Yaadataa Hambisaa

Yaadataa Hambisaa

Share

Yesuus kiristoos Fayyisaadha

26/04/2024

Anaaf Yesuus kiristoos

✓Ana dhalootumaan cubbamaa nama hojii gaarii tokko hin qabneef Yesuus kiristoos inni qulqulluun mudaa tokko hin qabne waaqni foon uffatee gara biyya lafaa kanaa dhufe yeroos Ani akkan hara'a isatti amanee fayyu inni dursee akeeka qaba Ture.
Bara sana namoota faallaa waaqayyoo ta'aniin Yesuus kiristoos anuma dhalootaan cubbamaa fi abaaramaa kanaaf jedhee qurumsatti dabarfamee kenname, macaafni qulqulluu akkuma jedhu "Qooda nama qajeelaa ykn hojii gaarii qabuu namni gatii gaarii ni baasaaf ta'a garuu nama cubbamaaf eenyuutu darbee dhiphata"?
Anaaf garuu Yesuus kiristoos Ati ofirraa baasuu hin dandeessu jedhee anaaf jedhee tuffatamee,aboo waaqummaa isaa dhiisee,reebamee,qaamni isaa ciccitee,Fannoo itti fannifamu baatee ,arrabsamaa Gaara itti fannisanitti ol ba'e.
Fannoo irratti harka isaaf miilla isaa bismaaraan rukutanii utuu dhiigni isaa akka lolaatti dhangala'uu fannisan,cinaacha isaa fannoorratti waraananii , fannoorratti itti qoosan, Yesuus Koo garuu yeroos anaan ciniinsifatee akkan mucaa waaqayyoo ta'uuf na godhachaa Ture .
Fannoo irratti raawwatameera jechuun du'e kaayyoon jaraa Isa ajjeesuu waan ta'eef gammadanii akka Inni awwaalamu godhani, awwaalchi isaa loltoota ciccimoon akka eegamu godhamee utuu jiruu gaafa guyyaa sadaffaa du'aa ka'e, bartoota isaattis mullate,Sana booda gara iddoo isaatti mirga Abbaatti ol deebi'e.
Hara'a Yesuus kiristoos luba Koo bara baraa naaf ta'e akkuma macaafni qulqulluu jedhu anaaf dubbata,dhimmi Koo hundumtuu Isa ilaallata.
Kana qofa miti Deebi'ee dhufee jireenyicha bara baraa naaf kenne sanatti ol na fudhata.

Hara'a Ani Yaadataan Qajeelummaa Yesuus kiristoos uffadhee, qulqulluu mucaa waaqayyoo ta'ee,hojii mataakoon utuu hin taane Isa Yesuus kiristoos naaf hojjeteen Fayyee,ayyaana isaan jiraachaan jira.
Kanaaf Egaa abaarsi namootaa,hojiin biyya lafaa,yaadni seexanaaf kan foonii,hojiin waaqa tolfamaa,cubbuun kan anaan hin dandeenyeef.

Maal kana qofa Yesuus kiristoos anaan qomoo fo'amaa,qomoo waaqayyoo na godhe.ani ayyaana naaf kennameen faayyamee,bareedee,mucaa waaqayyoo ta'ee jiraachaan jira. Galatni kan Yesuusi🙏🙏🙏🙏

Dhaamsikoo utuu Yeroon jiruu Yesuus kiristoositti amanaa jireenya bara baraa argadhaa kan jedhudha sababiin isaa Biyyi lafaa baduuf jirti dhumni dhi'aateera kanaaf hara'a utuu Yeroon jiruu Yesuusitti amanaa macaafni qulqulluu namni Yesuus kiristoositti amane jireenya bara baraa qaba jedha.

Nagaan isiniif haa baayyatu.

24/06/2023

Karaan dhugaan jireenyi yesuus kiristoos qofa

06/06/2023

Yesuus Geggeessaa amansiisaa!

16/04/2023

Yesuus kiristoos Daandii gara waaqayyo Abbaatti gara jireenya bara baraatti geessu

14/04/2023

“Nama Waaqayyoo ta'uu keessa iyyuu dhoksaan guddaan akka jiru amanamaa dha; kanaafis,"Inni foon uffatee mul'ateera, hafuurichi dhugaa galcheeraaf,ergamoota Waaqayyootti argameera, saba biyya lafaa keessatti lallabameera, guutummaa biyya lafaa keessatti ittiamanameera, ulfinaan ol fudhatameera" jedhamee himameera.”
— 1Xim. 3:16

12/04/2023

Yesuus kiristoos Fayyisaadha

07/04/2023

“Yesus Kristos biraas isiniif haa ta'u!" jedhee nagaa koo isiniif nan dhi'eessa. Yesus Kristos dhuga-baatuu amanamaa dha, inni warra du'an keessaa angafa ta'ee kaafame, mootota lafa kanaas in abbooma. Inni nu jaallatee, dhiiga isaa isa nuuf dhangala'een cubbuu keenya irraa nu fure.”
— Mul. 1:5

02/04/2023

Fak. 3
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
³ Gaarummaa fi amanamummaan sittii hin fagaatin! Morma keetti isaan hidhadhu, gabatee garaa keettis isaan caaffadhu!
⁴ Yommus ati Waaqayyo duratti, nama durattis maqaa gaarii in argatta, faara tolaadhaanis in ilaalamta.

09/02/2023

YESUUS..

02/02/2023

YESUUS NAGAA BIYYA LAFAATI

31/01/2023

Yoh. 10
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹¹ Yesus, "Tikseen gaariin ana, tikseen gaariin lubbuu isaa hoolotaaf in kenna.
¹² Tiksee dhugaa utuu hin ta'in bitamee kan eegu, hoolonnis kan isaa kan hin ta'in, yeeyyiin hoolotatti dhufuu yommuu argu, hoolota dhiisee in baqata; yeeyyiinis hoolota butatee, warra hafan in bittimsa.
¹³ Namichi sun bitamee waan eeguuf, hoolotaaf hin dhimmu.
¹⁴ Tikseen gaariin ana, ani hoolota koo beeka, hoolonni koos ana beeku.
¹⁵ Abbaan akkuma ana beeku, anis akkuman abbaa beeku, anii fi hoolonni koo wal beekna; lubbuu koos hoolotaaf nan kenna.

30/01/2023

Yesuus kiristoos Jireenya bara baraati

Want your public figure to be the top-listed Public Figure in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Address

Addis Ababa