanii Rooyitars gabaaseera.

"Yoo gamni kaanis ta'e michoonnisii alaa marii nagaa buusuurratti karaa hiika qabuun hin hojjetan ta'e, Raashiyaan lafa seenaashii karaa humna waraanaatiin ni milkeeffatti," jedhan.

Bulchiinsi pireezidaantii US Doonaald Tiraamp waraana kana dhaabuuf yaada dhiyaaterratti Mooskoo, Kiiv, akkasumas hoggantoota Awurooppaa waliin addatti dubbataa jira.

Haata'u malee, hanga ammaatti waliigalteen irra gahame hin jiru.

Yukireeniifi michoonnisii Awurooppaa daangaa dabalataa Yukireen qabachuutti cichuu Raashiyaan yaadda'aniiru.

18/12/2025

🦓 Harroota ogummaa kabajamaa kanaan qoosan irratti tarkaanfiin barsiisaa ta'e fudhatamuu qaba.

18/12/2025

Qubee "A" Aljebraa irraa eegalee hanga Qubee "T" Taarifa jedhutti jechoota Afaan Arabiffaa Ingiliffa keessatti hojii irra oolan.

18/12/2025

Bareedina uumaa

Want your public figure to be the top-listed Public Figure in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Website

Address

Addis Ababa