Burqa Wollo Development Association
Waldaa Misoomaa Burqaa Walloo
Rakkoolee gurguddoo Hawaasa Oromoo Walloo Furuuf Dhalatoota Godina saba Oromoo biyyaa fi alaa jiraniin Hundeeffame dha.
Waldaan Burqaa Walloo Waldaa Dhalatootati
15/04/2025
Bulchiinsa magaalaa Shaggaartii Koreen Waldaa Misoomaa Burqaa Walloo Jilla Bulchaa Olaanaa Aanaa Jiillee Dhummuugaa Obbo Ali Sayid fi Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Sanbatee Aadde Faatumaa Hasan Durfamu waliin Marii Dhimma ijaarsa hoospitaala Rifaaralaa jiillee/JRH/irratti Xiyyeeffate Adeemsifame jira.
Sagantaa marii Adeemsa ijaarsa Hospitaala Rifaarala Jiillee Guyyaan har'aa adeemsifamaa jiruu irratti Jilli Bulchaa Olaanaa Bulchiinsa Aanaa Jiillee Dhummuugaa Obbo Ali Sayid fi Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Sanbatee Aadde Faatumaa Hasaniin Durfamu fi KHR Waldaa Misoomaa Burqaa Walloo fi Koreewwan Waldaa sadarkaan jiran Argamaniiru
Eebla 7/2017 (15/Apr/2025 ( Shaggar City
Burqaa Wollo Development Association Waldaa Misoomaa Burqaa Walloo Waldaa Dhaloota
18/02/2025
Piroojektiin ijaarsa Daandii Seensa Hospitaala
Walii Galaa waldaa Misoomaa Burqaa Walloon fi Hirmaannaa Uummataatiin Ijaaramuuf Jiru Daandii Gara Iddochaa Geessu Hojjatamaa Jiru seenaa haajaarruu" jechuun Jalqabnee Hojiin Daandiicha Sadarkaa garii irraa gahee jira.
"Har'aaf karaa boruuf Seenaa ijaarsa Daandii Seensa Hospitaala Walii Galaa waldaa Misoomaa Burqaa Walloon fi Qindoomina Bulchiinsa Magaalichaa waliin seenaa haajaarruu" Jennee Bulchiinsa Magaalaa Sanbateetti Hospitaala Walii Galaa Hirmaannaa Uummataatiin Gama Waldaa kenyaan Ijaaramuuf Jiru Daandii Gara Iddoo Hospitaalicha adda ba'ee geessu. Gandaa Qoodama kessati hojjatamaa jiru Hojiin issa haala Gaariin raawwatamaa akka jiru Guyyaan kaleessa Gaggeessitoota Godina Saba Oromoo fi Bulchiinsa Magaalaa Sanbatee waliin daawwannaa kan Taasisan Miseensi waldaa kenyaa Obbo Mohammed Afuroo Motii
Nuf ibsaniiru.
Kan nu'amantanii waan dandeessaniin gumaachaa gochuun nujajjabeessaa fii hamilee nuttii horaa nuwaliin turtan firee dhamaatii keenyaa waliin arguu eegallee jirra. Gammachuu walinii tana haaqooddannu. ulfaadhaa galatoomaa seenaan walloo sin hindagatu.
Hoojin ijaarsa Daandii Seensa Hospitaala Walii Galaa kana pirojektii Daandii Jaarraa Qacama Hanga Jaaraa waataatti ijaarame Xumuramee waliin issa kanas Yeroo Dhihootti waliin eebbifnee misooma biraa waliin kan eegaluu taha"
Har'aaf karaa boruuf seenaa ijaarsa
Waldaa Misoomaa Burqaa Walloo
Waldaa Dhaloota.
Burqa Wollo Development Association
Guraandhala-11//2017
28/01/2025
Piroojektiin ijaarsa Daandii Jaarraa Qacama (Harawaacaa ) Arbawaayyuu Jaarraawaataa Hojjatamaa Jiru Sadarkaa Xumurarra Gahee jira. Hawaasni Godina Oromoo Walloo Baga Gammaddan.
"Har'aaf karaa boruuf Seenaa ijaarsa karaa Jaarraa Qacama ( Harawaaca) Hanga Jaaraa waataa waldaa Misoomaa Burqaa Walloon Jaaramu seenaa haajaarruu" Jennee yeroo jalqabnu ijaarsi karaa hagam ulfaataafii walxaxaa akka ta'e wallaallee osoo hintaane waan ummanii keenya ta'aa tureefii dhaammachaa tureef cininnannee itti galle.
Ijaarsi Daandiicha Bulchiinsa Magaalaa Sanbatee Gandaa Jaarraa waataa kessati Hojiin Sadarkaa Xumuraa Hoojatama jira
Kan nu'amantanii waan dandeessaniin gumaachaa, nujajjabeessaa fii hamilee nuttii horaa nuwaliin turtan firee dhamaatii keenyaa waliin arguu eegallee jirra. Gammachuu walinii tana haaqooddannu. ulfaadhaa galatoomaa seenaan walloo sin hindagatu.
Hoojin Daandii Hojjatamaa Jiru HojiiBaniinsaa fi Qulqulleessaa issa 95% irra Gahe jira Hojiin Sadarkaa Xumuraatti Jira baga Gammaddan baga Gammaddane Karaa kana Yeroo Dhihootti waliin eebbifnee misooma biraa waliin kan eegaluu taha"
Har'aaf karaa boruuf seenaa ijaarsa karaa Jaarraa Qacama ( Harawaaca) Hanga Jaaraa waataa Waldaan Misoomaa Burqaa Walloo Waldaa Dhaloota ..Burqa Wollo Development Association
Amajjii 20/2017
29/11/2024
"Har'aaf karaa boruuf Seenaa s ijaarsa karaa Jaarraa Qacama ( Harawaaca) Hanga Jaaraa waataa waldaa Misoomaa Burqaa Walloon Jaaramu seenaa haajaarruu" Jennee yoo jalqabnu ijaarsi karaa hagam ulfaataafii walxaxaa akka ta'e wallaallee osoo hintaane waan ummanii keenya ta'aa tureefii dhaammachaa tureef cininnannee itti galle.Kan nu'amantanii waan dandeessaniin gumaachaa, nujajjabeessaa fii hamilee nuttii horaa nuwaliin turtan firee dhamaatii keenyaa waliin arguu eegallee jirra. Gammachuu walinii tana haaqooddannu. ulfaadhaa galatoomaa seenaan walloo sinhindagatu. Ummanni keenya yaaddoo malee Karaa ijaaramaa jiru kanarra baajaajiinSocho'uu jalqabee jira Karaa kana waliin erbbifnee misooma biraa waliin eegalla."
Har'aaf karaa boruuf seenaa ijaarsa karaa Jaarraa Qacama ( Harawaaca) Hanga Jaaraa waataa Waldaan Misoomaa Burqaa Walloo Waldaa Dhaloota ..Burqa Wollo Development Association
Sadaasa 20/2/2017
19/10/2024
"Har'aaf karaa boruuf Seenaa sirna Jalaqabbii ijaarsa karaa Jaarraa Qacama ( Harawaaca) Hanga Jaaraa waataa waldaa Misoomaa Burqaa Walloon Jaaramu seenaa
haajaarruu"Jennee jalqabaneera.
Waldaa Misoomaa Burqaa Walloo fi Hirmaanna Uummataa biyyaa keessaa fi Alaatiin Bulchiinsa Godina Saba Oromoo Aanaa Arxummaa Fursee fi Aanaa jiillee dhummuugaa daandiin walqunnamsiisu pirojektiin jaarraa Qacama ( Harawaaca) Hanga Jaaraa waataa sababa adda addaatiin addaan citee ture guyyaa har'aa bakka Bulchaan Olaanaan Bulchinsa Godina Saba Oromoo Obbo Ahmad Alii Abbaa Afuroo fi Gaggeessitoonni olaanoo godinaa fi Aanaa Arxummaa Fursee akkasumaas kutaan hawaasa bal'aa bakka argamanitti daandicha ifaan eegalchiisaniiru!
Har'aaf karaa boruuf seenaa ijaarsa karaa Jaarraa Qacama ( Harawaaca) Hanga Jaaraa waataa Waldaan Misoomaa Burqaa Walloo Waldaa Dhaloota ..Burqa Wollo Development Association
Onkoloolessa 9/2/2017
10/10/2024
Maatii wareegamtootaa kunuunsun dirqama hunda keenyaati Yaatiima keenya
haaguddifannu!
===========================
Gargaarsi Maatii wareegamtoota Godina Saba Oromoottif godhuu jalqabne marsaa shanafaaf akkuma itti fufeen jira.
Waldaan Misoomaa Burqaa Walloo Majlisa Godinaa fi Majlisa bulchiinsa aanaa Jillee Dhummuugaa waliin ta’uun guyyaa har'aa
Bulchiinsa Aanaa Jiillee Dhummuugaa
Gandoota Aanichaa 4 keessatti maatii yatiimootaa 172'f deeggarsa midhaan nyaataa laatameefi jira.
Asumaanuu Majlisni godina saba Oromoo fi kan Aanaa jiillee dhummuugaa Gargaarsa kana bakkaan gahuuf sababaa tahuu keessaniif maqaa waldaa keenyaatiin galatoomaa issinin jenna
dhimma karaa jalqabnee rakkina adda addaatin dhaabbatee ture itti fufsiisutti kan deebinu ta’a.
Carraa kanaan hawaasni keenya biyyaa keessaafii biyyaa alaa irraa ummata keenya Walloof tumsitan hundi keessan galata seenaa Hawaasa Oromoo biraa qabdan waldaa keenyaatiin hedduu galatoomaa jenna.
"Maatii wareegamtoota keenyaa waliin haa'utubnu!" Dhaamsa waamicha Waldaa Misoomaa Burqaa wallooti.
Fulbaana 30/2017
Waldaan Misoomaa Burqaa Walloo Waldaa
Dhaloota ..Burqa Wollo Development Association
09/10/2024
Maatii wareegamtootaa kunuunsun dirqama hunda keenyaati Yaatiima keenya
haaguddifannu!
===========================
Gargaarsi Maatii wareegamtoota Godina Saba Oromoottif godhuu jalqabne marsaa sadaffaaf itti fufee jira. Fulbaana guyyaan 27 / 2017 maatii 320 kan Aanaa jiillee keessatti argamaniif Magaalaa Sanbateetti Gargaarsa midhaanii kenninee jirra
Gargaarsa ammaaf karoorfanne keessaa kan nuhafe kan kan gandoota Aanaa Jiillee dhummuugaa irraa hafani yoo Rabbi jedhe isas yeroo gebaabaa keessatti bakkaan geenyee dhimma karaa jalqabnee rakkina adda addaatin dhaabbatee ture itti fufsiisutti kan deebinu ta’a.
Carraa kanaan hawaasni keenya biyyaa keessaafii biyyaa alaa irraa ummata keenya Walloof tumsitan hundi keessan galata seenaa Hawaasa Oromoo biraa qabdan waldaa keenyaatiin hedduu galatoomaa jenna.
"Maatii wareegamtoota keenyaa waliin haa'utubnu!" Dhaamsa waamicha Waldaa Misoomaa Burqaa wallooti.
Fulbaana 29/2017
Waldaan Misoomaa Burqaa Walloo Waldaa
Dhaloota ..Burqa Wollo Development Association
06/10/2024
" Waldaa Misoomaa Burqaa Walloo
Waldaa Dhaloota"
" Burqa Wollo Development Association"
04/10/2024
Maatii wareegamtootaa kunuunsun dirqama hunda keenyaati Yaatiima keenya
haaguddifannu!
===========================
Gargaarsi Maatii wareegamtoota Godina Saba Oromoottif godhuu jalqabne marsaa sadaffaaf itti fufee jira.
Waldaan Misoomaa Burqaa Walloo Majlisa Godinaa fi Majlisa bulchiinsa aanaa Jillee Dhummuugaa waliin ta’uun guyyaa kaleessaa Fulbaana 23 / 2017 maatii 178 kan Aanaa jiillee keessatti argamaniif ganddoota torba baxxee fi naannawa ishiitti argamaniif Gargaarsi midhaanii godhameefi jira
Asumaanuu Majlisni godina saba Oromoo fi kan Aanaa jiillee dhummuugaa Gargaarsa kana bakkaan gahuuf sababaa tahuu keessaniif maqaa waldaa keenyaatiin galatoomaa issinin jenna
Gargaarsa ammaaf karoorfanne keessaa kan nuhafe kan kan gandoota Aanaa Jiillee dhummuugaa irraa hafani yoo Rabbi jedhe isas yeroo gebaabaa keessatti bakkaan geenyee dhimma karaa jalqabnee rakkina adda addaatin dhaabbatee ture itti fufsiisutti kan deebinu ta’a.
Carraa kanaan hawaasni keenya biyyaa keessaafii biyyaa alaa irraa ummata keenya Walloof tumsitan hundi keessan galata seenaa Hawaasa Oromoo biraa qabdan waldaa keenyaatiin hedduu galatoomaa jenna.
"Maatii wareegamtoota keenyaa waliin haa'utubnu!" Dhaamsa waamicha Waldaa Misoomaa Burqaa wallooti.
Fulbaana 24/2017
Waldaan Misoomaa Burqaa Walloo Waldaa
Dhaloota ..Burqa Wollo Development Association
30/09/2024
Haadholee keenya haakunuufannuu!
Yatiiman keenya haaguddifannu!
===========================
Waldaan Misoomaa Burqaa Walloo Majlisa Godinaa fi Majlisa bulchiinsa magaalaa Caffaa fi Aanaa Arxummaa Fursee waliin ta'uun deeggarsa midhaan nyaataa maatii wareegamtootaa 165 kan Aanaa Arxummaa fursee fi magaalaa Caffaatif Gargaarsii godhameefi jira
Maatii wareegamtootaa kunuunsun dirqama hunda keenyaati Gargaarsi Maatii wareegamtoota keenyaatif godhuu jalqabne itti fufee jira. guyyaa har’a Fulbaana 20 2017 maatii 165 kan Aanaa Arxummaa fursee fi magaalaa Caffaa keessatti argamaniif Gargaarsi midhaanii kuntaala saddeettamii lamaa fi walaakkaa kenninee jirra
Majlisni Bulchiinsa Godina Saba Oromoo fi kan Aanaa arxummaa fursee akkasumas kan magaalaa Caffaa waan kana bakkaan gahuuf sababaa tahuu keessaniif galatoomaa.
Gargaarsi ammaaf karoorfanne keessaa kan nuhafe kan Aanaa jiilleti yeroo gebaabaa keessatti bakkaan geenyee dhimma karaa jalqabnee rakkina adda addaatin dhaabbatee ture itti fufsiisutti kan deebinu ta’a.
Carraa kanaan hawaasni keenya biyyaa keessaafii biyyaa alaa irraa ummata keenya Walloof tumsitan hundi keessan galata seenaa Hawaasa Oromoo biraa qabdan. Majlisi Godina Sab Oromoo majlisa ummata isaaf cimee hojachaa jiru yoo ta'u maqaa waldaa keenyaatiin hedduu galatoomaa jenna.
"Maatii wareegamtoota keenyaa waliin haa'utubnu!" Dhaamsa waamicha Waldaa Misoomaa Burqaa wallooti.
Fulbaana 20/2017
Waldaan Misoomaa Burqaa Walloo Waldaa Dhaloota ..Burqa Wollo Development Association
28/09/2024
Haadholee keenya haakunuufannuu!
Yatiiman keenya haaguddifannu!
===========================
Waldaan Misoomaa Burqaa Walloo Majlisa Godinaa fi Majlisa bulchiinsa magaalaa sanbatee waliin ta'uun deeggarsa midhaan nyaataa maatii wareegamtootaa 120 kennee jira.
Waldaan Burqaa Walloo maatii Wareegamtoo
taa 1200 ta'an gargaarsa midhaan nyaataa taasisuuf karoorfate keessaa Gargaarsa hawaasa irraasassaabamee accountii koree walloo jiru irraa guyyaa har’a maatii wareegamtootaa lakkoofsi isaanii 120 ta’aniif deeggarsi midhaanii kuntaala 60 waldaa burqaa fi Majlisa godinaa akkasumas Majlisa Sanbatee waliin ta’uun Maatii wareegamtoota gandoota magaalattii keessatti argaman biraan geenyee jirra
Gargaarsi maatii wareegamtoota kan Aanaa Jiillee dhummuuga fi Arxummaa fursee keessa jiranis guyyota sadan fuuldura jiran keessatti abdii Rabbiitin hunda isaanii bira kan gahu ta’a.
Carraa kanaan hawaasni keenya biyyaa keessaafii biyyaa alaa irraa ummata keenya Walloof tumsitan hundi keessan galata seenaa Hawaasa Oromoo biraa qabdan. Majlisi Godina Sab Oromoo majlisa ummata isaaf cimee hojachaa jiru yoo ta'u maqaa waldaa keenyaatiin hedduu galatoomaa jenna.
"Maatii wareegamtoota keenyaa waliin haa'utubnu!" Dhaamsa waamicha Waldaa Misoomaa Burqaa wallooti.
Fulbaana 17/2017
Waldaan Misoomaa Burqaa Walloo Waldaa Dhaloota ..Burqa Wollo Development Association
Click here to claim your Sponsored Listing.