FAARUU SOUND

FAARUU SOUND

Share

SAGALEE FAARFAANNA ✅️

GEDION DANIEL || JAALALA IDDOO GA'AA || FAARFANNAA HAARAA || 2026 08/05/2026

https://youtu.be/rTDMNTpBytA?si=9ZdK9LbS-3G1MBr0

GEDION DANIEL || JAALALA IDDOO GA'AA || FAARFANNAA HAARAA || 2026 SINGER : GEDION DANIELTITLE : JAALALA IDDOO GA'AAMUSIC : DESALEGN MEGERSAMIXING : MOTI TERESADIRECTOR : GUTU BIKILAPRODUCTION : QUBEE FILMSCINEMATOGRAPHER : ...

04/04/2026

Filannoon gaaf tokko itti hin mamne
Olaanaan olaansee waamaa saadu
Guddina koo gar keetti naaf godhi 🤲
Qalbiin koo si qofa naaf haa yaadu
YESUUS

Solomon Alemu
Pastor Desta
Gospel singer Yadesa Shiri Leta Kenei AgaEliyaas GabulaaGospel Singer Solomon Adugna

01/04/2026

👉IRRAAN HAFEE🙏
(Faarsaa gargaarsa fi mohicha Gooftichaa isa haaloota keenya gararraa ibsuu kana naaf afeeramaa mee🙏❤)

[Diinni koo na hin qolanne, ahaa hahaa
Haaloo isaas nattin baanee.
Ofumaan yaabe bu’a, ahaa hahaa
Yoom na buufatee bowwaa?] X2
Utoo inni na bukkee daaddisuu,
Na nyaachuuf utoo inni bookkisuu.
Gooftaadhaan harkaa ba’een dhufee,
Diinotaan nyaatamuun koon hafee.
Irraan hafee!
[{Irraan hafee!} x4
Galata isaa an nan faarsa itti fufee] X2

➧Riqichiin yaabadhee naan hin cabne,
Milkiin koo ganamaas nattin badne.
Mul’ata koo cabsuuf kan abbalee,
Qaana’eera bitaa isatti galee.
Irraan hafee!
Silaa yoona hin jiru ani nama ta’ee,
Gooftaa koo qabadheen lafaa ka’ee.
Isa naaf barbaadee waan mijaa’aa,
Maafan deddeebi’aa afaan duwwaa.
Irraan hafee!
[{Irraan hafee!} x4
Galata isaa an nan faarsa itti fufee] X2

[Diinni koo na hin qolanne, ahaa hahaa
Haaloo isaas nattin baanee.
Ofumaan yaabe bu’a, ahaa hahaa
Yoom na buufatee bowwaa?] X2
Utoo inni na bukkee daaddisuu,
Na nyaachuuf utoo inni bookkisuu.
Gooftaadhaan harkaa ba’een dhufee,
Diinotaan nyaatamuun koon hafee.
Irraan hafee!
[{Irraan hafee!} x4
Galata isaa an nan faarsa itti fufee] X2

➧Na fuudhee hin darbine huursaan lolaa,
Gooftaa koo naaf kennee tooftaaf malaa.
Kan dhiibee dadhabee gateettiin koo,
Situ kuffiisee darbee, miti dandeettii koo
Irraan hafee!
Inni na wajjiin ta’ee naaf dhaabatee,
Gooftaa koo otoo si’iin ta’uu baatee.
Masaraa koo cabsee natti ol galee,
Natti dibuuf ture diinni cilee.
Irraan hafee!
[{Irraan hafee!} x4
Galata isaa an nan faarsa itti fufee] X2

👉Yaadoo obboleeysa jaalatamaa nana Gooftaan baraa fi tajaajila kee haa eeybisu, si jaalanna❤

GOOFTAAN HAALAA FI RAKKINA KEENYAAN OLI!
Kutaan jaaladhu kana👇
📖"Rabbi kan wayta hundumaa karaa Kiristoosiin akka warra injifannoon duulaa galanitti nu deemsisuuf, galanni haa tahu. Bakkuma deemnu hundumattuu, Kiristoos beekuun, akka urgaa sh*ttootti wal geeysi." 2Qor 2:14

Waggaan kun anaa fi maatii kiyyaaf yeroo kamuu caalatti waggaa itti qorumsoota ulfaatoo fi humna keenyaan olii hedduu, addumatti du'a firootaa fi maatii keenya deddeebiin mudatterraa kan ka'e sheyxanni karaa hedduun mogolee na buusuuf tureedha. Garuu humnaa fi gargaarsa Gooftaatiin aniis qorumsoota hundumaa dabarsee arraas irraa hafeetiin jira. Rakkinoonni narra gahan hundinuu fuula Waaqaatti sababii galataa malee sababii gungummii naaf hin taane. Kanaaf arra afaan guuteen "IRRAA HAFNEERRA" je'ee faarfadha🙏

Warri akka koo irraa haftan hundinu baga gargaaramtan🙏
EEYBIFAMAA!

Halkan gaarii

Abduselam Ruduwan Eva

01/04/2026
29/12/2025

Haa Turamu

07/12/2025

Yesuus Waaqayyo dha!

Photos from FAARUU SOUND's post 18/11/2025

Ebo fi Maskalo♥️

Want your public figure to be the top-listed Public Figure in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Address

Finfine
Addis Ababa
FINFINNE