One Love
Obsaan Dhagaa Waadu
Najiib Haji Jamaal #follow Godhaa
10/06/2026
CBE NOOR
Dr. Abiy Ahmed Ali
Akka Bineensonni Waliif Yaadanitti ilmi namaa Osoo Waliif Yaadee Maal qaba.
25/05/2026
Gooftaan Kan Nama Miidhameeti.
Hin tura malee miidhamaadhaaf tumsa
Yaa Salaam😭
11/05/2026
Kan itti Amantu Filadhu
10/05/2026
Oduu gaddaa.
Godina Shawaa Lixaa Aanaa Dandiitti balaa konkolaata qaqqabeen lubbuun namoota 18 darbee.
Caamsaa 2/2018
Godina Shawaa Lixaa
Aanaa Dandii Gandaa Warqaa Gaaraa Iddoo Addaa Gaara Hoolaatti gaafa Guyyaa 01/09/2018 halkan Keessa sa'atii 1:30tti Konkoolataan deddebiisa Uummataa
Lakkoofsa Gabatee isaa 3 OR 77305 ta'e Aanaa Ilfataa irraa Gara Aanaa Dandii Osoo Deema Jiru Karaa irraa bu'ee Garagaluun lubbuun namoota dhiiraa 5 Dhalaa 13 walii gala nama 18 yoo darbuu namoota 13 irratti miidhaa qaama cimaan gaheera namoota 26 irratti miidhaa qaama salphaan qaqqabeera walii galaa namoota miidhaan irraa gahee 57 yoo ta'uu Sababni Balaa kana qoratamaa jira jechuun Kominikeeshinii Qajeelcha Poolisii Godina Shawaa lixaatu gabaase.
Poolisiin Oromiyaa Maatiifi firoottan namoota balaa kanaan lubbuun isaanii darbeef jajjabina hawwaa.
09/05/2026
Manni marichaa imala hajjii marsaa jalqabaa eegalchiise.
Caamsaa 1/2018 Finfinnee
Manni maree waliigalaa dhimmoota Islaamummaa Itoophiyyaa keessummoota Al-rahmaan bara hajjii 1447 Itoophiyaa irraa imalan marsaa jalqabaa ifatti eegalchiiseera.
Manni marichaa daandii xiyyaara Itoophiyaa waliin ta'uudhaan imala ibaadaa kana guyyaa har'aa ifatti jalqabsiisuu beeksiseera.
Garee daandii xiyyaara Itoophiyaatti itti gaafatamaa damee daldalaa kan ta'an obbo Lammaa Yaadechaa daandiin xiyyaarichaa Imaltoota hajjii geejjibsiisuu irratti seenaa waggoota 79 akka qabu himan.
Daandiin xiyyaarichaa erga hundeeffamee bar waggaa 80ffaa isaa kabajaa kan jiru yoo ta'u hundeeffamee waggaa tokko booda hujjaajota Itopphiyaa irraa gara Sa'uudii Arabiyaatti geejjibsiisuu akka eegale yaadachiisaniiru.
Itti dabaluunis imaltoonni hajjii biyya keenyaa yeroo ibaadaa gaarii akka qabaatan hawwaniiru.
Pireesdaantiin mana maree waliigalaa dhimmoota islaamummaa Itoophiyaa Dr Kabajaa Sheek Hajjii Ibraahim Tufaa sagantaa kana irratti argamuudhaan haasaa taasisaniin, majliisni erga filannoo gaggeeffatee of haaromsee hajjiin baranaa kan jalqabaa ta'uu eeruun galmee irraa eegalee hanga deemanii deebi'anitti fooyya'iinsi taasifamuu dubbataniiru.
Kana males daandii xiyyaara Itoophiyaa irratti gaafii hawaasni musliimaa kaasu deebisuudhaaf dhaabbaticha wajjiin walitti dhiheenyaan hojjachaa jiraachuu ibsaniiru.
Akkana Dubbiin
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Website
Address
Addis Ababa
0000