Humna waaqayyo

Humna waaqayyo

Share

Humni waaqayyo jabaadha

13/09/2022

HUMNA HIN SOCHOONE

➡Yeroo Hundumaa milkaa'ina Of irraatti waami Malee kufaatii of irratti Hin murteessin.
haala kam keessatti yaada kufaatii Ofirraa fageessi milkaa'inaan bakka buusi.
Yeroo haalonni cimoon si mudatan Nan injifadhaa jedhi malee nan kufaa ykn kufuun danda'a hin jedhiin.
Yemmuu dorgommii keessa seentu sadarkaa gaggaariirran jira" jedhi malee "kankoo gatii hin qabu yookaan Gad bu'aadha" hin jedhin.

↪Sammuu kee Hubachiisu qabda Innis Ani namaa jabaadha Ani Dandeettii cimaan qaba jettee sammuu kee amansiisu qabda.
➡Torban kana keessa maal hojjechuun qaba jedhi yaadi.
Sana malees karooraa baafachuu qabda . Waa'ee karooraa baaftetti moo Uuma kee kadhadhu🛐🛐🛐🛐🛐

22/07/2022

Waaqayyo keenya baayyee guddaadha. Nuti immoo baayyee xinnoodha.

Macaafni Raajicha Isaayaas boqonnaan 40 dhugaawwan kana lamaaniin guutamee jira. Guutummaa isaa dubbisa. Boqonnaa isiniif kenna😊

Guyyaa gaarii!

Isa. 40
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
²¹ Isin hin beeknee ree? Hin dhageenyeesii ree? Jalqaba duriitii jalqabee isinitti hin himamne moo? Biyyi lafaa attamitti akka uumame isin hin hubannee ree?

²² Isa guutummaa biyya lafaa gararraa taa'utu isa uume, warri lafa irra jiraatan isa duratti qorophisa in fakkaatu; inni waaqa akka golgaa in diriirse; akka dunkaana keessa jiraataniis isa in dhaabe.

²³ Inni isa gurguddoota biyyaa wayyitti akka hin galle, abboota firdii biyya lafaa irraas waan tokkotti akka hin lakkaa'amne godhee dha;

²⁴ facaafamuun isaanii utuu hin beekamin, dhaabamuun isaanii utuu hin baramin, hundeen isaaniis utuu lafa hin qabatin, inni achumaan hafuura isaanitti in baafate; isaan achumaan in coollagan, akka habaqiis bubbeedhaan in fuudhaman.

²⁵ Kanaafis, "Eenyutti ana fakkeessitu? Eenyu wajjinis wal nu qixxeessitu?" jedhe inni qulqulluun.

²⁶ Mee ol jedhaatii ija keessaniin ilaalaa! Urjoota kana hundumaa eenyutu uume? Macca isaanii lakkoobsaan eenyutu gad yaasa? Hunduma isaaniis maqaa maqaadhaan in waama, inni humna-qabeessaa fi aango-qabeessa waan ta'eef, isaan keessaa kan dhabamu tokko illee hin jiru.

11/07/2022

1. Humnaa fi Jaalala
Waaqayyoo
Waaqni Keenya Jabaadha!
Macaafa faarfannaa 33.6-11 dubbifadhaa .
Waaqayyo samii fi lafa akkasumas wanta
isaan keessa jiru kamiyyuu uumee jira.
Saayintistoonni kan dubbatan hawaan nuti
beeknu waggaa ifaa biilliyoona baay’eedhaan
lakkaa’amu akka fagaatudha. Waggaan ifaa
waggaa tokko keessatti ifti fageenya
hammamii akka adeemuu kan mul’isuudha.
Kunis saffisa ifaa yoo xiinxaltan baay’ee
fagoodha; sakandii tokko keessatti
300,000km jechuudha. Hawaan gaalaaksota
biilliyoonan lakkaa’aman yoo qabaatu
gaalaaksonnis immoo urjiiwwan biilliyoonan
lakkaa’aman qabu. Macaafa Seera
uumamaa boqonnaa tokko irratti Waaqayyo
afaan isaatii jecha isaa qofa akka dubbatee
fi hawaan guddaan kun akka uumame ni
dubbata.
Waaqayyo jabadha. Inni wantoota nuti
arginuu fi kan nuti hin argine ni too’ata. Inni
humnoota, mootummoota, pirezidaantota,
bulchinsotaa fi gaggeessitoota addunyaa ni
too’ata. Humni isaa baay’ee guddaadha.
Gooftaa Yesusis du’aa kaasee jira.

10/07/2022

Humna waaqayyo jala eenyu yyuu jala dhaabbachuu hin danda'u √

Want your public figure to be the top-listed Public Figure in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Website

Address

Addis Ababa