Caffee Tumaa
Marsariitii Odeeffannoo Waktaawa, Amanamaafi Madaalawaa Tahaan Argachuuf #CaffeeTumaa #follow godhaa Oromoodha ani nama,
Eenyummaa hin qabu lama..
Hin maxxanu hin fakkeessu.. Haqa haqaaqee hin balleessu
29/05/2026
Guutuu dubisaa! "Ati nuhiif Sh*ttoodha" Manguddoo biyyatu jedhe!
Gaggessummaan dhugaa Hawaasa Hoggantuun Jaalatamuudha!
Dubartonni Gaggessuma keessati Jajjabeffamu qabu! biyyonni kan guddatan gaggessumma qulqulluu fi Milkahina qabu Dubartotaan Kennamuni! Motumaa Gandaa Ijaaru keessati gahee ati bahacha turte fi jaalalli hawasni Siif qabu yommiyyu kan irranfatamu miti! gaafa wahii xumura leenjirati mangudoon biyyaa yaadano sh*ttoo badhaasanii badhaasni kun icitii qaba ati haawaasa Raaytuu birati akka sh*toti urgoftuu dha kanaaf si badhaasne jedhaniin Manguddoo biyyaa kan tahan Haajii Usmaan Adam dhugaan jirus kanuma hojiin kee si bonsa Yeroo hunda iddoo gaarii Siif hawwinna! Best Leader! I proud of u! Addee Sartu Adem
26/05/2026
Jabduu!
"Galoon Galaanaa kana booda buufata waraanaa US hin ta'u'- Hogganaa Olaanaa Iraan
Waraanni dabre humna Ameerikaa dadhabsiisuu akkasumas Israa'el baduu akka qabdu hubachiisan.
Hogganaan Olaanaan Iraan Mojtaabaa Kaamenii, Israa'eliin"balaafamtuu" jedhanii, kanaa booda naannoon Galoogalaana Faarsi buufata waraanaa Ameerikaa akka hin taane beeeksisan.
Hogganaan Olaanaan kun ergaa barreeffamaan dabarsanii fi televijiinii mootummaatiin dhiyaate kanaan Israa'eliin "naannichatti dhibee balaafamtuu fi humna ajjeechaa" jechuun "baduu qabdi" jedhuu isaanii maddi oduu Iraan Tasniim gabaaseera.
Mojtaabaan erga ajjeefamuu abbaa isaanii hordofee aangoo hoggansa olaanaa dhaalanii booda hanga ammaatti ifatti uummatatti kan hin mul'anne yoo ta'u, ergaa isaanii barreeffamaan dabarsaa turaniiru.
Ergaa isaanii ammaa kanaan waraana Iraan irratti banamee booda wantoonni jijjiiramaa akka jiran kaasuun, buufanni waraana Ameerikaa biyyoota galoo bishaanichaa keessatti bakka akka hin qabaanne ibsaniiru.
Hogganaan Olaanaan kun, "akkuma yeroo gara duubatti deebisuun hin danda'amne, biyyoonni fi lafti naannichaa kanaan booda dawoo buufata waraana Ameerikaa hin ta'an" jechuun gaheen Ameerikaa naannicha keessatti akka hin jiraanne akeekaniiru.
Dabalataanis, "naannichatti buufatni waraanaa gocha hammeenyaatiif tajaajilan , akkasumas buufataaleen waraanaa dabalataa hin hundeeffaman" jedhan. "Ameerikaan guyyaa gara guyyaatti sadarkaa kanaan dura irra turte irraa gadi bu'aa jirtis" jedhaniiru.
Hogganaan Olaanaan kun waraana baatiiwwan darban keessa gaggeeffameen Ameerikaa fi Israa'el irra miidhaan guddaan akka gahe eeruun, "tarkaanfii hamaan Iraan irratti fudhatteen Israa'el dandeettii dhabuu" fi Ameerikaanis "kaballaa hamaa akka dhandhamte" ibsaniiru.
gochaa nu hordofuu dandessu
26/05/2026
🇮🇷🇮🇷 Mojtabaa Kaamenii ergaa haaraa har'a dabarsanii waan jajjabduu dubbatan.
Waraanni dabre humna Ameerikaa dadhabsiisuu akkasumas Israa'el baduu akka qabdu hubachiisan.
Hogganaan Olaanaan Iraan Mojtaabaa Kaamenii, Israa'eliin"balaafamtuu" jedhanii, kanaa booda naannoon Galoogalaana Faarsi buufata waraanaa Ameerikaa akka hin taane beeeksisan.
Hogganaan Olaanaan kun ergaa barreeffamaan dabarsanii fi televijiinii mootummaatiin dhiyaate kanaan Israa'eliin "naannichatti dhibee balaafamtuu fi humna ajjeechaa" jechuun "baduu qabdi" jedhuu isaanii maddi oduu Iraan Tasniim gabaaseera.
Mojtaabaan erga ajjeefamuu abbaa isaanii hordofee aangoo hoggansa olaanaa dhaalanii booda hanga ammaatti ifatti uummatatti kan hin mul'anne yoo ta'u, ergaa isaanii barreeffamaan dabarsaa turaniiru.
Ergaa isaanii ammaa kanaan waraana Iraan irratti banamee booda wantoonni jijjiiramaa akka jiran kaasuun, buufanni waraana Ameerikaa biyyoota galoo bishaanichaa keessatti bakka akka hin qabaanne ibsaniiru.
Hogganaan Olaanaan kun, "akkuma yeroo gara duubatti deebisuun hin danda'amne, biyyoonni fi lafti naannichaa kanaan booda dawoo buufata waraana Ameerikaa hin ta'an" jechuun gaheen Ameerikaa naannicha keessatti akka hin jiraanne akeekaniiru.
Dabalataanis, "naannichatti buufatni waraanaa gocha hammeenyaatiif tajaajilan , akkasumas buufataaleen waraanaa dabalataa hin hundeeffaman" jedhan. "Ameerikaan guyyaa gara guyyaatti sadarkaa kanaan dura irra turte irraa gadi bu'aa jirtis" jedhaniiru.
Hogganaan Olaanaan kun waraana baatiiwwan darban keessa gaggeeffameen Ameerikaa fi Israa'el irra miidhaan guddaan akka gahe eeruun, "tarkaanfii hamaan Iraan irratti fudhatteen Israa'el dandeettii dhabuu" fi Ameerikaanis "kaballaa hamaa akka dhandhamte" ibsaniiru.
gochaa nu hordofuu dandessu
05/05/2026
Siidaan Artiisti Haacaaluu Hundeessaa eebbifame
Siidaan Yaadannoo Artiisti Haacaaluu Hundeessaa Magaalaa Finfinnee Paarkii Afrikaa keessatti ijaarame eebbifameera.
Siidaan Yaadannoo Artiisti Haacaaluu Hundeessaa Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen eebbifameera.
Sirna eebbicharratti hoggantoonni olaanoo Mootummaa maatii Artiistichaa dabalatee Artiistonni biroon argamaniiru.
04/05/2026
Iraan Tapha Misa'elaa Eegalte!
🇦🇪 Yunaayitid Arab Emireet taankariin boba'aashee Ulaa Hormuuz keessatti haleelamuu beeksiste.
⬇️⬇️
Odeffannoo haraa Aaritiin Argachuuf Caffee Tumaa godhaa
04/05/2026
BRAEKING;-Waraani Eegale
Iraan Doonii Waraanaa Ameerikaa kan Ulaa Hormuuz darbuuf yaale irratti Misaa'ila dhukaasuun gabaafame
Rooyitarsii gabaasa miidiyaalee Iraan wabeeffachuuni akka gabaasetti, Iraan Doonii waraana Ameerikaa kan Galoo Galaana Hormuuz qaxxaamuruufi yaalan irratti misaa'iloota lama dhukkaasterti.
Dhaabbanni oduu Faars, kan dhaabbata oduu mootummaa waliin hidhata qabu, akka gabaasetti, Doonichi "akeekkachiisa Humnoota Eegumsa Warraaqsa Islaamummaa Iraan irraa kennamee ture erga tuffateen booda haleellaa misaa'ilaatiin irratti rukutameera jedha.
Maddeen naannoo sanaa wabeeffachuun, miidiyaan kun akka jedhutti Doonichi rukutame kuni "daandii isaa itti fufuu hin dandeenye akkasumas naannicha gadi lakkisee baqachuuf dirqameera." jechuuni ibsa.
Haleellaa misaa'ilaa har'a raawwatame jedhame kana ilaalchisee gama Yunaayitid Isteetis Ameerikaa irraa hanga ammaatti yaadni kenname hin jiru.
Kanaan dura, Pireezidaantiin Amerikaa Doonaald Tiraamp akka jedhanitti, waraanni Amerikaa Dooniiwwan Galaanicha qaxxaamuraniif eegumsa ni taasifna jechuun ni yaadatama. akkasumas giddu-seentummaa kamiyyuu irratti "humnaan" deebii ni kenna jedhaniru dabalanis, Ameerikaan dooniiwwan sarara Hormuuz keessatti dhabatanii hafan naannicha keessaa "baasuuf" Wiixata Ebila 26, 2018 A.L.I Pirojeektii Bilisummaa (Freedom Project ) ni eegalti jedhaniiru.
27/04/2026
Iraan waraana dhaabuuf gulantaawwan ijoo 'sarara diimaa" jechuun ibsite kan dhimma Nukilaaraa fi Hormuz of keessaa qabu dhiyeessite; Minisitriin Alaa Araagchii Pirezidaant Puutiin waliin mari’achuuf Raashiyaa jiru
Iraan karaa giddu senetummaa Paakistaaniin ulaa Galaanaa Hormuz deebistee banuufi waraana dhaabuuf yaada haaraa dhimmoota nukilaaraa fi daandii bishaanirratti gulantaa ijoo sarbamuu hinqabne jechuun tarreessuun dhiyeessiteetti.
Ejensiin Oduu Iraan (Fars News Agency) akka gabaasetti, Teeraan xalayaawwan barreeffamaa "gulantaawwan ijoo sarbamuu hin dandaa’amne kan “sarara diimaa” jechuun ibsite dhimmoota niukilaaraa fi bishaan madaala Hormuz dabalatee" ibsan kraa Paakistaan Waashingitaniif eriteetti.
Minisitrri Dhimma Alaa Iiraan, Abbaas Araagchii, Isilaamaabaad irraa gara Raashiyaatti kan imalan yoo ta’u, har’a ganama achi ga’aniiru.
Sagantaan imala isaanii kan torban dhumatti gaggeeffame Isilaamaabaad fi Muskaat (Omaan) gidduutti deddeebii walitti fufaa erga ta’ee booda, gara Isilaamaabaaditti deebi’aniiru. Paakistaan keessatti hogganaa waraanaa Aasim Muniir, Minisitra Muummee Sheebaaz Shariif fi Minisitra Alaa Ishaaq Daar waliin erga mari’atanii booda imala isaanii itti fufan.
Araagchiin amma magaalaa Seent Piitirsibaargitti Pirezidaant Vilaadimir Puutiin waliin ni mari’atu jedhamee eegama.
Midiyaa Iraan isaan waliin imalaa jiruuf akka ibsanitti, imalli kun "Teeraan fi Moskoo gidduutti dhimmoota naannichaa fi idil-addunyaa irratti gorsa dhiyoo gochuu" itti fufuuf kan kaayyeffate dha.
Araagchiin erga Raashiyaa ga’anii booda midiyaa mootummaa IRNAtti akka himanitti, "Akkuma beekamu, dhimmoota bal’aa, keessattuu dhimmoota naannichaa fi idil-addunyaa irratti, akkasumas dhimmoota hariiroo gama-lamee keenyaa irratti yeroo hunda Raashiyaa waliin marii ni gaggeessina" jechuun dubbataniiran.
16/04/2026
Seenetiin Ameerikaa waraanaa Iraan irratti kokkee wal qabaa jiru
Seenetiin Ameerikaa aangoo Pireezidaantii Ameerikaa Doonaldi Tiraamp daangessuuf sagalee kenne ammas hin milkoofne. Ta'us garuu, Dimookiraatonni carraaqqii itti fufuuf dhaadataniru.
Tarkaanfiin kun osoo ragga'ee hayyama Kongiraansii malee tarkaanfii waraanaa Pirezidaanti Doonaald Tiraamp Iraan keessatti geggeessuu ni dhaabsisa ture.
Erga Waraanni Iraan eegalee Seenatii Ameerikaa keessatti muddamni fi atakaroon kun cimee kan itti fufe yoo ta'u murtoon sagalee kennuu kun yeroo 4f kan gaggeefame fi yeroo 4ffanuu kufeera.
Senetaroonni sagalee kenname 52 fi 47 yaada murtee kana kan kuffisan yoo ta'u, Rippabilikaanonni harki caalaan isaanii aangoo Pireezidaantii Ameerikaa Doonaldi Tiraamp waraana Iraan daangessuu jedhu kana mormaniiru.
Rippabilikaanota pirezidaanticha waliin hojjeta waan jiraniif mormii Demokiraatotaan Tiraamp irratti kaasan harki caalaan isaanii hin deeggarre.
Dimookiraatonni yaada wal fakkaatu torban torbaniin ni dhiheessina jedhan. Yoo ragga'uu baates ijjennoo miseensi mana maree hunduu waraana Iraan kana irratti qabu akka galmaa'us barbaadu.
Rippabilikaanonni irra caalaan murtee kan irratti cichanis, gariin ammoo waraanni kun baatii kanaa ol yoo itti fufe sagalee isaanii jijjiiruu akka malan ibsaniiru.
Tiraamp waraanni kun hangam turuu akka danda'u irratti yeroo adda addaa dhiyeessaniiru. Gaaffii fi deebii Kibxata darbe 'Fox News' jedhamu waliin taasisaniin ammoo waraanni kun ''xumuramutti dhihaateera'' jechuun dubbatan.
gochaa nu hordofaa
16/04/2026
🇪🇹 Itoophiyaan ulaa galaanatti ishee baasu argattu malee naannoon Gaanfa Afrikaa nagaa hin argatu jedhan MM Abiy Ahimad.
⬇️
gochaa nu hordofaa
16/04/2026
Chaayinaan abbaa biyyummaa fi nageenyi Iraan ulaa kana keessatti qabdu kabajamuu fi eegamuu qaba jete!
Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa Waang Yii Ministira Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araaghchi waliin haasa’uun tarkaanfiiwwan geejjibaa idilee turetti deebisuuf akka fudhataman gaafataniiru.
Wang akka jedhanitti, abbaa biyyummaa fi nageenyi Iraan ulaa kana keessatti qabdu kabajamuu fi eegamuu qaba. Bilisummaa fi nageenyi doonii mirkanaa’uu akka qabus cimsanii dubbataniiru.
Daandii bishaanii kana deebisanii banuuf fedhiin idil addunyaa guddaan akka jirus eeran.
Chaayinaanis dhukaasa dhaabuun akka itti fufu fi marii deebi’ee jalqabuu ni deeggarti jedhan.
Chaayinaan maamila boba’aa Iraan ishee guddaa waan taateef, Ameerikaan buufata doonii Iraan ugguramuus ta'e ulaan Hormuuz cufamuun dinagdee ishee irratti balaa qaba.Kanaaf yoo danda'me gama Iraanis ta'e Ameerikaan dhiibbaa uumuu barbaaddi.
Tiraamp kaleessa Chaayinaa waliin dubbachuu fi wal tumsuuf walii galuu isaanii dubbachuun ulaan Hormuuz banamuun Chaayinaa kan gamaachiisu ta'uu himan
Ameerikaa fi Iraan giddutti waligalteen dhukaasaa dhaabuu taasifamus muddamni naannawa ulaa Hormuuzin wal qabatu ammallee furmaata hin argatin jira.
gochaa nu hordofaa
Click here to claim your Sponsored Listing.