Fikadu
love music
&
dancer
Ayiiiiii Ana🥲
Gaafa lubbuun jirtu dhufellee si hin gaafanne,
har'a garuu ........Ayiiii ana😭
Nagaattii😭
SORRY😭
04/05/2026
Sinishaw Muleta Iticha ni dandeessaa mee ati🔥
Weel. Sinishaw Muleta Itichaa Boss🫡
Naxalaankee shaamaa dhokse si jalaa (×2)
Hin muddamin ija buuta na duraa
Naxalaa Haahaa
Naxalaa Shishiqirriftee
Naxalaa haahaa Jette na argaa
Naxalaa haahaa Dhaabbata baddee
Na duraa Kana na raasa garaa
Naxalaa haahaa
Naxalaa Yaa siddisatoo
Naxalaa haahaa Jiituu lagarraa
Naxalaa haahaa Akka itti godhii
Naxalaa akka dhabuutti jiraa
Birraa makarachuuf gannaan qotatuu
Eenyuun of argachuuf ofiif of gatuu
Ofin ala namuu namaaf hin jiruu
Abbaarra kan abbaati aanu hin jiruu
Ee namanaa yaa namanaa!
Weel. Sinishaw Muleta Iticha jechuun walaloo buusaa afur qofaan, ergaa kumaa kitila dabarfata. Asumaan warri aamoona "Nu ga`e ni deemna..." jettanii funyootti maraattan, hojiin funyoo maal akka ta`e irraa baradhaa!
24/04/2026
👉Muuu...!
Yookaniif qalannee
foonsheetti hin hafne.
yookaniif Carroomnee,
itilleerra hin rafne.
Ayyaana haphannee,
Dhama qofaatti hafne.
🖋 Kanenus Kasa Bayisa 🔥
18/04/2026
🫡Galmee Seenaa🔥
Kanenus Kasa Bayisa
Galaana Gaaromsaa
GELANA GAROMSA 112 likes. "Gelana Garomsa ft Yosan Getahun - Galmee Seenaa - new Ethiopian (music 2026 )"
14/04/2026
🫡Kanenus Kasa Bayisa Furdinaas dheerinaas kana hundaan si caalaa moo? 🙉 😁
12/04/2026
Sirba🔥
MANA FIRAA Oromo Music by Ayyalaa Nugusee Directer - Tamirat Girma Music Arr& Mix - Tamirat Girma (Milki Studio) Mastering- Eyob Kasahun Bass - Yonas Girma Ulule -Mulugeta Teshome Masinko - Degsewu A...
08/04/2026
ABBAA👨👦
Abbaa koo -abbaa jabaa,
Waaqaa gaditti Suman qaba!
Gaachana gaafa xiiqii
Gaaddisakoo gaafa maraa,
Qajeelcha karaa milkii
Beekessakoo hayyuu baraa!
Sanyii lafa buusuuf
Na dhalchitee-na guddifte.
Bu'aa malee akkan hafneef
Na barsiifte- na muldhifte!
Ati anaaf waa hundadha
Si faarsuudhaaf - jecha hin qabu.
Hamaan sin argatiin
Xiyyi diinaa sirraa haa dabu!
Gaaf gammachuu
Gaafa gaddaa,
Laf gammoojjii
Lafa baddaa,
Na gorfatta
Gaafa hundaa,
Naaf jiraadhu
Abbaa Guddaa!
Na barsiisuuf gaara labdee,
Na guddisuuf kuftee cable.
Akkan cimuuf na gorfatte;
Doofummaarraa na oolfatte!
Maqaan kee dhalootaan
Haa ka'u jabaatee,
Dhokatee hin hafiin
Barri ati dhamaate!
Abbummaan kee dhuma hin qabu;
Dogoggoru na deebisi.
Akkan ce'u akkan milkaa'u
Daddabalii na eebbisii!
Foon keerraan argame;
Dhiiga keetu Ana ta'e.
Kanumaafan si fakkaadha;
Mucummaadhaan sittan ba'e!
Arjummaaf oolmaan kee
Innoo hin qabu dhuma;
Naaf jiraadhu abbaakoo
Lubbuun waggaa kuma!
Sin jaaladha onneerraa
Hamtuun sin argiini;
Qe'eekee sanyii malee
Aramaan hin margiini!
Leenca fakkii namaa
Abbaakoo abbaa gaarii,
Gammadii jiraadhu;
Sirraa haa qabu aarii! 🙏 Kanenus Kasa Bayisa🫡 Ayyaantummaa🔥
🤲KOODEEN KOODEE HIN NYAATU....WAL NYAANNAAREE 🤝
Sinishaw Muleta Iticha 🙏
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Contact the public figure
Telephone
Website
Address
Addis Ababa