Ijoollee IFAA
To preach the Good news of Jesus
WALDAAN GUUTUU WANGEELAA CMC FINFINNEE BORU SAGANTAA GUDDAAFI SEENA QABEESSA QABDI IRRAA HIN HAFAMU HUNDINUU ACHITTI WAL ARGINA
WAAQAYYOON BEEKUUN BEEKUMSA BEEKUMSAAN OLIITI
“Egaa kottaa Waaqayyoon in barraa, isa beekuudhaafis in dhamaanaa! As ba'uun isaa akka ifa barii lafaa dhaabataa dha; inni akka bokkaa, akka bokkaa arfaasaa isa roobee lafa jiisuutti nuuf in dhufa" in jedhu.”
— Hos. 6:3
07/01/2023
Baga ayyyaana yaadannoo dhalachuu goofta keenya Yesusiin isin ga'e
BEEKUMSA DHABU BEEKAMTUMMAA KEESSAA
Beekamtummaa beekumsa hin qabne namni dafee namaaf hin argu
Beekamtii jala wal'aalalummaan gale akka rirma dhoksaan mana hundee isaa nyaatee jigsaa adeemuuti
Beekamtummaan akka wal'aalummaa ofirraa hin lolleef diina sitti tahu danda'a.
Aangoon kee beekamtiif jaalatamuun kee man'ee wallaalummaa akka sin taasifne of eggadhu.
Namni gaafa of arguu dadhabu ni kufa
26/12/2022
The mindset of a kingdom steward, then, is that of an investor and not a spender
26/12/2022
Yoh. 1
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹ Sagalichi jalqaba waan hundumaa dura ture; sagalichi Waaqayyo bira ture; sagalichi ofii isaa Waaqayyo ture.
² Inni kun jalqabumaa jalqabee Waaqayyo bira ture.
³ Wanti hundinuus isumaan ta'e; waan ta'e keessaas isa malee kan ta'e tokko illee hin jiru.
⁴ Jireenyi isa keessa ture; jireenyichis ifa namootaa ture.
⁵ Sagalichi dukkana keessatti in ibsa, dukkanichi immoo isa bira ga'uu hin danda'u.
25/12/2022
1Qor. 1
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
⁴ Ayyaanni Waaqayyoo Kristos Yesusiin waan isiniif kennameef, ani yeroo hundumaa sababii keessaniif Waaqayyo koo nan galateeffadha.
⁵ Isin waanuma dubbatan hubachiisuudhaaf ofii keessaniifis waan hundumaa hubachuudhaaf, karaa hundumaan kennaa guutuu isumaan argattaniittu.
23/12/2022
23/12/2022
Nagaan Waaqayyo isiniif haa baay'atu.
Channel telegram keenya hordofuudhaan
Waantota barsiisoof nama jajjabeessan argachuu dandeessu.
Join gochuu hin dagatinaa
Sagantaa s.duraa ganama har'aa konfiraansii keenya irratti kan barsiifame.
Pr. Solomon Benti
“Yeroo sana keessa waldaan amantootaa Yihudaa, Galiilaa, Samaaririyaa hundumaa keessatti nagaa argattee, ijaaramte; sodaa gooftaatti jiraachaa; jajjabina hafuura qulqulluutiinis baay'achaa turte.”
— HoE. 9:31
Fili 2:1-11
TOKKUMMAA HAFUURAA DHUGAA/እውነተኛ መንፈሳዊ አንድነት
Wal wajjin Waaqayyoon waaqessu qofamoo wal beekna?
Tokkummaan Waaqayyo fedhu isa dhugaati.
Nagaan waldaan yeroo ergamootaa ari'atamatu dhibe osoo hin taane nagaa hafuuraa isa dhugaa qabu turan.
Tokkummaan hafuuraa inni guddaan maal irra madda?
1. Gammachuu Kristos irraa madda tokkummaan akkanaa
Biyya keenya keessa qarshii walitti dabalachuu malee yaada walitti dabalachuun hir'uudha. Fili 2:1-2
2. Kabajaaf hubannaa waa'ee obboleessa keenyaaf qabnurraa dhufa.
Walii keenyaaf ilaalcha qabnurra dhufa. Fili 2:3-4
3. Jireenya ulfinaafi kabaja dhuunfaa ofii giddu galeessa godhaterra hiikamu.
Faayidaa dhuunfaa ofii giddu galeessa godhachuu dhiisu. Fili 2:5-6
4.Fakkeenyummaa Kristos hordofuu.
Fili 2:7-8
Fakkeenyummaan inni nuuf dhiise Filp. 2
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
⁷ Inni ulfina sana gad dhiisee, akka waan, waan tokkotti hin galle of godhe; bifa garbummaa in fudhate; fakkaattii namummaatiin in dhalate, waan hundumaanis nama ta'ee argame.
⁸ Inni gad of deebisee, hamma du'aatti,hamma fannifamee du'utti iyyuu abboomamaa ta'e.
5. Waliif galuu,wal simachuu,wal fudhachuufi wal deggaruudhaan tokkummaan hafuuraa inni dhugaan dhufa.
Filip 4:1-3 Yaada tokkotti waliif galuun barbaachisaadha.
Click here to claim your Sponsored Listing.