Abera Chala
You are the best flower in to garden of my heart.
14/06/2026
Oduu Gammachiisaa!!
Gadaan waggoota saddeettan dhufuuf Tuulama gaggeessu, bakka bu’ummaa Abbaa Bokkuu Daacciin raggaasifameera. Haaluma kanaan, Geetuu Taliilaa Tufaa gosa Kuraa Jiddaa keessaa filatamee,
Barri Alangaa keessanii nagaa, quufaa fi gammachuun kan guutame akka ta’u hawwii keenya guddaadhaan isiniif hawwina!
12/06/2026
“Kanisa horsiisuun daamaa da’oo keessaa muratanii nyaachuun akka danda’amu qabatamaan torban lama lamaan isiin barsiisaa turte. Haa ta’u malee, sababa hojii baay’inaatiin yeroo isaa eeggee murachuu waan hin dandeenyeef diqoo na jalaa xuxee jira.
12/06/2026
11/06/2026
Guyyaa har’aa Sagantaa FSRP, Waajjira Qonnaa fi Waajjira Jallisii Bulchiinsa Magaalaa Shaggar waliin mariin bal’aan piroojektoota sagantichaan deeggaraman irratti gaggeeffameera. Marii keessatti hojiiwwan hanga ammaatti hojjetaman irratti gamaaggamni taasifamee, hojiiwwan hafan saffisaa fi qulqullinaan akka raawwataman irratti waliigalteen irra gahameera.
Marii kanaan piroojektoonni sagantaa FSRP jalatti mootummaa fi hawaasaaf bu’aa olaanaa fiduu danda’an yeroo qabame keessatti akka xumuraman irratti xiyyeeffannoon addaa kennameera. Kanaafuu, qaamoleen hojii kana keessatti hirmataan hundii itti gaafatamummaa olaanaadhaan akka raawwatan kallattiin kennameera.
Dhumarratti, hojiiwwan saganticha jalatti jalqabaman hundi karooraa fi yeroo qabame keessatti qulqullinaan hojjetamanii hanga Waxabajjii 30/2018tti guutummaatti akka xumuraman irratti waliigalteen taasifamee, hojii raawwachiisummaa isaa irratti hordoffii fi deeggarsi barbaachisu akka taasifamu murtaa’eera.
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Website
Address
Addis Ababa