GOOTA KOO

GOOTA KOO

Share

Fly above negativity

09/08/2025

Weellisaa Caalaa Bultumee galgala kana qaama hin beekkamneen Magaalaa Finfinnee keessatti rukutamuun isaa dhuguma. Caalaa Bultumee arra waan fedhellee osoo ta'ee miseensa paartii kamiyyuu deeggaree kaleessa Oromoof aarsaa kaffalee jira. Inumaa sirboota warraaqsaa "Master Pilaanii jedhanii sanyii nu duguug*uuf malaanii" kan jedhe sirbe akka banziilaa nuuf tahee xiiqiin daandii gubbatti baanee akka falmannu nu taasise. Welluun isaa sun ammallee osoo dhaggeeffatamee hin quufamu ol nama kaasa. miira falmachuu takka nama keeysatti uuma. namallee hin dadhabsiisu jechuun kiyya namni kun nama galatallee qabuudha. Shorrii inni qabsoo Qeeyroo ilmaan Oromoo taasisan keeysatti waan dagatamu. Qaamni gocha kana irratti raawwate qoratamee seeraaf akka dhihaatu ni gaaffanna.😪🙏
Baga waaqni si oolche dhiira tiyya!

25/06/2025

Erga ati deemtee….

Raatuu beektaa? Raatuu taane
Bakka ciisuu kan hin kaane
Kan duuti dhaqnarra hin yaane…

Irmii beektaa? Irmii cubbuu
Warra nyaatu gatii lubbuu
Kufaa jirmaa - hin dhaabannee
Gumaa ilmaa - hin gaafannee!

Erga ati deemtee…

Dagaleen keenya uratee
Sagaleen keenya cufate…
Yaa Haacee koo!
Hin qajeelle - homtuu hin tolle
Yaranneerra - namummaa wajjin wal lolle!

25/06/2025

Innaalillaahi wa’innaa Ilayhi Raaji’uun
Hindiyyaa Abdii Qophee kaleessa Namoota makiinaan fixxe sana keessa turte Rabbi rahmata siif hagodhu hin Awwalamne hospitaala Minilik jirti ilmaantu ‘’nu’eegaa’’ jennaan tursiifnaan amma biraa galle

Want your public figure to be the top-listed Public Figure in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Website

Address

Addis Ababa