Mure Best

Mure Best

Share

Mure ❤️❤️❤️❤️

25/05/2026
17/05/2026

Mootummaan Sa’uud Arabiyaa boru Wiixanni jalqaba ji'a Zul-Hijjaa ta'uu isaa kallattiin labseera.

Beeksisa biiroo irraa bahe kana hordofuun, guyyaan Arafaa Kibxata, Caamsaa 26, 2026 ta'a jechuu dha.

Akka kanaan, Roobii, Caamsaa 27, 2026 guyyaa jalqabaa Ayyaana Iid Al-Adhaa kabajamaa ta'a.
Guyyoota Kabajaa fi Ulfinaan Guyyaan tokko Isa hin madaalle dhaqqabneerra!

Mee xiqqoo dhaabbadhuu yaadi… Waggaa guutuun eessa seene? Barri kophaa fiigaa jira seetee? Si qabee gara qabrii fiigaa jira…

Cubbuu harkaa fi miilaan osoo laaqnu, addunyaa duubas kaachaa, odoo halkanii fi guyyaan wal dabarsuu, kunoo Rabbiin Arjaa fi Rahmat-qabeessa tahe Sun ammas carraa biraa nuuf kenne,Kurnan Zul-Hijjaa doorii rahmaataatiin nu gaheera.

Kun carraa maayyii ta'uu mala,akka bara dhufu aduun lafa ati keessa jirtutti baati moo lafa gubbaatti sitti baatii eenyutu sitti hime? Waggaa darbe namoota meeqatu nu waliin Iida dabarse, garuu har'a qabrii biyyee fi dhakaan haguugame jala ciisu.

Carraan har'a lubbuun jirraaf nuuf kenname kun, eebbuma addaati.

Baga Gammadde!

02/09/2025

Mure Best

Want your public figure to be the top-listed Public Figure in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Website

Address

Mure Best
Addis Ababa