OB
Do more, speak less
19/12/2025
³⁵Ammas amanachuu keessan isa gatii guddaa qabu hin gatinaa! ³⁶Jaalala Waaqayyoo gootanii, isa Waaqayyo abdachiise argachuudhaaf obsaan danda'uun isin in barbaachisa. ³⁷Caaffanni qulqullaa'aan, “Yeroo xinnoo isheetu jira, inni dhufuuf jiru sunis, in dhufa malee hin turu;
³⁸inni qajeelaan kan kootii, amantiidhaan jireenya dhugaa in argata; namni yoo dugda anatti gate garuu, garaan koo itti hin gammadu” in jedha.
³⁹Nuyi warra amantii qabanii fi warra lubbuu isaanii oolfatanii dha malee, warra badiisaaf dugda isatti gatan miti.
Ibroota 10:35-39
Yesuus isa amantii keenya jalqabee fiixaan baasuttii ija hin buqqifannu...🥰🥺
Ibr 12:2
11/11/2025
?
Addaamii fi Heewwaan abboommii Waaqayyoo irratti fincilanii booda akkastu ta'e
point gurguddaa 3 haa ilaallu obsaan dubbisaa🫡
#1 Bofichaan maal jedhame?
“Ani sii fi dubartittii gidduu, sanyii isheetii fi sanyii kee gidduus diinummaa nan buusa; inni mataa kee in buruqsa, atis koomee isaa in iddita” jedhe.
Uumama 3:15
Kutaa kanarratti akkan hubadhetti taatee waggoota baay'ee booda ta'uuf jiru dubbata. Masichi gara biyya lafaa dhufee akka aangoo du'aa diiguu fi seexana injifachuuf akka jiru dubbata. Mataarra ejjechuun moo'achuu, lafatti dabaluu yommuu ta'u, Koomee iddamuun immoo dhiphina keessa darbuu, aarsaa kaffaluu, akka salphaatti moo'ichi akka hin dhufne agarsiisa.
Walumaa gala Yesuus harka cubbamootaatti akka dhiphatu, akka du'u akka aarsaa gatii cubbuuf baasu dhumarratti garuu moo'ichaa fi ulfinaan akka du'aa ka'u, aangoo seexanaa akka golgoleessu agarsiisa.
Seexanni jalqabaa jalqabee cubbuu waan hojjeteef, namni cubbuu hojjetu kan Seexanaa ti; ilmi Waaqayyo immoo hojii Seexanaa diiguudhaaf mul'ate.
1 Yohannis 3:8
Ameen!
#2 uffata
Waaqayyo gooftaan Addaamii fi haadha manaa isaatiif uffata gogaa irraa hojjetee isaanitti in uffise.
Uumama 3:21
Addaamii fi Hewwaan abboomamuu diduu qofaa otoo hin taane fedha isaaniin daandii mataa isaanii filatani. Isa kan Waaqayyoo uumaa isaanii dhiisanii yaada sammuu isaaniin gaggeeffamuu filatani. Qajeelfama Waaqayyoo tuffatani. Erga cubbuu hojjetanii booda qullaa ta'uu isaanii baranii saalfatanii dhokatani. Waaqayyos isa isaan dogoggora ofii isaaniitiin ofitti fidan kanaaf fala qopheesseera-Uffata leezerii (gogaarraa hojjetame). Qaamni maqaan isaa mention hin taane tokko achitti aarsaa ta'eera jechuudha. Sababii yakka isaaniin gaaga'ama isaanitti dhufe compensate gochuuf lubbuu isaa kan wareege jira.
Kunis gaaddidduu Gooftaa keenya Yesusidha. Inni cubbuu, yeelloo, salphina, du'a karaa cubbuu nutti dhufe jalaa akka birmaduu nu baasu; ofii salphatee, qullaa buusee, du'ee akka nuun jireenyatti, ulfinatti, eebbatti nu baasuuf jiru dubbata-kutaan kuni.
Egaa akkuma irra daddarbuun nama tokkichaa nama hundumaatti yakka mursiise, qajeelchuun nama tokkoo immoo namoota hundumaa firdii qajeelummaa argachiisee in jiraachisa. Akkuma abboomamuu diduu nama tokkootiin baay'een cubbamoota ta'an, abboomamuu nama tokkootiin immoo akkasuma baay'een qajeelota in ta'u.
Roomaa 5:18-19; Rom 5: 12-21 irraa bal'inaan argattu
Waaqayyo yoo nuti isa yakkines akka deebinuuf nu adaba malee jaalalli inni nuuf qabu hin hir'atu. Unconditional love (unfailing love) jedhu. Yoo jabaannes-yoo dadhabnes jaalallisaa hin jijjiiramu.
#3 predestination (predetermination) dursee yaadaan qabuu
Waaqayyo ilmasaa erguudhaan nu fayyisuu kan murteesse uumamuu biyya lafaa dura karoorsee, nu foo'atee, yaadaan nuuf qabeetudha(predestined). Yeroon inni murteesse geenyaan akkuma karoorsetti raawwate malee erga namni cubbuutti kufee karoorse miti. Waanti hundumtuu akka inni yaadee karoorsetti raawwatama. Kanaaf inni otoo biyyi lafaa hin uumamiin durayyuu akka namni cubbuutti kufu, akka karaa ilmasaa isaan fayyisus beeka ture. Durumaan dursee karoorasaa isa barabaraa keessatti barri murameefii jira ture; Malee erga cubbuun dhufee booda itti yaadee mala qopheesse miti.
Inni uumamuu biyya lafaa dura iyyuu warra qulqullaa'an, warra isa duratti mudaa hin qabne akka taanuuf, jaalalaan karaa Kristos nu fo'ateera.
Waaqayyo waan isatti gaarii fakkaate karaa Kristos itti yaadee of dura kaa'atee ture; ammas dhoksaan fedha isaa kun nu biratti akka beekamu godhe.
Barri murame yeroo guututti, Waaqayyo akka ittiin fayyisuuf akeeketti, wanta bantii waaqaa keessa jiru, wanta lafa irra jiru, wanta hundumaas harka Kristos jalatti walitti in qaba.
Efe 1: 4, 9, 10
Waaqayyo warra isa jaallatan karaa hundumaa gargaaree gara gaariitti isaan in geessa; isaanoo warra akka akeeka isaatiitti waamamanii dha. Warra duraan dursee beekumsa isaatiin fo'ate, fakkaattii ilma isaa isa obboloota baay'eedhaaf angafa ta'uuf jiru, akka ta'aniif yaadaan isaan qabe.
Roomaa 8:28-29
Eebbifamaa🙏🥰 asumaan page haaraa kana follow, like, share akka gootan OB
"Garaan keessan hin raafamiin Waaqayyotti amanaa anattis amanaa ...
Deebi'ee dhufeetan gara ofii kootiitti isin fudhadha." jedheera Yesus
21/08/2025
Jechan dhaba Yesusee
ittiin kanan si jajadhu
Narra darba kee kuni
Nan dhabe waanan dubbadhu
Galata kankoo fudhadhu
Oolmaa gurguddaasaa narraa qabda ati
Madaaluma dhabe tokko lama miti
Kamiin gatii baaseeniree kam dhiisa lafatti
Galatan siin jedha malee walumaa galatti
//==\\
Gaarummaan Waaqayyoo yeroo hundumaa dubbatamee hin dhumu.
Addisu Kenea 🙏🙏
Faarfannicha guutuusaa argachuuf link comment jala jira
Amen
26/06/2025
With Bikila Kebede page – I just got recognized as one of their top fans! 🎉
13/06/2025
¹²Abbaa keenya isa ifa waaqa irraattii qooda warra isaaf qulqullaa'anii keessaa hirmaachuu isin dandeessiseef galata dhi'eessaa!
¹³Inni aboo dukkanaa jalaa nu baasee, gara mootummaa ilma isaa isa jaallatamaatti nu dabarse.
¹⁴Ilma isaa kanaan furamuu dhiifamuu cubbuus arganneerra.
Qolosaayis 1:12-14
Colossians 1:13 For he has rescued us from the dominion of darkness and brought us into the kingdom of the Son he loves | New International Version (NIV) | Download The Bible App Now For he has rescued us from the dominion of darkness and brought us into the kingdom of the Son he loves
03/06/2025
Highlights
KENNAA KEE | GARTUU FAARFATTOOTAA FOCUS ASTU (ADAAMAA) | NEW AFAN OROMO GOSPEL SONG 2025 | 4K VIDEO MUSIC : MIKY MENGESHAMIXING : ELSHADAY GETAHUN Facebook : https://facebook.com/focusastuTiktok: https://www.tiktok.co...
15/05/2025
Faarfannaa Daawwit 🎵🎶
⁵Yaa Waaqayyo, ati qooda koo isa anaaf kennamee dha, ati xoofoo anaaf hiixatamee dha,
ga'aan koos si harkaa in dhufa;
⁶funyoon safaraa iddoo gammachiisaa irra anaaf bu'e, eyyee, ani dhaala guddaa namatti tolu qaba;
⁷Waaqayyoon isa gorsa anaaf kenne nan jajadha, halkanis immoo yaadni garaa koo isa kana na yaadachiisa;
⁸Waaqayyo yeroo hundumaa fuula koo dura anaaf jira, inni mirga koo waan jiruufis ani hin shishu;
⁹kanaafis garaan koo in gammada, lubbuun koo inni ulfina-qabeessi in ililcha, namummaan koos immoo sodaa malee in jiraata.
¹⁰Ati iddoo lafa jalaatti ana hin laattu, isa siif of kennes ijaan iyyuu qilee akka argu hin gootu.
¹¹Ati karaa jireenyatti nama geessu na barsiifta,
guutummaan gammachuu fuula kee dura, wanti namatti tolus immoo bara hundumaattuu mirga kee jira.
Faarfannaa 16:5-11
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Website
Address
Adama
188