Singer Ifa Getahun.
Yesuus
18/12/2025
Ati sababa fayyuuko angafaati yesus
DHIPHISTEE IJAARRATTE DHIPHATTEE NUN DHIPHISIN
Waaqayyo isa midhaan nuu laate bishaan nuuf laate; galateeffachuun amma jalqabe miti, duruma kaasee jira.uumati oromoo ammana baayyatu waaqa galateeffachuu deema.namoonni lakkii uummati kun waaqa tolffaatti hirreffachuu deema jettan?waaqi tolfame hin jiru isa keessa keessanitti tolfame mo'adhaa.kun ergaa kooti mee ayyaana Irreecha waliin wal fakkatan ayyaan Saba Israel haa ilaallu
1. Aadaa fi Ayyaana Israa’el durii
Ummanni Israa’el yeroo hunda midhaan galfannaa fi ayyaanota waggaa Waaqayyo isa ajajee ture ni ayyaaneffata ture. Fakkeenyaaf:
Ayyaana Faasiikaa (Pesach) – yeroo Israa’el biyya Gibxii keessaa bahe (Kutaa Ba’uu 12:1–28).
Ayyaana Daniichaa (Shavuot/Pentecost) – yeroo midhaan jalqabaa galfatanitti galata galfachuuf (Leewwota. 23:15–22).
Ayyaana Buufata (Sukkot/Feast of Tabernacles) – yeroo midhaan xumuramee galata galfachuuf (Leewwota. 23:33–43).
Ayyaanota kana keessatti ummanni Israa’el:
Gara Yerusaalem deemu,
Galata galfachu,
Angafa midhaan isaanii Waaqayyoof kennu.
---
2. Yesuus fi Ayyaana Israa’el
Yesuus yeroo lubbuu isaa lafa irra turetti ayyaanota Israa’el keessaa hedduuf hirmaachaa ture. Fakkeenyaaf:
Yoh. 2:13 – Yesuus Yerusaalemitti Faasiikaa hirmaachuuf deeme.
Yoh. 7:2–14 – Yesuus “Ayyaana Buufata (Sukkot)” irratti hirmaatee barsiise.
Luqa 22:7–20 – Ayyaana Faasiikaa raawwatee, foonii fi dhugaatii haaraa hundeesse.
Kun agarsiisa Yesus aadaa saba isaa keessatti argamanitti hirmaatee, galata Waaqayyoof kennuuf ayyaana irratti deema ture.
---
3. Irreecha fi Wanta Walfakkaatu
Irreechi Oromoo yeroo roobni darbee midhaan haaraan ga’u, waggaa waggaan Waaqaf galata galfachuuf ayyaana kabajamudha.
Isra’el ammoo yeroo midhaan makaramu, yeroo bu'aam roobaa gahu, yeroo ayyaana isaanii Waaqatti galata galchaa turan. Fakkeenyaaf:
Keessa 16:13–15 –
> ¹³ Yeroo midhaan kee oobdii irraa, waynii kees lafa cuunfaa isaatii galfattu, ayyaana Gordommaa guyyaa torba ayyaaneffadhu!
¹⁴ Ayyaaneffachuu kee kanattis, ati, ilmi kee, intalli kee, hojjetaan kee, hojjettuun kee, sanyiin Lewwii, galaan, ijoolleen abbaan irra hin jirree fi dubartiin abbaan manaa irraa du’e, warri kellaa mandaroota kee keessa jiraatanis, walii wajjin itti gammadaa!
¹⁵ Ati dhugumaan akka gammaddutti, Waaqayyo gooftaan kee waan ati galfattuun, hojii harka kee hundumaanis waan si eebbisuuf, iddoo inni fo’atu sanatti, ayyaanicha Waaqayyo gooftaa keef guyyaa torba ayyaaneffadhu!
Zekariyaas 14:16 –
> “Sabni hundi Yerusaalemitti ol ba’anii Ayyaana Buufataa ayyaaneffatu.”
Kanaafuu, Irreechi Oromoo fi Ayyaana Buufata Israa’el galata Waaqa roobee midhaan kenneef galata kennuu irratti walfakkaata.
� Yoo jedhu, Yesuus gara ayyaana aadaa saba isaa deeme galateeffachuu, rooba, fi galata yeroo makarii irratti Waaqaf galfachuuf ayyaana isaanii irratti hirmaachaa ture. Irreechi Oromoo ammoo akkuma sana fakkaata — Waaqa galateeffachuu dha
19/12/2024
Faarfataa Tamirat Tezera!!! Nama jalaa hindiddu gaafa siwaamani dhageessee deebifta
Jedhaniidhaaf miti ijakootu si arge seenaa haressita!!
Faarfattota baayyee ani jaalladhu keessa namni tokko isadha namni faarfannasaan hin eebbifamnellee hinjiru ammas jajjabessinee jaalala qabnuuf utuu muullisnee nama kana ayyanasaatti fayyadamnee gaarii natti fakkaata wal gaggannee wal dagachuun kun daba namni kamiyyuu dadhabbi qaba qulqulluunimmoo hoolaa waaqayyon qofa yesuus kiristoos immoo cubbamootaaf dhufe utuu nama kana jajjabeeffannee baayyeen gammada hoolaa 99 dhisee ishe tokko kanbarbaade waqayyo yoomuu singatu!! tammeko sinjaalladhas sinkabajas!! Warri garaa jaalalaa qabdaniif share godhaa
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Contact the business
Telephone
Website
Address
Addis Ababa
IFA0930