Fidaakaa Yaa Rasuulallaah

Fidaakaa Yaa Rasuulallaah

Share

Madda Barumsa Amantaa Islaama Cha Join our telegram Channel https://t.me/fidaka_islam

11/12/2021

Akka amma itti jirtan
Kanaatii du'uf
qophidhaa? qophidhaa? qophidhaa?
Malakal Mawot yeroo barbadee dhufaa!!!

07/06/2021

Tawhiidaa
Kutaa 1ffaa
Maalummaa Tawhiidaa

Maalummaa Tawhiidaa
Tawhiida jechuun akka lugaa Afaan arabiitti jecha ‘wahhada’ jedhamu irraa fudhatame. Wahhadaa jechuun tokkochoomse ykn tokko taasise jechuu dha.

Fakkeenyaaf:
Muhammadiin malee mana kana keessaa namni tokkos akka hin baane yoo jedhe, Mohammadiin manaa bahuu isaatin tokkochoomse jechuu dha.

Khaalidiin malee namni tokko bakka kanaa akka hin kaane yoo jette kaalidiin qofa akka ka’u adda baaste jechuu dha.

Kanaafuu Tawhiida jechuun Rabbiin qofa ibaadaa (gabbartii) isaatin tokkochoomsuu adda godhuu jechuu dha.

Hiikkaan Tawhiidaa akka Shari’aatitti ammoo Allaahii ol-tahe Rabbummaan, uluuhiyyummaan fi akkasuma Maqoota fi haala isaatin adda baasuu jechuu dha.

Qopheessaan: Abdullah Ibn Ahmad Alhuwayl
Hiikkaan: 1. Ustaaz Abdurrazzaak Manzaa
2. Daa’iya Abdulmannaan Manzaa
Hiikee Qophessaan Shekh jamaal shekh Muhammad (Abbaa faaximah)

Like & Share Our Facebook Channel fb.com/fidaka.islam
Join Our Telegram Channel t.me/fidaka_islam

21/05/2021

Kabajamtota Hordoftoota Chanalii keenya Firoottani fi hiriyyoota keessanif Chanalii keenya Like fi share Gochudhan maati keenya ta'a. kara telegiramiidhan yoo nu hordafuu barbadaan kara linki asii gad jirun nu hordaafu dandesu http://Telegram.me/fidaka_islam

12/05/2021

Baga Ayyaana Iid Alfaxiriin ittiin isin ga'e

Kabajamtota Hordoftoota Chanalii keenya Firoottani fi hiriyyoota keessanif Chanalii keenya Like fi share Gochudhan maati keenya ta'a. kara telegiramiidhan yoo nu hordafuu barbadaan kara linki asii gad jirun nu hordaafu dandesu http://Telegram.me/fidaka_islam

12/05/2021

Waa’ee Zakaa
Nabiyyiin (saw) ni jedhan: "Islaamni waa shan irratti ijaarame: 'dhugaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru; Muhammad immoo Ergamaa isaatii' ragaa bahuu, salaata sirna ishee guutanii salaatuu, zakaa kennuu, Ramadaana soomuufi Manicha (ka'abaa) hajja'uudha." Muttafaqun alayhi.
Zakaa Muslimoota irratti dirqama godhuun irra mullataa miidhagina Islaamaati; akkasumas sababa faayidaan ishee baay'ee ta'eef, hiyyeeyyiin Muslimoota ta'an itti haajomuun dirqama ta'eef karaa ittiin Islaamni dhimma miseensa isaa tiksu isa guddaadha.
Bu'aa ishee keessaa tokko haada (finyoo) jaalalaa jidduu dureessaafi hiyyeessaatti raggaasisuudha. Sababni isaas lubbuun kamuu nama tola itti oole jaalachuu irratti uumamte waan ta'eefi.
Kan biroo immoo lubbuu yakkaafi doynummaa irraa qulqulleessuu, haala doynummaa irraa ishee fageessuudha. Kana immoo Qur'aanni akeekee jira.
Rabbiin ni jedhe: "Qabeenya isaanii irraa sadaqaa isheedhaan isaan qulqulleessituufi isaaniif dabaltuun fuudhi." (Attawbaa: 103).
Ammas bu'aa zakaa irraa kan biroo isheen amala arjummaafi abbaa dhimmaatiif garaa laafuuti. Akkasumas barakaa, dabalataafi bakka bu'aa Rabbiin biraa argamsiifachuudha.
Rabbiin ol ta'e ni jedhe: "waan isin homa ta'e irraa kennattan Inni bakka isa buusa; Inni caalaa warra sooraniiti." Nabiyyiin (saw) hadiisa sahiiha keessatti ni jedhan: Rabbiin ol ta'e ni jedha: "yaa ilma Aadam arjoomi; siif arjoomama." Kana malees zakaan bu'aalee biroo baay'ee qabdi. Nama ishee doynoome yookiin ishee kennuu keessatti hanqise ilaalchisee dinniinni guddaan dhufeera.
Rabbiin ol ta'e ni jedhe: "Warra meetaafi warqee kuusatan, kan karaa Rabbii keessatti ishee hin sadaqanne, adaba laalessaan isaan gammachiisi. Guyyaa ibidda jahannam keessatti ishee irratti ho’ifamu, kan addi isaanii, cinaachi isaaniitiifi dugdi isaanii isheen gubamu “Kun waan isin lubbuu keessaniif kuusaa turtaniidha; waan kuusaa turtan dhandhamaa” (jedhamu)."

Wanti zakaan isaa hin kennamne hunduu kuusaa abbaan isaa Guyyaa Qiyaamaa ittiin adabamuudha. Kana hadiisni sahiihiin Nabiyyii (saw) irraa odeeffame akeekeera.
Nabiyyiin (saw) ni jedhan: "abbaan kuusaa qabeenya warqeefi meetaa kan haqa isaa hin dhaqqabsiifne (zakaa isaa hin kennine) yeroo Guyyaan Qiyaamaa gahe maaddii sibiilaa ibidda irraa ta'e isaaf taasifamee cinaachi isaafi illeen (cinaan adda) isaa ittiin gubamu malee hin hafu. Hanguma qabbanooftuun isaaf deebifamti.
Kun immoo hanga Rabbiin guyyaa dheerinni isaa waggaa kuma shantama ta'e keessatti jidduu garboota isaa murteessutti itti fufa. Ergasii karaan isaa gara jannataa yookiin ibiddaa ta'uun argama."
Sana booda Ergamaan Rabbii (saw) abbaa gaalaa, kan looniifi busaa'ee warra zakaa isaanii hin kennine dubbatanii akka isaan Guyyaa Qiyaamaa ittiin adabamanus himan.
Ammas Ergamaa Rabbii (saw) irraa hadiisa sahiihaan dhufee: Nabiin Rabbii ni jedhan "Namni Rabbiin qabeenya isaaf kenninaan zakaa isaa kennuu dhiise, guyyaa Qiyaamaa jawwee (bofa guddaa) mataa moluu kan gaafa lama qabu taasifamee Guyyaa Qiyaamaa isatti fannifama. Ergasii hidhii isaa lamaan qabateeti 'ani kuusaa keeti, ani qabeenya keeti' isaan jedha. Sana booda Aayata kana qara'an:
"Warri waan Rabbiin tola Isaa irraa isaaniif kenneen don’oomanu inni isaaniif gaarii ta'uu hin yaadin. Dhugumaatti inni isaaniif badaadha. Fuulduratti wanti isaan ittiin don’ooman Guyyaa Qiyaamaa (bofa ta’ee) isaanitti fannifama. Dhaalli samiifi dachii kanuma Rabbiiti. Rabbiinis waan isin dalagdan beekaadha. (Aala Imraan:180)." Bukhaariitu gabaase.
Zakaan waa afur keessatti dirqama taati. Kan duraa midhaaniifi fuduraa dachii irraa bahu. Lammaffaan beelladoota tikfamtu. Sadaffaan warqeefi meetiidha. Kan dhumaa qabeenya daldalaati.
Gosoota afran kana hundaafuu nisaaba murtaa'aa kan zakaan sanaa gaditti dirqama hin taanetu jira. Nisaabni midhaaniifi fuduraa fe'isa shan. Fe'isni tokko saa'ii Nabiyyiitiin (saw) saa'ii jahaatama. Fe'isni shanan kun tamrii, zabiiba, qamadii, ruuzii, garbuu yookiin kkf ta'us saa'ii Nabiyyiitiin (saw) saa'ii dhibba sadii ta'a. Saa'iin tokko harka nama uumamni isaa jiddu galaatiin hammaarrii harkaa guutuu afuri.
Kana irraa kan dirqama ta'u yoo midhaan yookiin fuduraan sun rakkoon maleetti waan akka roobaafi laggeen callisee yaa'uun guddate ta'e tokko kurnaffaa isaa zakaa kennuudha. Yoo ta'aabii akka waraabanii obaasuutiin yookiin maashinii bishaan baasuun obaafame ta'e immoo zakaan isa keessatti dirqama ta'u tokko digdammaffaadha. Kanaan hadiisni Ergamaa Rabbii (saw) irraa sahiiha ta'ee dhufeera
Zakaan haqa Rabbii waan ta'eef nama ishee fudhachuun hin malleef hin kennamu; abbaan sun bu'aa ittiin argachuun yookiin rakkoo ittiin of irraa deebifachuunis hin ta'u. Qabeenya isaas isheedhaan tikfachuun hin ta'u. Akkasumas arraba sodaadhaaf qabeenya isaa bakka buusee ishee hin kennu. Inumaa
Muslima irratti kan dirqama ta'u zakaa isaa nama fudhachuu haqa godhatuuf kaayyoo biraatiif odoo hin ta'in fira ta'us isaaf kennuudha. Kunis lubbuun itti gammaduufi Rabbiif qulqulleessee gochuu waliin ta'uu qaba.
Kanaan dirqama isaa bahatee mindaa guddaafi bakka buufamuu haqa godhata.
Rabbiin kitaaba Isaa keessatti gosa warra zakaa fudhatanii ibseera.
Rabbiin ol ta'e ni jedhe: Zakaan (kan qoodamtu) dhabeeyyiif, hiyyeeyyiif, warra ishee irratti hojjataniif, warra onneen isaanii (Islaamummaa) barsiifamtuuf, gabra bilisoomsuuf, warra idaan irra jiruuf, warra karaa Rabbii keessaatiifi kara deemaadhaaf (qofa). Dirqama Rabbi irraa ta’e (qabadhaa). Rabbiinis beekaa, ogeessa.

Aayata kabajamtuu kana Maqoolee Rabbii gurguddoo kana lamaaniin xumuru keessa Rabbii ol ta'e biraa akka Rabbiin haala gabroota isaa beeku, isaan irraa eenyu akka zakaa fudhachuu haqa godhatuufi eenyu akka haqa hin godhanne ibsuutu jira. Inni sharii'aafi qadara Isaa keessatti ogeessa. Wantoota kamuu bakka Isaaf malu malee hin kaa'u. Garuu gariin iccitii ogummaa Rabbii namoota garii dhokachuu ni danda'a. Kunis akka namoonni sharii'aa Isaatti tasgabbaa'anii murtii Isaatiif harka kennaniif.
Nuufi Muslimoota hunda amantii Rabbii hubachuu, Rabbii waliin dhugaa hojjachuu, waan Isa jaalachiisu keessatti ariifachuufi waan dallansuu Isaa namarra qubsiisu irraa nagaa ta'uu akka Rabbiin nu qunnamun kadha. Inni dhaga'aa dhihoo waan ta'eef. Rabbiin gabricha Isaafi Ergamaa Isaa Muhammad, maatii isaaniifi sahaabota isaanii irratti rahmataafi nageenya haa buusu.
Itti gaafatamaa walii gala hoggansa qormaata ilmii, fatwaa, Da'awaafi qajeelfamaa
Shaykh Abdul Aziiz bin Abdullaah ibn Baaz
Kabajamtota Hordoftoota Chanalii keenya Firoottani fi hiriyyoota keessanif Chanalii keenya Like fi share Gochudhan maati keenya ta'a. kara telegiramiidhan yoo nu hordafuu barbadaan kara linki asii gad jirun nu hordaafu dandesu http://Telegram.me/fidaka_islam

11/05/2021

Seera Zakaatal Fixrii

zakaa fixrii jechuun sadaqaa yeroo soomana ramadaanaa xumuran dhuma isaarratti keennamtu jechuudha. Faaydaan isiitis dogoggoraafii badii irraa soomana namaaf qulqulleysiti.

Zakaan fixriidhaa muslima hundarratti dirqama.

Isiin midhaan suguda tokkoot (k.g 2 fi giraama 40 yoo kiiloo lamaaf cinaa godhan haalaan gaariidha.) nama tokkorraa baasuu barbaachisa.

Hadiisatti abdallaa ibnu umar (r.a.) akki jedhe " nabiin (s.a.w.) tokko tokkoo muslimtootaa irratti zakkaa fixrii tan ramadaanaa dirqama godhe, hunduma muslimaarratti bilisa tahuu gabra tahuu, dhiira tahuu dubartii tahuu, guddaa tahuu xiqqaa tahuu, suguda (kooboo) takka timirarraa yookaan garburraa nama
tokkorraa kafalama jedhe.

Jecha bukhaarii keessatti nabiin s.a.w. zakaa fixrii dirqama godhe …jedhee hadiisa oofee achi keessatti osoo namni gara salaata iidaa hinbaane duratti akka kennamtu ajaje" jedhe.

Hikmaan (faaydaan) isiin dirqama godhamteeis

1-nama soomane dogoggoraa fii badii irraa qulqulleessiti.ir'ina isaati guutti, bakka jallate diriirsiti.
2-gargaarsa namoota hiyyeeyyiiti taati,guyyaa iidaa kabajamaa kana keessatti kadhaadhaaf hula namaarradeemurraa isaan duroomsiti. akkuma ummanni kuun gammachuun iida godhanitti dhabaanis quufee beela bahee ummata wajji gammachuu iidaa akka himaatu gargaarti.

Yeroo zakaa fixrii.

Yeroon isiin baafamtu akkuma hadiisa abdallaa ibnu umar kan dabre keessatti ibsametti "nabiin s.a.w. osoo ummanni salaata iidaatti hinbaane akka kennamtu ajaje." Jedhe. Tanaaf irra caalaan yeroo isii kana. Garuu ammas guyyaa iidaa duratti guyyaa tokko yookaa lama dursanii yoo kenna numa taha. Kanas abdallaa ibnu umar sahaabonni guyyaa lama yookaa tokko iida dursanii fixrii kennan jedhe.

Akkasuma zakaa fixrii salaata iidaa boodatti dabarsuun hintahu. Kanarrattis ibnu abbaas akki jedhe nabii s.a.w. zakkaa fixrii kafaluu dirqama godhe akka nama soomane qulqulleessituuf, akka hiyyeessaaf gargaarsa taatuuf, namni salaata iidaa dura kafale kennaa qeebalamtuudha, ammo namni salaata booda kenne sadaquma sadaqaa irraa taate isaaf taati.

Qophessaan Shekh Jamaal Muhammad

Kabajamtota Hordoftoota Chanalii keenya Firoottani fi hiriyyoota keessanif Chanalii keenya Like fi share Gochudhan maati keenya ta'a. kara telegiramiidhan yoo nu hordafuu barbadaan kara linki asii gad jirun nu hordaafu dandesu http://Telegram.me/fidaka_islam

Want your place of worship to be the top-listed Place Of Worship in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Website

Address

Addis Ababa
Addis Ababa
ADDISABABA