Robsan Entertainment

Robsan Entertainment

Share

Being Optimistic !!

Photos from MUE MAX's post 27/12/2025
21/10/2025

Dhaadannoo fi oduun gurra nu duuchuu malee dhiira qaawa qawwee uummata keenya irraa duuchuu arguu hin dandeenye!

20/10/2025

Karrayyuun Jaarsaa biyyaa Kabajamaa guddaa tokko dhabde ardha! Jaarraa Daduu---Goota ija barbadaa fuulli Rabbii sitti haa tolu! Diqqaa guddaan, hiddaa firri irraa hafaa, jabaadha, jajjabaadhaa!!!!

Photos from Robsan Entertainment's post 15/10/2025

Jiillee Koo
***********
Birmaduu irree heenaa
Hayyuu bokkuuf kallachaa
Naanniga dilbii seenaa
Goota gameeyyii dachaa

Hortee warra guddaa
Hiddi kee, ni beeksisaa
Milkoofte caarraa hundaa
Foollee biyya eegsisaa
Nooruu jedhee simatee
Wayyooman wal teessisaa
Marii marabbaan bulchee
Gamtaan roorroo leephisaa
Jiillee Koo, abbaa jilaa
Aannan bara dheebisaa
Heera gadaatin bulee
Tufee Waliif eebbisaa
Ilma kararraa maqees
Duudhan qabee deebisaa

Yaa'ii jilaa, irreecha Qoffee
Uffata safuu, bullukkoo boffee

Badhaadha karraa, dureessa Loonii
Jiillefii jilli, lafeefii foonii

Shammarran Jiillee, daabee fooyanii
Safuun arreedaa, simboon looyanii
Laalaa Oromoo, naatoon booyanii

Caayaa kitilaa, bullukkoo coonii
Bakkalcha lammii, biiflomii boonii

Qabballeefii Jufaareen
Jabbii geessanii malkaa
Aayyoo kaamettiif arjaan
Dhadhaan maktee marqaa
Jaldhaaba oromummaa
Aniis dhufeen, si argaa

Jiillee Koo abbaa biyyaa
Leenca wantaaf waraanaa
Gaachana gaafa iyyaa
Qomoo fakkii galaanaa

Ulfoo koo jaalatamaa
Jiille Oromoof dhukaa
Waa'een kee na booji'ee
Sanyii Koo, siifin dhufaa

Jiille ijaaf agartuu
Tiruu Bachoofi Eekkaa
Muldhataa akka gaaraa
Addunyaanuu si beekaa

Dambal qooqafii maqii
Hawweera dhufee laaluu
Qe'ee jaalalaa dhaqii
Garaamii hundaa caaluu

Ofkaltii teessaniin ala
Miila tokko'n fudhannuu
Faajjii eenyummaa haqaa
Bitimaa karraan cufannu.

Jiillee Koo ♥️

✍️

05/10/2025

Miss Tourism Oromia!!
First and Last!!

Photos from Robsan Entertainment's post 03/10/2025

By

Oromummaan dhimma keenya guyyuuti malee meesshaa ittiin miindaaf beekamtii soqannu miti...!

Beekumsi Oromoo gadi fagoodha,dhimma gaafuma tokkotti calleeffannee barree fixnu hin ta'u, garuu dhimma keenya jennee jireenya guyyaa guyyaan jiraannu keessatti seenaarraa, argaa-dhageettiirraa,marsariitiiwwan adda addaarraa gabbifachaa deemuun jireenyi keenya waan Oromoon ijaaramaa akka guddatu godha.
Kanaaf Fakkeenyi gaariin Karrayyuu dha,karrayyuuf Oromummaan jireenya guyyuusaati,Gadaan bulmaatasaati.
Keenya rakkoo kan ta'e kan waan Oromoo yaadannu gaafa Ayyaanaa,yoo kaffaltii qabaate,gaafa beekamuu barbaannu... uffata aadaa nama booji'u kana butannee waltajjiitti baana hammuma Ormi waa'ee keenya beekullee waan keenya wallaalla,kuni GABRUMMAA fedhakeen ati ofitti fiddu waan ta'eef sumatu ofirraa kaasa...!

26/09/2025

Jigaa Koo

14/08/2025
13/08/2025

Hayyuuna hayyuu !!

12/08/2025

Yeroo ilmoon ollaatti baatu !!

09/08/2025

Sobuun hin danda'amu!
Isin kam jalatti ramadamtu?
Dheerinni quba keenyaa inni tokko isa kan biraa caaluun ykn walqixa ta'uun waa'ee eenyummaa ykn amaloota keenyaa maal nutti hima laata?
Akkuma fakkii armaan gadii irratti agartan quba agararsiftuu fi quba qubeelaa dheerina isaan lamaanii wal bira madaalchisuudhaan iddoo saditti qoodamanii jiru (A, B fi C). Mee qorannoon garagaraa maal akka jedhu tokkoon tokkoon isaanii yaa ilaallu :-
1. A.... "A" irratti akkuma agartan qubni qubeelaa quba agarsiiftuu ni caala. Namoonni garee kana jalatti ramadaman baay'een isaanii dhaabbannaa miidhagaa kan qabaniifi uumamaan babbareedoodha jedha. Namoonni kunniin wanta namni biraa argachuuf baay'ee hawwu salphaatti kan argataniidha. Akkasumas, salphaatti dafanii kan aaraniifi wanta isaan aarse saniif dafanii furmaata kan barbaadaniidha. Murteessuuf kan saffisaaniifi rakkoo dhufu hundaa fudhachuuf kan hin sodaanneedha jedhameera. Namoonni kunniin mormanii amansiisuus baay'ee kan danda'aniidha.
Namoonni kunniin namoota garee 'B' jala jiran caalaa madda galii gaariis qabu jedhama.

2. "B"... Isaan kuni immoo, akkuma fakkii irraa argitan qubni qubeelaa quba agarsiiftuu irra gabaabduudha. Namoonni kunniin ofitti amanamummaa baay'ee guddaa ta'e kan qaban, baay'ee kan of jaalataniifi kan of jajjaniidha jedha. Sababa baay'ee of jaalataniif rakkoo kamuu fudhachuu hin barbaadan waan ta'eef murteessuuf hin jarjaran. Wanta tokko, Fknf, daldala namni biraa erga eegalee rakkoo akka hin uumne arganii booda itti aananii eegalu malee, dursanii ofiif hin eegalan. Namoonni kunniin qophaa ta'uu kan filataniifi yeroo boqonnaa isaaniitti wanti kamuu akka isaan jeequ kan hin eeyyamneedha. Garee kana jalatti namoonni ramadaman kunniin jaalalaas ta'ee keessa seenuu baay'ee kan sodaatan, garuu namaan jaalatamuufi beekkamtii argachuu baay'ee kan barbaadaniidha jedhameera.

3. 'C'.. Namoonni qubni agarsiiftuun fi qubeelaa isaanii wal qixa ta'an immoo, namoota nageenya baay'ee barbaadaniifi iddoo jeequmsiifi walitti bu'iinsi jirutti tasuma mul'achuu kan hin barbaanneedha jedhamu. Namoonni kunniin wantootaaf xiyyeeffannoo baay'ee kan kennaniifi namoota baay'ee waliin salphaatti walii galuuf kan hin rakkanneedha. Nama qeequuf hin saffisaan, sababa namaaf baay'ee gaarii ta'aniif namoonni baay'een icciitii isaanii kan itti himatan namoota kanniini.
Hariiroo jaalalaatiif baay'ee amanamoo kan ta'aniifi jaalallee ykn abbaa/haadha manaa isaaniitiif sirriitti kunuunsa kan godhaniidha jedhama.

Qorannoon kun isiniif hangam hojjeta?
Hirmaannaa keessaniif Galatoomaa!!
Aga Gammachuurraa

Want your public figure to be the top-listed Public Figure in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Website

Address

Adama Dada Mall
Addis Ababa
0000